Dararaa Oromota naannoo Beenshaangul Gumuuz irra gahaa jiru!

September 19, 2017 | Abdii Lammii Irraa

Dhalattoonni Oromoo naannoo Beenshaangu Gumuuzl (Matakkal) jiraatan gaaffii mirga namummaa  jechuunus; afaan ofiitiin barachuu, aadaa ofii beekuufi hordofuu( waggaa darbe ayyaana Irreechaa Bishooftuutti kabajame irratti waan hirmaataniif, isintu waan kana gurmeesse jedhamanii) hiree ofii ofiin murteeffachuufi k.k.f. gaafachuu isaaniitiin namoonni 15 ol ta’an  lafa jiranii qabamanii mana hidhaa maa’ikelaawwii fi qiliinxoo keessatti hiraarfamaa jiru. Kaan immoo iddoo buuteen isaanii wallaalamuun isaanii hinbeekamu.

Akkuma beekamu yeroo ammaa gaaffii mirgaa fi FDG guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamu irraa kan ka’e mootummaan nama nyaataa wayyaanee lafa lixxu dhabde qabsoo uummataa mataarra bahe kana dhaamsuuf jecha shira garaa garaa xaxaa jirti. Kanaafis shirri yeroo ammaa dhalattoota oromoo  bulchiinsa Beenshangul/Matakkal mana hidhaa jiran irratti ragaa barbaacha gochi raawwatamaa jiru fakkeenya ta’uu danda’a. Hidhamtoota kanarratti ragaan mana murtiitti dhihaatu waan dhabameef, saboota kan biroo waggootaa fi baroota baay’ee wal danda’uun wajjin jiraate jechuunis; uummata Shinaashaa, Beenishaangulii fi kanbiroo oduu sobaafi qabatamaa hin taaneen “warri amma qabnee mana hidhaa jiran ABO waliin ta’anii isin fixuuf osoo qophaa’anii isin oolchine; warra biyya keessan diiguuf ka’anidha, akkasumas yoo isin dhuftanii ragaa baatan malee mana hidhaa irraa baanaan  deebi’anii isin balleessu” jechuun sossobaa jiraachuun bira ga’ameera. Akkasumas namoonni yeroo ammaa maallaqa hanga qarshii 17,000tti mataa mataatti  fudhatanii gaafa guyyaa 27/2/2010 A.L.H tti  ragaa ta’uuf qophaa’aa jiran jiraachuunis bira ga’ameera. Isaan kana keessaas dhalootaan Oromoo kan ta’an jiraachuun isaammoo yeroo ammaa kan dhalataa Oromoo tookkorraa kan  hin eegamnedha. Karaa biraa immoo saba Oromoo warri hintaane sobaan  ragaa ta’uu hin dandeenyu, hinbarbaadnus jechuun kaffaltiis fudhachuu diduun aantummaa guddaa qabaachuun  kabajaafi ulfina uummata Oromoo naannichaaf qaban ibsaniiru.
Namootiin dhalattota Oromoo matakkal sobaan yakkamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiran irratti ragaa ta’uuf maallaqa mootummaa wayyaanee irraa fudhatanis:
  1. Obbo Tasfaayee Abaataa – jiraataa ganda Qorqaa.
  2. Obbo Fiqaaduu Immiruu – Jiraataa ganda Dibaaxiifi dhimma nageenyaa
    keessa kan hojjetan.
  3. Obbo Waaqtolee Gannatii -jiraataa ganda Gaalessaa
  4. Obbo Asmaamaaw Gessesee – jiraataa ganda Dibaaxii fi Barbar keessatti farra<
    malaammaltummaarra kan hojjetan.
  5. Obbo Zabargaa Hirphaa – yeroo hedduu maqaa dhalattoota Oromoo qaama
    mootummaaf kan laatu fi amma mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuzirra kan hojjetu.
  6. Obbo Mogos Nagaroo – yeroo dhihoo aangoorraa kan bu’aniifi dhalattoota Oromoo naannoo sanaa jabeessee kan jibbuufi yeroo baay’ee qaamota mootummaaf odeeffannoo kan laatu.
Nuti dhalattoonni Oromoo naannoo matakkal jiraannu namootiin yakka mootummaa cinaa dhaabbattanii hojii yakkaa seenaan hin daganne nurratti raawwatamaa jiru tumsaa jirtan hojii keessan irraa deebitanii nu cinaa akka dhaabbattan waamicha goona. Garuu tuffiifi maal taana jettanii yoo yakka raawwatamaa jiru yoo itti fuftan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka isinirratti fudhatamu isin beeksisna.
Akkasumas dhalattoonni Oromoo naannoo Matakkal bara barnootaa dhufu kana hanga maatiifi firoottan keenya jibbaa fi sobaan yakkamanii dararamaa jiran mana hidhaarraa gadhiifamanitti mana barumsaa deemnee barachuu hin dandeenyu.
Haaluma walfakkaatuun, yeroo ammaa kana bahaa fi kibba baha Oromiyaa tti Wayyaaneen karaa harka biraa uummata Oromoo irratti bantee jirtu beekamaa dha. Karaa biraa ammoo torban kana keessa akkuma waggoota muraasa dura uummata Beenshaangul fi Oromota naannoo sana keessa jiratan gidduutti waldhabbii uumanii lubbuu hedduun darbe kaasuuf karaa lukkeewan isaanii fi loltoota mootummaa oliif gad fiigaa jiru waan ta’eef, ummanni Oromoo fagoofi dhihoo; alaaf keessa jirtan shiraafi yakka Uummata Oromoo naannoo Matakkal jiraniif akka dirmattan waamicha goona.
Ammas kaayyoon keenya:
– Afaan keenyaan baranna
– Aadaa keenya kabajna
– Mirgaa fi qabeenya saba biraatti utuu hin bu’iin qabsoo keenya itti fufna
IUOf  Matakkaliifi
Dhalattoota Oromoo Matakkal irraa.

No comments:

Post a Comment