Shiftaa

Adoolessa 07, 2019 | Tolcha Wagi Irraa

Sirna fi haccucaa bulchiinsa empayeera Itoophiyaa jalaa, of baasuuf kanneen Qawwee qabatan falmaa turan hundi isaanii, hoggantootafi deeggartoota isaanii biratti ” Shiftaa ” jedhaame kan maqaan itti hin moggaafamiin hin jiru.

Agaarii Tulluu

Miseensa WMT kan ture, Agaarii Tulluu raayyaa waraana mootchaa keessaa, Qawwee fudhaatee mirga Oromoof falmaa yeroo ture, amma harka isaanii bu’ee obboolaa isaa lamaan, Jimaa Tulluu fi Irkoo Tulluu waliin fannifaame ajjefaamuutti maqaadhuma ” Shiftaa ” jedhamu kanaan wamaa turan.
Qabsoo Baalee

Bara Qabsa’ooni Baalee Sirna Nafixaannyaa of irraa darbuuf lolaa turaan maqaan kennaameef, maqaa biraa hin turre. ” የባሌ ሽፍቶች ” jechaa turan.
Hasan Amee

Finciilli Oromoota Walloo, naannoo Dawweetti hogganummaa Hasan Ameetiin gaggefaame, mootchatti yaaddoo waan itti ta’eef akkuma amaala isaanii, jaarsummaa Hajii Dullaattiitiin, harka kennisisaanii Wadaaroodhan amma fannifamaanii ajjefamaanitti maqaadhuma "Shiftaa" jedhu kanaan wamaa turan.
General Taddasaa Birruu
Koloneel Hailuu Raggasaa
Daj. Kabbadaa Buzunaash
Mejer. Abbabaa G/Marian
Obbo Takilluu Tasammaa
Qabsa’ooni maqaan isaanii armaan ol jiran kun hundi isaanii, mirga fi abbaa biyyummaa ummata oromoo dhugoomsuuf bosona Meetta Roobiitti yeroo bahan maqaan kennameef maqaadhuma "Shiftaa" jedhamu kana ture.
OPDO

OPDO fi dabbalooni isaanii kanneen isaan dura, aangoo irra turan jechaa turan, irraa deebi’aanii jechuun salphiina yoo ta’e malee kabajaa isaanitti hin horu.
Hawwii Ithoophiyaa ijaaruuf jecha Qabsa’oota sabaatiin “Shiftaa” jechuun doofummaa dha

No comments:

Post a Comment