Hasan Alii, Almaaz Makkoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa, Junaddii Saaddoo, Abbaa Duulaa Gammadaa, Bakar Shaalee, Lammaa Magarsaa …. Abaate Kishoo, Yaaragaal Ayishashum…fi …. Xumura Isaanii!
Biyyaa fi saba kam keessattuu, dhaabooleen siyaasa walii masaanuu ta’anii fi anatu caala, anatu caala waliin jechuun waliin atakaran ni jiru. Yaadoota adda addaarrattis wal mormuu danda’u; bakka walii galanitti walii galanii, bakka walii hin galletti ammoo garaagarummaa isaanii tikfatanii jiraatu. Biyyoota hedduu keessattis jiraachaa jiru.
Keessumaa biyyoota lixaa hedduu keessatti kun aadaa ta’eera.
Dhaabni kamuu dhimma ummata kiyyaaf ni tola jedhe mararrattuu yaada adda addaa burqisiisee, keessumaa toftaa bulchiinsaa, diinagdee fi hawaasummaa isaa ummataaf dhiheessee masaanuu isaa waliin dorgomee yoo sagalee ummataa wayyaba argate hojiitti hiikee, yoo masaanuu isaan injifatame ammoo isa injifateef aangoo heebbisee bara filannoo itti aanuf of qopheessun dhimma addunyaan irratti walii galuu fi daandii sirrii ta’ee dhimma itti bahamaa jiruudha. Afrikaan garuu yoo biyyoota xiqqoo fi qubaan lakkaawwaman ta’e malee kanaaf hin carroomne.
Afrikaan keessumaa Itiyoophiyaan har’a wayyaaneen bulaa jirtu gama tokkoon biyya bulchiinsaan seenaa waggaa kuma 3 olii qabdu jedhamee odoo hololamuu, gama biraan ammoo Itiyoophiyaa dhiisii kan addunyaanuu ajaa’ibsiifate, kan yeroo ammaa kana Yuniskootti hambaa ilma namaa addunyaa ta’ee galmaaye Bulchinsi Sirna Gadaa waggoota kumootaaf biyya sana keessatti Ummanni Oromoo dhimma itti bahaa ture osoo jiruu; sirnoonni Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiran itti fayyadamuu diduun biyyi sun yakka ilma namaarratti hojjetamuun dorgomaa dhabde.
Impaayeera Itiyoophiyaa Wayyaaneen bulaa jirtu keessatti ishiin duras ta’ee sana booda akka aadaa Oromoo sirna Gadaattis ta’e, akka dimookraasii ammayyaatti erga Itiyoophiyaan humnaan ijaaramtee as sirni karaa nagahaatin aangoo wal harkaa fuudhe |Itiyoophiyaa keessa hin jiru. karaa nagahaatiin filannoon hangoo walitti dabarsuu mitii lammiileen akka amma humna isaanii fi beekmumsa isaanii hojjetanii nyaatanilleen carraan gahaan hin turre,jirus. Hunduu abbaa irree qawween dhufe, qawweenis bu’e. Wayyaaneen har’a biyya kana bulchaa jirtus qawwee malee akka hin buune waggoonni 26n darban ragaa qabatamaa dha.
Wayyaaneen mirga ummattootaa kabajuufan qabsaawe, kabachiisaan jiras jettee erga hololuu eegaltee waggoonni 26 kunoo Caamsaa 28 ykn akka iittin of waamanitti Caamsaa 20n guyyaa muraasa dura raawwate. Haa ta’uuti dhuguma akka Wayyaaneen jechaa jirtu Itiyoophiyaa keessatti dimookraasiin jiraayii? Ummattoonni hiree isaanii murteeffachuu danda’uuyii..? Kan filatantu isaan bulchaa jiraayii…? jennee yoo gaafanne gongumaa dhugaan jiru faallaa holola Wayyaanee ti. Waggoonni 26n darban bara saamichaa, bara ajjeechaa, bara hidhaa fi dararaa, bara godaansaa ture, ammalleen akkasuma. Keessumaa ummanni Oromoo biyya san keessatti bara akka malee itti dararamee dha yoo jenne dhugaa lafarra jiru waan ta’eef sobduu nama hin godhu.
Waggoota 26n darban yakki ummata Oromoorratti raawwate amma hin qabu.
Wayyaaneen ofiifis ta’e karaa ergamtoota ishii warra sammuu keessaa fuutee garaa qofaan oofaa jirtu ummata Oromootti bobbaaftee saamicha, ajjeechaa fi hidhaa amma feetu raawwatteetti; raawwachaas jirti.
Namoonni Ishiin walitti qabdee akka dhaabaatti maqaa OPDO jedhu itti tolchitee Oromootti bobbaafte kun garaa malee sammuu akka hin qabne waggoonni 26n darban sirritti nuuf mirkaneessaniiru. Jarreen kana dhamni nama nama jechisiisu, ykn akka farnajoonni jettu sabistaansin namummaa keessa hin jiru. Akkuma namaatti lafee fi foon uffatanii, ejjetanii haa deeman malee maashinoota Wayyaaneedhaan gutaman jechuutu danda’ama. Wayyaaneen namoota namummaa hin qabne kana erga ijaartee booda yakka sirni Appaartaayidii, ykn kolaneeffattoonni Awuroopppaalleen hin hojjetin Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo irratti hojjetteetti. Saboota saamaa fi saamsisaa, hidhaa, ajjeesaa fi biyyaa godaansisaas kunoo waggoota 26 fixattee 27ffaa seentee jirti.
Dhaggeeffattoota; mee waayee Wayyaanee dhiisnee waayee warra Wayyaaneen bixxiltee ummattoota cunqurfamootti bobbaaftee yakka ittiin raawwachaa jirtuu miseensoota dhaaboolee akka OPDO, DHDN, BADN, fi warra wayyaaneen “aggaar dirjitoochi” jettuun haa ilaallu. Miseensota dhaaboolee kanaas haa ta’an dhaaboleen kun dhuguma ummata ittiin waamaman kanaaf dhaabbatanii…? Ummata kanaaf hojjetuu..?, fedhii ummata isaanii guutuuf ijaaramanii…? Dhaaboleen kun mee maal ofii karoorsanii, irratti mar’atanii waan ummata ittin of yaamanii saniif tolu dalagan..? walumaa galatti waggoota 26n darban bu’aan isaan ummata maqaa dhahataniif buusan maali…? jennee yoo saaqnee ilaalle dubbiin faallaa holola dhaabolee fi miseensoota dhaabolee kanaan gaggeeffamaa jiruu ti.
Qondaalonni dhaabolee Wayyaaneen ijaaraman kana keessa jiranii fi akka gaggeessaattis of ilaalan kun; kan biraa haa hafuuti Wayyaanee biratti gatii saree takkaallee hin qaban. Akka harree amma baachisan baachisanii yoo dadhaban yoo ashuffeetti gatan argaa turre, argaas jirra.
Kanneen Wayyaaneen itti fayyadamaa jirtu qondaalonni dhaabolee maqaaf nuti bakka bu’aa saba akkasii fi akkanaatti jedhan kunneen keessumaa qondaalonni OPDO yakki isaan ummata Oromoorratti hojjechaa turanii fi akki itti isaan Wayyaanee biratti ilaalaman baayyee fokkisaa dha.
Dhugaa dubbachuuf namoonni dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti qondaala ofiin jechaa turanii fi jiran kunneen sadarkaa adda addaatti dirqama Wayyaaneen itti kennite bahataa turanis wanti muldhatu garuu kabaja namummaa dhabuu qofaa osoo hin taane, hojii ergamtummaa raawwatanifilleen osoo waan saamsisanirraa kaffaltii gahaa hin argatin, yoo argatanis osoo hin nyaatin hoo hidhaman, hoo hari’ataman darbees yoo biyyaa baqachiifamaniidha. Dubbii kana dhugoomsuuf ammoo akka fakkeenyaatti qondaala OPDO kan maqaaf Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa calqabaa godhanii muudanii itti fayyadamaa turan Hasan Alii, miseensuma dhaaba kanaa kan turtee fi kan fakkeessiif afi yaa’ii mana marii feedereeshiinii turte Almaaz Makkoo, Prezidaantii Itiyoophiyaa kan ture Dr. Nagaasoo Gidaadaa, kan dhiheenya kana biyyaa baqatee bahe pireezidaantii fakkeessii Oromiyaa kan ture Junaddii Saaddoo kaasuun ni danda’ama. Hundumaa Wayyaaneen akka shankooraa xuuxxee bara rakkoo itti dabarfattee ariite.
Wayyaaneen ergamtoota maqaa OPDOn ijaarte qofattii mitikan fayyadamaa turtee fi jirtu, kan booddees akka harree ba’aa dadhabdee kan hartee gate, PDOLee naannoo naannootti ijjaarte hunda keessaawuu kaan hiitee, kaan ariitee, kaan ajjeeftee kaan ammoo biyyaa godaansiftee jirti.
Mee kan saboota biroos haa ilaallu, akkuma OPDO jettee ijaarte Kibbattis DHDN jettee ijaaruun ergamtoota gurmeessitee kaayyoo ishii saamichaaf itti fayyadamaa turtee jirti. Kanneen keessaa pireezidaantii ummattoota kibbaa kan ture Abaataa Kishoo ergama isaa fixannaan mana hidhaatti darbame. Dhaaboolee haalauma walfakkaatuun ijaarte kan aggaar dirijitoochi jettuun keessaa ammoo Pireezidaantii Naannoo Beenishaangula kan ture Yaaragaal Ayishashumis qabeenya naannichaa warqii dabalatee erga saamsisaa ture booda xumurri isaa mana hidhaa ta’e ammallee hidhaa keessa jira. Pireezidaantii naannoo Ganbeellaa kan turees akkasuma kunoo mana hidhaa jira. Kan Affaarii fi Sumaalees haaluma walfakkaatuun hidhamaa turan. BADN ykn naannoo Amaaraa irraa ammoo Ministeera muummee biyyattii kan ture Taammiraat Laayinee fi jeneraalonni hedduun salphifamanii mana hidhaatti dararamaa turan.Hunduu hojii ergamummaa fixannaan Wayyaaneedhaan haramanii akka kosii gataman.
Dhimma Qondaalota OPDO kophaatti baafnee yoo gadi fageenyaan ilaalle, yakki isaan Wayyaanee jala deemuun Oromoorratti raawwatan baayyee sukanneessa dha. Warreen kun tokkoon isaanilleen warra dhama, qabiyyee namummaa, ykn sabstaansii nama nama jechisiisu qabuu miti.
Garaa malee sammuu itti hin uumne. Mooraalii namummaa tokkolleen of keessaa hin qaban.
Qondaalonni OPDO sabstaansii ykn qabiyyee nama nama jechisiisu of keessaa hin qabne hedduu ta’anilleen kan Abbaa Duulaa fi ergamtoota amma Naannoo Oromiyaa bulchaa jirra jedhanii hololaa jiranii garuu gongumaa hin jiru, kan isaa adda. Namni Abbaa Duulaa jedhamuu fi kan kanaan dura pireezidaantii naannoo Oromiyaa ture, kan yeroo ammaa kana ammoo af -yaa’ii mana marii ummataa ykn paarlaamaati ofiin jedhu kun, ykn jedhamu kun yoo dhaabbatee deemu akkuma nama kamiitu nama fakkaata. Garuu namni kun qabiyyee namummaa,dhama nama nama jechisiisu ykn sabstaansii namummaa gongumaa hin qabu, moraaliin dhala namaa keessa jiru isa keessa hin jiru. Namni kun waggoota 26n darbaniif jechoota maaliif, akkamitti..? jedhan afaan isaatii bahee hin beeku. Hojiin isaa osoo hin yaamamin owwaachuu, osoo hin ergamin ergamuu dha. Arrabsamus, tuffatamus, ifatamus danda’aadha.Hundumaa numa danda’a.
Abbaa duulaa hidhi jennaan ni hidha, ajjeesi jennaan maaliifin isa bira hin jiru waan ta’eef numa ajjeesa. Ajjeesaa fi ajjeechisiisaas ture. isa qofas osoo hin ta’in warreen yeroo ammaa kana Oromiyaa bulchaa jirra jedhan kanneen akka Lammaa Magarsaa, Bakar Shaalee, fi waayiloonni isaa haaluma walfakkaatuun yakka hojjechaa as gahan hojjechaas jiru.
Namni Abbaa Duulaa jedhamu kun akkuma hunduu beekuu fi quba qabutti pireezidaantii nananoo Oromiyaa ta’ee hojjii ergamummaa bahataa nama tureedha. Bulchiinsa isaa jalattis Wayyaaneen yakka dandeechu hunda ummata Oromoorratti raawwatteetti, innis waan danda’u hundaan gargaaree jira, gargaaraas jira. Egaa namni haala kanaan Oromoon isa beeku kun kunoo tibba kana nama aantummaa ummata Oromoo qabu fakkaatee as bahaa jira. Namni kun waggaa 26f ergamaa wayyaanee ta’ee ummata Oromoo ajjeechisiisaa fi saamsisaa turee har’a deebi’ee Oromoon diinagdeen miidhamee jira, warraaqsaa diinagdeetu isa barbaachisa koottaa warraaqsa diinagdee gaggeessina jechuun waayiloota isaa waliin shubbisaa jira. kun dhugumatti baayyee, baayyee kofalchiisadha.
Diraamaa yeroon itti darbesi.
Kan caalaatti baayyee nama ajjaa’ibu ammoo warri isa waliin Oromiyaatti bobba’anii holola warraaqsa diinagdee gaggeessaa jiran; kanneen akka Lammaa Magarsaa, Warqinee Gabayyoo fi ergamtoonni biroon haaluma walfakkaatuun warrootuma waggoota 26n darbaniif hojii gaggeessituu naannoo Oromiyaa ta’anii ummata Oromoo qorqisiisaa turan ta’uun isaanii beekamuu nama haaraa waan hundumaa quba hin qabne ta’anii as bahuu isaaniti. Jarri kun waggoota 26n darban ummata Oromoo saamaa fi saamsisaa, hidhaa fi hiisisaa, ajjeesaa fi ajjeechisiisaa, biyyaa baqachiisaas warra tureedha. Ergamtoonni kun har’a akka nama biyya biraarraa dhufeetti gadi bahanii hololuuf yaalanis yakka hojjechaa turan ummanni Oromoos ta’e gutummaan saboonni biyyattii ni beeku.quba qabu.
Kaleessa amma har’aatti nama mirga gaafate ajjeesaa jiru, nama qabeenyi Oromoo maa samama jedhe shoroorkeessa dha, ABO dha jechuun hidhaa turaniiru, hidhaas jiru.Yoo Oromoon gaafii misoomaa gaafate kun ergama diinaati kan jechaa turee fi qabeenya Oromoo Tigraayitti guursiisaa turee fi jirus isaanuma. Yoo wayyaaneen saamtee Tigraayitti warshaa Mismaaratirraa hanga warshaa konkolaataa ijaartu kan jala deemee jabaadhaa jechaa ture eenyu, isaanuma. Egaa amma maaltu dhalate? Essaa amma hirriibaa dammaqan?
Jarri kun kaleessa bulchiinsa wayyaanee keessa hin turree…? Turaniiru.
Kan biraa haa hafuutii yoo Oromoon handhuura keenya magaalaa Finfinneedhaa baane Adaamaatti hin gallu jedhulleen farra misoomaa fi guddiinaati, miseensoota ABoti jedhee kan hiisisaa fi barataa barnootarraa hariisisaa ture eenyu? isaanuma. Egaa har’a moraalii maalitiin waayee warraaqsa diinagdee Oromoo haasa’u.? gongumaa jarri kun kana haasa’uuf moraalii itti hin qaban, waan fakkaatuus miti, kun ergama wayyaaneerraa fudhatanii gadi bahaniidha.
Dhugaa dubbachuuf hojiin ergamtoonni kun yeroo ammaa itti jiran abshaalummaa siyaasaa itti fakkaachuu danda’a. garuu miti. Beekumsaa fi toftaa addaas dalagaa jirra jedhanii yaaduu malu. Kunis bakka hin qabu. Nama hubatee ilaalee fi xinxaleef jarri kun hojii akkanaa hojii gadhee, hojii ergamummaa kanarratti kan bobba’aniif dhama namummaa, mooraalii, qabiyyee namummaa ykn akka faranjiin jettu sabistaansii namummaa waan dhabaniifi. Eeyyee garaa malee sammuun waan irra hin jirreef tuffatamaa, arrabsamaa, hidhamaa, hari’atamaa ergamaa jiraatu.
Jarri kun waan waggoota 26n darbaniif raawwatan innuu hafee waan waggaa 2 as itti jiran ummanni Oromoo waan dagate itti fakkaachuu mala, akkasitti yaadu taanaan kun abshaalummaa osoo hin ta’iin dhukkuba samuu guddaadha. Mmoraalii dhabuu malee abshaalummaa siyaasaatii jechuun gongumaa hin danda’amu.
Dhugaa dubbachuuf ergamtoonni maqaaf qondaaloota jedhaman kanneen akka Abbaa Duulaa, Lammaa Magarsaa, Warqinee Gabayyoo fi kanneen hafan sadarkaa ummata Oromoo maqaa dhahachaa jiraniif yaaduu mitii hojiin isaanii kan muldhisu ofiidhuma isaanitiifuu akkuma ilma namaatti namoota namummaa isaa hin kabachiifnee fi namummaa hin guunne ta’uutu irraa muldhachaa jira.
Yoo maashina ta’e malee namni hin aara, hin gadda, hin gammada, hin kolfa, hin boo’a, hin jibba, hin jaalatasi. Qondaalononi OPDO kunneen garuu qabiyyee namummaa ykn sabistaansii nama nama jechisiisu akkasii waan of keessaa hin qabaneef kana godhuu hin danda’an. Roboonni bara kana illee isaanirra gaariif yaraa adda baafata.
Jarri kun taa’i jedhan taa’uu, kaa’i jedhaman ka’uu, ajjeesi jedhaman ajjeesuu, saamii fidi jedhaman saamuu malee lakkiin, maaliifin isaan bira hin jiru. Kanarraa ka’uun hojiin isaan tibba kana itti jiranis waanuma wayyaaneen godhaa jetteen godhuu malee itti yaadaniiti miti. Warraaqsi diinagdee kun shakkii malee kan qindaayee fi duubaan ajaja kennaa jiru wayyaaneedha. Kanammoo Oromoon ni beeka.
Wayyaaneen maaliif kana godhaa jirti jedhee kan gaafatu yoo jiraateef ammoo deebin isaa salphaa fi ifaadha. Qabsoo Oromoo FXGti. Isatu muddee qabee jira. Yaanni wayyaaneen kana gootufis dargaggoo Oromoo Biyya abbaa isaa deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jiru diinagdee jettee qabsoorraa daguufi.
Egaa Oromoon kanuma hubatee holola yeroon itti darbe, kan yeroo ammaa kana maqaa warraaqsa diinagdeetiin karaa ergamtoota Wayyaanee qondaaloota OPDO kanneen akka Abbaa Duulaa, Lammaa Magasaa, Warqinee Gabayyoo fi fakkaattoota isaanii gaggeeffamu kana dura dhaabbachuun dubii fardii fi barbaachisaadha!
No comments:
Post a Comment