Muddee 02,2012 | Qeerroo
Yuunivarsiitii Arbaaminc mooraa Arbaminc keessatti diddaan barattootaa
dhalate. Sabboontonti barattoota Oromoo aadaa, seenaa, duudhaa fi afoola
afaan Oromoo guddisuuf kutatan Fiilmiin Afaan Oromoo HANDARII jedhamu
kan Zannabaa Warquun barreeffame akka mooraa keessatti ilaalamu
gaafatanii fiilmiin kun mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc gahee booda
Pirezedaantiin mooraa kanaa Dr. Fallaqaa W/Yas jedhamu poolisoota mooraa
kanaa waamuun barreessaa fiilmii kanaa Zannabaa Warquu hiisise. Fiilmiin
kunis mooraa yuunivarsiitii keessatti akka hin ilaalamnes
dhorke. Barattootni Oromoo gamtaan Fiilmiin kun akkuma fiilmii afaan
Amaaraa dirqama ilaalamuu qaba. Oromticha hiitanis daddaffiin hiikuu
qabdu jechuun Fiilmii HANDARII dirqiin akka ilaalamuu fi barreessaan
fiilmii kanaas hatattamaan akka hiikamu taasisanii jiran.
Gamtaan barattootaa kun jala deemtota mootummaa Wayyaaneetti bita kan gale galma Fiilmiin itti ilaalamutti waraana naanneessuun barattoota Oromoo doorsisuu yaalanis barattootni Oromoo walleewwan warraaqsaa Eebbisaa Addunyaa ‘’Korma Guduruu Oromoon Leencuma duruu’’, ’’Tokkummaa’’ fi kanneen biroo weellisuun diina rifaasisanii jiran.
Qeerroon yuunivarsiitii Arbaminc yeroodhaa yerootti mirga mootummaa Wayyaaneen dhiibamu dura dhaabbachuun injifannoo galmeessisaa jira.Ilmaan Oromoo martis mirga keessaniif dhaabbadhaan dhaamsa qeerroo yuunivarsiitii Arbaminc dha.
Qeerroo

No comments:
Post a Comment