Bara 2011 keessa yeroo Qeerroon Bilisummaa Oromoo bu’ureffamu namoota tokko-tokkootti akkuma mormitoota Itoophiyaa hedduu jaarmaa yeroo gabaabduuf ifee deebi’ee ammoo dhaamu itti fakkaatee ture. Bu’uureffamuu Qeerroo keessaas ta’e alaan kanneen busheessaa turanis lakkoobsaan xiqqaa hinturre. Akkasumas, baatii Sadaasaa bara 2015 keessa wayitii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gabrummaatti xumura gochuuf murateeffachuu isaa labsu, kanneen dalagaatti hiikamu labischaa irratti shakkii qabaachaa turan hedduu turan. Keessattuu matootni TPLF gosuma sochiilee mormiitoota Itoophiyaa kan isaan bara baraan caccabsaa as gahan waan itti fakkaateef, murannoo Qeerrootti karaa hedduu bishaan itti naqaa turuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee, Qeerroon Bilisummaa battala murtii Xumura Gabrummaa labsetti tarkaanfilee seena-qabeessyyi tahan hedduu fudhachuun hawwii Wayyaanee fi yaaddoo shakkitootaa fashalsiiseera.
Qeerron Bilisummaa eegala sochii isaa irratti Hooggana qaroo sagantaa isaa jiddu-galummaan taliigu utubachuun murannoo cimaan karoora isaa mirkaneessuutti bobba’e. Qeerroon naamusa sibila irra jabaataa fi gootummaa seena biyya keenya keessatti gita hinqabneen gartuu saba keenya acuucaa fi biyya keenya saamaa jirtu, TPLF jala kallattiidhaan dhaabachuu eegale. Qeerroon hooggantoota TPLF kanneen beekumsaa fi gootummaan akka waan samii keessa teessoo addaa qabanitti of tuulaa turan sochii yeroo gabaabduutiin waaroo salphinaa itti huffise. Gootummaan Qeerroo imaammata TPLF ummatoota biyyatti sodaachiftee bara dheeraa bulchuuf baafatte dhadhaa abidda buute jalaa godhe. Har’a kan sodaan urgufamaa oolee bulu ummata bal’aa biyyatti osoo hintaane Wayyaanee fi lukkeewwan ergaa ishee raawwachuuf oomishaman qofa.
Wareegamni Qeerroon Bilisummaa Oromiyaa keessatti danboobse qabsa’oota naannoolee biroof fakkeenya guddaa ta’uun isaa waan haalamu miti. Har’a naannoon Wayyaneen keessatti nagaan raftee bultu tokko illee Itoophiyaa keessa hinjiru. Hara’a Wayyaneen kasaaraan siyaasaa dandamachuu hindandeenye keessa gangalacha jirti. Har’a hamileen ummatoota haala seenaa biyyatti keessatti adda ta’een jijjiiramaa bu’uuraa obbaasuuf qopha’ee jira yoo jenne soba hinta’u.
Wayyaaneen diina tokkicha nageenyaa fi guddina biyya keenya jeeqaa jirtu ta’uun ishee ummatoota biyyatti guutummaa biratti hubatamee jira. TPLF jeequmsa siyaasaa biyya keenya daafaa jiru qofaaf osoo hintaane, laaqamuu nageenyaa godina keenyaaf sababa guddaa ta’uun ishee ummatoota biyyatti hundaaf ifa ta’eera. Guutummadhumatti Wayyaaneen har’a saboota Itoophiyaa keessaa fira dhugaa tokkoyyuu hinqabdu. Yeroo ammaa kana TPLF tarsiimoo siyaasaan guutummaatti waan kufteef sochii ishee Agaazii fi Kilaashiitti murteessuuf dirqamteetti.
Kanuma waliin dhugaan hubatamuu qabu tokko, kasaaraa siyaasaa TPLF muuduu keessatti gaheen qabsa’onni Oromoo dhawataan gumaachaa turan fardii ta’uu isaati. Addatti ammoo sochiin Qeerroon Bilisummaa qabsiise gartuu cunqursituu kana hiddaan buqqisuuf sadarkaa abdachiisaa ta’e irra gea’ee jira. Hara’a TPLF akka jaarmaatti bifa deebitee bulchiinsa biyya keenya guutuu guutuutti to’achuu hindandeenye irra jirti.
Of-irroo angoo siyaasaa daangaa hinqabnee fi malaanmaltummaa sadarkaa olaanaan machooftee gatantaraa jirtu kanatti xumura goonee, Bilisummaa fi Dirmokraasii dhugaa biyya keenya keessatti bu’uurressuuf, qabsa’onni biyyatti hundi wareegama hanga ammaa gochaa jiran dachaa dachaan dabaluun waajiba ta’a. Wayyanee kuffisuu qofa osoo hintaane, hawwala ishee irratti sirna siyaasaa tasgabbii qabu, kan Hiree Murteeffannaa Ummatootaa sharafa tokko malee kabaju, bulchiisa olaantummaan seeraa taliiguu, kan guddina dinagdee fi hawaasummaa umatootaa wal-qixxummaan utubu bu’uuressuuf waan hundaa caalaa wal-hubannoon haqa irratti hunda’e ummataoota biyyatti jidduu jiraachuun barbaachisaadha. Qabsa’onni wal hubannoota kanneen kunuunsuu keessatti gahee isaanii bishinaan akka raawwatan Qeerroon Bilisummaa dhaamsa qabsoo dabarsa.
Addatti ammoo ummatni Oromoo diinummaa gartuun TPLF isaaf qabduu fi acuucaa bifa hedduu isheen irraan gaha jirtu qalbeeffatee, tokkummaadhan mirga isaa falmachuun waajiba ta’a. Ilmaan isaa, Qeerroo Bilisummaa, waliin gurmaa’ee mirga ofiin of bulchuu isaa guutuu guutuutti dhuunfachuuf wareegama isaa dachaan itti fufuu qaba.
Dhaaboleen siyaasaa Oromoo, Waldaaleen Hawaasa Oromoo, Sabboontotni Oromoo hundi ammoo boqonnaa murteessaa qabsoon Bilisummaa Oromoo seente kana sirriitti hubachuun, garaa-garummaa ilaalchaa kan jidduu keessan jiru dhiphisuun, sochii keessan hundi ummata keessan acuucaa diinaa jalaa baasuu irratti akka xiyyeeffatu waamicha qabsoo isiniif dabarsa. Keessattuu Jaarmoleen siyaasaa Oromoo ummata keessan dammaqasuu, ijaaruu fi hidhachiisuu keessatti dirqama seena kan adda ta’e qabaachuu hubattanii, bifa qabatamaa ta’een guddina qabsoo sabaatti akka gumaachitan waamicha jaallummaa isniif dabarsina. Haala atattamaa amma ummatni keenya keessa jiru qooddachuu keessatti gahee mul’ataa ta’e kennuu dhabuu fi atakaaroo siyaasaa gat-dhabeessa ta’een tokkummaa sabboontotaa diigu irratti xiyyaafachuun gaafatama seenaan dhiifama gochuu hindandeenye raawwachjuu waliin kan wal gitu ta’uu hubattanii, dirqama saba keessan dandamachiisuu atattamaan akka bahattaan waamicha qabsoo isiniif dabarsina.
Maayyii irratti ilmaan Oromoo hundi yeroon kun yeroo nuti wal ijaarree waliin qabsoofnu malee yeroo nuti sababa, ilaalchaa fi hamaloota xixiqqaan wal qoodu qabnu akka hinta’iin sirritti hubachuun barbaachiisaadha. Maddi Bilisummaa keenyaa tokkummaa keenya waan ta’eef bakka jirru hundaatti dhimmoota tokkummaa keenya jabeessan irratti bishinaan hojjechuu fi Qabsoo Bilisummaa keenyaa ammoo waan barbaachisu maraan utubuun dirqama Oromummaa keenya isa anagafa. Qabsoon
Oromoo Qabsooo haqaati!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 02, 2016
No comments:
Post a Comment