Dhimma tibbaana kana sarara sabaa himaalee fi marsaalee hawaasaa keessatti deemaa jiran akka Oromoo tokkootti ilaalaan ture.
Gaaffilee fi deebii kallattiin abbaa dhimmi kun ilaallatuu fi dhimma kana irratti marsaalee lama sadii ta’an irratti gaaffii fi deebiin godhamuun akka namuu hubatu ta’uu isaatis kan fedha itti qabu hunduu kan faana bu’e akka ta’un amana.
Haata’u malee namoonni adda addaa dhimma kana yookaan fedha waan itti hin qabaatiniif; faana bu’anii sabaa himallee irratti hordofanii murtee mataa isaanii irra hin geenyee; ykn tari kan oduun akkasii isaan gammachiisuu fi dheebuu akkasii qabanii irra deddeebiin afarsuu; ykn gara diinaatiin saboontota ittiin doorsisuu fi hamilee cabsuuf oduuwwan akkasii akka irra deddeebiin dubbachuu fi yaada hawaasaa maqsuun kanneen fedhan ta’a jedheen amana.
Hojii ykn tattaaffii ta’u kamuu keessatti wareegamii fi gaaga’amni bifa kamii fi haala kamiinuu dhalachuun waanum jiruu fi namuu balaawwan akkasii deemsa qabsoof godhamu keessattu dhalachuu ykn mudachuu akka malu eegala irratuu utuu beekuu qabsoof of kennaan eegalu akka ta’e qabsaawaan ni beeka.
Qabdoo kamuu keessatti falammii godhamu bifa kamuu keessatti haala adda addaatiin qabsaawonni kiyyoo ykn haxxee dhiinaa keessatti kufuun ykn diinaan rukutamuun waanuma beekamu dha.
Wareegama ykn aarsaa malee injifannoon argamu akka hin jirre hubatuun namuu qabsoo bifaa fi gita kamuu itti of kennuun eegala irraa hubtuun qabsaawa.
Qabsoo kamuu keessattiss jaallan qabsoo waliin eegalan mara ykn hundatu hanga dhumaatti waadaa seene eeggatee han galiitti deema jedhanii eeguu fi yaaduniis of sobuu fi tilmaama dhabuu dha.
Egaa yoo haala walii galaa kana akkasiin kan hubannu taate; dhimmi akka ajaa’ibaatti waayee nama tokkoo Oromoo fakkaatee Oromoo dabarsee kenne jedhamu kanaa irraa hagana haasa’amuuf hagas ajjaa’iba ta’uu waan qabu hin ta’u.
Egaa dhugaan jiru yoo kana taate; dhimma irraa dubbatamaa jiru kana irratti akka waan addaa tokkootti irra deddeebi’anii ittiin sabboontota doorsisuuf dhama’uu fi diina anaannachiisuun bu’aan isaa Oromoof akka hin taane, Oromoo sammuu nagaan yaadu jalaa dhakataa natti hin fakkaatu.
Oromoo ijaaruuf tattaaffi ta’u kamuu keessa lohee diinaaf kan hojjetu, diiggaaf kan maadheffatu jiraachuu akka malu beekkuu nii fi tilamaamuun dhugaa namauu wal haalu hin ta’u. Egaa abjuu sodaa hirriba malee hin bulan akka Oromoon jedhu; gantuu fi basaastuun lootee galtuun na mudatti jechuun sadaan sakaalamanii hujii ykn qabsoo lagatanii taa’uun akka hin danda’amee fi akka hin malles haqa namuu beeku dha. Kan akka yaakkaati fudhatamuu kan qabu mudata akkasii sodaan yoo qabsoo lagatanii harka maratanii taa’an ta’uu qaba.
Dhirqama ifa akkasii kana keessatti sochii qabsoo jaarimiyaas ta’ee dhaaba kamuu guchuuf carraaqu keessatti mudati akkasii yoo mul’ate ykn yoo mudate namuu akka waan raajii tokkootti ilaalamuu hin qabu amantaa jedhun qaba. Qabfoo fuuldura oofuuf imala ta’e kam irrattuu qoree, gufuu fi mucuci bifa adda addaa waanuma eegamuu malu dha.
Koomeen kan ta’uu qabu yoo sodaa qoree mucucaa fi gufuu daandii qaabsoo irratti nama mudatuu malu sadaan harkaa fi miila maratanii taa’anii fi tattaaffi bifa kamiitu godhuu lagatan ta’uu qaba.
Egaa yoo dhugaawwan kana irratti kan walii galamu taate; dhaaba ykn jaarmiyaa dirqama akkasii keessatti bifa hadda addaa fi haala adda addaan qabsoof ifaajjii godhe tokko irra qoree fi gufuun yoo mudate; gantuu fi basaastuun yoo seentee gaga’am irraan geesse; tattaaffii inni godheef galateeffachuun; bira dhaabbachuun akka inni itti cimuu fi irra aanu gumaachuu irra abaaruu fi maaf madoofteen balaa buusuun dogoggora.
Ijinar Xurunaan bifa kamiinuu fira fakkaatee diinaan hidhatee kan qabsoo keessa maadheffate ta’uun irraa dubbatamaa jira. Haata’uu ti dhaaba itti keessatti caasayee ture jedhame ABO-n shanee gumii nama kana waliin hidhata akka hin qabne hubachiisuun isaas marsaa sabaa himaa irratti ifaa godhee jira.
Egaa ala kana keessatti kanatti quufuu dhabuun Oromoonni dhaaba kana waliin Injinar Xurunaa walitti hiinu malee jedhan jiraachuun maal akka fiduu danda’u ykn kan waan inni fiduu danda’u utuu hin hubatin ykn kaayyoo biraa qabaachuu irraa madda jechuun ni danda’ama.
Akkas jechuuf kan nama daddeessisu
Kanaaf dhaabaan as ba’aatii Oromoota harka diinaatti kufan irratti ragaa ba’i , natu ijaaree jedhiitii ragaa itti ba’ii rukuchiisi jechuun kaayyoon isaa kan eenyuu akka ta’e hubachuuf nama rakkisa natti hin fakkaatu.
Dhaabni waan kan itti hidhata hin qabu jechuun sabaa himaa irratti ifa godhee jira. Haata’uutii qabsoo godhu keessatti haalli kun kan mudate illee haata’uu; dhimmaa akkasii sabaa himaa kamuu irratti as ba’anii natu itti hidhata qaba jechuun, Oromoota harka diinatti kufan irratti ragaa ta’uun fedhaa fi hawwii diina Oromoo sobaan ajjeesuuf foolatu kanaaf qabataan mirga kennuu malee waan Oromoof dabalu tokko illee akka hin jirre beekuun barbaachiisaa dha.
Kanaaf kanneen qulqullinaan ilaallu yoo jiraatne, qabsoo kamuu ta’u keessatti hallan akkasii mudata ta’uu beekuunii fi yennaa mudati akkasii dhalatanis nasuu fi wareeruun waan hin mallee fi ta’uu hin qabne ta’uu hubatuun tasgabbaawwuun barbaachisaa dha. Kanneen utuu hin beekin naasuun afarsan yoo jiraatan gatii qabsoon nama gaafatu hubachuu dhabuu fi deemsa qabsoo suludaan fiigicha godhanii ilaaluun muuxannoo dhabuu irraa akka muddutu natti mul’ata.
Kanaaf Hawaasi Oromoos yennaa haallan akkasii dhalatee argu daran ciminaan of sakatta’uun irra dachaan hojjechuu malee ololaan hiikamuu fi naasuun diigamuu akka hin qabne ta’uu qaba.
Tasfaye Dhaba.
No comments:
Post a Comment