Waan Nama Qaanfachiisu Tokko

Gurraandhala 04, 2015 | Boruu Barraaqaa Irraa
Waan nama qaanfachiisu tokko:
Har’a ganamaan ka’een akka tasaa walleelee YouTube sakatta’aa ture. Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Tigirinyaa keessan oole. Egaa wanni nama qaanfachiisu maal seetani? Walleelee Amaariffaa YouTube irratti namoota miliyoona 5 oliin daaw’ataman lakkaayee fixuun dadhabe. Warruma maqaan dilas hin dhagahamin faatu milliyoona 7 faan daa’wateme. As irratti maqaa isaanii dhawuun beeksisa hojjechuufii fakkaata waan taheefin dhiise. Tigirinyaan itti aanee jira. Daaw’attoota 3,000,000 ol kan qaban bash bashi.

Keenya yoon laalu mataan na cabe. Walleen Oromoo namoota hedduun daaw’atame Jambo Jote (Dafii Koottu 1,310,742) dha.Kan biraa miliyoonaa tokkoo oliin kan daawatame hin agarre. Warri agartan yoo jiraattan natti himuu dandeessu. Walleeleen afaan keenyaa hangi tokko: Hacaaluu Hundessaa, Abush Zeleke, Hanisha Solomon, Lencho Adushekur, Qamar Yuusuf, faa daaw’attoota 500,000 irraa hanga 1,000,000tti horataniiru. Walleelee keenya akkaan jaalatamoo hedduun namoota 500,000 gadiin qofa daaw’aamani.
Fakkeenya muuziqaa YouTube kana irraa kaanee waan tilmaamuu dandeenyutu jira.
  1. Ummanni keenya har’ayyuu carraa fayyadama internetaatiin lakkoofsa Habashooaan kan gitu hin taane. Ammallee kana irratti jabaatanii hojjechuu feesisa. Saba keenya teknooloojii baraa kanaan wal barsiisuu irratti hojii guddaatu nu eega natti fakkaata.
  2. Ummata keenya kanneen carraa fayyadama interneetaa qabanis taanaan warra club Oromoo qabbaneessee club Habashaa ho’isu hedduutu jira. Dhimma kanaan wal qabatee gara fuula duraatti qorannoo tokko tokko goonee waan malu akeekuun warra dhimma kana irratti kennaa fi dandeettii itti qabnu hunda irraa eegama. HIRMAADHAA.
====================================================================
Boruu Barraaqaa: gulummaa75@gmail.com

No comments:

Post a Comment