Ayyanni WBO biyya UK bakka miseensotni WBO argamanitti sirna ho’aan kabajame

Amajjii 31, 2013 | ABO

Ayyanni WBO bara 2013 gaafa Amajjii 26, 2013 magaala London Keessatti sirna ho’aa fi hammilee guutuun kabajame. Ayyana kana irratti kan argaman miseensota ABO, deeggartoota fi ummata Oromoo biyya UK bakka adda addaa irraa heddumminaan dhufan ture. Ayyanni kun kan eegale ebba manguddoo fi yaadannoo gootota mirga Oromoof utuu falmanii kufaniin ture.

Jalqaba irratti, Jaal Xaha Abdi, miseensi SG ABO, seenaan WBO maal akka ta’ee irratti haasawaa bal’aa godhaniiru. Haasawaa isaanii keessatii baroota jaatamoota irraa eegalee sochii Oromoon of ijaaree mirga isaaf falmachuuf carraaqaa ture keessatti bu’aa bahii irra ture; hidhaa, ajjeechaa fi dararamni karaa mootummaa Habashaa irra gahaa ture maal akka fakkatu; akkasumas rakkinni Geoplolitics fi biyyoota ollaa waliin falmaa ture hagam hammaataa akka ture ibsaniiru. Haa ta’uutii rakkina kanaan Oromoon yeroo tokkollee akka hin gilbeeffanee fi sana keessa taree bara 1973 keessaa ABO maqaa Oromoo guutuun qabsoo isaa akka eegalu taasiseera, WBOnis akkuma kanaa ijaarame jedhaniiru. Kana irraa kan barannu, Oromoon mirga isaaf falmachuuf rakkinni isa irra gahullee daran isa jabeesse malee hin laafisu; har’as taanaan rakkinni keessaa fi alaan jabaatus sochii QBO daran jabeessa malee akka hin laaffifne dhugoomsaniiru.

Itt aansee, Obbo Barsiisaa Guutamaa, I/G ABO kutaa UK, QBO Oromoo ABOn geggeeffamu bara 2012 keessa maal akka fakkataa turee fi bara 2013 keessaa kan irratti xiyyeeffatamuu qabu irratti haasawaa bal’inaan taasisaniiru. Kana keessatti gama diinaa tiin waggaa darbe keessa daran hammattee kan mul’ataa ture keessaa: saaminsa lafaa fi Oromoo qe’ee isaa irra buqqisuu; dargaggoo Oromoo irraatii xiyyeeffatuun hammeenya guddaa irraan gahuu; amantiin ummata addaan qooduu fi mirga amantii dhorkuu; seera UNHCR cabsuun baqatoota Oromoo biyya ollaa keessatti duukaa bu’uun dararuun heddumminaan babal’atee ummata Oromoo rakkisaa akka ture ibsaniiru.

Kana dura dhabbachuuf sochii ABOn karaa adda addaa taasise hedduu nama haamileessa jedhaniiru. Kana kessaa: WBOn magaalaa fi baadiyyaa keessa Oromiyaa guutuutti socho’ee tarkaanfii Wayyanee fi lukkelle isaanii irratti fudhachaa ture kan nama haamileessu ta’uu isaa; akkasumas sochiin qeerroo babal’atee finiinaa jiraachuu fi ABO jabeessuu fi waltainsa ABO QC, ABO SG fi Gurmuu Qabsaawotaa ABO gidduutti ta’an tokkummaa qabsaawota Oromoo, bilisummma Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf abdii guddoo akka ta’e ibsaniiru. Dhuma irratti diina hidda yaafatee jabaachaa jirtu ofirraa kaasuun kan dandahamu qabsoo finiinsuun alatti falli biraa akka hin jirree hubachiisanii, kana keessatti WBO jabeessuu, sochii ummataa cinaa dhabbachuu, waltai’nsa dhaabota Oromoo hujiitti hiikuu fi tokkummaa Oromoo sadarkaa adda addatti jabeessuu; akkasumas rakkina qabsoo waliin unachuun dirqama Oromummaa ti jedhaniiru.

Itti aansee, bakka bu’ootni WBO waggaa dheeraaf dirree keessatti qabsoo irra turan muuxannoo isaanii ummataaf hiraniiru. Miseensotni WBO afur, walduraa duubaan, WBOn haala inni itti diina waliin falmaa jiru; qabsoon bilisummaa hagam hadhooftuu akka taate, garuu fireen ishiimmoo mi’ooftuu akka taate bal’inaan ibsaniiru. Qabsoon hagam rakkiftuu taatulle WBOn gammachuu guddoo fi hamilee guutuun itti of kennee, cichee diiina isaa kuffisaa akka jiru; fuuldurattis hanga bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaawutti itti fufa jedhaniiru. WBOn waan ummata Oromoo irraa eegu walhubannoo fi tokkummaa isaati jedhaniiru. Ummatni Oromoo ayyaana kana irratti argamanis, abdiin bilisummaa Oromoo kan ta’an miseensota WBO wajjin qaamaan ta’anii guyyaa WBO waliin kabajachuun gammachuu guddoo akka ta’e ibsaniiru.

Ayyana kana irratti walaloon WBO leellisuu fi tokkummaa Oromoo jabeesssu dardaraa fi shammarran Oromootiin dhihaateera. Itti aansee, ummatni ayyaana kana irratti argaman WBOf maallaqaa gummachuudhaan deeggarsa isaanii agarsiisaniiru. Fuuldurattis deegarsi WBOf qabnu itti fufa jedhaniiru.

Dhuma irratti, faaruun alaabaa Oromoo dhagahamee sirni kabajaa ayyaana WBO milkiin xumurame. Sana booda, ummatni waliin irbaata nyaatee galgala bashannanaa tureera.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Ummata Oromoo Biyya UK
Amajjii 26, 2013, London UK
Adda Bilisummaa Oromoo

No comments:

Post a Comment