Gidduu kana gabaasa DOCUMENTARY: U.S POLICEY- ETHIOPIA A FAILED STATE! jedhu tokko ilalaa fi dhageefatan ture. Nammootni baayeenis akkuma kiyya arganirus dhagahanirus. Dokumantarin kun kan ibsu badii baroota 20 ol darbanif mootummaan gartuu adda bilisa baasaa ummata Tigretin ( ABUT) uummatoota biyyatti irratti raawwatame ibsa. Dokumantarich mootummaa wayyaneetin yakka raawwtamaa ture tartiban ka’uudhan saxil baasuu irratti waan guddaa kan dalage waan ta’ef kan dinqisisamu ta’uun isaa hin shakkisisu. Haata’u malee gabaasni kun loogidhan kan qopha’e ta’ee waan natti mullatef waan natti dhaga’ame ibsuuf na kakaase.
Gabaasni ykn dokumantarin kun ummata Oromoo baayinaan walakkaa ummatoota biyyatti ta’e akka hin jirretti bira taruun isaa qaamni biraa jibbaa ummata Oromoo irraa qabu waan harka keessa qabu fakkatee natti mulate. Yakki duguugaa sanyi keessumaa ummata Amaaraa, Gambeelaa fi Ogaden irratti raawwatame jedhu balinaan ibsa.
Garuu kana hunda keessatti yakkota ganna 24 afurif ummata Oromoo irratti ABUT in otuu walirraa hin citin hanga guyyaa harratti raawwatamaa jiru tasa maqaa hin dhofne. Komee Oromoota irraa dhiyaaten dhimma Oromoo kophatti akka qorachun barbaachisu yaadaa tokko dokumantaricha cinatti ka’aniru. Maalif kophatti qorachuu barbachisee?. Ragaa dhabaniti akka hin jennee yeroo dheeradhaf gabaasni gidiraa Ummata Oromoo irra gahu ibsan baayee dha. Kanaafuu yaadni kan Oromoo kophatti qorachuu jedhu komee dhiyaterra ka’ee yoo ta’e malee garaa irraa natti hin fakkatu. Kana kan amanuu dandeenyu yoo hojitti hiikame qofaa dha.
Ajjeechaa , hidhaa, biyya irraa ari’amuu ilmaan Oromoo irratti raawwate akka waan binneensa daggalaa irratti raawwateti ilaalamee bira darbame. Kun hedduu waan nama gaddisiisu qofaa miti kan wal nama gaafachisudhas. Biyya Itoophiyaa keessatti wanti waggota 100 darban hin ta’in ummata oromoo irratti ganna 20 keessatti kan raawwatame ta’uun guyyaa guyyatti otuu gabaasamu harraa gaazexesota warra adiitinlee hawwalamee bira darbamuun isaa gaafii cimaa dha. Baroota 24 darban kana dhiibbaan mirga namaa, ajjeechan, jilmaadhan mana hidhatti guuramuun, biyyaa irraa ar’atamudhan biyyota olaa keessatti gidiraa arguun, biyyota kana iraa qabamni debi’anii ajjeecfamun, qotee bulaan lafa isaa irraa buqa’ee jireenya dhabuun, barattota universitii irratti xiyyeefachudhan ilmaan oromoo sammuu cimaa qabdu fixuun kan raawwatamaa turee fi ammallee raawwataa jiru Oromiyaa fi Oromoo irraatti ta’ee otuu jiru qopheesitootni dokumantarii jedhame kana qopheesan akka laayyotti bira darbuun maal akka jedhamu ibsuus ta’ee yaadun nama rakkisa.
Haata’u malee eenyu gabasa kana duuba jiraa kan jedhu tilmaamuun nama hin dhibu. Duruma irraa eegalee seenaan Oromoo dhokatee akka hafuu warri gochaa ture harras dalagaa isaanii itti fufudhan wanuma guyyaa adii mulatu dhoksanii kan isaanii kan harki caalaan isaa soba ta’e barreefataa fi himataa turan. Warri seenaa hatuu fi jallisudhan beekaman harralee hin teenye yoo nutu ta’ee ta’e malee.
Harras akkuma barame dhimma uummata miliyona 40 tti lakka’amu akka hin jirretti warra adii wajjin waligaludhan dhokatee akka bira taramu godhaniru. Waggooti 20 olif dachee Oromoo irratti gartuu ABUTin ummata Oromoo irratti duula deemaa ture akka waan tokkollee hin taanetti ukkamsamee akka hafu gochudhaf waan danda’an hojjetaniru.
Ummata Amaaraa irratti yakka sanyi namaa duguugutu raawwate jedhame himame. Dhalli Amaaraa tokkollee du’uun akka irra hin jirre hundumtuu ni amana. Wanti nama aja’ibu lakkofsi ummata Amaaraa kan xiqqate yakka sanyi duguuggaa (Genocide) irratti raawwatameen jedhamee dhiyaachuu isaa ti. Uummata Amaaraa irratti gocha sanyii duguuguutu raawwate yeroo jedhan kan ummata Oromoo irratti waggoti kurnaan lamaa olif guyyaa guyyatti raawwataa turee fi harralee raawwataa jiru dhoksuun yakka yakka caalu dha. Yakki kun kan gartuun ABUT raawwateen homaa wal hin caalu.
Muuxannoo bara dheeraa qabanin ilmaan warra adii ababbaluu ( Lobby ) gochudhan ummata Amaaraa irratti gocha sanyii duguugatu gahe jedchudhan hawwasa adunyaa kana dogoggorsuf yaalii godhu. Gazeexeesan adin sunillee gaafii tokko malee ummatni Amaaraa miliyoonii 2.7 dhumeera ykn bakka bu’e hin beekamu jedhee gabaasera.
Gazexesaan gabaasa ( Documentary) kana dhiyeeses waan jara kanaan irratti walta’an akka qaban beekuu nama hin dhibu. Sababni isaas yakkota Oromoo irratti raawwatmaa turanii fi ammalle itt jiru gabaasuf ragaa dhabe waan jedhamu waan hintaanef. Baroota 24 kana dhabbileen mirga dhala namatif falman kan akka Human Rght Watch, Amnesty International, Human Right League of the Horn Of Africa ( HRLHA) kan gabaasaa turan hedduu dha. Akkasumas gabaasni American state department yeroo yerooti gabaasaa ture quubsaa qofa miti irra darbaadha. Keessuma gabaasni Amnesty International tin dhiyoo kana dhiyaate kan Oromoon 5000 ol ta’an mana hidha keessatti dararamaa jirachu isaani ibsullee otuu hin tuqin bira taruun gaazexesaa kun walitti hidhata ilmaan oftultotaa Amaaraa walin qaban mulisa. Gaazexesan kun gabaasaa tasumaa dhugaa fi haqa uummata Oromoo dhoksu kana dhiyeesuu hin qabu ture.
Akkuma eenyulee beeku mootummaa ABUT durfamuu fi Amaara giddutti waldhabbin kan uumamuu eegalee filannoo bara 2005 boodadha malee isaa dura wanti irra gahe hin jiru. Bara 2005 dura yeroo ilmaan Oromoo bakka addaa addatti akka binneensaa ari’amanii ajjeefaman, barattootni Oromoo yeroo tokkicha 500 ol ta’an mana barumsaa irraa ari’amanii biyya abbaa isaanii irratti lafa bultii dhaban ilmaan amaaraa baga jedhanii itti qoosaa turan. Gara caalaa isaantu dubbi itti barbaadee barumsa irraa ariisisaa ture. Bara 2005 boodas yoo ta’e kan mootummadhan walitti isaan buuse paartin qindominaa ( CUD) sagalee filannoodhan argatan fudhanee paarlamaa hin seenuu jedhani jeequmsa uumuu isaanii ti. Jeequmsa uumame kanaanis Finfinnee keessatti namootni ajjeefamudha kan walitti isaan buuse. Sunuu amaraa qofaa addaan baasee otuu hin taane kan ajjeefame kanuma rasaasnii argate dha. Asirratti gochi mootummaa wayyaneetin raawwatame sirrii dha jechuu kiyya miti. Garuu hacuucaa fi dhiibbaa mirga namoomaa ilaalchisee kan Oromootin walcinaa qabnee yeroo ilaalu walirraa fagoo waan ta’ef dhugaan dhokachuu isaa ti.
Ergasi asis kan amma Gurrfardaa fi bakkota addaa addaa isaan tuqan keessatti dhiittaa mirga lammilee Amaraa irratti raawwate yoo jiraates sanaafis sababa kan ta’an oftultota malee kan biroo miti. Oftuultotni ummata rakkina beelaa fi gadadoo jalaa baqatee naannoo kibbati godaanu keessa dabballee isaanii galchani ergudhan ummata naannoo wajjin walitti buusudhan lubbuun namootaa akka darbu godhu. Sana booda kunoo ummata Amaraa fixan, bakka bara dheeraa jiraatanirraa ari’an jechudhan holola siyaasaf itti fayyadamaa turan ammas itti jiru. Dhugaan jiru isaa kana ta’ee otuu jiruu ummatota naanootu Amaara iraatti ka’e fixe jedhani dhara hololu. Fakkeenyaf baruma darbe kana naannoo kibbaa aanaa Godarree keessatti walitti bu’insa uummaeen Amaara 500 oltu du’e jedhanii midiyaa isaanitin lalabaa turan. Haala qabatamaa aanaa Goddarree nama beekuf aanaa sana keessa walumaagalatti abbaan warraa 500 hin jiru. Hanga ani beekutti aanaan Godarree lafa bosona uumamatin uffifameedha malee lafaa ummatni baayaatee keessa jiraatu miti.
Godaantotni Amaaraa yeroo godaanan meeshaa waraanaa hidhatani godaanu, ittinis ummatoota sodachisu. Kan hidhata itti bitee bobbasu oftuultota biyya ambaa jiraatan ( Diaspora) ta’uun ni beekama. Godaantotni kun bakka itti godananitti uummata lafa isaa isaanii qoodee isaan jiraachisu irratti tuffi hangana hin jedhamne agaarsisu. Amalaa oftulummaa isaanii kanaan ummatota itti baqatan walin jiraachuu akka hin dandeenye namuma isaanii kan ta’e itti aanaan prezidantii bulchinsa naannoo Amaraa arraba keessan isaa summii baatee deemutu ummatotaa wajjin isin jiraachisuu dide”የትምክህት ምላሳችሁ በ ሚረ ጨ ው መ ር ዝ ም ክንያት ከህዝቦች ጋር መኖር ኣቃታችሁ እንጂ የበደላችሁ ህዝብ የለም ” jedhee dhugaa itti himera.
Oftuultotni Amaaraa waggoti 20 ol kana hojii ummatota walitti buusuu ofumaaf raawwata turuu isaanif ragaan kana caale hin jiru. Walitti bu’insa uummatotaa irraa bu’aa siyaasaa buufachuf hawwii guddaa qabu. Kanaanis sirna federalismii saba irratti hunda’e jedhanii abaaran jibbisisudhaf dhama’u.
Oftuultotni kun bara darbe 2014 yeroo barattota Oromoo maasterplani Finfinnee jedhu morman hidhattotni mootummaa ABUT magaalaa Ambootti ajjeesan akkas jedhani hololaa turan. Lammii Amaaraa fi kan saboota biroo nageenya isaanitif jecha mana sagadaa (Church ) keessatti baqatan jedhani midiyaa isaaniitin holola adeemsisan.
Nageenya isaanif sodatan kan jedhan mootummaa ilmaan Oromoo ajjeesu otuu hin taane ummata Oromoo jechuu isaanii ture. Egaa haala akkasitin aangoo isaanii durii deebisanii qabachuf yaalii godhanin ta’e jedhanii ummataa fi ummata walitti buusudhan ”kuno kan kana fidee federalismii saba irraatti hunda’edha, Siyaasa gosaa ti”, jechudhan mirga ofin of bulchuu uummatoota irratti duula adeemsisu.
Ilmaan nafxanyaa kana gochuu isaanitti waan aaruuf hin qabnu. Isaan duruu aangoo siyaasaa qabatanii ummatoota hafan bitudhaf waanti isaan hin dalagne hin jiru. Isaan aangoo irra ta’uu malee dhimma ummatotaa hin qaban. Aangoo mootummaa qabachuf dandeetti qaban maratti fayyadamu. Kaayyoo isaanii bakkaan gahachuf waan danda’an gochun isaanii jabina malee dadhabina isaanii hin mullisu. Isaan yeroo waan tokko dhalatu ka’anii wacanii manatti galanii hin ta’aan. Ragaa dhugaas haata’u kan sobaa walitti qindefatu, namoota adii fi gurrachaas jala seenanii sosobatu (Loby godhu). Maallaqanis ni bitu. Haala kanaan dhugaa jallisu. Aangoon siyaasaa isaanif murteesaa dha. Qabsoon siyaasaa aangoo qabachudhaf malee waan biraatif akka hin taane sirritti beeku.
Aangoo qabachuf keessaa fi alaa wal degaranii socho’u. Kayyoo isaanitif qabeenyaa fi beekumsa isaanii hin qusatan. Aangoo eenyutu qabataa irratti malee kaayyoo irratti wal lolan hin qaban . Isaanif kaayyoo ganamaas ta’e kan galgalaa aangoo mootummaa qabachu dha. Halkan tokkofuu haata’u isaanif aangoon murteesaa dha. Nyu Oromoon maal dalagnaa yeroo isaan kana hojjetan jennee of gaafachuu qabna. Waggoti 24 darban walirratti dhagaa darbataa, akka adurree hantuuta eegdu sochii walii eegaa, maqaa walballesaa turre ammalee ittuma jirra. Qaamni bira taramu hin jiru. Maqaa wal xureesuu kanaan dura adeemsisamaa ture irraa maal buufannee jedhee kan of gaafate hin jiru. Ammas caalee itti fufe malee.
Gidduu kana gazeexesoti OMN jila Itophiyaa irraa dhufe (Abbaa Duulaa Gammadaa ) wajjin irrbata nyaatan, bakka dhoksatti wali wajjin turan, isaan ergamtoota OPDO ti fi kkf. barreefamaniru.Walumaa galatti Wanti hin jedhamin hin jiru. Gaazexesan tokko mana dinaas ta’e mana firaa deemee odeefannoo argachun hojii isaa ta’uu walaaludhan namoota kana maqaa balleesun, waan isaan hin taanee itti hidhuf yaaluun ( Character assassination jedhu warri faranji). Kun hundi maal haa buusufii?. Warri akkas jedhee maqaa nama dhoqqee dibu kun dhuguma Oromoodhaf yaadanitii? . Namni akkamitti waa haa hojjetu ? Yoomii kan otuu hamaa hin dubbatin itti yaaduu barruu? Oromoon duri dubbin haa bultu waan jedhef qaba. Yeroo dubbii bulfatan itti yaadu. Yoo itti yaada bulan yaadni akka kaleesa yeroo dubbin ho’aa turee hin ta’u. Dubbii bulfachun murtee haqaa kennuu irraan nama gaha. Kanaafuu yaa ILMAAN OROMOO dubbii bulfachuu haa baranu. Dhugaa fi haqa jallate akka sirratuf haa qabsofnu. Hunda caalaa ofirratti haa qabsonu.
Sabbontota Oromoo mirga uummata keessanitif falmitanif mammaksa warra Arabaa kana tuqeefin yaada kiyya xumura. Akkas jedha:
”When the fools speaks, then do not respond to him, for better than to answer him is silence.”
”I move past the fool who curses me, And I continue on my previous course saying, he does not refer to me.”
”I move past the fool who curses me, And I continue on my previous course saying, he does not refer to me.”
Galatoma.
Baqqalaa Jiraataa Swidin irraa
Baqqalaa Jiraataa Swidin irraa
No comments:
Post a Comment