Waamicha Qabsoo Bifa Haaraadhaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kan Yaame Fakkeessamee Ibsi Naannessamaa Jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kan Bahe Miti.

Ijoo Dubbii – ABO (SBO/VOL – Bitootessa 01, 2018)- Gurraandhala 28,2018 irraa qabee “Waamicha Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa” jedhu media hawaasaa gara garaa irratti faca’uun mul’ateera. Akka barruu maqaa yaamicha qabsoo jedhuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo maqaa dhahatee faca’e kanaatti Labsii Yeroo Muddamaa wayyaaneen labse, kan parlaamaan sirnichaa guyyaa boruu murtii itti kenna jedhamee dubbatamuun walqabatuu dha.
Wanni hubatamuu qabu waamichi qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo amma bifa haaraan dabarse kan hin jirre ta’uu fi maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon ibsa kana kan facaase mootummaa wayyaanee fi caasaa tika isaa ta’uun hubatamuu feesisa. Kunis mirkanaawee jira.

Sirnichii fi qaamotni tikaa wayyaanee maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin qabeenya nama dhuunfaa irratti miidhaa dhaqqabsiisuun achii as deebi’anii Qeerroo Bilisummaa maqaa bal’eessuu fi lammiilee irratti yakka raawwataa jiran daran hammeesuudhaaf karoorfatanii, darbees labsii yeroo muddamaa kanaan walqabsiisanii karoora lafa kaawwatan ittiin milkeessatuuf ta’uu odeessi gahaan argamee jira.
Sanas ta’e kana Waamicha Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa jechuun kan amma dhihaate kun jaarmaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kan hin waamamne ta’uun beekamuu akka qabu ABOn ni hubachiisa.
Caalaatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsa Fincila ilaalu kan dhihoo logo isaanii qabatee bahee as kan biraa akka hin baafne hubachiisanii jiran. Kanaaf jecha ummataa fi deeggartootni eeggannoo gochuun labsuma Qeerroo dhihoo logo qabatee bahe qofa akka hordofan yaadachiifna.
Injifatnoo Umamta Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

No comments:

Post a Comment