Onkoloolessa 26, 2014 | OroMedia
Humnooti qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsisiuu barbaadan karaa
addaddaa waraana guddaa qabsoo Oromoo irratti bananuun mirkanaa’e.
Oromedian ragaa qabatamaan kan bira gahe, qabsoon Oromoo humnoota keessaa fi alaatiin haleelamaa jira.
Qabsoon Oromoo kaayyoon isaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu dha.
Hunooti Itoophiyaa kanaan dura Oromoo fi Oromiyaa garbummaa jala
jiraachisuuf kaayyeffatan garuu waggoota 150 oliif qabsoo Oromoo karaa
hundaan hidhanii balleessuuf yaalii godhaa jiran.
Gama kaaniin, qabsoon Oromoo haleellaa gama hundaa dandamatee ka’us,
uleen diinaa keessaa fi alaan qabsoo Oromoo haleeluu irraa hin
dhaabbanne.
Qabsoon Oromoo akka haaraatti bara 1960moota keessa biqile sadarkaa olaanaa irra kan gahe, bara 1990moota keessa ture.
Yeroo sanattis qabsoo Oromoo sirnaan taliiguu fi galii olaanaa akka
argamsiisu taasisuu irratti hojiin hojjatame yaadannoo seenaaa keessa
jira.
Garuu, haleellaa diinaa fi haleellaa keessaatiin qabsoon Oromoo akka
duubatti deebi’u haallen taasisan amma illee mul’ataa jiran.
Seenaa keessa hubannutti, bara 1990moota gara jalqabaa keessa
Waraanni Bilisummaa Oromoo akka mooraa galu taasifamuun dogoggora seenaa
qabsoo Oromoo keessatti hojjatamee dha. Kanuma waliin, qophii tokko
mallee ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa akka bahuu fi WBOn marfama keessa
jiru deebi’ee akka mooraa bahu godhamuun immoo qabsoo Oromoo keessatti
dogoggora guddaa hojajtamee qabsoo Oromoo sadarkaa duraatti miidhee
jiruudha.
Sanaan walqabatee rakkooleen yeroo irraa gara yerootti mumul’achaa
jiran, waraana keessaa fi alaan qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru
keessaa kan maddee dha.
Oromedian akkaseenaa qabsoo Oromoo yeroo quncisu, irraa jalaan kan
itti bahaa jiru waraana guddaa qabsoo Oromootti banamee jiru mirkane.
“Duulli duraa qabsoo Oromoo keessatti afaanfaaffiin akka uumamu gochuu
irraa kan madde,” kan jedhan xiinxalaan qabsoo Oromoo tokko, “dhimma
kanaaf, hoggantooti qabsichaa olaanoon gaafatamummaa guddaa qaban.
Keessayyuu, kanneen akka Ob Leencoo Lataa qabsoo oromoo sirnaan
gaggeessuu irra afaanfaajjiin qabsoo Oromoo keessatti akka dagaagu gahee
guddaa xabatanii jiru,” jedhan.
Iti dabaluunis, “alagaa biyya Oromoo cabsee saba Oromoo ajjeesaa jiru
waliin hariiroo dhokasaa uummachuu irraa kaasee ajaja dhaabaan ala akka
fedhanitti diina waliin dubbachuun hojiin qabsoo Oromooa akka danqaa
keessa seenu taasisan,” jechuun miidhaan qabsoo Oromoo irra gahe ibsan.
Gama kaaniin, mooraan qabsoo Oromoo akka deebi’ee hin tasgabboonfe,
karaa keessaanis ta’ee alaa duula itti banuun namooti cichoomina qaban
akka qabsoo irraa fagaatan shira walirratti gaggeessuun mul’ate jira.
Haallen kunneen akka murnooti haaraan ABO keessaa bahan
taasise. Caalattiyyuu, jaallan irbuu waliif seenaanii diinatti
bobba’an akka qawwee isaanii walitti deebifatan taasise.
Duulolin ddina akan yeroo hunda itti fufee jiruu dha. Kan keessaa
immoo, darbee darbee kan dhalatu ta’us, miidhana isaa hedduu guddaa dha.
“Haalli kun yeroo addaddaatti ifaan mul’atee jira. Yeroo duraatiif
bara Jaarraa keessa dhalate. Yeroo lammaffaaf immoo bara Galaasaan
fincile ta’e. Bara Kamaal fincile immoo yeroo sadafffaaf dhalate,”
jechuun qabsoo Oromoo keessatti waraana keessaan banameen miidhaa
gahe yaadachiisan.
Akka kanaanis yeroo murni ABO qaama Ce’umsaa jedhu dhalate, WBOn
bakka lamatti walqoodee walwaraane; waraanni murna Qaama Ce’umsaa jala
hiriires baqatee alagaatti harka kennate.
Akka yaadatamu, WBO yeroo duraatiif qawwee isaa kan walitti
gargalche, bara Jaarraan ABO irraa bahee jaarmiyaa Adda Bilisummaa
Islaamummaa Oromiyaa hundeesseedha.
Dhibdeen kun yeroo irra gara yerootti babal’achuun, bara 2008 keessa
jeequmsa sadarkaa olaanaatti qabsoo Oromoo miidhe dhalche. Akka kanaanis
yeroo sadaffaaf qawwee walitti gargalfate; yeroo lammaffaaf
immoo waraanni bilisummaa Oromoo hogganoota waliin diinatti harka
kennate.
Duulli kun akkanaanis hin dhaabbanne.
Humnooti hafan maqaa qabsoo Oromoo dhawachaa lagaa Oromoo cabsee itti
geeraru jalatti kufan. Kaani immoo maqaa qabsoo oromoo fudhatanii waan
saba Oromoo qaanessu hojajchuu hojii guyyuu godhatan.
Mooraa qabsoo oromoo goolaa kan turan hogagnooti gariin immoo maqaa
dhaaba biraa dhaabanii qabsoo oromoo agra dabsuuf hojjachuu itti fufan.
Hoggantoota Oromoo sadarkaa duraatti qabsoo Oromoo gooluun maqaa
dhawaman keessaa tokko Ob leencoo Lataa fi Ob Diimaa Nagoo ti. Jarri
kun har’a haga OPDOn biyay keessaa gaafachaa jirtu illee gaafachuu
hanqatanii jiru.
Qabsoo sabaa dantaa nama tokkoon yoo jijjiiranii fi yoo dabarsanii
qaanessanii fi cabsan argamaa jiran. Ob Leencoon Ob Ibsaan hidhaa baasa
jedhee otuu WBOn kuma digdama ta’u biyyatti gale. Ob Diimaan du’agahii
dhaquuf qabsoo Oromoo dhiigdi meeqa itti dhanga’e deebisee salphise.
Humni waraana diinaa keessaa cabsatee qabsoo Oromootti dabalames,
aaadaa saalfachiisaa kana saalfii fi qaanii tokko malee daran babal’ise;
gochaa hamaa duraan diina waliin qabsoo Oromoo irratti raawwate caalaa
waaroo qabsoo golgaa godhatee qabsoo Oromoo miidhaa jira.
“Fakkeenyaaf, Kamaal Galchuu qabsoo Oromoo keessatti hokkora kaasuu
fi lubbuun qabsaa’ota hedduu akka dhabamu taasisee jira. Kamaal ammas
biyya itti baqate keessaa olola kijibaatiin mooraa qabsoo Oromoo akka
gooletti jira,” kan jedhe dargaggoo Amaan Magarsaa,”sabni Oromoo jarreen
guyyuu dantaa isaa miidhan kana ofirraa dhaabuu qaba; jarreen kana
beekee, qabsoo isaa tifkachuu fi eeggachuu irratti hojjachuu qaba,”
jedhee jira.
Qeerroon Bilisummaa akka ibsetti immoo, dhalooti Qubee qabsoo Oromoo
tiksuu callaa otuu hin ta’iin dhaaluuf yeroon itti of-gahoomsuu qaban
amma. “Yeroon kun yeroo qabsoo keenya jabeessinee tiksinuudha. Kana
caalas, kanneen itti gaafatamummaan itti hin dhagayamne adda
baafnee beekuun irraa of eeguu qabna. Bakka jirrutti qabsoo dhaaluufis
of qopheessuu qabna.”
Yeroo diinni laafee jirutti, qabsoon Oromoo daran of-jabeessee
tarkaanfachuun irra jira.Dhalooti haaraas humnoota jilbeeffattoota,
lootugaltootaa fi ayyaanlaallattota irraa eegee qabsoo haqaa abbootii
isaatiin eegalame fardeessuu qaba.
Ummati Oromoo kanneen haqaan qabsoo saba gaggeessan adda baafatee,
deeggaruu fi bira dhhaabbachuu qaba; diina kaayyoo immoo ifatti mormuu
aadeffachuu qaba. “Haga humnoota qabsoo Oromoo keessa dhokatanii jiran
kunneen hin saaxilletti haleellaa fi jeequmsi qabsoo Oromoo irraaa hin
dhaabbatu.”
No comments:
Post a Comment