Gaddii du’a Gooticha Jaarraa Abbaa Gadaatiin uumame QBOtiif carraa gaariitti jijjiiramuu qaba

Abdii Boruutiin*

Duraan dursee, du’a gooticha keenyaa Obboo Jaarraa Abbaa Gadaa dhagayuu kiyyaaf, akka ilma Oromoo tokkootti, gadda natti dhagayame ibsuun barbaada. Itti aansuudhaan, maatii fi firoota Obboo Jaarraatiif jabeenya akka kennuuf; gooticha keenya ammoo lubbuun isaanii jannata akka seentu Waaqayyo/Rabbin kadhadhaaf. Karaa tokkoon qabsaa’aa hangafa, sooressa, kutataa fi goota keenya Obboo Jaarraa dhabuun saba Oromootiif gadda guddaa dha. Karaa biraatiin yoo ilaalamu garuu, gaddi har’a nutti dhagayamullee gaddi kun qabsoo bilisummaa keenyaatiif carraa gaariitti jijjiiramuu qaba. Kaayyoon Obboo Jaarraan umurii isaanii guutuu wareegama itti kaffalaniif; wanti isaan jalqabanii asiin gayan galii isaan hawwan sana gayuu qaba. Kanaaf jecha gaddi har’aa kun qabsoo kana cimsuuf saba Oromootiif keessumaayuu qabsaa’ota Oromootiif carraa waadaa ittii seenan ta’uu qaba jechuu dha.

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, wanti Obboo Jaarraa Abbaa Gadaa adda godhu, akka seenaan isaanii ibsutti, ijoolummaa isaaniirraa jalqabanii hanga lubbuu isaanii dhabanitti waan tokkotti (kaayyoo tokkotti) amanuu fi isa kanas bakkeen gahuuf hanga xumuraatti kaayyoo tokkorratti cichuu isaanii ti. Otuu mataa ofii qofa kan yaadan ta’ee; otuu dhimma dhuunfaatiif dursa kan kennani fi jireenya dhuunfaa kan filatan ta’e, abbaa fedheeyyuu caalaa nama bakkee guddaa gayuu kan danda’an turan. Dhimmi saba isaanii boqonnaa isaan dhoowwee (dhoorkee) jireenya gaarii lagatanii; lubbuu isaanii qabsoo bilisummaa Oromootiif wareegama godhuudhaan umurii isaanii guutuu qabsoo kana keessatti dabarsanii booda lubbuun isaanii dabartee addunyaa kanarraa deeman. Kun qabsaa’ota hafaniif fakkeenya guddaa ta’uu qaba. Waan Obboo Jaarraan jalqabani fi asiin gayan galiin gayuuf waadaa seenuu qabu.

Tooftaa fi tarsiimoo jijjiiraa; karaalee adda addaa ilaaluu fi yaaluun qabsoo tokko keessa yookaanis adeemsa siyaasaa tokko keessa waanuma jiruu ta’ullee, gaaf tokko asii fi achi otuu hin jedhin kutannoo fi gootummaadhaan qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessanii asiin gayuun isaanii, Obboo Jaarraa Abbaa Gadaa dhugumatti qabsaa’aa fi goota fakkeenya guddaa isaan taasisa. Gootummaan isaanii kun qabsaa’ota birootiif dhaala ta’uu qaba. Dhalootni har’aa fi kan boruus goota kanarraa barumsa argachuu qabu. Uummata Oromoo kan gabrummaa Habashaa jalatti kufee fi har’allee gabrummaa yoomiyyuu caalaa hammaachaa dhufe keessa jiru, isa kana keessaa baasuu kan danda’u furmaata tokko qofaa akka ta’e hubatamuu qaba. Innis uummatni keenya guutumaa guututti bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe deebisee akka argatu hanga xumuraatti qabsoo itti fufuu dha.

Gooticha keenya Obboo Jaarraa Abbaa Gadaa otuu kana hawwanuu; otuu kanaaf qabsaa’aa jiranuu; lubbuun isaanii dabarte. Waan isaan qabsaa’aniif kana galiin gayuuf gadda har’aa kana carraa gaariitti jijjiiruun barbaachisaa dha; dirqama lammummaa fi dirqama qabsaa’otaa ti. Gadda har’aa kana carraa gaariitti jijjiiruu yoon jedhu, maal jechuu kooti? Du’a isaanii kanatti gadduu qofaa otuu hin taane, Gootichi keenya eessaa ka’anii eessa akka gayan; karaa isaan irra deemanii as gayan of duuba garagallee ilaaluudhaan; gumaa gootota keenyaa baasuuf; hawwii gootota keenyaa; kaayyoo isaan wareegamaniif galiin gayuuf gaddi har’aa kun carraa lammiileen Oromoo harka walqabatanii waadaa itti seenani fi qabsoo kan ittin cimsan ta’uu qaba jechuu kooti.

Karaa biraatiin ammoo, gadda har’aa kana carraa gaariitti jijjiiruu yoon jedhu, humna Oromoo cimaa fi abdachiisaa ta’e, kan diina injifatee kaayyoo gootota keenyaa galii hawwameen gayuu danda’u uumuu dha. Humni akkanaa kun kan maddu tokkummaa dhugaarraayi. Tokkummaan dhugaa ammoo, tokkummaa tooftaa yookaanis tokkummaa intarneetarratti labsamee hafu otuu hin taane, tokkummaa Oromummaa, tokkummaa dirqamaa, tokkummaa wabii ta’ee gumaa gootota keenyaa baasu ta’uu qaba. Tokkummaa humna jabaa dhalchee; kan dubbatame fi karoorfatame hojiin agarsiisee; uummata keenyatti hamilee horu, kan diina sodaachisu fi kana birallee dabree injifatu ta’uu qaba. Egaa, isa kana hojiin agarsiisuuf gadda har’a nutti dhagayame kana carraa gaariitti jijjiiruu qabna jedhe.

Gootichi keenya Obboo Jaarraa Abbaa Gadaa, galii qabsoo bilisummaa Oromoo isa booddee yoo arguu baatanis, jireenya isaaniitiin firii qabsoo isaan umurii isaanii itti fixan arganii jiru. Isa kana keessaa inni tokko, Afaan Oromoo kan yeroo isaan qabsoo kana eegalan raadiyoonii cabsa jedhamee tuffatame sun har’a kunoo sadarkaa kanarra gayuu isaa ti. Kun fakkeenyota baay’ee keessaa isa tokkoo dha. Bakkee barbaadame gayuu baatus qabsoon isaan jalqabani fi gaggeessaa asiin gayan bu’aalee baay’ee argamsiisee jira. Dhalootni har’aa fi kan boruu ammoo qabsoo kana cimsanii itti fufuudhaan waan hafe bakkeen (galiin) gayuu qabu. Dhumarratti, gadda natti dhagayame irra deebi’ee ibsaa; Waaqayyo/Rabbi lubbuu gooticha fi sooressa keenyaa jannata haa seensisu; maatii fi firoota isaaniitiif ammoo jabeenya haa kennu. Gootichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa seenaa saba Oromoo keessatti bakkee guddoo argatu. Qabsaa’an ni kufa, qabsoon itti fufa; bilisummaan Oromiyaa dhiiga ijoollee ishiitiin dhufa!

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

No comments:

Post a Comment