Ibsa Ejjennoo Qeerroo Dambi Doolloo

Adoolessa 24, 2018 | Qeerroo Dambi Doolloo Irraa

Haala yeroo irratti Waggoota 150 oliif uummatni Oromoo qabsoo sirna cunqursaa fi garbummaa ofirraa finciluuf hanga guyyaa har’aatti aarsaa ulfaataa gumaachaa as gaheera. Ta’us sirni abbaa Irree kun bifaa fi kallattii adda addaan nuurratti jijjiiramaa har’a gahee jira. Keessuma yeroo ammaa Oromiyaa gara Lixaa irratti ajjeechaan, reebichi, saamichii fi arrabsoon gadheen uummata keenya dararaa jira. 
Deddeebiidhaanis reeffa keenya awwaallachaa, madoo keenya suphaa obsa fixannaa keessa seennee jirra. Gocha duguuggaa sanyii nuurratti raawwatamaa jiru kana balaaleffachuuf Uummatni D/Doolloo guyyaa 19/11/2010- 22/11/2010 ykn 26/07/2018-29/07/2018 tti guyyoota 4 (afur) walitti aanan sirna Laguu Gabaa (market boycott) geggeessuuf qophii xumuree jira. Kanaaf aanoleen Godina keenyaa, godinaaleen ollaa keenyaa fi guutummaan oromiyaa deggersa Lubbuu darbu ni mormina jedhuuf akka nu cina hiriirtan waamicha isiniif taasifna.


Qabxiilee Mormii kanaaf Bu’uura ta’an:-
  1. Oromiyaa keessatti qaamni mootummaan hidhachiise hawwaasa nagaa ajjeesuu irraa akka of qusatu.
  2. Labsii yeroo muddamaa beekamtii hin qabneen hawwaasa jireenyaaf fiigu ajjeesuu, reebuu, saamuun haa dhaabbatu
  3. Maqaa ABO fi WBO deeggartu jedhuun hawwaasa nagaa miidhuun haa dhaabbatu
  4. Faajjii ykn Alaabaa Lubbuu, Lafee fi Dhiigni safara hin qabne itti badeef mararsiifannaa sabni agarsiifatuuf hawwaasa dararuun haa dhaabbatu
  5. Waajjiraalee fi mana nama dhuunfaa seenuun doorsisuu fi qabeenya saamuun haa dhaabbatu
  6. Ta’e jedhanii hawwaasa sodaachisuuf boombii nama nagaatti darbachuu fi dhukaasa naasisaa magaalaa keessatti deddeebisanii dhukaasuun dirree waraanaa fakkeessuu
  7. Qaamni madaa’e fi miidhame qor-qalbiif dinagdeen akka miidhamuuf maqaa Rifeerii jedhuun dararuun nurraa haa dhaabbatu.
Qabxii sirreeffammanii fi Beekamuu qaban.
1. Oromoon akkasumas hawwaasni D/Doolloo kaleessas, har’as ABO dha. WBO cinaa ni dhaabbatna.”

No comments:

Post a Comment