ESAT, SUMMII UMMATOOTAAF TOLFAMEDHA ! - Kutaa 2ffaa

Y.G(2005)*

Ginbot 7, dhuma irratti bifa maalii qabatee qabsoo isaa itti fufu akka yaade isaanumaaf dhiifnus, Kaayyoo isaa, isaaf qofaa itti tolu milkeeffachuuf jedhee shiroota summiin gutamaniin nama faalu barbaade, wayyaanee irraa adda taasisanii ilaaluun gonkumaa hin danda’amu. Obsi daangaa qaba. Of tuulummaan isaanii addatti Gaazexessitoota isaanii irraa mul’atu fi, haasaan guyyuu irra deddeebi’amee dubbatamu, AMAARIFFAAN “ Andaand Natsaa awuciwochi nan baayochi”  “ Hagar inganaxilaallan baayochi”  "Etiyophiyaawwii ayidallanim baayochi ”  siyaasa siree irra baasanii  “yetawaladan hizib malayayat yemmifalliguu ye hassaab dahawochi”  jechurra ga’uunn isaanii, ofittummaa isaanii ifatti kan nutti mul’isuu fi hangam nu tuffachaa akka jiran nu huabchiisa. Adeemsi kun ammoo gonkumaa Biyya sana miti, Biyya alaa jiranittu furmaata argamsiisuu hin danda’u.

Humni akka mucaa daa’imu fixatee dhaabbachuuf bititiraa jiru ta’u kun Immiyyee Itoophiyaa, Lazalaalam tinur jechaa, waan silaa bara baraaf ishee jiraachisu hojjachuu irra, summii siyaasaa anatu siif beekaan Biyyatti boolla hamaatti oofaa akka jiran odoo huabatanii dansaa ta’a.

Kaayyoon isaanii adda duraa maalii ?

Kaayyoon isaanii adda duraa, sirna Ahaadaawwii deebisuudha. AFAAN TOKKO, BIYYA TOKKO kan jedhu. Kana dhugeessuuf, dhaloota har’aa illee of cinaa hiriirfachuu hin barbaadan. Saboota cunqurfamoo keyyata 39 deeggaran ofitti dabaluu hin fedhan. Qooqa Ummata wayyabaa ta’ulle, qooqa isaanii cinaa akka dhaabbatu hin fedhan. Kana ibsachuuf ammoo AMAAREFFAAN, ” baquwaanquwa layi yetamasaratachi hagar ayibajanim” jedhu. Kanaaf karaa kamiinu sirna Fedaraalizimii jedhamu hin fudhatan. Sirnoota akka Dargiin achitti jiran barbaadu. OPDOnni Ginbooti, Ilaalcha kana waliin akkamiin akka hiriiran rabbitu beeka. Maaliif yoo jedhame, OPDO wayyaaneen gadi ta’uuf deeman. Oromoo, Oromiyaa isaa irraa fi Qooqa Oromoon hin hojjannee fi hin baranne umuuf deeman waan ta’eef. Sagantaa ykn haasaa hololaa keessatti kana inuma lallaban. Garuu hojiidhaan ykn Angoo of harka galfachuun booda, gonkumaa hojii irra akka hin olchine haqa ifa jiruudha. Walii gala akeeki sochii GINBOT FI ESAT, humnoota tokkummaa Itoophiyaa diigan dhabamsiisuu jedha.

Kana waan qabatamaan mirkaneessuuf , akka jabbii quuftee Maallaqa warra adiin, kaayyoo warra adii milkeessuuf leenji’aa kan ture Namni TAAMMAANYI BAYYANA jedhamu, galii ESATif walitti qabuuf Afriikaa Kibbaa dhaqee kan dubbate dhiheessun gaarii ta’a. Qooqa keenyatti hiikeen isinitti hima. “Itoophiyaan Biyya Habashootaatii. kan eenyullee miti. (Warra kushi hin ilaalu jechuudhaa hubadhaa) waggaa 3000f qooqa tokko kan dubbattu. Seenaa tokko kan qabdu. Biyya gootootaa, Biyya minilik ijaare, H/Sillaaseen Afriikaatti beeksise, mankaraasistootaa fi leellistoota sabummaan hin diigamtu! Bilisa baastootaan hin diigamtu. Itoophiyummaa malee sabummaa hin beeknu ! Daangaan nu giddu diigdootaan ijaarame ni diignaa !” jedhee itti fufe. SUMMIIN UMMATOOTAAF TOLFAME TOKKO JEDHAA.  !!!!

Wal ga’ii Ameerikaatti gaggeeffatan irratti, Taammaanyi akka tasaa waltajjii irraa bu’ee Dr.Biraanu Naggaa galagalchuu barbaadu, OPDOn GINBOT 7 bakka argamanitti ammoo kan jedhan isiniif haa dabalu.Hiikkaa  isaa “beektoota siyaasaa Oromoo warri ofiin jedhan, Bara Dargii fi H/Sillaasee, Amaaraatu nu miidhe jedhu. Garu, Mangistuun Haati Oromoodha. H/Sillaaseen Oromoodha. Maarree nuuti akkamiin isaan miine? bara minilikis Amaaratu nu miidhe jedhu. Miniliki eenyu ? kanaaf yaakki jiraates qooddachuu qabna”  jedhee Ummata yeroo sana sabummaa isaan qofa dhumetti qoose. SUMMIIN TUFFIIN GUUTAME KANA CAALU JIRAA? Kana irra wanni nama gaddisisu, kolfaa fi harka rukuttaa isa boodaa keessatti OPDOn Ginbo 7 sagalee guddaa qabachuu isaaniti.

Ragaa torban tokko dura ESATin dabre tokko isiniif haa ida’u. Yunivarsiti Finfinneetti, dura taa’aa Damee Barnootaa fi qorannoo Qooqoota Itoophiyaa kan turan, Dr.Abrahaam Alamu, Wayyaaneen isaan ariinaan Biyya alaati ba’anii achumaan hafan. Sababaan itti ari’aman, kan isaan jedhan, “Barattoonni, qooqa Itoophiyaa, aadaan Itoophiyaa kkf. Kan jedhamu hin jiru. Biyyi kun ol aantumaa qooqa tokko  haa dhaabdu. Qooqi keenya kan Biyyooleessaa haa ta’uu ! jedhanii gaafachuu fi, obbo Abirahaamis yaadi barattoota kanaa Biyya diigaa jedhanii xalayaa waan galchaniif  ari’anu ibsu”. SUMMII SADAFFAA ..

Namni kun Qooqa Oromoon Digirii lammaffaa fudhachuu ibsee, Oromiyaa keessatti dhalatee guddachuu ibsa. Namni kun Qooqa maastarsi itti fudhate kan Biyyooleessaa yoo ta’e maal ta’a? maaliif morma ? Qooqi Oromoo kan Biyyooleessaa yoo ta’ee, akkamin Biyya diiga ? waan kan koo jedhu akkamiin gadi qabu barbaade? moo GINBOT Afaan Oromoo beekudha laata? kan kana irra caalu ammoo akkas jedhe, “Biyya kana tokkummaa ishee eegsiisuuf, Biyya sabootaa jechuu hin qabnu. Ummatoota jechuus hin qabnu. Ummata qofa jechuu qabna. UMMATA ITOOOPHIYAA MALEE, UMMATOOTA ITOOPHIYAA KAN JEDHU HIN FUDHANNUDHA. Inni sun garaagarummaa argisiisa ” jedhe. Mee obboleewwan koo, hammeenya saboota irratti hojjachu barbaadan waraabanii tamsaasuu caalaa SUMMIIN BIROO JIRAA ?????????????

Humni dhiiga haaraa akka dhangala’uuf arreedaa jiru kun, humnoota tokkummaa Itoophiyaa diigan jedhu, adda baasee keewwatee, adda durummaan kan irratti hojjatamu qabu garuu sadii lafa keewwatee jira.
  1. Dhaabbilee siyaasaa Bilisummaa Ummata isaaniif qabsaa’aa jiran, addatti ABO dhabamsiisuu ykn diiguu ,, YOO danda’ameef sagantaa isaa jijjiiree akka waliin hiriiru taasisuudha.
  2. Wayyaanee Biyya keessaas alaas dhabamsiisuu fi
  3. Kaayyoo warra isa filatee milkeessuu fi Asabiin deebisuudha.
Qabxiileen kun jibba Daargii waggaa 21 duraan wal fakkaata. Kana irratti wanni hubachuu nu barbaachisu, humni kun humnoota biraa irratti sochii taasisu kamuu mormuu odoo hin taane, sagantaa isaa lafaa qabu keessatti akkatti nu irratti qiyyaafatanii hojjachaa jiran, kaayyoo isaanii milkeessuuf jecha qabsoo keenya irratti hammeenya hojjachaa jiraachuu isaanii mul’isuuf qofaa ta’uu, akkasumas ummati oromoo waan itti deemaa jirullee hubatee akka of qopheessuuf qofaa akka ta’ee naaf hubadhaa. Kana keessaan ammoo Qabsoon Ummata keenya mirga isaa kabachiisuuf adeemsifnu keessatti sagantaa scohii keenyaa babal’ifachuun illee hedduu barbaachisaa ta’uu akka hubannuufi..    

ABO akkamiin dhabamsiisuuf ykn KAAYYOO jijjirsisu yaalaa jiran?

Tokkummaa Itoophiyaaf yaaddoo guddaan ABO dha jedha sagantaan isaanii. Kanaaf dhaaba kana dhabamsiisuu ykn kaayyoo jijjiirsiisuu kan jedhu murtii isaanii jalqabaat. Kana milkeessuuf  Qabsoo keesatti kannen walittii dallanan wal dura dhaabuuf shiroota hedduu gaggeessan. Jara kanaan dhaaba kana kaayyoo jijjiirsiisanii OPDO ofii ijaaruuf, achumaanis dhaaba kana diiganii abbaa dhabsiisuuf shira summii hamaa qabu facaasanii firii irraa dhabaniiru. Dhaabni kun wal qoodee akka laafatu taasisu keessattis qooda guddaa qaban . Namoota maallaqaan bituu fi cichitoota adamsiisuu keessatti qooda qaban. Dhuma irratti humni itti maxxanee achumaan hafe, humna kaleessa iyyuu akka dhabee qabsoo gufachiisaa ture walitti qabatee itti gale. Maqaa keessanis ABO jedhaa jedhan, warri of dada’ee jiraachuu hin dandeenye hundi itti galagale. Waan ajajaman hojjachuu waliin umame itti fufan.

Hogganoonni GINBOT 7 dhaaba kana diiguuf ykn dhabamsiisuuf murachuu fi irrattillee hojjachaa jiraachuu isaaniif ragaa guddaan ni jira. Tokko qofaa haa kaasu. Hogganoonni GINBOOT 7 hara’aa irra jireessi, Biyya alaa miti Biyya keessa osoo jiranii dhaaba kana akka gaaritti ni beekan. Kana irra dabranis, QINIJITI FI ABOn tumsa wayita tolfatan, Hogganoota dhaabaan harka wal qabanii, waliif mallatteesanii wayita turan, Hogganoota dhaabaa eenyufaa waliin akka mallatteessanii fi wal ta’an akka gaariitti ni beeku turan. Garee har’a isaaniif OPDO ta’e akka hin taanes tolchanii ni beekan. Garuu dhaaba kana dhabamsiisuun sagantaa isaanii waan ta’eef qofa, odoo beekanii haftoota seenaa walitti guuranii Biyya alaatti hololaa jiran.

Adeemsi isaanii inni biraa, dhaaba kana keessaa namoota baasuu, Ilmaan Oromoo Dargi kessa turanii fi ilaalcha isaaniin ligidaa’an walitti guuranii, keessattu dhalooti har’aa yaada keessa jiruu akka dagatuuf, karaa miidiyaa isaanii asi baasuun akka lallaban taasisaa jiraachuu irra dabranii ABOn kaayyoo isaa geeddaree jira jedhanii yakka ol aanaa nu irratti hojjachaa jiran. Wayyaaneen , OPDO ta’uun Oromoo ta’u, ABO ta’un Oromoo ta’uu miti jedhee ummati akka amanuuf, yakka seenaan namaa hin dhiifne hedduu irratti hojjatte. GINBOT 7s, tokkummaa Itoophiyaa kan deeggare oromoo ta’ee, kan hin deeggarre oromoo miti jechuuf deeman.

Kana malee Ilmaan Oromoo, ofii yaadanii murtii mataa isaanii fudhachuu akka nama hin dandeenyetti ilaalanii , namoota Oromoo ta’an , beekumsaanis ta’u waan biroon beekaman karaa miidiyaa isaanii fidanii Oromoo akka hawwatan taasiuun toftaa isaanii keessaa tokko . Intarviwuu Ilmaan oromoo waliin gaggeessan daangeessanii, gaaffilee gara kaayyoo isaanii gaggeeffachuu, waan akka isaaniif dubbatu barbaadan akka loon sogidda dura qabanii dubbachiisuuf wayita yaalan nama gaddisisu.

Walumaa galatti Ummata kana ilaalcha Bilisummaa keessaa baasuuf maallaqa kana hin jedhamne ramadanii irratti hojjachaa jiraachuu ifatti argaa jirra. Dhaaba kanaa fi miseensa, dhaaba kanaa fi Ummata adda baasuuf Biyyaa keessaa fi alatti hammeenya kana hin jedhamne gaggeessaa jiru. Biyya alaa keessatti sochii Ummata keenyaa daangeessuuf shirri wayyaanee caalu GINBOT sabaatti fi ESATin gaggeeffama jira. Keessattu dhaloota Biyya keessaa hawwachuuf, Ol aantummaa qooqa tokko fudhachiisuuf, Naannoon Oromiyaa Qooqa ummatichaan akka hin hojjannee fi hin baranneef toftaa heddu dhokataa ta’een hojjachaa jiraachuu dhaga’amaa jirra. Kunis namoota wayyaanee keessaa kaayyoo tokkummaa itoophiyaa sana barbaadaniin hojjatamaa jiraachuu odeeffannoonn milqee ba’u ni saaxila.

Egaa huabdhaa, humni maqaa oromoon dhaaba yakkamaa akkasii waliin Kaayyoo jijjiiree waliin dhaabbate kun, yakkoota gurguddoo seenaan hin dhiifneef GINBO 7f jedhee Ummata isaa irratti hojjateera.
  1. Seeraan ala Kaayyoo dhaabaa jijjire.
  2. Bara 2008 maqaa jijjiiramaan dhaaba keessaa ega of baase booda , qabsaa’oota adeemsa isaa didan hundaa ajjeeseera.
  3. Qabsaa’oota qabsoo Ummata isaaniif manaa ba’an dantaan gawwamsee wayyaaneetti harka akka laatan hojjateera.
  4. Sochii diinaa dhaaba laamsheessuu milkeessuf jecha, humni Dinagdee dhaabaa akka qisaasamu taasiseera.
  5. Tokkummaan ummatichaa haala yaaddeessaa keessa akka seenuuf halgaa sagantaa baafatee hojjatu waliin amma har’antanaatti dhaabbatee jira. Kan kana irra jiru seenaa fi yeroofan dhiisa.
Humni, summii Ummatootaa ta’e kun, hammeenya nu irratti hojjatu hanga hin dhaabnetti, hammeenya isaa kana dhaloota itti aanuf illee akka keenyu beeku qaban. Gaazexessitoonni isaanii xiinxaltoota siyaasaa of fakkeessanii qabsaa’ummaa keessaa of baasuuf deeman, holola isaanii duubaa shiraan guutame kana iggiti itti hin godhan taanaan, ummata hubachiisuun itti fufa. Dhuma irratti herreega jiruun kan miidhamu isaaniif dhiifna. Summii Wayyaaneetti facaasani fi dhiiga maqaa Asabiin dhagala’uuf deemus, isaanumaaf dhiisee, qalbii isiniif haa kennun jedha. Diyaasporaa qalbiin bades, rabbi qalbii  keessanitti isin haa deebisun jedha.

QABSOON OROMUMMAAN EEGALAMTE , OROMUMMAAN GALII ISII NI GEESSI !!!!!!!!!!!  


* Y.G(2005) – Burqaa430@gmail.com


Kutaa 1ffaa Dubbisaa 

No comments:

Post a Comment