Caamsa 01, 2017 | Abdii Boruutiin
Dhiyoo kana faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu ilaalchisee mootummaan Wayyaanee labsii mata dureen isaa “የኦሮሚያክልልበፊንፊኔ/አዲስ አበባ ላይያለውን ሕገ–መንግስታዊልዩጥቅም ለመወሰን የወጣ አዋጅ” jedhu baasuun ni yaadatama. Dhimma kana wajjin walqabsiisee, wixineen “የኦሮሚያ ክልል በፊንፊኔ/ አዲስ አበባ ላይ ያለውን ሕገ መንግስታዊ ልዩ
ጥቅምን አስመልክቶ የተዘጋጀ የጥናት ሰነድ” jedhu tokkos dhiyaatee jira. Labsii gara fuula 14 qabu kana dubbisee hanaga naaf galetti hubadhee jira. Duraan dursee, wanni nama gammachiisu Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi sochiin uummata Oromoo hangam Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhe fi jilbiifachiisaas akka jiruu dha. Kun ammoo wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin waan argameef galannii gootota keenyaa daangaa hin qabu. Asitti aansee wantan wixinee labsii kanarraa hubadhee keessaa qabxiilee tokko tokko kaaseen yaada koo dhiyeessuu yaala.