Sadaasa 29,2012 | Qeerroo
Areeroo:--Qeerroon Godina Booranaa aanaa Areeroo keessatti argaman walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan jiran.Sadaasa 27/2012 Qeerroon aanaa kana keessaa gandoota adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota QBO irratti marii baldhaa gaggeessanii akka jiran beekame.
Tarkaanfiin Araaraa ABO fudhate hamilee Qeerroo fi qabsaaota duraanii haalaan kan kaasee fi boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa Oromoon gaggeeffamu akka fidu beekamaa dha.Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jirtan marti gumaata barbaachisaa QBOf akka gumaattan jechuun Qeerroon aanaa Areeroo dhaammatee jira. Qeerroon aanaa kanaas hojii Qabsoo Bilisummaa Oromoof kan tahu qarshii 600(dhibba jaba) tokko tokkoon isaanii qarshii shantama walitti qabatanii jiru. Gumaatni barbaachisaanii fi adda durummaan akka isaan eeggatus dhaamanii jiru.