Namni Saba isaaf qabsawwuu badhaasa argachuuf ykn bilisummaa booda qananiin jiraachuuf miti. Qabsawwan rakkinna, gadadoo, cunqursaa fi hiyumaa saba isaa irratti wal furaa jiru irraa qolachuuf humna, qabaeenyaa fi lubbuu isaa nama dabrsee kennuuf murateefate dha. Seenaa qabsoo bilisummaa Uuummata Oromoo keessatti gotowwaan Oromoo jiruu fi jireenya isaanii dhiisanii utuu qabsoo saba isanii tarkaanfachiisanii wareegaman kumaatamaan qabna. Kan harka diinaatti kufanii waxxalamaa fi mana hidhaa keessatti bara dheeraa dararmaa turanis hedduu dha.
Karaa biraa namoonni tokko tokko foon diimaa fi adii filanii murachaa, bookkaa fi wuskii unachaa akka uummata isaaniif qabsawwaa jiran yaroo dubbatan dhaga’uun gura nama dhukkubsa. Qabsawwan akka buutii bokokee hin deemu. Ija mukaa nyaatee uummata isaa wajjin kufee kaa’ee qabsoo saba isaa galmaan gahuuf qabsawwa. Namoonni tokko tokko qaanii tokko malee waan uummata Oromoof dhaabbatan of fakkeessaan yaroo uummata dhumaa jirutti qoosan arguun baayyee nama gadisiisa. Jijjirama haawwasaa keessatti dhufuuf namni hunduu gahaa mataa isaa ni qaba. Kaan jijjirama dura dhaabbata. Kaan humna jabaate wajjin hariiroo gala. Kaan dhiiga isaa lolaasee jijjirmni akka saba isaaf dhufu qabsawwa. Kaan immoo kan dhiiga nama biraan as gahe irraa butatee kan ofii godhachuuf mala dha’ata. Waan eenyummaa nama tokko mirkaneessu jijjiramne argame uummata sana rakkoo fi gidiraa keessaa baasuuf hojii hojjetamu dha.
Waggaa 27 darban kana OPDOn akka ijaarsatti TPLF wajjin taatee ilmaan Oromoo fi Oromiyaa irratti cubbuu himame hin dhumne dhalaguu ishee seenaaf dhiifna. Kan ilmaan Oromoo adda duraan addamsee ajjeesuu fi ajjeessisu, hidhuu fi hiisisu, saamuu fi saamsisu OPDO akka tahe namoota hidhadha bahan dhageefachuun ni gaha. Waggaa arfan darban kana keessa dhiigni ilmaan Oromoo haqaa ofii falmachuuf dhangala’ee tureen mootummaa EPRDF caccabu danda’eera. Mootummaan EPRDF olaantummaa TPLFiin hooggannamuu kufee Mootummaan EPRDF olaantummaa OPDOn bakka bu’ee jira. OPDOn olaantummaa kana kan argate qabsoo ofii gooteen immoo qabsoo Uummatni Oromoo godheen? gaaffii jedhuuf deebiin isaa ifa jira. Jijjirama kana kan fide dhiiga qeerroo fi qarree Oromoo akka tahe OPDOn iyyuu waan haaltu hin se’u.
Har’a garuu namooni qara fakkaatan gara aangoo olaanaa dhufuudhaan haala waliindhaa uumanii jijjirama dhiiga uummataan argamee kan mataa isaanii gochuuf yaalaa jiraachuun isanii baayyee nama yaaddessa. Warri kun kaleessa eessa akka turani uummatni isaan beeka. Ergamtoota TPLF warra uummata garaa jabeenyaan fixxaa ture. Har’a carraa argatan kanaan uummata isaaii wajjin dhaabbatanii cubbuu isaanii isa darbe of irraa dhiquu dhiisanii hameenya caalu uummata isaanii irratti hojjechaa jiru. Afaaniin uummata keenya jaallannu jechaa hojiin uummata wajjin dhaabbachuu irraa sirna EPRDF uummatni jibbee of irraa darbe deebisanii itti haguguuf shira xaxaa jiru. “Addurreen keessa bineesa “ akkuma jedhan OPDOnis isuma durii sana akka taate of muli’saa jirti.
Keessattuu Obbo Lamma Magarsaa prezedantiin naannoo Oromiyaa“ goofataan koo Uummata Oromoo ti” jechaa sanyiin Uummatni Oromoo akka lafa dugugamee baduu gochaa jira. Warri seenaa qoratan bara Minilik walkaan Uummata Oromoo akka dhume kaasu. Bara bitaa Obbo Lamma waan Uummatni Oromoo baayyateef amma kan Minilki illee yoo hin taane kumaatamni hedduun akka dumee fi dhumaa jiru ifa jira. Dhumaatii Ummata Oromoo Haroo Arsdii, kan Hammareessa, kan Colonqoo Lammaffaa, kan Boranaa fi kan hafan yaroo dhumaatiin kun tahu kaaseen jira.
Kan waraanni Wayyaanee fi OPDOn seeraa fi heera malee akka ilmaan bineesaa qalaa olanii fi mana hidhaa keessatti tumanii ajjeessan yoo dabalatu dhumaatiin kun ni baayyata. Har’a yaroo olaantummaan TPLF kan OPDOn bakka buu’ee jiru kana maaliif ajjeechaan Uummata Oromoo akka hin dhaabbannee naamaaf hin galu. Oromoo ajjeesuun ykn ajjeesisuun jaala Oromoo hin agrsiisu. Waan deemaa jiru gara gaaffii guddaa nu geessaa jira. Afaaniin Oromoo jaalanna haa jedhan malee warri kun kaayyoo isaanii ganamaa kan TPLF Uummata oromoo ittiin cabsuuf ijaartee qabatanii deemaa jiruu? Akka haala qabatmaan aga ru yoo tahe TPLF suuta suuta of jalaa achi dhiibaa Uummatni Oromoo akka mila isaanii jalati jilbeefatu gochuuf yaalaa jiru. Bakka TPLF illee of tuultota nafxanyaa buufachuuf waan deeman fakkaatu.
Akeekni isaanii of tuultota Amhaara Uummata Oromoo irratti kakaasuun uummata Oromoo cabsanii Itoophiyaa tokkoomte ijaranii kaayyoo Miniliki bakkaan gahuuf dhamaa jiru. Of tultoonni Amhaaraa meeshaa isaan godhachuuf wajjin sirbaa jiru malee jaalala OPDO qabatanii akka taane ammuma hubachuu qabu. Yoo didaniis akkuma Goobana Daacee summii dhuganii salpinaan gageefamu. Ani illee warri kun ilmaan Oromoo OPDO keessa qara tahan jedhee yaadaan ture. Waanan dongongore natti fakkaata. Warri kun utuu qara tahanii uummata dhiiga isaa dhangalaasee asiin isaan gahe wajjin dhaabbatanii humna eenyu iyyuu cabsuu hin dandeenye ijaarachuu danda’u ture. Ayyaan ilaalatootuu waan tahan fakkaatu. Harcaatu ilmaan nafaxanyaa gara siyaasaa Itoophiyaa fiduun biyyaa ijaaruuf utuu hin taane biyya sana gargar ciruuf sababa guddaa akka tahu arguuf deemu. Jijjiramni ABO fi Uummata Oromoo hin ammatne Oromiyaa keessatti tahe biyyaa Impaayeera Itoophiyyaa keessatti tasgabii fi nageenya fiduu hin danda’u. Haalla kana jala muranii hubachuu qabu. ABO wajjin haraara buusanii waliin hojjechuun nagaan biyya keenya duwwaa utuu hin taane gaafa Afrikaa darbee ni gargaara.
ABO abaaraa fi waraana irratti labsaa nagaa biyya sana keessatti fidna jedhanii yaaduun abjuu dha. ABO jechuun Uummata Oromoo akka thae hubachuu qabu. Olollaa fi shiraa barbaadan yoo hojjetan ABO fi Uummata Oromoo gargar baasuun tasa hin danda’u. “Salphoon amma lama irra ejjetu nama irra ejjetti” jedhan. Yaada namoota salphoo tokko tokko irraa fudhatanii karaa fugisoo irraa deemanii uummataa fi biyyaa irrattti gaaga’ama dhuufu itti gaafatamuu irraa of olchuun bareedaa natti fakkaata. Fakkeenyaa of Dr Abiyi fi azmaarichi Teedii Afroo jedhan Minilikiin faarsuu irratti yaada tokko qabu. Garuu keessummaa isaa Isiyaas Afewerqii azamaarichi akka sirbu gaafatamme, sirbuu dhiisee Isiyaasiin “Ayyaana Aabootii keenya kan Minilikii fi kan Haayile Silaase fi… guyyaa kana si fidee” jedhe. Waan balleesse hin qabu. Isiyaas Afewerqiis akka Dr. Abiyi Minilikii fi Haayile Silaasee jaalatee kan gagabaa jiru se’a. Ammaan an beeku garuu qabsawwan Eritrea Isiyaasiin dabalatee Minilikii garbummaatti meeshaaf akka isaan gurguratee fi Haayilee Silaaseen immoo federshinii isaanii balleesse Eritrea bitaa kutaa Itoophiyaa keessa tokko nama godhe waan taheef lamaanuu baayyee balaalefachaa turan. Haalli kun lamaan handurra qabsoo bilisummaa Ummata Eritrea ture. Nama walaalaa wajjin dantaa xixxiqaaf hiriira galuun dhumni isaa salphina kana fakkaatu fida.
Artist Haacaaluu Hundeessaa uummata isaa dhumaa jiruu sagalee hin qabneef waan sagalee tahee akka dirmaatamuuf iyyateef warraa oftultota Amhaaraa balaalefachaa jiru. Kana malee isa reebuuf illee akka itti aggamanii jiran oduu deemaa jiru namani hin dhageenye jira natti hin fakkaatu. Ummatni keenya Tigree fi Amhaaraa wal jalaa booda keessumsuuf dirqama qaba jechuu fakkaata. Mootummaan Amhaari gaafa quufate kufee Mootummaan Tigreetu itti darbee aangoo Mootummaa Amhaaraa irraa fudhatee uummata keenya bita. Gaafa dhiiga ilmaan isaan Uummatni Oromoo Mootummaa Tigree gatittii isaa irraa darbu immoo Mootummaa Amharatu dhufee nu dhaanuuf sirbaa jira. Haala kana warri mijjeessaaf jiru ilmaan Oromoo warra suusii Itophiyaa qabna jedhanii fi warra akeeka Miniliki bakkaan geenya jedhu akka tahee uummatni keenya bareechee hubachuu qaba. Warri kun abdii qullaa kan abjuun malee dhugaan mul’achuu hin dandeenye kennuufiidhaan akka isaan bal’aa dhumnisaa naannoo sanatti fidan gochissisaa jiru. Xiqqaa fi guddaaf kan ifa tahuuf qabu Uummatni Oromoo lammaffaa eenyuufuu hin garboomu humnaanis taatu sossobni. Kanaafuu utuu jeequmsa biraa keessa hin galiin wal taanee akkaataa itti uummata keenyaa bal’aa caalu irraa olshuu dandeenyu irratti haa hojjennu.
Gadaan Gadaa Bilisummaa TI!
Injifannoo Uummata Oromoof!
No comments:
Post a Comment