Gumiin Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo haala Dhaaba ABO fi waliigala Qabsoo Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa irratti kan xiyyeeffate walgahii hatattamaa Gurraandhala 27, 2016 gaggeeffatee milkiidhaan xumuratee jira.
Walgahii kana irrattis dhimmotni fardiin adda addaa dhihaatanii irratti mari’atamuudhaan tarkaanfiileen fudhatamuu qabanis qajeelfamanii jiru. Akka kanaanis:
Haala Ummata Oromoo kan yeroo ammaa ilaalchisee
Itti-fufa Qabsoo Diddaa Gabrummaa fi falmaa mirga Bilisummaa fi Abbaa-biyyummaa Saba Oromoo waggoota dheeraadhaaf gaggeeffamaa dhufee kan tahe falmaan hadhaawaa fi seena-qabeessi Ummatni keenya baatiilee afran dabraniif osoo addaan hin citin walitti fufiinsaan belbelchaa jiru (Fincilli Xumura Gabrummaa) akeekaa fi galiin isaa Bilisummaa Sabichaa mirkaneessuu dha. Ummatni Oromoo sochii kana kan gaggeessaa jiru harka qullaa karaa nagaa osoo mirga Ummata biraa tokko illee hin tuqin roorroo fi hacuuccaa mootummaa Itoophiyaatiin isa irra gahaa turee fi jiru mormuudhaan mirga ofii gaafachuudhaani.
Mootummaan Itoophiyaa gaaffii haqaa fi sochii karaa nagayaa Ummatni keenya gochaa jiru akka weerara alagaatti ilaaluudhaan humna waraanaa maqaa Ittisa Biyyaatiin ijaarrate itti bobbaasuudhaan afaan qawweetiin dura dhaabbatee Ummata karaa nagaa mirga isaa gaafatu fixaa jira. Tarkaanfii faashistummaa Wayyaanee kanaan baatiilee afaran dabran keessatti qofa lubbuun ummata nagaa dhibbootaan lakkaawaman galaafatamee kanneen kumootaan lakkaawaman madaawuu fi kuma kudhanootaan kan lakkaawaman hidhaatti guuramanii jiru. Gochaan suukanneessaan kun ammas akkuma itti fufetti jira. Haa tahu malee Ummatni keenya ajjeecha fi hidhaa dabalatee miidhaa bifa kamiinuu Wayyaaneen irraan gahuuf osoo duubatti hin jedhin murannoo ol’aanaadhaan wareegama bifa hundaa baasee mirga isaa kabajsiifachuuf guutuu Oromiyaa keessatti tokkummaadhaan sochii isaa finiinsaa jira.
Haala Dhaabaa ABO fi Mooraa QBO ilaalchisee
Gaaffiin Sabni Oromoo har’aan tana goleelee Oromiyaa mara keessaa tokkummaadhaan ol ka’ee lallabachaa jiru gaaffii haqaa kan ummatni hundi uumamaa fi seeraanis qabu kan Dhaabni keenya Addi Bilisummaa Oromoo irratti bu’uurfamee fi waggoota 40 dabraniif qabsaawaafii jiruu dha. Injifannooleen cululuqoon galmeeffamaa jiranis itti baha hojii qabsoo kan waraanaa, siyaasaa fi dippilomaasii Dhaabni keenya Addi Bilisummaa Oromoo gaggeessaa ture fi jiruu ti. Kanaafis ragaan guddaan dhaadannoo Ummatni keenya sochii kana keessatti dhageessisaa jiruu fi Alaabaa inni maxxanfatee socho’aa jiruu dha.
Waan taheef, abdii Ummata keenyaa kana milkeessuu fi wareegama qaalii baafamaa jirutti firii gochuuf, Jaarmayni Dhaaba ABO addatti fi kan mooraan QBO waliigalatti haala itti jabina daranii horatuu fi gaafatama hoogganummaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo fi haalli siyaasa waliigala naannichaa yeroo ammaatti gaafatu gahummaadhaan bahachuu danda’u irratti ciminaa fi shaffisaan akka hojjetamuu qabu GS qajeelchee jira.
Wareegama ulfaataa Ummatni keenya murannoo ol’aanaadhaan diina dura dhaabbatee baasaa jiru xiqqeessuu fi galma gahiinsa Kaayyoo qabsichaa shaffisiisuudhaaf ABOn kan yeroo kamii iyyuu caalaa ciminaan kan sossohu tahuus hundaaf mirkaneessa.
Haala Mootummaa Itoophiyaa ilaalchisee
Murni har’a aangoo mootummaa Itoophiyaa harkaa qabu Wayyaaneen (TPLF) waggoota 25 dabraniif kan inni ittiin hawaasa Addunyaatti kijibaa jiraate sirna Mootummaa Federaalawaa fi Dimokiraatawaa tahe diriirsee Ummatootni hundi akka naannoo naannoo isaaniitti aangoo ofiin of bulchuu qabaatan taasiseetin jira kan jedhu ture. Haa tahu malee har’aan tana Bubbee Warraaqsa Bilisummaa Oromootiin waaroon dimokiraatummaa fi federaalummaa dharaa inni ittiin of golguu yaalaa ture irraa mulqamee maalummaan mootummichaa inni dhugaa warra duraan hin hubatiniif hubatamee kanneen beekaa wallaalanis qaanfachiisee jira. Har’aan tana “Federeeshinii” dharaa Wayyaaneen ittiin eenyummaa ofii dhoksuuf yaalaa ture keessatti “Mootummoota Naannoo” jedhamanii warra beekamaa turan keessaa isa guddicha kan tahe “Mootummaan Naannoo Oromiyaa” diigamee naannichi guutummaatti Bulchiinsa Waraanaa Wayyaanee jala akka galu taasifamee jira. Tarkaanfiin kun qaama Labsii Lolaa Wayyaaneedhaan Ummata Oromoo irratti irra deddeebi’ee labsamee ti.
Haallan kanneen irraa ka’uudhaan ABO yaamicha armaan gadii dabarsa.
Ummata Oromoof:
Bilisummaan wareegama malee akka hin argamne hubachuudhaan wareegamni qaaliin baasaa turtee fi jirtu har’aan tana dhageeytii addunyaa hedduu argatee jira. Mootummaa akka Sabaatti si diinomfatee duula duguuginsa shanyummaa (Genocide) si irratti gaggeessaa turee fi jiru gootummaa fi irree tokkummaa keetiin raastee afaan boollaa irraan geessee jirta. Falmaa kana daran finiinsuudhaan xumura itti gochuu qofaatu roorroo, ajjeechaa fi saaminsa jaarraa tokko oliif si irratti saare dhabamsiisee bilisummaa kee mirkaneessuu fi jireenya Sabummaa keetti iggituu horuu danda’a. Kanaaf, xiqqaa-guddaa, dhiiraa-dhalaa, kan biyya keessaa fi alaa hundi wal faana socho’uudhaan wareegama qabsoon gaafattu hunda baastee bilisummaa qabsoo fi wareegama keetiin dhuftee balbala kee irra geesse harkatti galfachuuf murannoo daraniitiin qabsaawi.
Ilmaan Oromoo hidhattanii humna waraanaa, humna tikaa fi poolisa Wayyaanee keessatti argamtan hundi diinummaa fi roorroo daangaa dabre kan Wayyaaneen ifatti Ummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru kana dhaabsisuuf fi guyyaa bilisummaa Saba keessanii dhiheessuuf har’a kan yeroo kamii iyyuu caalaa dirqamaa fi gaafatama seenaa fi kan dhalootaa qabdan. Hidhannoo harka keessan jiruun Ummata irraa dhalattan kan Wayyaaneen lafa irraa fixuuf murteessee waraana isaa itti ajaje cinaa dhaabbadhaa irraa faccisaa.
Oromootni caasaa mootummaa Wayyaanee kan gara garaa keessa jirtanii fi abbootiin qabeenyaa yeroon amma keessa jirru yoomuu caalaa kan Ummatni keenya akka diina innikkaatti ilaalamee mootummaa Wayyaaneetiin lolli irratti gaggeeffamaa jiru waan taheef bakka jirtanitti daandii fi mala dandeessan hundaan miidhaa Saba keessan irra gahu hanqisuuf yookaan xiqqeessuuf dirqama lammummaa keessan akka bahattan ABO gadi jabeessee dhaama.
Ummatoota Ollaa Oromiyaaf:
Jabaachuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo, qabsoo sabootni kaan godhanis ni jabeessa, mirgi hiree murteeffannaa sabootaa akka mirkanaawu taasisa. Nageenyi naannoo Gaanfa Afrikaa akka mirkanaawuufis qooda ol’aanaa qaba. Waan taheefis, Ummatootni ollaa Oromoo fi Oromiyaa jirtan hundi falmaan hadhaawaan har’aan tana Ummatni Oromoo mirga isaa kabajsiifachuuf gaggeessaa jiru qaama furmaata rakkina keessanii tahuu hubachuudhaan akka cinaa dhaabbattan ABO jabeessee gaafata.
Jaarmayoota Siyaasaa Oromoof
Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo gabbisuu fi itichuun Imaammata Dhaabbataa ABO kan yeroo hundaa ti. ABOn jaarmayootni siyaasaa Oromoo kan bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf qabsaawan hundi bifa danda’ame hundaan qindoomina uumanii qabeenya, beekumsaa fi humna namaa Ummata keenyaa bittinnaawuu fi qisaasamuu irraa oolchanii dandeeytii jiru hundaan diina irratti dhiibbaa akka godhan haala dandeessisu uumuuf waan danda’u gochaa ture. Har’as itti jira. Yaaliin kun akka milkaawuuf jaarmayootni siyaasaa Oromoo hundi gahee isaanii akka bahatan ABOn yaamicha godha.
Humnoota Siyaasaa Itoophiyaaf
Gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa fi kan Bilisummaa ti. Kaayyoon ABOs gaaffii haqaa Ummata Oromoo kana fiixaan baasuu dha. ABOn hanga gaaffiin haqaa Ummata Oromoo kun deebisaa guutuu hin argannetti rakkoon siyaasaa, kan dinagdee fi hawaasummaa naannoo kanaa furamuu akka hin dandeenye jabeessee amana. Kanaaf jaarmayootni Siyaasaa Itoophiyaa kanneen rakkina siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Ummatoota Itoophiyaa keessa jiraatanii furuuf qabsoofna jedhan hundi gaaffii haqaa Saba Oromoo kana amananii fudhachuu qofaatu gara furmaata haqaa fi waaraatti geessuu danda’a. ABOn kanneen gaaffii haqaa Ummatni Oromoo fi Ummatootni biroo mirga hiree murteeffannaa ofii dhugoomsuuf kaasanitti amanan wajjin hojjetee rakkoo naannoo kanaatti furmaata waaraa gochuuf yeroo hunda qophii tahuu isaa irra deebi’ee beeksisa.
Hawaasa Addunyaaf:
Murtii dhiheenya kana Gamtaan Awroppaa fudhateef irra deebinee maqaa qabsoo bilisummaa Ummata Oromootiin galateeffachaa fi dinqisiifachaa, hawaasnii Addunyaa fi mootummootni biyyoota gara garaa kanneen gargaarsa bifa adda addaa mootummaa Wayyaaneef kennaa turtan hundi fakkeenya gaarii Gamtaa Awroppaa kana hordofuudhaan imaammata keessan akka keessa deebitanii ilaaltanii fi qabsoo haqaa Ummatni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuuf gaggeessaa jiru yoo dandeessan deggeruu, dadhabamu waan gufuu itti tahu dalaguu irraa akka of qusattan jabeessinee gaafanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gumii Sabaa ABO
Gurraandala 29, 2016
No comments:
Post a Comment