Filannoo Sossobaa

Gurraandhala 03, 2015 | Abdii Baalee Oromiyaa-ABO irraa
Filannoo Sossobaa
Haa gahuu nagaan koo, hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu, ilmaan qabsaa'otaa,
Garaan hin dagannee, yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har'aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu, rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?
Ajaa'iba rabbii, gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee, osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee, haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti, Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???
Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa, gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa, gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa, irratti haasayaa,
Gaafas, gaafiin Kenya, galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa, sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf, hundinuu qabsaayaa,
Qawwee itti bitadhaa, diina mataa dhayaa!!!
Biyyarraa baqachuun deebii maalii tayaa,
Lammii koo,Oromoo, bakkayyuu wal tayaa,
Dammaqaa dammaqsaa, warri bahaa fi dhiyaa,
Falmaa Itoophiyummaa, fuulduratti bayaa,
Ilmaan Oromootiif, BILISUMMAAn fayyaa,
Kanaaf, sanyii Seemii nurraa kaasuu wayyaa,
Diina mataa dhahuuf, hundinuu qophaayaa,
Deebiin kana hundaa, qawween mirkanaayaa,
Gaaf san, BILISUMMAAn keenyas nutti mi'aayaa!!!
Qareessaa fi qareettiin ilmaan Oromootii,
Biyyarraa baqannee, biyya alagaatittii,
Rakkoo dhaan dhaanamaa, jiraachuun maal buuftii,
Maal maalitti, dhiifne, harmee haadha mootii,
Kan falmaa ishii dhuman leenconni abbootii,
Nuti hoo maaf dagannee, nurraa ooltii duutii,
Moo filannoo sanaan Wayyaaneen nuuf naatii,
Jettanii, teettan moo, yaa foon dhiiga kootii,
Ka'aa yaa lammii koo, gowwaa hin eeginaatii!!!
Qabsoo itti fufaan, Bilisummaan dhuftii,
Qabsaayuu qabaanna, hanga dhumaatittii,
Yoo duunee dhumnellee, seenaan nu yaadattii,
Hanga hundi dhumee, nam-tokko hafutti,
Jabaadhaa socho'aa qabsoon itti fuftii,
Lolu qabna dhiiroo, lama hin jirtu duutii!!!
         Amajjii 25,2015,
     Barri 2015,bara Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa nuuf haa ta'uu!!!
Yaa Rabbi nu walaboomsi,nu birmadoomsi!!!
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO

No comments:

Post a Comment