Dhugaabaas Dhgoomsaa Irraa*
(Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘ WMO(ODF))
1. Seensa
Waraqaa hiccitii Waltajjii Marii Oromoo(WMO/ODF) ‘‘Qabxiilee marii Qabsoo Bilisummaa Haarayoomsuudhaan Oromoo Aangessuu“ jedhu yeroon dubbisu, qabxiilee waraqaa kana irra taa‘an xiinxaluu eegale. Warqaan akkasi hogganoota ABO dursaa turre ofiin jedhaniin akka ‘qabxii mariitti‘ ka’uun na aja’ibe. Yaadi kun yaada haaryaa ta’uu baatus yeroo ammaatti akka haarayaatti dhiyeessuuf tattaafachuun sababaan isaa maali? Akeeki isaani akeeka impayera Itiyophiya tiksuu irraa maaltu adda baasa? Yaadota jedhan adda baasuuf jecha qalama koo kaase.
Barruun koo kun ‘sagantaa siyaasaa Leencoo Lataa, dursaa WMO(ODF)‘ gaaffii keessa kan galchu ta’uun shakkiin hin jiru. Namni kun ejjennaa isaa kitaabota kana dura katabe keessattis ibsate ture, Oromoon harkatti tuffatee, harkaa fudhachuu dide. Haata’uu namooti hagoon akka duukaa bu’aatti jala deemaa jiru. ‘‘Mul’ata ‘ergamaa‘ isaanii kanatti mul’ates bakkaan ga‘uuf bakka bakkaatti ‘warraaqsa‘ bara dheeraa gaggeeysan‘‘. Warraaqsi isaan gaggeeysanis diina irratti kann qiyyaafate osoo hin taane, Oromoo gidduutti rakkoo dhalchuuf, deeggarsa halagaa irratti hirkate dha. Kanaaf jecha qabsaawota Oromoo irratti aggaammatee balaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo irraan ga‘e Oromoon wallaale hin jiru.
Barreeffamni Leencoo kun, ‘Mul’ata siyaasaa‘ kan Waltajii Marii irraa, gara Jarmayaa siyaasatti of jijjiruuf akeekkate dha. Bu’ura ilaalcha siyaasaa itti mul’ate, Oromoo fudhachiisuuf tattafachuun isaa mirga isaa ti. Ammoo waan saba biratti tuffatamee fi tufame hagan boolla seenutti lallabeen namoota siyaasaaf harayaa ta’an afaanfaajeysa jedhee irratti hojjechuun isaa dhaloota haarayaa biratti gatii kabajaa dur qabu irraa mulqa.
Barreffamni yaadota wal dha’aa qabuu fi uumama Leencoo waliin wal fakkaatan kun fuula torbaa(7) fi boqoonnaa sagal of keeysaa qaba. Boqonnaan tokkoffaa ‘seensa‘ yeroo ta’u of jalatti dhimma ‘bu’ureffamuu ABO haasawa‘, boqonnaan lammeessoo, dhimma ‘bara Mootummaa Cehumsaa‘ irraa haasawa, boqonnaan sadeessoo, ‘dhimma jijjiirama ta’u waliin qindeeffachuu fi waliin tarkaanfachuu dadhabuu‘ jedhu irraa haasawa, boqoonnaan afreessoo, dhimma ‘jijjiiramaa fi Itti-fufa‘ jedhu irraa haasawa, boqonnaan shaneessoo, dhimma ‘hiree Murteeffannaa‘ jedhu irraa haasawa, boqoonnaan jaheessoo, dhimma ‘ambummaa(Citizen)‘ jedhu irraa haasawa, boqqonnaan torbeesso, dhimma ‘tokkummaa Ethiopia fi motummaa Fediralummaa‘ jedhu irraa haasawa, boqoonnaa saddeettessoo, dhimma ‘Federaalummaa dhugaa‘ jedhu irraa haasawa, boqoonnaan sagleessoo dhimma ‘Waltajjii Marii Oromoo‘ jedhu irraa haasawee xumura.
Qabiyyeen barreeffama kanaa maali? Qabiyyee isaa tokko lamaan kaasani yaada irratti kennuun, yaada kana qulquleeysuun fi akeeka isaa saaxiluun QBOf bu’aa waan qabuuf jecha akka armaan gadiitti dhiyeessa. Gaaffiilee gaffii dhalchan kanas kaasanii, egeree qabsoo Oromoof jecha, Leencoo falmuufis ta’e, deggaruuf, garagarummaa mul’ataa siyaasa ABO bu’ureeffama isaa irraa eegalee qabuu fi mul’ata Impayeera Ityophiya tiksuu gidduu jiru keessatti yaadi Leencoo bakka kam jira? Yaada jedhu xiinxaluun feesisa. Barreeffami Leencoo akka ka’uumsa marii warra ‘waltajjii marii Oromoo‘ jedhamanii ykn akka manifestoo isaaniitti itti wal masakuuf qopha’ee jiru fakkaata.
Qabxiin dura itti galma seensa isaa irratti ‘‘Oggaa ABOn waggaa 40 dura bu'ureeffamu, akka dhaaba siyaasaa Oromoo kan hangafaatti, kan Oromoo gabrummaa jalaa baasutti, as bahe. Haa ta'u malee, abjuun isaa, kan kallacha qabsoo Oromoo ta'uu, waggoota kurna lamaan booda hin dhugoomin hafe. Kunis kan ta'eef, ABOn haala geo-politikaa hamaa keessatti qabsaa'uuf waan dirqameefi. Haala kanarraa kan ka'e, ABOn hooggantootni hangafoo fi dabballoota isaa ol'aanoo irra deddeebi'ee dhabuun isa mudate. Kanarraa kan madde, ABOn dadhabbii jaarmayaa adda addaatiin sumudamee akka haga hawwe hin hojjanne sakaalamee ture" jedha.
Keeyyata kanaa jalaatti qabxiileen dhiyaatan cuunfaatti:
- ABO kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo fi hawwii Oromoo gabrummaa jalaa baasuuf qabsootti tureef, jiru
- Sabaabni QBO galii rukutuu hanqateef ammoo wareegama Hogganoota ABO hangafoo fi dabballoota ol-aanoo ta’uu fi ABO haala geo-politikaa hamaa keessatti waan qabsa’eef ta’uu,
- Sabaaba qabxii 2ffaa irratti xuqameef jecha ABOn jaarmayaa laafaa akka ta’e ibse.
Qabxiilee xuqaman keessaa dhugaan jiru:
- Akeekni ABO qabsa’aafi turee fi ammas itti jiru, ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuuf ta’uu fi Oromoon har’as gabrummaa jala akka jiru;
- ABO qabsoo hadhawaa gaggeyse keeysatti hogganootaa waraanaa fi dabballoota ol-aanoo wareeguun, fi gatii ulfaataa itti baasuu dha.
- Rakkoo QBO dhimma geo-politikaa qofaa fakkeessanii dhiyeessuu fi
- Haalli geo-politika qofaa isaatti akka wareegamaa hogganootaa fi dabballoota ol-aanoof sababaa ta’e, fi wareegamni kun ammoo akka laafina jarmayaa fide ibsame dha.
Rakkoon QBO hedduu wal xaxaa ta’uu ni mala, haa ta’u ’qabxiin Marii’ ’waltajjii mariif’ dhiyaate kan ibsu garuu rakkoon QBO akka dhimma geopolitika qofaa fakkeesse dhiyeessuun nama dogoggorsa. Rakkoon kun osoo rakkoo dhugaa fi ijoo ta’ee, qabsoon bilisummaa Oromoo har’a gaggeeffamaa jiru kan bara 1970 keeysa ture irra laafaa ta’ee mul’ata ture.
Itti aansee laafina jaarmayaa ABO keessatti dhalateefis wareegama hogganootaa fi dabballoota ol-aanoo qofaa fakkeessuuf tattaafate. Dhaamsi jaallan wareegamanii kan jedhu, nuti kufnee jaallan wareegama irraa haftan, nurra tarkaanfachaa akeeka qabsoo bilisummaa waliin kaaneef galmaan ga’aa! Kan jedhu ture. Leencoo kan jechaa fi gochaa jiru garuu, akeeka bilisummaa akeeka ambummaa Itiyophiyaa kadhachuutti haa jijjiiramu, akeeka walabummaa ammoo akeeka tokkummaa impayera Itiyophiyaa tiksuu waliin wal haa fudhachiisnu jedha. Akeeki jaalan itti kufanii fi akeeki Leencoo kan walii faallaati. Innis maqaa jaallan wareegamaniin kakachaa, impayera Itiyophiyaa tiksuuf hojjechaa jira.
Madda ilaalcha isaa hubachuuf, ilaalchota siyaasaa humnoota impayeraa Itiyophiyaa keessa turan ilaaluu fi ilaalchota bara ABO bu’uureffame turan xiinxaluun feesisa.
2. Ilaalchaa Humnootii Siyaasa Yeroo ABOn Bu’ureeffame turan
Karaa Qaroo Oromoo (Oromo elites): Qabsoon Diddaan Koloneeffatamuu osoo hin dhaabbatin gara qabsoo diddaa gabrummaatti of jijjiiree, bakka bakkatti erga finciloonni adda addaa deddeema turanii booda qindomina fi waltummaan qabsoo ABOn bu’ureffame. Kanaaf ABOn gaafa bu’ureffame gaffiin ummata Oromoo gaaffii Kolonii ture, Oromoon kolonii jalaa of baasuun mirga Hiree Murteeffannaa ummata Oromoo dhugoomsuun, fedhii siyaasaa dhiibbaa kamuu alatti, bilisummaa fi walabummaa Oromoo mirkaneessuu dha jeedha. Haata’uu malee Qaroo Oromoo (Oromo elite) hundaatu yaada kana dhugoomsuuf hojjechaa ture jeechuun hin danda’amu. Warri koloneeffataaf ergamaa turanii fi qabsoo bilisummaa Oromoo keessa dhokatanii kan amma bahaa jiranis qaama ilaalcha koloneeffaataa gageysaa turan.Warri Eritria fi Ogaden akkuma gaffii Oromoo, isaanis Kolonii jalaa of baasuutti amanu, ammoo gaffiin Oromoo gaffi Kolonii tahuu isaa hin fudhatan.
Karaa Qaroo Tigray (Tigrean elites): biyyi Tigray seenaadhaanis ta’e amantii dhaan han’uura warra Habashaa (Aksumite kingdom) ta’uun isaa hin haalamu. Garuu bara Minlik booda aangoo irraa moggeeffamne jedhanii mufii siyaasaa waan qabaachaa turaniif, Impayeera Ityophiyaa keessatti gaffii gitaa kan dursu gaffii sabaati jeedhan. Gaaffiin sabaa kunis tokkkummaa Itophiyaa osoo hin diigiin furamuu qaba jedhan. Kana Ertraa irraa kan hafe furmaata itti fakkaatu saboota Itophiyaa keessa jiran hundaaf lafa kaayan. Kanaafis gaaffiin kolonii warra Eritrea qofaa ilaala ejjenna jeedhu fudhatan.
Wayyaanonni gaaffiin Oromoo gaafii kolonii miti, gaaffii sabaa ti jedhu. Waldhabbiin sabummaa dhibdee polotika Ityoophiya isa hangafaati jedhu. Haata'u malee, Ummatootni biroo mootummoota Amaharaa jala jiraachu irraa kan ka'e dantaa fi ilaalcha walfakkaataa waan waliin qabnuuf, mirgi
sabummaa Oromoo fi uumatoota biroo yoo eegameef, sirna dimokraatawaa ijaarrannee wajjin jiraachuu ni dandeenya jedhan. Gaaffii mirgi hiree murteeffanna Oromoo dagatanii, tokkummaa Ityoophiyaatti hidhani ilaalu.
Humnootiin siyaasaa bitaa (leftist) ofiin jeedhan Ilaalcha Itophiyummaa tiksu irratti kan hunda’an waan turaniif, gaaffiin Ityophiyaa keessaa gaffii gitatti (class) malee gaaffi sabaa miti jedhu. Kanaafuu Maqaa sabaatiin dhaaba dhaabuun 'dhiphumaa fi boodatti hafuummaa’ dha jedhu. Warri daandii akkasii filate EPRP fi MEISON turan. Dargiinis jalqaba irratti mul’ata siyaasaa osoo hin qabaatiin, dhaadannoo Xophiyaan dhiiga malee haa dursitu! ”Yale Minim Dem, Ityophiyaa Tikdem!” jeedhu qabatee warra bitaa(leftist) kan ofiitti butuun, ejjennoo isaani irraa saamee fi isaaniin nyaatee ofii humna ta’e.
Humna sirna Fi’udaalaa: Humni kun akka sirni fi’udaalaa akka itti fuufuu falman dha. Isaan kun EDU jalaatti akka sirni nugusichaa(Monarchy) itti fufu warra fedha qaban turan.
Ilaalchi Leencoon duruu qabaachaa turee fi amma gadi baafate kun humnoota impayerichaa keessatti kan warra kamii akka ta’e tilmaamuun nama hin dhibu. Wareegamni hadhaawaa fi laafinni qabsoo ABO keeysa tures maddi isaa maal akka ta’uu danda’us tilmaamuun nama hin dhibu. Nama ilaalcha kana fakkaatu qabutu, QBO keeysatti bakka hogganummaa qabaacha ture. Ilaalchi isaa kun qabsoo Oromoof jabina moo laafina?
Qabsoo Leencoon hadheessaa jiru kana keeysatti wareegamni qaqqaalii, akka inni jedhutti rakkoo geo-poletika qofaan osoo hin taane, falmaa hadhaawaa koloneeffataa waliin gaggeffameen wareegni guddaa bahee jira.
3. Wareeggama Qaqqaalii QBO Keeysatti Bahe, fakkeenyaaf
ABOn Hogganoota isa qaroo fi daballootaa ol-aanoo dhabuun dhugaa dha. Akka ilaalchaa Leencootti sababaa wareegamaa isaniif kan tahee geo-plotika qofaa dha. Dursaa wareegamaa hogganoota olaanoo fi ulfaatoo ta’an haanga tokko fakkeenyaaf ha ilaallu.
- Qabsoo bilisumaa Oromoo wixinuu keeysatti ijoo warra turaan, Hogganoota Macca fi Tulamaa kan akka Hailemariam Gamada fi Ajajaa dhibbaa Mamoo Mazamir kan QBO jecha wareegama baasan.
- Wareegama jaal Elemoo Qilxuuffaa Xirroo, Habrootti kan dhuma bara 1973ti wareegama ulfaataa bahee fi Oromoo xiiqii keeysa galche ture.
- Wareegama Jn. Tadassaa Birruuffaa kan bara 1974
- Harkaa diinatti kufuu J/Muhee Abdoo bara 1977
- Wareegama J/Baroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa, bara 1978
- Wareegama J/Magarsaa Bariifaa hogganoota olaanoo fi miseensota gameeyyii waliin nama 11 Caamsa 15 bara 1980 ta’e. Wareegamni kun kan mudate Kutaa Harargee, Konyaa Harar, Ona Fiiqi, bakka Shinniggaa jedhamutti ture.Jaallan yeroo kana dhaabni keenya wareegamaan dhabee: J.Bariisoo Waabee(Magarsaa Barii), Dura ta’aa ABO; J.Gadaa Gammadaa (Demisee Tacanee), Itti-aanaa Dura ta’aa ABO; J.Abbaa-Xiiqii Hinsarmuu (Abboomaa Mitikkuu) fi J. Doorii Barihamoo (Yegazuu Bantii), miseensa KG-ABO; J.Falmataa Sabaa (Umar Mohammed), Itti Aanaa Dura ta’aa Ajaja Siyaasaa fi Waraana Godina Bahaa; J.Faafam Dooyyoo, miseensa hoggana Ajaja Siyaasaa Waraana Godina Bahaa ti fi miseensota gameeyyii J.Irr’anaa Qacalee, Jaallee Dhaddachaa Booruu J.Dhaddachaa Mul’ataa, J.Marii Galaan (Mohammed Ibrahim) turan.
- Wareeggama karaa dirree dhihaa gafa 22.12.1981 summii diinaan bahe. Dirree Dhihaatti jaallan filamoon qabsoodhaan qaraman saddeet Gidaamii keessa bakka Girayii jedhamuutti ergamtuu diinaatiin summiin kennameefii dhuman. Kan akka jaal Tottobaa Waqwayyaa, jaal Yohannes Dinqaa, jaal Adam Imana, jal Taddasaa Shorroo, jaal Shanqoo, jaal Ajajaa Dhibbaa (Matoo Alaqaa) Insarmuu, jaal Suleman Raggaasaa dha. Jaal Daawud Ibsa, kan sababa summiitiin harka diinaa bu´ee Hospitaala Dambii Dollootti wall’aanamee ergi lubbuun oole, Mana Hidhaa Dargii seene, sanaan booda manaa hidhaa keeysaa jaallan isaa biroo waliin cabsuun dirreetti bahan dha.
- Miseensolii Koree Gidduu sadii (J/Gabbisaaffaa) dhiha irra gara bahaatti hirmanna Kora Saba 2ffaaf osoo deemani wareegaman
- Wareegama osoo mootummaa cehumsaa keessaa jiraamuu (J/Gamachiis Dhaabaa)
- Wareegama mootummaa cehumsaa keessaa bahuu irratti (J/Nadhii Gammadaa, J/Nagaasaa Kumsaa, J/Milkeessaa, J/Abayee, J/Waggarii Ayyaanaa, J/Boruu Dheressaa, J/Annanoo Mixee, J/Tujii fi kkf
- Wareegamaa mootumaa cehumsaan booda (J/Buryisoo, J/Gutamaa Hawaas, J/Caalaa fi ...)
- Wareeggamaa sabaaba foxoqinsaa (bara 1978, 2001 fi 2008)
1) Dirree Qabsoo hidhatnoo iggitii qabu fi teessuma lafa kennataa qormaataan filachuu irratti hir’ina jiru fi Qabsiichis yeroo dheeraa fudhachuu ni mala jeedhanii xiinxaluun lafa tarsimoo irratti wal qopheysuu fi of ijaaruu irratti hanqinni jiraachuu. Fknf. EPLF dirree qabsoo hidhatnoof tahuu jila itti ramadanii erga qormaata godhaan booda eegalan. Erga dirreen saaqames akka bara dheeraaf tahutti, qubsuma dhaabbataaf akka tahuuitti sababa saaqameef, deeggarsa uummataas waan itti dhimma bahaniif jabaatan.
2) Kan Oromoo hogganootni yeroo sana turan keeysaa gariin muratnnoo gahaa osoo hin qabaatne dirqama ulfaataa itti kennuun rakkina jalaqaba irratti qabsicha mudate ture. Fakkeenyaf Diimaa Nagawoo itti gafataama sirnaan fudhatee osoo of irraa hin dabarsiin, barnootaf jedhee Senegal deeme. Leencoon kunoo ilaalcha siyaasaa impayera Itiyophiyaa tiksu qabatee dhaaba keeysa turuu nuuf mirkaneeysaa jira. Kun hundi dhaabichii jalqabuuma irraa eegalee sochii magalaa fi dirree waldhunfachisee akka hin sossoosne danquu mul’isa. Qindoomina dhaabuu kanaatu madda wareegamaa ulfataas tahe.
3) Dhaabicha keessaa calqaba irraa eegalee, gareen sirnaa Ityophiyaa keessatti mirgaa Oromoo kabajchiisuun ni danda’amaa jeedhu waan tureef, gagga’ama siyaasaa gartuu ilmaan habashaa irraa maddu keessatti diinni warra qaroo fi rakkisoo dha jedhee yaadu irratti tarkaanfii sukkaneessaa waan fudhateefi. "Bisingaa duraa bilchaatee simbiraatuu nyaata” jedha Oromoon.
4) Foxoqinsaa ykn dhibdee keessaa.
Leencoon wareegama hundaa geo-opolitikatti qabsiisuun akeeka isaani kan Qabsoo hidhatnoo lagachuu ”pacifist” waan isa tolcheef, gara fuulduraas karaa ciraachaa, dogoggora darbe kan habashaa waliin fayyaaluummaan hojechuuf hawwu keessatti, gartuu ilmaan habashaa geeysisaniin gaga’amaa mudatee dhokfachuuf fi of golguuf toftaa qiyyaafte tahuu tilmaamuun nama hin dhibuu.
Karaa biroo wareegama foxoqinsa irra maddan xuquu lagachuun kan hubachiisuu foxoqinsa tahan mara keessatti suduudaanis ta’e harkaa lafa jalaan waan harka keessaa qabuuf ta’uu addeessa.
Foxxoqiinsi bara chaartaraa booda dhaaba keeysatti irra deeddeebi’ee mudate kunninis ilaalchuma siyaasaa Leencoo bakkaan gayuuf shira deemaa ture ta’uun hubatamaa dha.
4. Haala Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee mudate
Leencoon haala Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee kan ABO mudate akka armaa gadihiin lafa ka’a:
"...Tartiiba ce'umsaa qophii gahaan alatti seenus, ABO yeroo waggaa tokko hin geenye keessatti sochii ummataa kan seenaa biyyattii keessatti argamee hin taanetti uf qindeessuutti milkaa'e. Haa ta'u malee, hireen gaddisiisaan ABO kan jalqabaanuu hooggantoota heddu jalaa wareegame, mootummaa ce'umsaa keessaa bahiinsatti deebi'ee isa mudate. Wareegamni duraa dhuma 70taa fi 80ta jeequmsa yeroo dhaabni dhawata hooggansa maadhee magaalaa kan dhoksaatirraa gara qabsoo hidhannoo baadiyyaatti uf geeddaru argame keessatti isa qunname...”
Keyyati kun wareegama mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee mudate, kan bara 70taa fi 80ta waliin wal fakkeessuu yaala. Haata’uu gaagaga’mni Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee mudate WBO mooratti galchuu waliin kallatiin wal qabaata. Mooraan waraanaa bakka bakkatti WBOn gurame galee, lafa tarsiimoo waraanaaf (military strategy) hin aanjofne ture. WBOn nannoo itti geejibfame quba hin qabu ture. Dahoon qoratame hin turre. Dhiheessiin kuufame hin turre. Fageenya qubsuma WBO fi wayyaanee gidduu jiru tilmaama keessa kan hin galchine ture. Laafina qorannoo malee murtii kana fudhachuun laafina guddaa, kan Oromoon wareegama guddaa itti baase dha.
Diimaa Nagawoo yeroo midi’atti bahee haasawu, waraana kumaa digdamaa (20,000) qofaa mooraatti akka galchinuu nu hayyamani jeechuun, qaanii tokko malee, koomii TPLF irratti qabuu ifse. Haallen kana yeroo ilaallu ABO keeysaa yeroo mara gareen sirna habashaa keessatti hojeechuuf carran jira jedhee amanuu murtee dagachiisaa fudhachuun, gaga’amaa fi wareegamaa
hadhooftuu akka dhaabichii baasu tolche malee, kan geo-poltics waliin wal qabatu qofaa miti. Geo-politiksin akka amma Leencon kaa’utti osoo hin taane, haala adda biraan qabsoo keenya irratti dhiibbaa qabaachuu mala.
Leencoon haala Mootummaa cehumsaa itti seenamee fi gaga’ama waraanaa fi qabsoo keeysatti mudate osoo hin ibsiin bu’aa mootummaa cehumsaa keeysatti argamee kakkasee jira. Bara Chartara qabsoof bu’aa dhaabichi galmeesse akka jiru wal nama hin falaamsiisu. Haa ta’uu malee hojii jarmayaa yeroo sanaa akka jarmayaatti of jabeessu, balaa bor dhufuu malu akkataa of irraa qolatu of qopheeysuu, hoggana fi caasaa dirree wal irraa fagoo ture wal dhuunfachiisuu fi sirna Jarmayaa fi waraana cimsuu qabu ilaalchissee waan tokko osoo hin jenne irra darbuun maaliif akka ta’e Oromoof hubatamaa dha.
Dhimmoota aramaan olii irratti qophaawuu hanqachuun ammoo gaga’ama hoggana, caasaa dhaabaa fi miseensota irratti fide kan bara baraan hin dagatamne dha. Carraa humna fi qabeenya ummata Oromoo gaafas harka dhaabaa seene itti dhimma ba’uu hanqachuun, dhaaba kana rakkoo dinagdee
har’a keessa jiruuf saaxiles hubatamaa dha. Qabeenyi gaafas harka dhaabaa seene eessa jira? Gaafatamni hanga har’aa Leencoo irraa hin buune dha. Leencoo fafa hagana gayu baatee hogganaa fi sagantaa siyaasaa ABO komata.
5. Komii Leencoon Hoggana ABO fi Sagantaa Siyaasa ABO irratti qabu
Sagantaa siyaasa fi Kayyoo ABOtti ciichuun Leencoo biraatti fafa ta’ee akka komiitti dhiyaate keessaa:
”...Akka kanaan, haala daddaffiidhaan jijjiiramu wajjiin wal faana uf qindeessuu mannaa, bakkuma tokko dhaabbachuu fi waanuma kaleessa aadeffatanitti goggoganii cichuun mallattoo sabboonummaa xiixaa fi jaanoo ulfinnaa ta'e. Haala sardaa fi xaxaa mala nama baasu dhayuu gaafatu keessatti deebiin hoogganaa dhaadannoo goggogaa fi hoffaa baanachuu ta'e. Kan daranuu dhimmicha hammeesse, gootummaan kanuma afaaniin dhaadatamu malee kan haala qabatamaa lafarra jiru jijjiiruu ta'uu dhabuu dha...”
Qabxileen kayyata armaan olii heedduun isaanii siyaasummaa isaa irraa arbsoo, jibbaa, uumama fi ilaalcha siyaasaa barreessaan ’qabxii marii kanaa’ qabu irra madda.
Qabsoo sabaatti diinomuun kun, sababaa yaada isaa "rakkoon Oromoo impayera Ityophiyaa keessatti hiikamuu qaba!" jeedhu fudhaachuu diiduun hogganaa fi qabsaawota arrabsiise.Ejjennaan Leencoo, faallaa ejjennaan sagantaa siyaasaa ABO irra jiru, yaada Korri Sabaa Murteesseti. Leencoon waltajjii sirnaan alatti heeraa fi sagantaa siyaasaa haquu hin dandayu. Amalli nama kanaa kan seeraa fi heeraa olitti of ilaaluu fi sirnadhablee ta’uu dha.
Ummatni Oromoo gabrummaa jala jira yoo jenne, rakkoon isaa hin furamne yoo ka jennu taate, qabsoo jabeessuu malee kaayyoo jijjiiruun furmaata miti. Kaayyoo sabaa jijjiiruun mallattoo diinaaf jilbeeeffachuu fi ergamaa ta’uu mul’isa. Kun kan agarsiisuu, mallattoo dulluma keessa abdii kutachuun amala moohamummaa(defeatisim) keessa seenuu dha.
Arrabsoo fi xiqqeessii qabsaawota kaayyo tiksanii fi kaayyoof wareegaman irratti gaggeessuun kun sababaan isaa dhugaa maali? Arrabsoon kun, dhugaatti tufii inni Oromoof qabuu fi bakka inni ofiif kenne mul’isa. Leencoo akeeka kana qabatee QBO keessa yoo jiraate, wareegamuu jaallaniif sababa ta’uu hanqachuu isaaf wabii maaltu jira? Jaallan garii sababa ilaalcha siyaasaa fi sabboonummaa isaaniif qofaa jechootaa fi maqaan adda addaa itti maxxanfamee fi kijibaan yakkamanii waregamuun fi diinatti dabarfamanii kennamuun ni beekama.
Leencoo QBO kan ABOn hogganamu keeysa guyyaa bu’ureffame irraa eegalee haga Onkololessa 10, bara 2011 sadarkaa ol-aanaa fi barcuma yubaatti ilaalcha isaa kana dhokfatee dhaaba keeysa ture. Wareegama jaallaniifis ta’e laaffachuu QBO namni isa caalaa itti gaafatamuu danda’u hin jiru.
Inumaayyuu WBO keysatti jeequmsa dhalchu keeysatti kan bara 1970ta irraa eegalee, bara chaartaraa fi haga Lichoo Bukuraafaa gansiisuutti namni qabsoo kana laaffisuu keeysatti gaafatamummaa guddaa qabu isuma.
Tarkaanfii humni Addaa WBO har’a Oromiyaa keessatti, bakka bakkatti fudhatamulle, Waltajjii Leencoo fi Diimaa gaggeeysan irratti, duuka buutoti isaanii wareegama jaallan baasanitti yeroo qoosanii fi kolfan youtube irraatti mul’ate, jarri kunis wareegama baha jiru irratti kolfamu callisanii bira darbuun isaanii Oromoo hedduu biratti gaaffii guddaa kaasee ture. Dhugumatti murni wareegama Oromoon qabsoo isaaf basaa jirutti qoosu, haamlee qabsaawota fi kan Oromoo cabsu, kun Oromoof qabsaawaa?
Mul’ata harayaa qaba jedhu ifatti lallabachuun karaa dha, hojii fi wareegama qabsaawotaa xiqeysuun ammoo diinummaa dha. Dhugumatti mul’ati har’a akka haarayaatti naannawaa jiru kun haarayaa dha? Moo kan baroota 1955 faa keeysa gaaffii gurraacha Amerikaa ture dha? Isa jedhu ilaalla.
6. Leencoo fi "Mul’ata Siyaasaa Isaa Harayaa’’
Hundee "Mul’ata siyaasa Leencoo isa haaryaa’’:
”... yeroo ammaatti, mirgi hiree murteeffannaa hojitti yeroo shaakalamu bulchiinsa kolonummaa hambisuu irra bal'atee ejjannoo irra baldhaa ammatee jira. Kunis ta'u hiikkaan mirga hiree murteeffannaa waliigalatti kanneen gabroomfaman gabrummaa jalaa baasanii gara ambaatti (citizen) jijjiiruudha. Akka kanaan hiikkaa mirga hiree murteeffannaa ammayyaa ta'e kana maxxanfachuun, qabsoon Oromoo kan jaarraa 21ffaa mirga ambummaa Oromoo qofa osoo hin taane, mirga ambummaa ummatoota impaayerattii keessa jiran maraaf, kanneen qarruun gabroomfattootaa keessaa margan dabalee, qabsaa'uun qabsoo Oromoo sadarkaa ol'aanatti ceesisa. Hiikkaa mirga hiree murteeffannaa ammayya ta'e kana irra dhaabbachuun, wixinee sagantaa siyaasaa sochii Oromoo kan jaarraa 21ffaa kan sagantaa ABO fi jaarmota siyaasaa biyyattii keessa socho'an hundaa caalu qiyaasuun ni danda'ama..”
... Yeroo fuuldura tarkaanfannu, qabsoon bilisummaa Oromoo kabajamuu mirgoota gosa hundaa kan Oromoo fi saboota cunqurfamoo hundaa jalummaa (subjects) jalaa baasee amboomsuuf (citizens) dhaabbata. Akka kanaan hiikkaan mirga hiree murteeffannaa nu hordofnu, gabroomfamtoota akka jaleetti cunqurfaman amboomsuudhaan akka waliin abbaa biyyaa gochuu kan jedhuuf qabsaa'a.
Sabni Oromoo fi ummatoonni gulantaa siyaasaa Itoophiyaa dullattii hiddaan jijjiiranii biyya jalummaan hafee walqixxummaan dhugatti mirkanaa'u taasisuuf bifa haarayaa fi adda ta'een waliin hojjatu...” jedha.
Mul’atni siyaasa haarayaa Leencoo kun; shaakaluu mirga hiree murteeffannaa waliigalatti kanneen gabroomfaman gabrummaa jalaa baasanii gara ambaatti (citizen) jijjiiruu dha; tokkumman Ityophiyaa walqixummaa dhugaa irratti hundooftee mirkaneessuu dha jedha. Kunis Mirga hiree murteeffannaa gosa hundaa shaakaluu jechuun ambummaan sadarkaa sadarkaan shaakalamu dha jedha.
Mul’ati kun mul’ata haarayaa osoo hin taane kan bara 1955-1968 sochii warraaqsa Afro-Amerika mirga lammummaa/ambummaa (civil rights movement) wajjiin wal fakkaatu dha. Waan Leencoof haarayaa ta’ee fi mul’ata jaarraa 21ffaa jedhee dhaadhessu kun, yaadaa fi ilaalcha bu’ureffamuu ABO dura hojii irra oole dha.
Gurraachi Ameikaa mirga lammummaa Amerikaa argachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeeysani. Falmaa kana keeysatti yeroo duraa, warri adii, warra gurraachaan akka jaleetti(subject) ilaaluu ture, yeroo warri gurraachaa nuti lammii Amerikaati jedhan isaaniif hin fudhatan ture. Booda irra yeroo warri gurraachaa fincilanii nuti lammii Amerikaa miti jedhanii lola seenanitti, warri adii isin Amerikaa dha jedhanii ofitti qabuu eegalan, dhuma irratti warri gurraachaa mirga lammummaa isaanii kabajichiifatanii fi eenyummaa isaanii isa dhugaa otoo hin gatiin lammii Afro-Amerikaa ta’uu mirkaneeffatan. Kun eenyummaa isaanii isa duraaf dursa kennuu fi mirgi lammummaa /ambummaa Amerikaa keessatti qabanis kabajameef. Kunis qabsoo hadhooftuu fi wareegama ulfaataa booda ta’e.
Warri Afro-Amerika waliigala Amerika waliin yeroo madaalaman lakkoofsaan bicuu waan ta’aniif, lafa walitti ejjetee akka biyyaatti of labsan waan hin qabneef jecha, mirga ambummaa(citizenshipe right) isaanii Amerikaa keessatti falmanii argachuu filatan. Haala kanaan itti milkaawuu irra darbanii maatiin gurraachaa presedant Amerika ta’uu danda’e. Gaaffiin Oromoo fi haalli impayera Itiyophiyaa keessatti mul’atu jiru garuu gaaffii Afro-Amerika irra adda dha. Oromoon saba wayyaba dha, Oromoon biyya/lafa walitti-ejjetu Oromiyaa jedhamtu qaba, gaaffiin Oromoo fi gurraachi Amerikaa kaasan adda waan ta’ef, furmaatni isaas adda.
'Mul’ataa siyaasa haarayaa’ jeedhamee kana keeysatti jechooti ijoo ta’anii ibsaman Hiree ofiin murteeffanaa, ambummaa(citizen), jalummaa (subjects), Hawaasa siyaasa (Political community), Impayeeraa fi tokkumaa Ityophiyaa dha.
Jeechoota kanaa bu’uraa irraa kaasnee hiikaa isaani hubachuun feesisa. Biyyi (State) tokko dangaa beekamaa qabaate, daangaa sana keessa uummata ykn ummatoota qabaachuu danda’u dha. Walitti kuufamani ummata saba ta’a. Biyyaa demokratawaa ta’e keessatti, Sabni aangoo olaanaa qaba.
Lamummaa/Ambummaa(citizen)n ammoo hariiroo kan mirgaa fi dirqamaa nam-tokkeen biyyaa (state) waliin qabu mul’isu dha. Biyyootni addunyaa harka guddaan haala kanaan ijaramani jiru. Biyyoota kana keessatti mootummaan mirga nam-tokkee kabaja, ummatni biyyicha akka sabaa ykn uummataatti osoo hin taane akka partiitti mirga isaanii tikfachuuf wal ijaaru. Haata'u malee eenyummaa isaaniif warri falman hin jiran jechuun hin danda’amu. Jiraattotni biyyoota hedduun gara hawaasa ambaati aangomaniitti jijjiramani jiru.
Xumuraa loolaa Qabannawwan duraa danga isaanii keessatti states aangoo olaanaa (sovereignty) qabu. Daanga isaa keessa humni gara biraa seenuu hin danda’u, waan daangaa isaa keessatti tahu irratti aangoo kan qabu biyya/state sana qofaa dha. Har’a falammii mirga dhala namaa (human rights), fi ambumma akkasumaasa deemsa globalization irran kan ka’ee haalli kun haga tokko bakka irraa siiqee jira.
Waliigala biyya (state), daangaa, jalummaa (subjects), ummata, sabaa fi aangoo olaanaan walitti hidhamanii ilaalamu.
Biyyi sirna kana hundee godhate, warra isa ijaaranii fi keessa jiraatan wajjin hariiroo qabaata. Biyya mirgi sabootaa walqixa kabajame keessatti biyya sabaa (Nation state) jeedhama.
Biyyi tokko biyya biraa humnaan booji`ee qabate ykn koloneeffachuun sirna bulchiinsa isaa kan diriirse yoo ta’e, Kolonii ykn Impaayera jedhama.
Biyyoota adda addaa keessatti sabaaba adda addaan dhibdee siyaasa, hawaasumma fi dinagdee dhalatu hiikuuf hireen ofii ofiin murteeffannaa keessa (internal self determination), kan dangaa biyyichaa hin xuqnetu gaggeeffama. Karaa biroo sirna koloneeffataa jalaa hundee dhaan of baasuuf
mirgi hiree murteeffannaa (External selfdetermination) gaggeeffacchuun, walabummaa biyyaa dhugoomsuun ni danda’ama.
Lammummaa(Ambummaan) hariiroo mirgaa fi dirqamaa kan namni tokko biyyaa (state) waliin qabu dha. Lammummaan(Citizenship) jaarraa 18ffaa booda kan bifaa qabataa dhufee fi mirga hiree murteeffannaa waliin kan wal faana deemuu eegalee dha. Jarraa 16ffaa dura Mootiin (king) mirga uumaan (divine) kennameef biyya bulchaa ture. Kan du’a murteessuu, hidhuu, hiikuu,aangoomsuu, qabeenya irratti arjoomu ykn angoo sarbu mootii duwwaa ture. Mootii olitti aangoo olaanaa kan qabu hin turre.
Warraqsa Amerika (Fincilaa Holland) jeedhamee beekamuu, jarra 16ffa kan Spain irratti ka’e, Warraqsaa Fransayiin bara 1789, Finciilaa Griik mootoota Ottoman bara 1820 keessa, addan bahiinsaa Belgium mootummaa Netherland irraa kan bara 1830, Fincilaa Poland Russia irratti bara 1830-31 ka’e, Fincilaa Hungaroota kan Hapsburg kan bara 1848 irratti ka’ee fi kkf hundii aangoo
fi’udaalotaa dhabamsiisuu fi bulchiinsa harka ummataa galchuu irratti kan qiyyaafate ture.
Bara 1789 Warraqxooti Faransaa sirna fuudaalaa jijjiiruuf waan socho’aniif bulchiinsa irratti mirgi angoo kan ummataati jedhan. Ummata duwwaatu mirga uumamaan kennameef qabaachuu danda’a jedhan. Mootummaan fedhii warra mootii irratti kan hundaawu osoo hin taane, fedhii ummataa irratti hundaawuu qaba jedhan. Ummatni yoo akkaataa mootummaan isa bulchuutti quufa hin qabatne, irraa adda bahanii mootummaa mataa isaanii dhaabbachuuf mirga qabu jechuun, sirna mootii irratti fincilanii ummatas fincilchiisan. Kun Mirgaa hiree murteeffanaa akka sabaattii fi mirgaa
lammummaa/ambummaa kan ittin namni tokko feedha civil rights isaa ittin ibsaatuu bu’ureessee.
Mirgii lammummaa/ambummaa (Citizen right) kun guddachaa deemuun jarra 19ffaa keessaa lammummaa siyaasa (political citizenship) –tti tarkaanfate. Inni kun mirga filmaata biyya keessatti filuu fi filaamuu bu’ureessee. Jarra 20ffaa keessaa kan duraan mirgi filmaata dhiiraaf duwwaa turee jijjiiruun, dubaartii fi akkasumaa uumurii beekkamaan akka dardarii (universal suffrage) sirna filuu fi filamuu keessatti qooda fudhataan gumaache.
Jarraa 21ffaa keessatti lammummaa Hawaasaa (social citizenship) bu’ureeffamaa jira. Kuniis akkataa gareen (uumatni) tokko midhaa karaa dinagdee, aadaa fi siyaasaa irra gahee kabajamuuf kan dhiibu dha. Furmaati akkasii kan ilaalcha liberal theory, kan aadaalee adda addaa balleessuun gara aadaa tokkotti fiduu jeedhu biyyii sabaa (nation state) adda addaa keessatti hacuuccaa hamaa uumee boodaalle baduu dhibuun yaada kana dhalche.
Fknf. UK keesatti Wales, Scotland mirga hiree murteeffannaa isaanii gaafachaa jiru, warri Scotish bara 2014tti sagalee kennatuun biyya walaba dhaabbachuu ykn British waliin jiraachuuf murteeffatu. Spain keessatti Basques, Catalans Corsicans fi kkf gaffin waloo isaan kaassan liberal democracy-n deebihuu hin dandeenyee. Waliigalaa akka hayyoonii siyaasaa yaada kana ibsan
lamummaan(citizenship) hariiroo kan mirgaa fi dirqamaa nam-tokkeen biyyaa (state) waliin qabuu jechuu dha. Ummatnii Oromoo biyya dhablee ta’ee jira, lafti isaa irratti gurguramaa jira, kanaaf ammatti stateless dha. Biyyi ammoo biyya waliin seera adunyaa irratti hunda’uun hariiroo tolfata. Kanaafuu Kim Rubenstein (2004) yeroo lammummaa ibsuu akkana jeedha:-
"Citizenship is a legal, political and a social construct that has domestic and international consequences.”
Mirgi lammummaa qaama mirgaa hiree ofii ofiin murteeffanaa fi qaama mirgoota dhala namaati. Gaffiin Oromoo garaa gaffi lammummaatti (ambummaatti) xiqeeysuun gaffii Oromoo biyya mataa isaa qabaachuu diduu, ugguruu fi mirga Oromoo irra ejjetuun tokkummaa impayera Ityophiyaa tiksuu fudhaachuu fi labsuu dha.
Lammummaan (citizenship) miseensa hawaasa siyaasa (political community) tokko ti. Akka barreeffama Aristotle, Bodin, Hobbes, Rousseau, Marshall fi kkf mirgii fi shakalli lammummaa kan bulchinsaa fi siyaasaa walaaba tahee (autonomous polity) irratti kan hunda’ee dha. Lammummaan qaama seera adunyaa waan taheef mirgii lammummaa kan shakalaamu dangaa seeraa adunyaa irratti beekkamaa (National sovereignty) tahee irratti ta’a. Kanaafuu akka ilaalchaa Leencoo-ti tokkumaa Ityophiyaa fudhachuun bakka Oromoon shakalaa lammummaa(ambummaa) irratti tolfatu dhabamsiisuu jechuu dha.
Gaffiin kanaatti aanee dhufuu lammummaan miseensaa hawaasa siyaasaa (Political community) tokko ti. Saboota impayeeraa Ityophiyaa keessa jiraan akka hawaasa siyaasaa (political community) tokkotti ilaaluu dandeenyaa? Kanaaf Leencoon akka armaa gadihitti deebii keennee jira:
"....Herrega akka waan hawaasni siyaasaa lammiiwwan amboomanii/aangomanii irraa tolfame jirutti dhiheessuu ni mormina, hawaasni akkasii hawaasa lammiiwwan aanga’an qofa irraa waan tolfamuuf. Haga ambummaan hin sabatinitti, hawaasni siyaasaa (political community) jiraachuu hin danda'u.”
Yoo Hawaasni siyaasa Impayeeraa Ityophiyaa keessaa hin jirannee, gaffiin karaa siyaasa, dinagdee, aadaa fi hawaasummaa ummatootini impayera sana keessatti qabamanii jiranis adda adda dha jechuu dha. Sababni isaas mootumootiin walduraa duuban dhufaan, uummata tokko ofitti qabuun, fi kaan moggessuun akka wal dura dhaabbatu tochuu imaammata waan godhataniifi. Kanaafuu akeekni yaadama jiru Hawaasa siyaasa tokko kan lammummaa (ambummaa) argamsiisuu tolchuu dha jechaa jira. Kanaaf karaa kun itti tahuu danda’uu akka armaa gadihiin Leencoon ibsee keeysaa:
Ulaagaan murteessaan ambummaa argamsiisu tartiiba akkaataa biyyattiin itti caasefamtuu fi bulfamtu irraa qooda fudhachuudha. Kana jechuun hirmaannaan jalaa olii jiraatee, ummatoonni heera ijaarsota sirna dimokraasiif utubaa ta'an qiyaasuu, raggaasuu fi hujirra oolchuu irraa qooda fudhachuudha. Akkasuma, eenyu akka biyya bulchu murteessuu danda'uunis mallattoo qaama
tartiiba gosti amboome dhalachuu agarsiisan keessaa isa duraa ti.
Leencoon mul’ata isaa kana bakkaan gayuuf akka qabsaa’u ibsatee jira. Mul’ati isaa fi haalli qabatamaa impayera Ityophiyaa keessa jiru wal simataa? Gaaffii jedhu itti aannee ilaalla.
7. Mul’ataa Siyaasaa Leencoo fi haala qabataama Impayeeraa Ityophiyaa Keessaa
Mul’atni siyaasaa Leencoo haala qabatamaa kan seenaa, yeroo fi haala har’aa mootummaan abba irree, ykn koloneefatootni Impayeeraa Ityophiyaa kan qawween impayera qabatanii jiran kan gonkuumaa dagatee, wallaala irraa osoo hin taane beeka mirgaa Oromoo sharafuun harka kennachuuf kan wixiname tahuu isaa ifaa dha. TPLF yeroo ammaa kan Tika, Waraana, Birokraasii, Dinagdee fi daldalaa qaroo Tigray(Tigrean elites) duwwaan osoo hin ta’iin ummatni Tigrayuu dantaa kana irraa qoodachaa jiraachuun mul’ataa jira. Kanaaf ragaan ”Meqaleen Be Lewux Godaanaan” ta’u danda’a. Ummati Tigray har’aa ummata gabrummaa jala jiru, kan qaroo gabroomfataa Tigreen keessaa madde qofaa dha jennee kan bilisummaa isaaf falminuu hin fakkatuu. Yoo Leencoo faa ”cosmopolitan” tahanii saba Tigreef falman ta’an mirga isaaniiti.
Yeroo ammaa yeroo Oromoon biyya dhablee ta’ee jiru, lafti isaa irratti gurguramaa jiru keessatti, yeroo hogganooti parti akka Baqalaa Garbaa faa mirga lammummaa(ambumma) qabatanii falmanitti, hireen isaanii mana hidhaatti darbamuu ta’e keeysatti, yoo dhugumattu ilaalcha kanaan
qabsaawuun ni baasa kan jedhan yoo ta’e, biyya alaa keeysa deemanii mooraa QBO jeequu irra, gara biyyaa galanii yoo gatii itti baasan qabsaawummaan isaanii mirkanawaaf. Waan amananiif dirreen isaa biyya keessa waan ta’eef itti deemanii haa yaalan.
Ammoo bakka fi haala abbummaan qabeenyaa fi aangoon siyaasaa wal hin madaallee keeysatti mirga lammmmaa shaakaluun abjuu dha. Haala kana keeysatti walqixummaan nam-tokkees ta’e sabootaa akka hin dhugoomnee qormaatoti adda addaa ni dhugumsu. Fakeenyaaf ummatani Aborgin biyyaa Australia mirga filuu fi filaatamuu ergaa argataani wagga sodooma boodaallee lammii Australiaa isaa kaan waliin walqixa ta’uun isaani shakkisiisaa dha. Mul’atni siyaasa Leencoos kan Ethiopia National Liberation Front (ENLF) bara 1970 keessaa maqaa Ityophiyaan qabsoofnee, dantaa Oromoo kabajchiisna kan jedhu yetoo ta’u, ilaalchi siyaasaa harayaa (kan Leencoo) ammoo maqaa Oromoo dhimma baanee, tokkummaa Ityophiyaa kan mirgaa Oromoo dhiituuf falmina jechuu irra adda miti.Rakkoon Oromoo impayera Ityophiyaa ta’uun otoo beekamuu, rakkoo kanaan rakkoo Oromoo furuuf tattaafachuun gowwummaa dha.
Mootummaan TPLF heera isaa keessatti Angoo 14 hanga 39-ti mirga lammummaa/ambummaa kan kabajchisan tarressee jira. Kanaaf mirgi lammumaas ta’ee, mirgi waloo kabajamaa dha jedha. Sirna Federaala jirus Federaala dhugaatti kan guddachaa fi bilchaata deemuu dha jedha. Dhibdeen jirtu kan waraqa irra ta’ee humna ittin kabajchifatu dhabuu dha. Theory midhagsuu fi pacifistumaan akka mirga kamuu kabajchiisuun hin danda’amnee amallii TPLF fi ilmaan habashaa waligalaa seena darbee fi haala qabataama amma jiru irraa baratamuu qabu dha.
8. Ilaalcha ABO mirgaa lammummaa(ambummaa) irratti qabu
ABO ilaalcha mirgaa lammummaa irratti qabuu ilaalchisee Leencoo akka armaan gadihiin ibsee jira:
".....Qarruun afaan Amaaraa (Amharic speaking elites) mirgoota ambummaa, siyaasaa fi hawaasummaa leellisaa, mirga aadaa fi afaanii akka hin jirretti waakkata ykn gatii isaan male dhoorgata. Qarruun bulchitoota ammaa ammoo, mirga aadaa fi afaanii nan ulfeessa jechuun kanneen biraa dhiita. Murnoota ABO giddutti ammoo qabxiin mirga ambummaa/ lammummaa jedhu bakkaayyu hin qabu....”.
Leencoo kan dhadatuu fi ittin of dhadheessu keessaa inni guddaan ABO keessaatti sadarkaa olaanatti hogganaa turu isaati. Oggaa dhaabicha yakku garuu waanumaa ofii tolche jedhu dagate. ABOn bu’ureffamuu isaa irraa kaasee mirgaa nam-tokkes ta’ee kan waloo kabajuu irratti ilaalcha qabu ifaa fi qulqulluu dha. Sagantaa siyaasa isaa irratti tarreessee jira. Olaantummaa ummataa, Caasa mootummaa fi Caffee caaseeffamuu keesatti mirgaa fi dirqamaa hirmannaa nam-tokkees ka’ee jira.
Akkasumaas saboota cunqurfamoo fi humnoota demokratawa ta’an waliin hojeechuuf murannoo qabu osoo hin xuqiin irra taree hin beeku. Sagantaa siyaasaa Koraa sabaa 3ffaan Muddee bara 2004 ragga’ee keessatti qabxiilee armaan gadihi jalatti hariiroo ummatootni biroo waliin qabu, mirgoota isaanii kabajchiisuu fi shaakluu sagantaa siyaasaa ABO keessaa dhiyaate kun wabi dha.
1. Akeeka fi Galii Siyaasaa ABO jalatti
Galii kana bakkaan gahuufis ummatoota, humnoota mirga hiree murteeffannaatti amananii fi dimokraatawoo tahan waliin qabsoo qindeeffata jedhu,
2. Oromiyaa fi Lammiwan Oromiyaa jalatti
Ummanni Oromoo hin-tahin kan qubsuma ofii Oromiyaa keessaa qaban saboota bicuu Oromiyaa ti. Saboonni bicuun Oromiyaa keessa jiran enyummaa isaanii dagaagfatuuf mirga guutuu qaban. Akkasumas mirga hiree murteeffannaa seera addunyaatiin qaban hojiirra oolfatuu danda’an jedhu,
3. Ol-aantummaa Ummataa jalatti
Oromiyaatti ol’aantummaan tan ummataa ti jedhu,
4. Tarree Mirgootaa jalatti
Sodaarraa Bilisoomuu; Tika jireenyaa fi Mirgaa, Mirga Yaada Ofii Ibsachuu fi Pressii; Mirga Jaaramuu; Seera Duratti Wal-qixxooma; Dirqama Raaw’ii fi Mirgoota Seeraa ittiin Badhaadhinaa; Mirga Himannaan Seeramurtii Hinbabsineen Ilaalamuu fi Mirga Ofirraa Ittisaa; Mirga Socchii; Mirga Teessoo (Lafa Jireenya) Murteeffatuu; Mirga Yaada fi Amantii jedhu,
5. Sirna Mootummaa jalatti
Sadarkaa mootummaa hundatti qoodni hojii, dirqamaa fi aangoon sirnaan dangeffamee, dameelee mootummaatti raabsama. Ol’aantummaan seeraa ni mirkanoofti. Kanneen asitti aanan bu’uroota hundee sirna dimokraasii ti jedhu,
5.2 Seer-tumeessa (Legislature) jalatti
Caffee Ummataa , Caffee Godinaa tii fi Caffee Onaatu jiraata. Caffeen Ummataa seertumeessa ol’aanaa dha. Seerri Caffeen Ummataa labsiteetu Oromiyaa guututti ragga’a. Caffeen Goodinaa fi Caffeen Onaa, naannoo isaaniitti seertumeessoo dha jedhu,
ragaaf kaasuun ni danda‘ama.
9. Xumura
Sababni laafina qabsoo kan bar kurnee lamaa as ykn kan sababa geo-poletika qofaatti hidhamee ilaalamu miti. Waan bara wayyaanee dura jiru seenaaf dhiisnee kan as dhiyoo ilaalle; humni Dargii jigse humna gaffi sabaa ija ’demokrasiitiin’, tokkummaa Itophiyaa tiksuu keeysatti furmaata barbaaduu fi humna gaffi sabaa ija Koloniitiin ilaalan turan. Hundi isanii gaffii sabaaf dursa
haa kennan malee furmaata waaraa fiduu irratti ilaalcha adda addaa qabacha turan.
ABO bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bar kurnee laman booda dhugoomsuu dadhabuun madaala humnaa kan waraana fi siyaasaa kan TPLF, kan gaffii Oromoo akka gaffii sabaa qofaatti ilaalan waliin wal madaaluu dhabuu agarsiisa malee, gaffiin Oromoo gaffii haqaa ta’uu hanqachuu hin mul’isu. Inumaayyuu ABO kan inni akka kallachaa qabsoo bilisummaa Oromootti beekamee bar kurnee laman kana booda ta’uun dhugaa mul’atu dha.
ABOn gaaffin uumata Oromoo gaaffii Kolonii dha jedhee, maaliif bar kurne lamaan booda milka’uu hanqate jennee yoo of gaftne deebiin isaa ABO-tu humnoota adda addaa gaffii isaa dura dhaabbata turan, of irratti hirkannoo fi tin’isaa haphataan waan falmaa tureef ta’uun hin haalamu. Dabalata
afaanfaajjii diinnii fi lootee seentoti hanqina damaqinsi siyaasaa Oromoon qabu ilaalanii irratti shiran qooda guddaa qaba.
Ummatni Eritrea sadarkaa sirni fedraalaa kan Itophiyaa waliin walitti isaan hidhe diiganii of irraa kaasan. TPLF jijjiraama angoo fi qabsa’e. Kunis beekamummaa idlee adunyaa (diplomatic recognition) kenneef. Humni TPLFEPRDF Dergii kufissee aangoo Ityophiyaa akka qabachuuf deemu bara 1985 ifa godhee ture. Akeeka isaani kana bakkaan gahuuf jeecha bara 1989-ti OPDO
booji’amtoota waraana irraa akka gaaffi uummataa Oromoo ofi isaa barbaaduttii fi to’atuutti ijaare. Diinummaa ifaa ABO waliin kan jalqabe gaafas ta’uun beekamaa dha. Hogganni ABO fallaa akeeka kanaaf of qopheessuun akka irra ture eenyuu caalaa Leencoon ni hubaata. Kanaafuu laafinni kun
laafina bar kurnee laman duraati malee kan har’aa irraa has’amuu hin turre.
Leencoon haasawaa hawaasaaf biyyaa Norway magalaa Oslo-tti godhee irratti Jarmayaan nutti ijaruuf deemnuu kan ABO dhaaludha jedhe. Jalqaba Leencoo nama dhaaba kana keessa ture dha, dhaaba kanattu abbaa ture. Itti aanuun akka umuriitti jaarsa. Dhaaba keeysaas kan kabajaan gaggeeffame sababa naamusaan ta’uun beekamaa dha. Dhaalli kun gaabbii badii naamusa isaa yoo
ta’e badii isaa irraa baratee, dhaabatti deebi’uuf haaromsa fudhachuu, badiilee kana dura dalageef dhiifama gaafatee, ta’uu qaba malee dhaalli akka kanaa maali? Dhaalli maatii ykn qaama tokko irraa dhaalamu, du’a booda dha, dhaaba lubbuun jiru, sirnaa fi caasaa kamiin dhaalu? Moo ajjeesanii dhaaluuf deemu gaaffiin jettu sammuu Oromoo hedduu keessa jirti.
Yeroon haasawa kana dhaga’ee Leencoo fi garreen isaa ABO irratti waraana labsuu isaanii hubadhe. Har’a mul’ataa siyaasaa kan Afro-Amerikans bara 1955 keeysa itti dhimma bayan fakkatu tokko qabatanii, ilaalcha jaarraa 21ffaa dha jechuun, ilaalchaa fi yaada hammayyaa qabna jechaa jiru. Inumaayyuu 'ilaalcha siyaasaa hammayyaa’ kana faayadamanii ABO dhaaluuf dhama’u. Maayyii irratti kan isaan of-qopheeysaa jiran ummataa Oromoo dhibee karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee qabu furra jedhanii, ummata Amaara fi ummata Tigree booda hiriirsanii yoo xiqaatee lammummaa sadarkaa sadaffaa (third citizen) isaaf hawwuu fi sanas fudhachiisuu dha. Fafa kana hunda dhoksatanii, gaafatamummaa seenaa jalaa bahuuf tattaafachuun isaani seera
uumamaa ta’uu mala.
Ammoo Leencoo fi gareen isaa laaffachuu qabsoo fi wareegamuu jaallaniif gaafatamummaa jalaa bahuu hin danda’an. Inumaayyu akeekaa fi kaayyo jaallan irratti wareegaman xiqqessuu fi arrabsuun gaafatama seenaa guddaa jala isaan galcha. Akeeka jaallan irratti wareegaman ija tuffiin ilaaluu fi kan yeroo waliin hin deemne dha jechaa, sagantaa impayera Itiyophiyaa tiksuf kan
Afro-Amerika bara 1955 itti dhimma bayan ergifachuun, dhaamsa jaallan wareegamanii dagachuu fi itti qoosuu dha. Maqaa jaallan wareegamaniin kakachaa, akeeka jaallan wareegamaniif haaluunis saansakaa namummaa isaani gaaffii keessa galcha.
Jaallan akeeka qabsoo bilisummaa irratti wareegamanii fi jaallan akeeka kana galmaan ga’uuf har’a qabsootti jiran, laaffachuu qabsoof gaafatamuu hin danda’an. Kan gaafatama kana fudhatu, murna akeeka jaallan irratti wareegamanii dhabamsiisuuf fi mooraa QBO jeequuf hojjetan dha. Duulli
Leencoos qabsaawota akeeka jaallan qabsoo irratti wareegamanii faana dhabsiisuuf, jaallan akeeka qabsoo irratti wareegamanii tarkaanfachiisan irratti duuluun QBO dhabamsiisuun tokkummaa impayera Itiyophiyaa tiksuu ta’uu sagantaa marii irraa hubatame jira.
Leencoo gaafatama isatti dhufu jalaa bayuuf murna ijaarrachuun isaa gamna ta’uu isaati. Duuka buutoti isaas waardiyyaa isaa ta’uun mirga isaaniiti. Ammoo ilaalcha siyaasaa haarayaa kan habashaa waliin ittiin araaramuu dandayan fi itti baqatan qabatanii Oromoof qabsayuu hin dandayan. Akeeki 'waltajjii marii Oromoo’ kan impayera Itiyophiyaa tiksuu waliin tokko ta’uus
kanaan mirkanaawe. Yoo warri habashaa gaafatamummaa seenaa fi seeraa jalaa isaan baasuu dandayan of dura kan dhalootaan ilaalamu ta’a.
Waan hundaafuu kooneeffataa handhuraa Oromiyaa, magalaa Finfinee, dhakaa Araraa qabatee jiru kana kadhaan osoo hin taane qabsoo hadhooftuu; kan waraanaa, siyaasaa, Sochii ummataa fi diplomasiidhan qindeeffameen kan saba irraa ka’u ta’uu hubachuun, Ummatni Oromoo ABO kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo jabeefacha fi waliin hiriiruun mirgoota saboota biroo kabajaa, hariiroo walqixxummaa irratti hundooftee tolfataa, sab-bicuu daangaa isaa keessa jiruuf mirga isaani kabajaa, mirgaa nam-tokko fi waloo jireenyaan shaakalaa, qabsoo isaa tokkummaan tarkaanfachiisaa, afaanfajeysitoota bifa kanaan qabsoo isaa keeysatti margani fi danqan ofkeeysa qulqulleeysaa, seeraa fi safuu qabuun of irraa ittisaa qabsaayuun bilsummaa isaa fi walabummaa isaa dhugoomfaachuu malee filmaata adda biraa hin qabu!
Injifanoo Ummata Oromoof!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
* Dhugaabaas Dhugoomsaa can be contacted at badhaasa2012@gmail.com
Gadaa.com
No comments:
Post a Comment