Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabama jalaa hambisuuf Mooraa Qabsoo Qulqulleessuun dirqama.

Waxabajjii 15, 2019 | Falmaa Dhugaaa Mooraa Qabsoo keessaa

Mana tokko ijaaruuf, ijaartee mana jechisiisuuf muka filatamaa qofaan yoo ijaarte mana gaarii gadi dhaabuu dandeessa. Haafaa fi Huuba callistee yoo walitti guurtee mana ijaarte, yeroo qilleensi hamaan bubbise diigama.
Qabsoo Oromoo dhabama irraa  hanbisuuf wanti godhamuu qabus kanuma. Yeroo  ammaa mooraan qabsoo Oromoos kanneen yoo qilleensi bubbise waliin raafamaniin guuttamee jira. kun ammoo yoo yeroon furmaanni itti hin kennamne rakkoo hammaataaf nu affeeruuf jira. Kanneen fedhii ofii liqimsanii sabaaf ofkennaniin mooraa Qabsichaa ijaaruun rakkoo kana hanbisuun ni danda’ama.

Garlameewwani fi Ayyaanlaallattoota mooraa qabsoo keessaa qulqulleessuunis dubbii fardiidha.
Mooraan qabsoo Oromoo angoos ta’ee bu’aa addaa akka dhuunfatti wanni inni namaaf argamsiisu hin jiru. Wareegamaan ala. Kanneen miilla lamaan bakka adda addaa dhaabbatan gartokkotti cituu qabu. Miilla lama qabaataniif muka lama hin koran jedhama miti?
Yeroo ammaa Kanneen beekaa jedhamanis bubbeedhuma salphaan akka mukaa qobaa isaa dirree gubbaa dhaabbatee oggaa oliif gadi hurgufaman arguu erga jalqabnee bubbuleera. Qabsoon Oromoo diina hedduu qaba. Keessattuu saba-himaalee bara kanaa.
Qabsoon kun lubbuu ilmaan Oromoo hedduun akkasumas wareegama qaaliidhaan as gahe. Qabsoo kana dhabama irraa hanbisuuf ammoo wareegama barbaachisu mara kaffallee bubbee yeroo jalaa baraaruun dirqama Dhaloota kanaati.
Midiyaaleen biyya kana keessa jiran carraa argatan hundaan akkaataa qabsoo kana gufachiisan irratti halkaniif guyyaa hojjetaa jiru. Kanneen ammoo rakkoo saba kanaa ifa baasuuf carraaqan akka isaan humna hin godhanne kan mogolee isaa jala dhahu kumaaf kitila.
Kana hunda osoo beekanii  Namoonni keenya kanneen Midiyaalee kana irratti dhihaatan akeeka midiyaalee biyya kanaa wallaalaniiti ta’ee hin beeku yeroo diinaaf karaa banan argaa jirra. kun yeroon sirreeffamuu qaba. Diinaaf kortoo isheen namaan kortu qopheessuun bu’aan inni qabsoo kanaaf qabu haga dhiisuu hin gabu jedheen amana.
kana Malees OPDOn yeroo ammaa kana kanneen bubbee yeroon fudhatamanitti dhimma bahuun ilmaan Oromoo qaqqaalii mirga saba isaaniif falmaa irra jiran yeroo isheen maqaa isaaniif hin malleen yaamtu dhagahaa jirra. Namoota beekaa jedhaman irraa kana dhagahuun ammoo Qaaniidha. Sabaa fi Qabsoo Saba Kanaaf Kabaja Dhabuudha. Uummanni keenyas shira diinaa kanaan xaxamee Afaanfaajjii diinaa kanaan saaxilamee wareegama isaa  gatiidhabsiisaa jira.
Xumura irratti  Dhaloonni kun Qabsoo isaatti firii horuuf bubbee qabsoo keenya fuudhee Gammoojjii Adeetitti gatuuf deemaa jiru dura dhaabbachuun dirqama yeroon gaafatuudha.
Falmaa Dhugaaa Mooraa Qabsoo keessaa.

No comments:

Post a Comment