Akeekni Siyaasaa QBO ABOn hoggonamuu, “Hundeen akeeka qabsoo kanaa, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo argamsiisuuf, sirna kolonii Oromiyaa irraa kaasudhaan, Oromiyaa kolonii, hacuuccaa fi saamicha bifa hundaa jalaa bilisa baasuun mootummaa Walaba Oromiyaa dhaabuu dha. Kunis kan mirkanaawu, murtii bilisaa ummata Oromootiin mootummaa walaba Oromiyaa ijaarratuu yookiin tokkummaa siyaasaa haaraya fedhii, qixxummaa, kabajaa dantaa gama hundaa fi demokraasummaa irratti hundaawe ummattoota ollaa Oromiyaa fi biraa wajjiin dhaabbachuu keessaa filatuuni dha.” jedha. Kana jechuun ammoo Referandum bilisaa Ummataa Oromoof aanjawuun murtaawuun xumurama jechuu akka tahe eenyuufuu ifaa dha.
Ummatni Oromoo akeekaa fi galii siyaasaa ABOn ifa taasifame olitti kaa’ame jalatti gurmaa’uun bittaa kolonummaa humnaan irratti fe’ame of irraa jigsuuf qabsoo bilisummaa finiinsaa har’a gahe. Ilmaan Oromoo qaroo fi muratoon Sagantaa Siyaasaa ABO, ,rakkoo siyaasaa empaayera Itophiyaa hundee irraa furu kana wayta raggaafatan, dantaa ummata Oromoo qofa ilaaluun hin turre. Kanneen ummata Oromoo waliin hiree fakkaataa qabanis waanjoo gabrummaa jalaa bahuun bilisummaa akka gonfatan yaaduu irraa ti.
Galatni kan gootota ilmaan Oromoo haa tahu, har’a ummatni Oromoo qabsoo bilisummaa sadarkaa amansiisaa fi abdachiisaa irraan gahatuu danda’ee jira. Fuula duraafis taanaan gootota of kennoo fi muratoo walabummaa biyyaa fi bilisummaa ummataa argamsiisuuf of wareeguuf qophii tahan miliyoonotaan qaba. Wareegamtoota muratoo kanneeniin kaayyoo fi akeekni QBO galii isaa ni gaha. Haa tahu malee haqa mul’ataa akka addeessaa ifee mul’ataa jiru ija of irraa dunuunfatanii arguu diduu irraa QBO galii isaa irraa hanqisuuf alaa fi keessaa kan shiran hin jiran jechuun hin danda’amu.
Yeroo ammaa kana humnaan FXG ABO-Qeerroon qindaawee deemaa jiru dhaabuun kan hin danda’amne tahuu kan hubate mootummaan Wayyaanee/TPLF fi kanneen isa kunuunsuun jiraachisan, aangoo humnaan qabatee sirna dantaa murna gabaabaa ruubii jaarraaf ittiin guuttataa jiru itti fufsiisuuf shira xaxuu eegaleen, akkuma bare dantaa humna waraanaa fi tikaan tikfatuu hanqataa jiru bakkatti deebifatuuf waahilota isa waliin hiriiruun dantaa isaa tiksaniif haaraa soqatuu irratti bobba’ee jira.
Mootummaan Wayyaanee kaayyoo fi akeeka ijaarameef irraa yeroon itti mirga ummatoota cunqurfamoof dhaabbate hin mul’atne. Fuula duraafis akeeka isaa irraa goree garee ummatootaa tahu hin danda’u. Mootummaan abbaa irree ummata Oromoo fi ummatoota biroo mirga isaanii karaa nagaa gaafatuu qofaaf jumlaan ajjeesaa fi hidhaatti guuraa jiru, dantaan ummata Oromoo akka kabajamuuf ni hojjata jedhee kan yaadu yoo jiraate wallaalaa Wayyaanee hin beekne ykn kan dantaa ummataaf hin abboomamne qofa.
Akeekni mootummaa Wayyaanee /TPLF wareegama ummata Oromootiin dantaa murna bittuu guutuu akka tahe jaarmayaa jalee OPDO jedhamu ajaja isaatiin alatti hin sossoonee fi dirqama itti kennamu qofa kan hojii irra oolchu wayta Addeetitti ijaarrate mirkaneesse. Kanaafis waggoota 25 guutuu demokraasii fi misooma dharaan ummata kijibaa jiraate. Kijibsiisuun itti fayyadamuun alattis wayta ummatni mirga isaa gaafatatu jalee ijaarrate itti ajajuun lammiilee fayyaaleyyii ajjeesisaa fi hiisisaa of jiraachise.
Jaarmayaan maqaan Oromoo itti maxxanfamee Wayyaaneen ijaarame kun akeeka maaliif akka ijaarame ABO jalaa dhokataa waan hin turreef, jalqaba irraa kana akka hin ijaarre Wayyaanee dura dhaabbatuun morme. Jaarmayaan OPDO moggaafame kan ijaarameef mirgi ummata Oromoo akka hin kabajamne taasisuuf tahuu har’a eenyuf iyyuu iccitii miti. Jaarmayaan ofiif iyyuu walaba hin taane ummata walaboomsuu hin danda’u. Ulee diinaa tahuun qabsaawotaa fi sabboontota adamsiisuu fi ummata Oromoo saamsisuun dirqama jaarmayaa jalee ti.
Waan taheef jaarmayaan OPDO meeshaa Wayyaanee tahuudhaan ABO fi sabboontota Oromoo irratti tarkaanfii diinummaa fudhatuu fi fudhachiisuun QBO shaffisaan galii isaa akka hin dhaqqabne taasisuu keessatti shoora ol aanaa taphate. Wayta ammaa garuu dirqama isaa gahaatti bahatuu dadhabuu irraa Wayyaaneen humnoota waahila haaraatahaniif bifa haaraani fi walaba fakkaatuun ABO fi Ummata Oromoo irratti aangessuuf waahila isaa alaa gargaarsifatuun karoorfatee sochii jalqabee jira.
Akeekni karoora kanaas akkuma London Conference 1991 irratti godhame marraa lammataaf shira ABO fi QBO irratti xaxamu tahuun gaddisiisaa tahus, ABO fi Ummatni Oromoo lammata shira akkasii akka hin keessumeessine garuu mirkaneessuu barbaadna. Miidhaa lubbuu fi qabeenyaa dhaloota ol guddatan irratti dabalee shirri bara 1991 London irratti ummata Oromoo irratti xaxame gaabbisisaa tahuu qofa osoo hin taane tasa seenaa keessatti kan dagatamu hin tahu.
Ummatni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaatti mirga isaaf falmatuu irraa barcumni aangoo isaa kan raafame Wayyaaneen, QBO Qabsaawotni ABO fi Qeerroon wareegama ulfaataa irratti baasan “namoota beekamoo fi jaarmayoota mirgi ummata Oromoo hangi tokko kabajamuun gahaa dha jedhanii amanan” ofitti qabuun furmaatni siyaasaa yaadamu, akkuma kan bara 1991 sana rakkinoota naannoo Afirkaa Bahaa xaxaa keessa naquu irra darbee furmaata haqaa fi dhibdee siyaasaa jaarraa tokkoo fi walakkaa caaluu hiikuu akka hin taane ifa nama hin gaafachiifne dha.
Akeekaa fi yaada farrummaa QBO kan mirga hiree murteeffannaa Oromoo hin kabajne kana ABO-Qeerroo fi ummatni Oromoo jabinaan dura dhaabbatu. Mirgii fi dantaan ummata Oromoo alagaa fi humnoota alaa irraa kanneen dantaa aangoof bulaniin osoo hin taane ummata Oromoo abbaa dhimmaatiin murteeffamuu qaba. Ummatni Oromoo Mirgi hiree ofii ofiin murteeffatuu ifaan kabajameefii dhiibbaa tokkoon maleetti sagalee isaatiin kan barbaadu wayta murteessuu danda’etti gaaffiin isaa deebii quubsaa argata.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 13, 2016
No comments:
Post a Comment