Ummatni Oromoo guddichii fi kabajamaa fincila xumura gabrummaa marraa kanaa ji’oota afuriif osoo addaan hin citiin adeemsiseen, ummatoota biroo irraa jibbiinsa homaatuu akka hin qabaatiin, mirga isaaf uumamaa fi seera addunyaan deggaramu akka falmatu tahuu, kabajamuun mirga ummatoota cunqurfamoo maraa irraa dantaa fi fedha qabaatuu haala hin mammsiisneen addunyaa mara, addatti ammoo ummatootni Itophiyaa akka hubatan taasisee jira. Fincila adeemaa jiru kana keessatti namusaa fi bilchinni ummatni Oromoo agarsiises kan dinqisiifamu dha. Murannoon ummataa fi addatti dargaggootni Oromoo agarsiisan seenaa Itophaa keessatti kan mul’atee hin beekne tahuu irraa lammiilee Oromoo hundaa fi kanneen nagaaf dhaabbatan hunda boonse. Kanneen hundi walitti eda’amuun haqa qabaatuu hubachiisanii mararfannoo argamsiiseefii duree oduu addunyaa tahuu danda’eera.
Diinni Ummatootaa fincila ummatni Oromoo karaa nagaa eegale qixa biraa qabsiisuu fi maqaa xureessuuf farra nagaa akka tahetti dhiheessuuf yaaliin godhe ummatoota Itophiyaa hundaa fi alagoota sirnichaafuu waaheloota tahan biratti dhara tahuun hubatamee fudhatama hin argatiin hafe. Gaaffii ummatootaa ajjeechaa gara jabinaa, reebicha jumulaa fi humnaan ukkaamsuu kan aadaa godhate mootummaan Wayyaanee fincila ummata Oromoo amantiin walitti hidhuun ummatoota biratti akka jibbamu taasisuuf yaaliin godhes deggeraa hin argtne.
Waan taheef haqa haaluu dhaan kan biraatti quba qabuun kan hin baasne tahuu kan hubate mootummaan Wayyaanee lolaa labsee Komand Postiidhaan gaggeessuu murteesse dagatee yeroo ammaa badiin paartii aangoo irra jiruu bira tahuu ifatti parlamaa maqaaf tolfatan irratti labsuu jalqabee jira.
Mootummaan Wayyaanee kan har’a gahe gaaffiilee ummataa humnaan ukkaamsuu dhaan, ummatoota gidduu garaa garummaa uumuun akka waliin hin qabsooofne taasisuu dhaan tahuun haqa hundi beekuu fi hubatu dha.
Har’a garuu ummatootni shira diinaa irratti dammaquu irraa haa gahu! Jechuun mirga isaaniif falmuu irratti argamu. Bara baraan abdii tasa hin guutamneen sobamaa hin jiraannuu murteeffatanii roga arfan biyyattii keessatti diddaa hin bitamnu finiinsuu irratti argaman.
Bitootessa 10, 2016 haasaa H/Maariyam Dessaalenyi mana marii federaalaaf dhageessise keessatti rakkoolee Itophiyaa keessatti mul’ataniif gaafatamaan mootummaa fi paartii isaan durfamu tahuu amanee jira. Ummatni dammaqinsaan mootummaa dursuu irraa gaaffii kaasuuf deebii kennuu akka hin danda’iin ibse. Kana malees akka kanaan duraa gateetti ummatootatti ol bahanii saamaa jiraachuu fi akka silmiitti dhiiga isaa xuuxaa jiraachuun kan hin danda’amne tahuu lallabeera. Furmaatni rakkoo bakka hundatti mul’ataa jiruus “bulchiinsa gaarii diriirsuu” danda’uu dha jechuun akeeke.
Ummatootni Itophiyaa dammaqoo fi kan isaaniif tahu kan beekan tahuu yeroo addaa kan agarsiisan tahuu reef qalbifatuun H/Maariyaam kan ajaa’ibu dha. Filannoo haala ulfaataa jalatti adeemsifamaa turan keessatti ummatni sagalee isaatiin marroo tokkoo ol kuffisuu kan haalu Wayyaanee qofa. Kanneen sagalee keenyatu hatame jechuun sagalee mormii dhageessisan guyyaa saafaa dhibbootan rashanuun aangoo isaa tikfate malee filamuun akka hin tahiin Wayyaaneen beekaa wallaalu iyyuu ummatootni humnaan aangoo irratti cichuu EPRDF tolchanii beeku. Kana waliin sochiin ummatni Oromoo bara 1991 irraa eegalee itti jiru mootummaan Wayyaanee farra dimokraasii fi nagaa tahuu kan saaxile dha.
Ummatni Oromoo mirgi isaa akka kabajamuuf gaaffii karaa nagaa dhiheessaa tureef deebiin gama Wayyaanee humnaan ukkkamsuu qofa tahe. Ajjeechaa, hidhaa, reebichaa fi doorsisaan ukkaamsuu dhaan har’a gahame. Har’a garuu kun hundi ummata Oromoo jilbeenfachiisaa hin jiru. Shororkeessaa fi farra nagaa jedhanii yakka doorsisaa tarrifamuunis ummatni Oromoo kan hin jilbeeffanne tahuun ifa tahaa jira. Ummata Oromoo fi ABO adda baasuuf yaaluunis of gowwomsuu malee faaydaa homaatuu akka hin argamsiisiin ummatni Oromoo hiriira nagaa bahaa jiru keessatti walleelee fi dhaadannoolee dhageessisuun, alaabaa qabatee bahuun mirkaneessuu irratti argama. ABOn shororkeessaa osoo hin taane falmaa mirga isaa tahuu dhageessisuun shira diinaa harkatti doomsaa jira.
Har’a ummatni Oromoo kan ajjeefamaa fi hidhaatti guuramaa jiruuf mirga isaa beekee akka kabajamuuf gaafatuu irratti. Heera biyyaa irratti hundaa’uun mirgi isaa akka guutamuuf waan nagana gaafateef akka bineensaatti adamfama. Wayyaaneen hin bitamnu jedhee bittaa abbaa irrummaa waan mormeef kumootaan hidhaatti guurame. OPDOn jarmayaa Wayyaaneen tolfatee tohatee ergatuu fi bakka bu’aa Wayyaanee ti malee ummata Oromoo bakka bu’uu hin dandeessu, ofiin of bulchuu qabna jedhee waan mirga isaaf falmateef irratti roorrisama.
Rakkoon Itophiyaa hudhee qabeef sababni sirana Wayyaanee ti. Kan itti gaafatamus sirna Wayyaanee qofa. Bulchiinsa gaarii argamsiisuu kan hanqate sirna Wayyaaneen diriirfame. Sirni farra dimokraasii, fashistiin hanga bakka hin kaafamnettis bulchiinsi gaarii ni argamaan hin eegamu. Dhaga’uu didan malee ummatni Oromoo “Wayyaaneen hin bitamnu!” ,“OPDOn nuhi hin bulchu!” kan jedhaa turee fi jiru kanaafi.
Mootummaan ummatoota dhaggeeffatuu hin beekne kun rakkoo har’aaf furmaatni akeekaa jiru biyyatti gara haala irra hammaataa fi jeequmsaatti geessa. Oromiyaa godinaalee 8-tti qooduun bulchiinsa waraanaa Saamooraa Yunusiin durfamu jala galchuun bulchiinsa gaarii fi nagaa hin argamsiisu. Mootummaa dimokraatawaa ofiin jechaa jiru kun bulchiinsa waraanaa Oromiyaa keessatti diriirsuun haala jiru daran hammeessa malee hin furu.
Oromiyaan bittaadhaaf Ministera Ittisa Biyyatti kennamtee walgahii gaafa 04/03/2016 Jeneral Samoora Younus gaggeesseeen Kawonsila Waraanaa fakkessaaf Oromoon tokko illee keessa hin jirre aramaan gadii labsee jira.
Kawonsilii Waraanaa Wayyaanee
1 | Jeneral Samooraa Yuunus | Ajajaa Waliigalaa (Tigiree) |
2 | Leftenant Jeneral Yonaannis G/Masqal | Ajajaa Opireshinii (Tigiree) |
3 | Mejer Jeneral Ibrahim Abduljaliil | Gaafatamaa Lojistiki (Tigiree) |
No comments:
Post a Comment