Umamni hundi seera qaba. Seerrii Qabu ka Namaa miti. Kan Waaqaati. Waan Seera Umamaa keessa jiru, Namni waa gochuu hin danda’uu. Yoo yaalellee badiima isaa labsata. Seera Umamaa kanaaf Oromoon bakka ol aanaa qaba. Oromoon kaleessa qilleensumarra Aadaa fi Seenaa kkf qofa jedhee fiigaa turee fi Oromoo Umamasaatti deebi’uuf qabatamaatti sochii taasisaa jiru gidduu garaagarummaa jiru wayita ilaalluu, Seera Umamaa guutuun hangama akka nama ykn saba tokko tokkummaan jabeessu arguu dandeenya. Seera Umamaa jechuun bu’ura walii galtee waa hundaa jechuudhaa. Nama dhuunfaa kaasee hanga sabaatti ka jiru, waan Seera Umamaa irratti wal hubannaan , wal ijaaruu fi kaayyoo walii galaa kewwachuuf bu’ura ta’uufii danda’aa ykn waan isa danquu hin jiru. Maqaa Tokkummaan Saboota 87 mitii, saba tokkoyyuu walitti fiduun haalaan ulfaataadhaa. Carraan jiraatus yaaluurra ka dabruu miti. Kanaaf Seera Umamaatti warri amanan walitti dhufnaan, Saboonni 1000 iyyuu yaada ka’umsaa tokko qabaachuu waan malaniif, achirratti wal ijaaruun ni salphata. Dhibee guddaan Biyya Itoophiyaa jedhamtuu fi humnoota habashaa kanadha. Dhibee kanatu kan hammatan isaan haamsiisuuf foolachaa jira.Wanni tokkummaa Itooophiyaa isaan baanan gaaffii jala galchuu isa kana.
Kan facaasan haammachuun, Seera Umamaati. Mammaakisuma jennee tan bira tarru miti. Yoo facaasan malee waan haammatanu hin jiru. Ka facaasan haammachuuf ammo, seera Umamaa, kan harka namaa hin jirre, waaqa Umaa waa hundaa harka qofa jiru eeguun filannoo biraa hin qabu. facaasanii hammachuuf, waan facaasan biqilee daraaruun dirqama. Kun harka namaa hin jiru. facaasuun dura, midhaan facaafamuu fi Biyyeen irratti biqiluu wal arguun dirqama.kan facaasan firii akka kennuuf qofa osoo hin taanee, akka biqiluuf iyyuu, jalqaba qotanii meesuun dirqama. Dirqama kana namni haa raawwatu malee seeruma umamaati. Facaasanii ega biqilee booda, aramaa irraa tikisuun namaan haa raawwatu malee seeruma Umamaa biqiltuun sun firii akka kennuuf taasifamuuti. Kunis seeruma umamaati. Biqilee guddatee, firii laachuun seeruma Umamaati. Biqilee hanga guddatee firii laatee haamamuutti adeemsa waaqaa Seera Umamaa biqiltuu saniif kennee yoo eegan qofaadhaa, firii isaa dhandhamachuun ka danda’amu. Waanuma facaafattee hammattaan egaa seera Umamaa kana eegdee, Firii argattu irratti hundaa’aa jechuudhaa. Kana keessatti waan seeruma umamaa kana cabsan jiraachuu malu. Balaan kana gufachiisuu inuma jira. Kun seera Umamaa jennee hin fudhannu. Abbaan haammachuu barbaaduu ifaajjii inni godhu bu’aa argamuu hanqachuu sanaafis seera umamaa hin komannu. Biqiltuun tokko tokko firii ga’aa kennee kaan yerachuun jiraachuu mala. Akka walii galaatti seera Umamaa facaasuu hanga haammachuu jiru guutuun ykn eeguun dirqama ta’uu isaatii. Seera Umamaa sanaan alatti firiin eeggannu hin jiru. Waan nu harka hin jirree tokko, nuuti yeroo barbaanneetti argachuun gonkumaa hin danda’muu. waa hundi adeemsa mataa isaa qaba.
Seera Umamaa facaasanii haammachuu keessa waan dhalli namaa hin jijjirree utubaa 5tu jira.
- Midhaan Biqiluuf Biyyeen walitti dhufuu ,
- Biyyee keessaa biqiluu,
- biqiluu amma haammachuutti yeroo jiru ,
- Firii kennuuf yeroo jiru ,
- Haammachuuf yeroo jiru.
Oromoon waanuma facaafatee haammmachuuf jira. Wayyaaneenis waan facaafattee haamuuf jirtii. Lameen keenya keessaa eenyu Seera Umamaa faalleessee, kasaaruuf akka jiru ifadha.Eenyu seera Umamaan ala deemee Umama kana fixee jiraachuuf abbalaa jiraa arguuf teenya. Warri Faranjii addunyaa kana tu’achuu barbaadan, Waan Seera Umamaa kabajuu kana gonkumaa arguu miti dhaga’uu hin barbaadan. Maaliif jennaan dhugaatu keessa jiraaf. Nama Umama isaa gaafatuu fi jaalatu gonkumaa hin jaalatan. Gabroonfattoonni hundi kanaan tokko ta’uu. Hundee isaanii kanarratti ijaarratanii dudda walitti gatachuu barbaadu.wayyaaneenis Aadaa fi Seenaa akkasumasa Duudhaa Oromoo akka bishaan boonoo suuta kan nutti gadhiisuuf yaalaa jirtuu kanumaafii. Saba miti, Namni seera Umamaa isaatti deebi’ee yaaduun gabronfattootaaf dhukkuba. Rakkoon addunyaa kana gara badiinsaatti geessaa jiru isa kana. Umama kee dhiisii, addunyaa ani si uume keessa jiraadhuu !!!
Qabsoon Oromoo Seera Umamaa kana keessatti haalaan hammatamaadhaa. Oromoon Mirgaa Abbaa Biyyummaa isaaf falmataa jiraa yennaa jennuu, Seera Umama isaa deeffachuuf falmataa jechuudhaa. Kana gadi jabeessinee itti amanu barbaachisa. Biyyaa fi Mirga addunyaan ofiif jettee uumtee kanaan buluuf ifaajjaa jirra taanaan fagoo hin geenyu. Ittillee hin milkoofnuu. Oromiyaa fi seera addunyaa kana baadhannee jiraachuun gonkumaa hin dandeenyu. Maaliif jennaan hammayyummaan addunyaan kun itti jirtuu, ka seerri Umamaa itti guutuu miti. Ka seerri umamaa itti cabuudhaa. Oromoo ta’uu fi Oromoo ta’uuf yaaluun garaagarummaa hedduu qaba. Qabsoon Oromoo jabaachaa dhufu waliin seerri Umamaa keenya jabaachaa deemuu waliin maaliif walitti qabataa jira? jennee of gaafachuun barbaachisaadhaa. Saba miti namni osoo of hin beekiin bilisummaaf falmuu hin jiru. Of beekuu jechuun, waan waaqayyoo waliin nu uumee deeffachuu jechuudhaa. Bilisummaa inni dhugaa isa kanadha. Kaabbaa Addunyaa ofiifuu hin tollee uffannee Bilisummaa Oromoo eeggachuun of gawwamsuudhaa. Bilisummaa Daangaa fi of tuulummaa qofaa gonkumaa hin hawwiinaa. Wareegama ulfaataa baasaa waan jirruuf, waan Wareegama baasaa jiruuf qixxee Bilisummaa guutuu argachuu qabnaa. Bilisummaa guutuun Seera Umama ofitti deebi’anii Oromoo isa dhugaa ta’uu jechuudhaa. Warri qaweeoo qofaan Bilisoomanii qawween jiraachaa jiran, duubini isaanii tolaa miti. Qormaata eenyummaa ofii isa dhugaatu gaaf tokko keessaa dhikkifatee rakkoo biraa itti fida. Bilisummaan Afriikaa Kibbaa dhukkuba kanaan miidhamuutuu yeroo itti fudhataa jira.
Kanaaf midhaan facaafneef lafa nu barbaachisa. Akaksuma Bilisummaa keenyaaf Saba Bilisummaa fudhatee Bilisummaa biqilchee seera Umamaa firii sabasaaf argamsiisuu nu barbaachisa.Midhaan facaafnee akka firii gaarii nuu kennuuf waan umamaan guutamuufii qabu akkuma guunnuuf, Bilisummaa keenya isa dhugaa fi Oromoo Oromoo urgaa’uu argachuuf, Seera Umamaa keenya kabachiifachaa ittiin jiraachuuf murteeffachuunis hedduu murteessaadhaa. Bilisummaan keenya firii waan facaafannu irraa eeggannuudhaa. Midhaan facaafannee firii barbaannu amma nuuf kennuutti eeguuf, Seerri uumaan kaa’ee eeguun dirqama.akkasuma adeemsa Bilisummaa keenyatti deemnuuf, waan guutamuu qabuu guuttachuu fi yeroo Bilisummaa sanii abdiin eeggachuun murteessaadhaa. Namoonni akka dhuunfaattis ta’uu akka sabaatti ykn akka gareetti, wanni abdii ittiin kutatan isa kana. Oromoon Bilisummaa isaa gonfachuun Seera Umamaati. Maaliif jennaan Seeruma Umamaa kanaan Umamee waan ta’eef. Walabummaa Umamaa qabuun jiraachuuf diinaan cabuu qofaa osoo hin taanee, irra jireessaan Tokkummaa Umamaa dhabuu isaan ta’uu beekuun barbaachisaadhaa. Tokkummaan Oromoo kun dhiigumaan qofaa ka dhugoomu miti. Seera Umamaa hundee keenyaa sana amanani fudhachuun dhufa.
Bilisummaan Oromoo Tokkummaa Oromoo boodaan jira.Tokkummaan Oromoo ammoo Seera Umamaa Oromoon duuba jira. Kaleessa Tokkummaa Oromoo nuuti hawwaa ture, Seera Umamaa guutuun duuba akka jiru, waan Seera Umamaa keenya deeffachaa jirru fi Tokkummaa fi waliif yaaduu Oromoo har’aa keessatti arguu dandeenya. Hundeen keenya Umama keenya kanan jedheef kanaafii. Kun dhugaadhaa. Waan facaafannuu ka haammannu, qawwee qabaannee waan lolleef qofaa miti. Qawwee qabaanneef waan yeroo isaa hin taaneetti fiignaanis, midhaan hin bilchaatiin haammachuun tokko ta’aa. Qawwee hawwiina yoo ta’ee yeroo isaa malee kaasuutti fiignaan, midhaan firii irraa argachuuf facaafnee san osoo hin geenyee seera Umamaa cabsinee haammachuu fi kasaarutti deemna. Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo kana Bilisummaa warra kaaniin wal bira qabnee ilaallaa taanaan hedduu dogoggoraa jirra. Walabummaan Oromoo kun haala addunyaa xaxamaa kana keessa ta’uun isaa haalaan Ulfaataadhaa. Gama tokkon ammo addunyaan kun furmaata waaraa argamsiisuu falli tokkichi jiru seera Umamaatti deebi’uun ala furmaata waan hin qabaanneef , furmaata waaraa kana keessatti tokko kan Oromoon eegaluu ta’aa. Kun ammo abdii Oromoo qofaa osoo hin taanee, yoo xiqqaatee kan Afriikaa ta’aa.
Hundeen dhukkuba addunyaa kanaa, Seera Umamaa cabsuudhaa. Kana karaa Amantiis ta’ee saayinisiis tokko lama jennee lafa kaa’uu dandeenya. Oromoon Gabrummaa Namaa jala jiraachuu caalaa kan isa miidhuu, Umama isaa dhabuudhaa. Akka namaatti jiraachuudhaa. Addunyaa lubbuun ka jirtu kana keessaa of dhabuudhaa. Ani Oromoodhaa! jedhee addunyaatti himachuu dhabuudhaa. Dhukkubii fi dhibeen keenya guddaa kanaadhaa. Kana gonkumaa diinnii fi addunyaan kun nu hubachuu hin dandeessuu. Jechii gabrummaa jettu kun golgaadhaa. Nama ta’anii dhalatanii nama ta’uu dhibuutu nama miidha. Of dhabuutuu nama miidhaa. of Wallaalanii warra gabroomsaa waliin dhiiga ofii fixuutu nama dhukkuba. Kun hundii Umama ofiin ala ta’uudhaa. Namni gaafa of dhabee diina waliin dhaabbata. Dantaa fi wallaalummaa qofaa miti. Hundeen of dhaban. Warri of dhabee kun diinaan adda miti. Yeroo keessa barachuu dadhabnaan inumaa diinaan olii. Obsi keenya miidhaa nura ga’uun ka jijjiiramuu ta’uu hin qabu. Diinni obsa fixannee tarkaanfii hin taaneetti seennee akka cabnuu barbaada. Kiyyoo kana seenuu hin qabnu. Qabatamaatti waan galmeeffachaa jirrutu jira. Kutaa 2ffaatti itti deebi’aa.
HORAA BULAA !!!!!!!!
No comments:
Post a Comment