Gafaa Amajii 14 fi 15 bakka butoota Tokkummaa Waldoota Oromoo Warra Wangeela gartuun jedhamu ergaa ‘jarsumma’ ummatni Oromo itti hin keniinee fudhate gara DCti imaluun isa dhagahamee ture.
Seenaa qabsoo Oromoo keessaatti jarsummaan hangam qabsoo kana booda akka deebisee kan hin beekne yoo jiraatee seenaa qabsoo bilisumma Orommoo hin beeku jechu dha. Jarsummaan toftaa dinni ittiin ummata Oroomoo yeroo dheeraaf gowoomsaa ture dha.
Yaadichii gaarii ta’ee utuma jiruu akeekni isaa garu gaaffii heeddu kaasuu ni mala.
1. Jarrii kun Oromoo isa kamiin bakka bu’aani gara DC akka dhaqan gaafachiisa dha.
Oromoo biyya keessaa yoo ta’e, ummatni Oromoo har’aa lubbu isaa wareegee, dhiiga isaa itti dhangalaasee fi lafee isa itti caccabsee diinaan kokkee wal-qabe motummaa nama-nyaataa kana of irraa kaasuuf qabsaawaa jira. Dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa, lubbuun ol adeemtuu keenyaa karaatti hafaa ummatni Oromoo yeroo inni diina of irraa faccisaa jiru kanatti, waajjira motummaa Itoopiyaa dhaqanii jarsumma taa’uun waan yeroon isa itti darbee fi hawii ummata Oromoos miti.
Karaa biraan ammo, kaayyoon jara kanaa Oromoo biyya ambaa jiru ilaallata yoo ta’e, kana ammoo ummatni Oromoo bira darbee hiree mataa isaatii ofiin murteefachuuf biyya keessaattii itti du’aa jira. Motummaa kanaan walii galanii dhiiga ilmaan Oromo dhangal’aa jiru kana irra ejjetaanii warri dantaa mataa isaanii kan lafa irraa guutatuuf wixxifatan akka jiran Oromoon itti dammaqee jira.Tarii yoo mootummaan Wayaanee kufe mul’ata isaanii isa wayyaane wajjin hojjachaa jiranii fi hojjachuuf karoorfatantu jala karaatti hafa waan ta’eef akkas muddamani wowwaatu laata? Hanga yeroo kanaatti, ummata Oromootu gara imbaasii wayyaane dhaqee iyyatu osoo hin taanee, isaa hanga bakka ambaasaderichi adeemuti hiriiraan isaan mormaan beekna.Gaaffi fi deebii VOA irraatti godhame keessatti ambasaderichi Itoophiyaa kabajaa guddaadhaan nu simate jedhanii jiru. Kabajaan kun hariiroo kanaan dura qabaachaa turan irraa madde moo karooraa gara fulduraatti godhaataniifii? Oromoon sirna bulchiinsa Itoopiyaa wajiin warraa gumaa ti malee warra waliin ‘negotiate’ godhu miti. Bilisummaan Ummata Oromoo dina wajin tokkoomuudhaan hin dhufu.
2. Gaaffii biroon as irratti ka’uu male immoo, maaliif jarri kun eerga Oromoo hundaaf dhabbatanii abbootii amantii warra kaan dabalatanii wajiin hin deemnee? Dhimmi kun isaan qofaa ilaalata moo akeeka birootu duuba jiraa?
Ummatni Oromoo yeroo inni amantii fi naannoo of dura bufaachuu itti dhiisee tokko ta’uudhaan dinaan mormaa jiru kanatti jarri kun addaan wal baasuu isa waldaadhuma isaani keessatti barataniin, ofuma iyyuu wal harcaasanii tokkummaa kan hinqabne, akeekni isaani Ummata Oromoo addaan baasuu akka ta’ee ifatti ni mul’ata.
Kan ifa ta’uu male maqaa Ummata Oromoo fi amantii qabatani qabeenyaa fi sadoo mataa isaani qofa galii kan godhatan akka seenaa waldaa kanaa keessa jiran gaaf-tokko seenaan ifa baasu ni danda’a. Warri dhiiga ilmaan Oromoo irra ejjetanii jireenya keessan bal’ifachuu barbaaddan abiddan qoosaa akka jirtan hubachuu qabdu.
Seenaan waldaa kanaa siyaasaa irraa bilisaa ta’ee akka hin beeknee ragaa baayyee dhiheessuu hin barbaachisuu. Waggaa yartuu dura, dura-taa’a waldaa kana namni ta’e, ummatni Oromoo mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka qabu, bilisummaa Oromiyaaf osoo hin taane empayeera Itiyoophiyaaf akka qabsawu ejjennoo siyaasaa isaa ifatti mul’isee ture. Ejjennoon jara DC dhaqan kanaas akeeka gara biraa waan qabu miti. Siyaasaa irraa bilisa jechaa ibsaa ejjenno siyaasaa isaani xalayyaa Girma Biruuuf ergan irratti muli’saaniru (qabxi 7ffaa). Akkas jedha:
“7. We also would like to exhort the Ethiopian Government and all its concerned agencies to talk with all peaceful partners to map a gradual process of levelling the playing field to increasingly democratize the Federation.” (Jala-sararaan kan kooti)
Oromoon ajjeefamaa jiru tokkumma; lama mitii. Inni kara nagaan qabsaawaa jirus karaa biroon qabsaawaa inni jirus Oromoodhuma. Isa tokko deggeraa nuyi siyaasaa irraa bilisa jechuun soba gudda yeroo ta’u waldaa kana ammo iddo salphina dhaba. Amantii keessa dhokatanii, hojii farra bilisummaa Oromoo geggeessuun waaqa bakka bu’an sana illee ganuu dha. Har’aan tana, Oromoo keessatti, Yihuudaan(gantuun) bakka akka hin qabne beekuu qaban.
Dhuguma jarri kun oddeeffannoo biyya keessaa qabu yoo ta’ee, gaaffiin ummatni Oromoo amma gafaachaa jiru kana akka hin taane hubachuu ni danda’u turani. Gaaffiin Ummata Oromoo mootummaan wayyaanee nu irraa haa ka’uu dha malee waligallee hojjetna miti. Garuu kan namni erge, isa ergameef hojjeta waan ta’eef warra isaan erge sanaan “Bilisummaan maxxannee ta’uudhaan hin dhufuuti gara qabsoo hidhannootti koottaa” jennee isaaniif yaamicha goonaafi. Maxxannee ta’uun OPDOf iyyuu bu’aa hin fidnee, ni salphise malee. Qabsoo Bilisummaa Oromoo hanga yeroo kanaatti xumura kan hinargatneef warra albaadhessa garaa isaanii qofaaf hojjetan irraa kan ka’e akka ta’e ummatni Oromoo hubateera waan ta’eef saba kana gowwoomsina jettani of hin gowwomsinaa! Rakkoon ummata Oromoo, rakkoo gabrummaa kan bilisummaa Oromiyaa qofaan deebii argatu malee, waldhabbii haadha manaa fi abbaa manaa kan jaarsummaan furmaata argatu miti. Ummatni Oromoo, waldhabbii Oromoo gidduutti dhalatu furuuf qofa kan jaarsummaa dhimma itti bahu oggaa ta’u, lafa ykn dachii abbaa isaa diinni irraa saame ammoo gootummaan lolee deebifatuu qofa beeka. Kadhaa ykn jaarsummaadhaan kan bilisummaa argate seenaa biyya kamiituu keessatti argamee hin beeku. Deeziman Tuuttuu fi Qees Guddinaa Tumsaa, ummatni Afriikaa Kibbaa fi Oromiyaa gabrummaa jalatti akka hafaniif hojjechaa hin turre. Waaqayyoon galatni haa gahuuti har’a, amantoota Oromoo keessatti, Qees Guddinaa hedduun dhalatee jira waan ta’eef, dhuma irratti, ifatu dukkana injifata.
Maxannee ta’uun bilisummaa nu hin gonfachiisu!
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Bokkaa Bilbil Irraa
No comments:
Post a Comment