Ibsa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO/ULFO) irraa kanname

Ibsa: Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa(THBO/ULFO) irraa kanname: Imaammataa fi weerara Shanyi Duguggaa Addi Bilisummaa Ummata Tigree(ABUT/TPLF) fi kittillayyoonni isaani Ummata Oromo Bahaa fi Kibba qubatu irratti bane ilaalchisee.
Birraa 10, 2017
Addi Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT/TPLF) impaayera xoophiyaa irreen walitti qabattee bara dheeraaf if jala bulchuuf akka karoorfattee aangoo siyaasaa biyyattii qabatuun beekkamaa dha. Akeeka wayyaanee kana hanqisee waaqatti kan galchuu danda’u, baayyina ummataa, qabeenya lafaa fi gootummaas dabalatee ummata Oromiyaa akka tahe wayyaaneen sirritti beeka. Shiftoonni(TPLF) kun eega aangoo siyaasaa dhunfatee jalqabee imaammata saba Oromo guddaa xiqqa deebisuu fi biyya Oromo balloo fi badhaatu sablammootaa ciree kannuu eega itti fufe bubbulee jira. Imaammata shiraa fi dabaan guutame kana ummanni Oromiyaa ittisaa fi wareegama barbaachisu baasee, baasaa falmachaa jira. Wayyaanoonni kittillayyoota isaa (Liyu Police) haga fedhe garaa isaani guutee leenjisuus biyya Oromootiin qabsiisaan ifiif boolla qotataa akka jiru asumaan hubachiifna. Boolla TPLF fi Liyu Police itti awwaalaman baanna!

Caalaa Bultumee- QOPHII KAAYYOO waliin

         

አባይ ፀሀዬ 12 ልጆቹን ወደ American አሸሸ

             

SQ: Sagalee Qeerroo Biliummaa Oromo, Fulbaana 8, 2017

             

Madda Olola Farreen Qabsoo Oromoo fi Karoora Isaani

Fulbaana 10, 2017 | Omsy John irraa


Seensa
Uummani cunqurfamee kamuu cunqursaa jalaa bahuuf falmachuun haqaa turee fi jiru dha. Fuuldurattis, haga cunqursaan jiruti itti fufa. Kuni mirga namuu dhalootan qabu. Seenarra akka hubannutti biyyi kamuu, yeroo fi bifti isaa adda adda haata’u malee, falmii kana keessa darbanii ijaaramani. Carraan uummataa Oromoo fi Oromiyaas kanaraa adda hin tahu.

“KORRI SABAA” GAGGEEFFAMEE KAN “ABO”TI !!------- Kutaa 1ffaa

Fulbaana 03, 2017 | SEENAA Y.G(2005) | Kutaa 1 ffaa

Korri sabaa ABO 4ffaan milkiin xumuramuu isaatti gammachuun kiyya dachaadhaa. Ilmaan Oromoo Biyya keessaa fi alaa dhaaba waa hundaa dandamatee sadarkaa kanarra ga’ee jiruuf gammachuu fi Injifannoo akka hawwan shakkii tokkollee hin qabu. Dhugaan tokko jira. ABOn Kora kana gaggeesseuuf qofawareegama GAMA HUNDAAhin kafalle. Komee irraa of ittisuuf jedhee  qophii waggaa 2 olii fi Dinagdee ol aanaas akka hin ramadinee beekamaadhaa. Korri kun yeroo kanatti gaggeeffamuun murtee dhaabichaati. Yeroo itti gaggeeffatee kanatti itti amaneeti. Dhaabni kun Kora kana gaggeeffachuu qofa osoo hin taanee, Kora kana booda maal gochuu qabnaa fi Ummatatti maal fudhannee baana ?jedaniilleeakka irratti hojjatan beekuun wal kabajuuf tola. beekuunis barbaachisaadhaa. Kun amma raawwateera. Murteelee fi qophiilee barbaadamuu hojiitti hiikuun eegalameera. Maaliif jennaan haalli siyaasa Oromoo irra jiru sadarkaa murteessaa fi ifaa irra waan jiruuf. Hanqinnis jiraannaan, dhaaboota siyaasaa addunya irraa adda kan isaan taasisuu hin jiru.kana qalbifachuun dansaadhaa.

Dammaqi itti fufii!!!--- Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Fulbaana 02, 2017 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa

Eenyummaa kee bari, ofii of gaafadhu,
Bakka yaadde gahuuf, obsa boraafadhu,
Deemaan si hin daddaaysin, hamilee horadhu,
Nama osoo hin taane, uumaa kee sodaadhu,
Harka namaa hin eegin, uumaa kee kadhadhu,
Namatti hin maxxanin, of ta'ii jiraadhu,
Garaaf hin jiraatin, lammii keef dhaabbadhu,
Badii fi gaarii kee hundumaa yaadadhu,
Dhugaan nama taatu, badiirraa baradhu,
Gaarii kee galmeessi, jabeessii qabadhu,
Ciiftee nama hin eegin, fuulduratti kaadhu,
Yeroo keetti hin qoosin, hojiirra oolfadhu,
Maatiin kee kafanaa, tolchii kunuunfadhu,
Lammiin kee gaaddisaa, tolchii kabajadhu!!!

Hayyuu duree fi Itti aannaa Hayyuu duree ABO Kora Sabaa ABO 4ffaa irratti fialataman

Fulbaana 02, 2017 | Feesbukii Dhábasá Wakjira Gemelal Irraa


Hayyuu duree ABO
Ob Daawud Ibsaa Ayyaanaa, Hayyuduree Adda Bilisummaa Oromoo.
Obboo Daaud Ibsaa bara 1952 Oromiyaa lixa-kaabaa, Horroo Guduruu, Abunaatti dhalate. 

BREAKING NEWS: ANOTHER HEAVY DEATH TOLL FROM A CONFLICT IN EASTERN ETHIOPIA

September 02, 2017 |Addis Standard, Addis Abeba, September 01/2017

Intense fighting between the Ethiopian Somali and the Oromo ethnic groups in the eastern Ethiopia has left “more than 30 people”, including “more than a dozen army members”, dead and several others injured, Addis Standard learned.

WBO Zooni Kibaa

Fulbaana 01, 2017

“….iddoon jirru bullee horraadha magaalaa magaalaa tana hanga ta’e isin barsiisuf yaadus yoo dhaqxanii argitan wayya jedheen hanguman kutaa duratirratti isinitti himeen bira dabra.
Imalli keeyna gara magaalaa mooyaaleeti ganama yoo baatan malee konkolaataa moyaalee deemu hin argattan.sababasaa qulqulleeffadhee beekuu baadhus sa’aa tokko yoo ta’e konkolaataa sirrichaan moyaalee deemu argachuun mamii guddaadha. Garuu kukkuttanii deemu ni dandeessu bullee horaarraa Yaa’a balloo yaa’a balloorraa Meeggaa meeggarraammoo Mooyaalee ni argarttu.