Qabsoon wareegama
qabsaawota hedduu ittiin kafalame gama firii argamsiisuutti fuula
deeffachaa akka jiru hubachuun beekkumsa guddaa nama hingaafatu.
Haalli arra oromiyaa keessatti muli’achaa jiruufi murannoon ummanni
keenya waanjoo gabrummaa ufirraa muliquufi diinaan wajjiin lubbuu
itti fakalaa jiru hawwi abbaa biyyummaa keenyaa dhugoomisuufi
dimimmisa nugarsiisa jira.
Haala akkanatti ulfaayee qophaaye keessatti ammoo ogeessa malaan deesisu nubarbaachisa. Ogeessi kun ammoo marii fii fala yeroon hinkennamineefi nurraa fedha. Yeroo amma jirru keessatti waldorgommileen nujiddutti tureefi walqocoluun keenya wareegamma ummata keenyaatiiniin nyaadhamee dhumaa jirachuu isaa dawwachaa jiraachuun abdii guddaa namaa laata. Haata’uu garuu shaffisaan balaa ummata keenya irratti aggaammatame kana akka itti wareegama xiqqaan injiffannoon keessa baanu yeroon itti fala fallu amma ta’uu qaba.
Kana jechuun ammoo haalli jiru diriiraa fii salphaa akka hinta’in ammoo hubachuunis barbaachisaa. Sochiin amma muli’ataa jiru humna diinaa raasuu bira dabree kuffisuufi fuulleffachuu isaa nutti garsiisaa jira. Hujii hanga ammaa hojjatame caalaa garuu hujii hafetu irra guddaadha. Ummanni keenya diina shoorarkeesse waan qabatan haawallaalichisu malee arrallee wayyaaneen humnna waraanaa gayaa fii qabeenya biyya keenyarraa saaman gudda harkaa waan qabduufi humnna qabddu hunda ummata keenyarratti robisuu irraa akka hindeebine ifaadha.
Akkasummas akkumma duraan baratte arralle wayyaaneen hanga danda’ameen haala mijjataa kana ufi duuba deebisuufi shirri isaan hinxaxinne akka hinjirres hubachuun barbaachisaadha. kana keessaa sabaa fi saballammoota biyya sanii wajjiin waldura nudhaabuufi nujidduttis shira xaxuu irraa akka hindeeebines hubachuu feesisa.
Fakkeenyaafi dhiyeenya kana radio afaan habashaa tokkorratti waan dhagaye keessa seenaa G.Kemal Galchu biyyaa akka itti bayeefi ,biyya Ertrea itti ture fii waldhabbilee ABO keessatti uumame eega ibse booda, amma ammoo gama biyya Uganda bayuu ibsee maayyii irratti J/Dawud Ibsaa G.Kemal galchuu ajeessuu akka deemu nutti lallabee jira. Qabxii kana keessaa “J/Dawud J/G.Kemla Galchuu ajeessuufi barbaada” kan jedhu shira wayyaaneen xumura isaanii keessatti itti dhimma bayuufi ta’e nutti facaasuu barbaaddu keessatti nutti facaasuu agarra.
Wanni haala kana keessaa qaaroomaan hubachuu qabnnu Wayyaaneen akkuma adaa isii qabsaawota oromoo adaamsitee galaafachuu baratte arrallee ufummaa hoogganootaa fii qabsaawota keenya galaafattee nurratti haqachuudhaan uammata keenya jiddutti balaa uumuufi tilmaammachuu isii hubachuun barbaachisa. Akka amantaa kiyyaatti Jaallan kun lachuu qabsaawota gootota hoogganoota oromooti sababaan itti walajeessaniifis hinjiru. Isaan lachuu wayyaanee malee akka walhinajjeefinne jala murree itti himuufi garsiisuu qabnna. wayyaaneen garuu tofitaa kanaafi kan biroollee akka xaxuu deemittu hubannee hoogganoota keenyaafi bakka hundatti eegumisa godhuufiin hedduu barbaachisadha.
Akkasummas yoo wareegaminni akkasii uumames abbaan kana godhu wayyaanee malee obbolaan keenya qabsaawonni keenya akka walhinajjefineefi adaan walbaleessuu fii waldhabamsiisuu adaa oromoo waan ta’eefi tofitaa kanaan akka isaan hinmilkoofinne abdiin keenya guddaadha.
Gama ijoo dubbii kiyyaa yeroon deebi’u kufaatiin wayyaanee hangamille bubbulu wareegama guddaa gaafatus akka hinhafinne murannoo ummata keenyaa irraa tilmaamuun hayyummaa siyaasaa hingaafatu. Dubbiin guddaan qabsoo deemaa jiru kana roga tokko qabsiisuu, dhumaatii ummata keenyaa haala itti baraaruu fii kufaatii wayyaanee booda gama biyya tasgabbeesuufi nagaya waaraa itti umamu irratti hojjachuudha. Gama kanan ammaayyu waan duubatti hafinne fakkaanna.
Tarkaanifiin ummanni keenya fudhachaa jiru kan yeroo namaa kennu akka hinta’in argaa jirra,kanaafi yeroon itti hayyoonnifi dhaabotiin siyaasaa oromoo garaagarummaa xixiqqoo qabnnu fixannee waliifi dirmanne walirratti cichinee gama itti biyya teenya ijaarruufi tasgabbeessuu yaannu keessa jira.
Hujiin nu’eeggatu kan hanga ammaa qabsoo goone caalaa ulfaataadha. Haala egeree biyya keenyaa ummata kenyaa,haala sabaafi sablamoota oromiyaa keessa jiranii ,haala sabaa fii sablammoota ollaa oromiyaa jiraniifi akkasummas haala egeree biyya Ethiopia jedhamittuu kana yeroo itti gadi fageenyaan gamagaminnee falaa fii mala firaa fii diinaallee ifaa ta’e lafa keenyu arra ta’uu qaba.
Ummanni keenya biyya keessaa bobaa diinaa jala taa’ee eboo fii gachaan dhumee dhabamsiisuufi yeroo qophaayee jiru keessatti egree biyya keenyaa dandii diriiraa irra kaayuun dirqamnni isaa nurratti kefee jira. Kana milkeessuufi ammoo yeroon waan hunda.Wanni amma jiru boru bifa biroo qabachuu danda’a. Ummanni keenya arra osoo dangaan gandaa ,amntiifi fii siyaasaa hindaangessin tokkummaan waliin dhaabbatanii bu’aa tokkummaa qabu nubarsiisaa jiru.
Kanaafi nuti Jaarmayoonni siyaasaa fii Jaarmayoonni ummataa (civic organization) hatattamaan walitti dhufinnee haala kanarratti maria’nnee agoobara tokkumaadhaan keessaa qabsoofinnu, agoobara tokkuummaan ummata keenya cinaa itti dhaabbnnu agoobarra tokkummaan mootummoota adunyaatti ittiin dubbannu agoobarra tokkummaadhaan gargaarssa ummata keenyaafi ittiin dhaqqabsiifinnu ummachuun fala filmaata hinqabnne waan ta’eefi,akkasumma ummanni keenyas gaafiin isaa kana waan ta’eefi hatattaamaan gama kanatti akka fuula deeffanne hawwiifi abjuu ummata keenyaa dhugoomsinu dhaammadha.
Maayyii irratti waldhabbiilee hanga ammaa nujiddutti umamaa ture dhiginni ummata keenyaa dhangala’aa jiru nujidduu dhiqee tokkummaan dhaabbannee gumaa ijjoollee keenyaa baafinnee dhiga isaanii itichinee waliifi araaraminnee diina reeqqisaa jiru kan akka inni deebi’ee hindhaabbanne godhuudhaan falaa fi mala egeree biyya keenyaa itti tasgabbeesinu akka irratti fuula deeffannu jedha.

*Amiin Jundi
No comments:
Post a Comment