Oromummaaf yoo tahe oromoo tokko faarsanii qaama oromoof dhiiga coccobsee lafee caccabsee qabsoo har'aa farreen oromummaa dirqamaan oromoo of fakkeessan ittiin dhaadheffaman fide balaaleffachuun farrummaa caaluudha malee oromummaaf dhimmamuu hin tahu!

Waxabajjii 16, 2019 | Fincila Maayii Garbummaa

Oromummaaf yoo tahe oromoo tokko faarsanii qaama oromoof dhiiga coccobsee lafee caccabsee qabsoo har'aa farreen oromummaa dirqamaan oromoo of fakkeessan ittiin dhaadheffaman fide balaaleffachuun farrummaa caaluudha malee oromummaaf dhimmamuu hin tahu! Gareen OPDO ODPtti of jijjiiruun qabsoo oromoo afaanfaajjessuuf malee oromummaaf akka hin taane beekamuu qaba. Kana immoo haala gidduu kana tahaa jiruu fi tahuuf deemu irra adda baasuun salphaadha.


Qaama oromoof jiruu fi jireenya isaa dhabee umrii ijoollummaa irraa hanga dullumaatti itti wareegee sadarkaa ammaatiin gahe balaaleffachaa farreen oromummaa oromoo ajjeesaa as gahe faarsuun farrummaa malee firummaa tahuu hin dandahu. Haala gidduu kana ODPn itti jirtu hojii diinummaa maqaa OPDOtiin hojjataa baate haguuguuf ijibbaataa jirtu caalaatti oromoo biratti jibbamuuf deemaa jirti. Qeerroo fi barattoota oromoo kaleessa FDG-FXG keessatti qoma isaa rasaasa wayyaaneef kennee gaachana eenyummaa oromoo fi utuba oromiyaa tahee gaaffiilee mirgaaf wareegama baasaa turee hidhaa fi roorroo diinaa dadhabee bosona oromiyaatti galee WBO har'aa tahee jiru qaama addaa ykn shiftaa fakkeessanii dhiheessuuf dhama'aa jiru. Ummata oromoo hiriira balaaleffaannaa WBO fi ABO qindeessuuf yaalii farrummaa QBOf taasisaa jiru.

Hiriirri qabsoo bilisummaa oromoo gara dabarsanii garbummaa saba oromoorra jaarraa tokkoo fi walakkaa ol irra ture itti fufsiisuuf waxabajjii 14/2011 dhiha oromiyaatti ODPn qindeessaa jirtu haala fedheen oromoo fi oromiyaa kan bakka bu'u akka hin taane hubachiisuun dirqama oromoo hundaati. Ummatni keenya oromoo sabootni hacuuccaa jala jiran marti gochaa farreen mirga dhala namaa maqaa mootummaatiin itti jiran kana dura dhaabbachuu akka qaban akeekuu barbaachisaadha. Sochiin bolola aangoof taasifamuu fi yakka oromoorratti waggaa 28 guutuu raawwataa bahan har'as badii biraatiin golguuf yaaluun dhaabbachuu qaba. Oromoo fi firoottan qabsoo bilisummaa hundi gochaa diinummaa OPDOn itti jirtu balaaleffatee mirga uumamaan qabu tikfachuutu irraa eegama.

Sochii fincila maayii garbummaa eegalame kana galma isaatiin gahuuf sabootni cunqurfamoon biyyattii waloon dura dhaabbatanii fashalsuuf wal tumsuuf dirqama waloo akka qaban beekanii falmachuu qabu. Hundeeffamni qabsoon fincila maayii garbummaa mirga ofiin of bulchuu saboota hundaa bu'uura godhate waan taheef haala aanjaa argame maraan mirga waloo fi gaaffii kabajamuu mirga namummaaf akka falmatan irra deebinee yaadachiisna!

No comments:

Post a Comment