Amma WBOn ABO isa Dhugaa Dha! Jaarmayaan Miseensota ABO Qofti Kaayyichatti Citee Hafe WBO Dha.

Waxabajjii 16, 2019

Leencoo Lataatu TV jarattii farra ABO fi WBO kan OMN sana irratti dhimma sochii ABO Wallaggaa fi Kibbaa gaafatnaan: "Hoogganni ABO erga waraana hidhatee ajaja koon socho'u hin qabu jedhee, ijoolleen dardaraa bosona keessaa sun Maqaa ABO himatanii socho'uu hin danda'an" jedhe.

Sanuma maqaa ABO himatanii WBOn socho'u egaa!! Of ajjeesaa ree? Haasaan Leencoo haasaa gadamoojjii dulloomni dubbii harkaa balleesse sana. Waanuma ofii jedhe qofti akka ta'uu qabutti of fudhata! Oromoon qabsootti jirtu waggaa 28 Leencnoo dura kutte!


Eenyu illee WBOn maqaa ABO akka hin himanne WBO ugguruu hin danda'u. Sana keessa Leencoo waan keessa isa galchu hin jiru!

Leencoo kan ofii isaa iyyuu humna hin qabne kan OPDOtti harka kennate dhiisii Hoogganni ABO Finfinnee Jiru illee Miseensummaa ABO Qeerroo WBO keessa jiranii haaluu hin danda'u. Diinni ammoo homaa ishee hin galchu.

Jaarmayaan tokko miseensota irraa ijaarama. ABO keessattis miseensotni ABO irra guddaan WARAANA ABO ykn. WBO dha. Shira mootumman Diqaalotaa OPDO, Nafxanyooti Amhaaraa (mootummaa Naannoo Amhaaraa), fi Leencoofaa walii galanii ABO rukutuuf hojjetan kan qaroomaan argee didee lola ittin fufa; kaayyoo Sagantaa ABO irraa hamma bakkaan geenyutti nan lola kan jedhe jaarmayaa ABO keessaa WBO dha. SIRRII dha godhani.

Erga hoogganootni ABO maqaa ABOn nuti ammaan booda waraana hin qabnu jedhanii illee waraanichi WBOn hoogganicha irraa qajeelfamaa fi ajaja guyyuu hooggana irraa hin fudhatin malee hooggana mataa isaa tolfatee Sagantaa Siyaasaa ABO kakuu galee miseensome sana bakkaan gahuuf hojjetaa waan jiruuf WBOn amma illee ABO dha.

WBOn ABO ta'uu isaa Hoogganni ABO, Gantootni akka Leencoofaa fi dhaabi isaa, Diinotni Traditional ABO akka Jawar Mohammed fi Warri ARSII isa waliin hiriiran, fi Abbootiin Gadaa takkaa mirga WBO ugguruu hin qabani. Diinni ABO ykn WBO kan ta'e Amaartii fi EPRDF kan OPDO dabalatu ABO ta'uu WBO haaluu hin danda'ani. Hundi kuni afaanfajjii siyaasaa uumuuf WBOn ABO miti kan jedhu dabaaf ololuu barbaadu. Jarri kun hundi yoo haalanis WBOn Abbaan Jigsaa koo maqicha fudhatee fuul duratti deemuun hunda ishee qaanessuuf deema.

WBO waliin hariiroo kan qabu Hoogganni ABO illee yoo ABO ta'uu WBO haale dogoggora seenaa fi kufaatii barabaraa akkuma Leencoofaa, Galaasaafaa fudhatee kosii seenaatti akka gantuutti darbatamuuf taa'a. Hoogganni ABO diinota ABO hordofee isaan waliin miseensummaa ABO fi jaarmayaa ABO ta'uu WBO waakkachuu irraa of qusachuu qabu. Hoogganichi yoo sana taree miseensummaa ABO kan WBO mulquuf yaale, HEERA ABO cabse. Ofii isaas disqaulify & discredit of godhe! Haasaa akka Toleeraa Adabaa sana irraa miseensoti Hoogganaa amma Finfinnee jiran of qusachuu qabu. Yoo miseensummaa wal mulquun jalqabname, WBO hoogganoota ABO magaalaa Finfinnee jiran akka GANTOOTAATTI LABSUU danda'a. Ibiddaan taphachuun hin taatu.

FURMAATA: Hoogganichis ta'e WBOn hanga haalli dhiibbaa diinaa hundi hunkutaawee wal dhuunfatni argamutti ABO himataa itti fufuu fi booda gaafa diinni lola WBO irratti oofaa jirtu dhiifte walitti deebi'anii taligaa tokko jalatti socho'uutu danda'ama. Kanaaf gami lachuu wal madeessuu irraa of haa qusatani. Miseensotni Hoogganaa ABO amma Fifinnee jiran amma itti fakkaatee dubbii shira diinaa xaxuu abbalan illee of qusachuu qaba. WBO waan hunda quba qaba. Odeeffannoo sochii miseensa magaalaa mara kuufachaa jira. Maadheen ABO Oromiyaa mara magaalaa Finfinnee dabalatee ijaaramee sochiitti jira. Seenaa ofii eeggachuun waajiba.

HUBACHIISA: Ajajoota WBO har'a dirree irratti WBO lolchiisaa jiran muratoo kan qaama Hooggana ABO ta'an jiruu beekaa!! Eenyu abbaa isaatu eenyuun mulquu dand'a! Dubbiin salphaa miti. Wal hidhaa dha. Hoogganni ABO warruma magaalaa Finfinnee jiru sana qofa yoo jettan of gowwoomsitaniittu.

Ammoo Maquma WBOn ittiin of yaametu maqaa jaarmayaa WBO ti.

Warri Qawwee qabdu maquma feeteen of yaamtee raggaasifti!

No comments:

Post a Comment