RSWO – Waxabajjii 22, 2017 ODUU, QOPHII ARGAAF DHAGEETTII DHAAMSA RSWO

             

Diyaaspooraan Oromoo Murna Dhiiga Ummata Oromoo Dhangalaasaa Turee fi Jiru Waliin

Waxabajjii 23, 2017 | Baarentuu Gadaa Irraa
Diyaaspooraan Oromoo Murna Dhiiga Ummata Oromoo Dhangalaasaa Turee fi Jiru Waliin Ayyaana Gaggeeffatu, Sirbuu fi Dhiichisu Innuu Diina Oromoo Ti!
Wayyaaneen waggaa waggaadhaan guyyaa diyaaspooraa jettee erga holola eegaltee waggoonni muraafni lakkaawwamaniiru. Baranni waggaa 3ffaadha.
Murni tun guyyaa kanaan dahattees ilmaan sabootaa dararaa ishii baqatanii biyyaa bahanii fi sababoota adda addaatin biyyoota alaa jiraatan ofitti hawwachuuf hololaa turte, ittis jirti. Lafa argattuu, ni duroomtu, mana ijaarrattu jechuun horii isaan dafqanii argatanis harkaa sassaabbachaa turte, ammas caalaatti saamuuf iyyaa jirti.

Qubee Qabsoon Argame Qabsoon Tikfama

Waxabajjii 07, 2017 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Bittootni Itophiyaa seenaan ummata Oromoo, aadaa fi afaan isaa akka hin dagaagne, hin baratamnee fi hin beekamne taasisuu irratti baroota dheeraaf hojjatan. Dhabama aadaa, afaanii fi seenaa ummata Oromoo irratti kan ofii dagaagfatuun akeeka bittootaa waan tureef wanneen eenyummaa Oromoo mul’isan hundi ugguramoo kan ittiin hin baratamne, ittiin hin hojjatamnee fi ittiin wal hin quunnamamne taasifamuun dhabamaatti dhiheeffamaniii turan.

Kaarikulamiin Haaraan Tartiiba Dubbisa Qubee Afaan Oromoo Jijjiire Wal-falmsiisaa Ta’aa Jira--- Kutaa 1ffaa

Waxabajjii 07, 2017 | Voice Of America Afaan Oromoo


Dhiheenya kana Televiiziyoonni Motummaa naannoo, Televiiviisiyooni Oromiyaa, Kaarikulamiin yokaan sirni barnootaa haraan sadarkaa tokkoffaa naannoo sana keessaa fi bahuu isaa, tartiiba barsiisa qubee Afaan Oromoo irratti jijjiiramni ta’uu eega beeksisee as yaadawwanii fi wal-falmiilee hedduu tu miidiyaa hawaasummaa irratti geggeessamaa jira. Akka maddeen adda addaa gabaasanitti, Biiroon barnootaa Oromiyaa, kaarikulamii haarawa kana, semistaroota sadii dura gad-baase. Kana irratti hundaa’uudhaan kitaabonni haaraan maxxansamanii raabsamanii jiran. Barsiisotaafis leenjiin kennamee jira.

Raadiyoo Simbirtuu 04 06 2017 – Wa'e Tartiibaa Qubee fi Beekan fi Yazew ilalchisee

Raadiyoo Simbirtuu: 
  • Sirni barnoota afaan Oromoo jijjiirameera kan jedhan biiroon barnootaafi DhRTVO maalirraa kaaniitu? 
  • Dhuguma Afaan Oromoof dhimmaniituu?
  • Beekan Gulummaafi Yaazoo Kabbabaa dhuguma keeessaa jiruu? 
  • duubaan shirri jiraa? Amma maaf gad-baasani? kkf irrratti deebiíi Beekaniifi Yaazoo kunooti.
            

Xumura Hogantoota OPDO, Motummaa Woyaane Jalati – Same Disastrous Fate of All OPDO Leaders

Waxabajjii 05, 2017 | Baarentuu Gadaa Irraa
Hasan Alii, Almaaz Makkoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa, Junaddii  Saaddoo, Abbaa Duulaa Gammadaa, Bakar Shaalee, Lammaa Magarsaa …. Abaate Kishoo, Yaaragaal Ayishashum…fi …. Xumura Isaanii!
Biyyaa fi saba kam keessattuu, dhaabooleen siyaasa walii masaanuu ta’anii fi anatu caala, anatu caala waliin jechuun waliin atakaran ni jiru. Yaadoota adda addaarrattis wal mormuu danda’u; bakka walii galanitti walii galanii, bakka walii hin galletti ammoo garaagarummaa isaanii tikfatanii jiraatu. Biyyoota hedduu keessattis jiraachaa jiru.

The Qubee Afaan Oromo fiasco: What We Know and What We Don’t Know

Waxabajjii 05, 2017 | OPride

A recent report by Ethiopia’s state-run TV Oromiyaa (TVO) on a new primary school curriculum change in the Oromia region has taken the Oromo social media by a storm. It’s now a subject of vigorous debate, as well as much confusion and discord among Oromo activists.