Motummaan Wayyaannee sagalee uummataa saamee aangoorra turuudhaaf tattaaffii gochaa jiruun walqabatee mormii fi hokkara uumamu hundaaf itti gaafatamaadha

Caamsaa 26, 2015
ofc_logoFilannoo biyyoolessaa bara 2007 ilaalchisee dhaabbileen mirga namoomaa hedduun erga duula nafiladhaatii kaasee haalli jiru haqa qabeessaa fi bilisa akka hin taane mirkaneessaniiru. Wayyaaneen duula nufiladhaarratti tumaatii, dhaanicha, ajjeechaa fi hidhaa raawwachuun ni beekama. Dhaabbileen mormitootaa wal-falmii filannoorratti injifannoo guddaa galmeessisuudhaan deeggarsa ummata bal’aa argachuunis ni beekama. Rifaatuu kanarraa kan ka’een, mootummaan gabroomsaa kun filannoodhaaf guyyaan lama yoo hafu muummichi ministeeraa yeroo isaa malee paarlaamaa biyyattii walga’ii waamuuudhaan mormitootarratti doorsisaa fi dhaadannoo dhageessisanii turan. Kunis mootummaan bu’aa filannoo humnaan saamuuf qophii jabaa godhaa turuu isaa ni mirkaneessa.

"ወያኔ ኢሕአዴግ በምርጫ ተሸንፎ እያለ አጭበርብሮ በሥልጣን ለመቀጠል በሚያደርገዉ መፍጨርጨር ለሚከተለዉ ማንኛዉም ሕዝባዊ ተቃዉሞ ተጠያቂ ነዉ።"- የኦሮሞ ፌዴራሊስት ኮንግረስ አለም አቀፍ ድጋፍ ሰጪ ቡድን

በ 2007 ብሄራዊ ሀገር አቀፍ ምርጫ የተለያዩ የሰብዓዊ መብት ተሟጋች ድርጅቶች ከምርጫው ቅስቀሳ ጊዜ ጀምሮ ያለው ሁኔታ ነፃና ፍትሃዊ አለመሆኑን ባወጡት ሪፖርት አረጋግጠዋል::ወያኔ በምርጫው ቅስቀሳ ሂደት ድብደባ፣ አፈና ፣እስራት ፣ግድያ እና እንግልት በግልጽ ፈጽሟል:: (በምዕራብ ሸዋ ዞን ሚዳቀኝ እና በአርሲ ኮፈሌ የተፈጸመው ግድያ ፤ በእነ በቀለ ገርባ ላይ በበደሌ፣ ጅማ እና በነቀምቴ የተፈጸመውን ድብደባ ልብ ይሏል)

ተቃዋሚዎች ወያኔ ኢሕአዴግን በምርጫ ክርክር አዋረዷት:: ህዝቡ ለመድረክ የሰጠው ድጋፍ ስላስደነገጠው ሃይልን በመጠቀም ጫና ቢያደርግም አልተሳካላትም:: ተስፋ ስቆርጡ ለምርጫው ሁለት ቀናት ሲቀሩት ጠ/ሚኒስትሩ ፓርላማው በማይጠራበት ወቅት ስብሰባ በመጥራት ማስፈራሪያ እና ዛቻ በተቃዋሚዎች ላይ ሰንዝረዋል:: ይህም አስቀድሞ የምርጫውን ውጤት ለመቀልበስ በሃይል ምርጫውን ለማጭበርበር ቅድመ ዝግጅት እያደረጉ እንደነበር የሚያስይ ነበር :: የኢሕዴግ ካድሬዎች የምርጫው ዋዜማ ሌሊት ከአለቆቻቸው የተላለፈውን ትእዛዝ ለመፈጸም አስቀድመው ኮሮጆ በመሙላት በሁሉም የምርጫ ጣቢያዎች የፌዴራል ፖሊስ: ሚሊሺያዎች: ፈጥኖ ደራሽ ፖሊስ እና አድማ በታኝ ፖሊሶችን በማዝመት የምርጫ ቦርድ ተወካዮችን እና የተቃዋሚ (የመድረክ) የምርጫ ታዛቢዎችን መታወቂያቸውን በመቀማት እያስፈራሩ እየደበደቡ በርካቶችን (90%) ሙሉበሙሉ ማለት ይቻላል ከምርጫ ጣቢያ በሀይል አባረዋል።በርካታ የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ተማሪዎች የምርጫ ካርድ ተከልክለዋል። የመምረጥ መብታቸዉን ተነፍገዋል።

SBS Amharic: Interview with Ob. Jawar Mohammed on Oromo-First, OMN, the Election, the State of Oromo Struggle …

              PART ONE                                                                   PART TWO
   

Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QAANYII tti Waraannii Mootummaa Wayyaanee Uummata Nagaan Gaaffii Migaa Gaafachaa Jiru Irratti Dhukaasa Banuun Qotee Bulaan Oromoo Tokko Ajjeefame

Caamsaa 25, 2015 | Qeerroo.org

10363612 227946110750005 4465321962516974306 n
Oromoo tokko ajjeefame. AANAA MIDAA QANYIItti uummatni Filannoo fakkeesii fi gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannuu, korojoon wayyaanee dabballootaan itti guutamaa ture, filmaatichi akka walii galaatti umrii abbaa irree kan dheeressuu malee kan gabaabsuu mitii gaaffii mirga abbaa biyyummaa isin gaaffachaa jiruuf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun Qeerroon goototni barattootni Oromoo Uummata waliin tauun karaa nagaa fi dimookiraasii utuu qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaatti hin buiin mirgii keenyaa nuuf haa kabajamuu jechuun sagalee mormii waan dhageessisan qofaaf waranni wayyaanee dhukaasa irratti banuun ilmaan Oromoo nagaa rasaasaan reebee ajjeese jira.

Kanneen rasaasaan reebaman keessa : . Obboo Giddiisaa Camadaa ganda Galaan Gumjee, kan ajjeefamee yoo tauu, qotee bulaan Oromoo mirga isaa kabachiifachuuf wareegama qaalii kanfalaa jira. mormiin uummataa haalaan jabaatee itti fufee jira.

Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa Wayyaanee Irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan. Ilaamn Oromoo Nagaan Afur Rasaasaan Rukutaman

Caamsaa 25, 2015 | Gabaasa Qeerroo

Oromo oromiaCaamsaa 25, 2015 Godina Bahaa Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti Uummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo wal ta’uun Filannoo kijibaa fi waliin dhahaa itti fakkeessii  Wayyaanee irratti FDG dhoosuun waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan., ilaamn Oromoo nagaan afur rasaasaan wayyaaneetiin madeeffaman.

Godina Baha Wallaggaa AANAA HAROO LIMMUUtti FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo uummata Oromoo waliin ta’uun filannoo kijibaa wayyaanee irratti finciluun Wayyaaneen abbaa Dimookiraasii sobaa,abbaa filannoo  filannoo sobaa kan halkan dabballeen motuummaa Wayyaanee korojootti ofiin of filaa bulee hin barbaadnu, filannoo waliindhaa dura bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’ee walabummaan biyya keenyaa mirkanaa’ee mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuu qabna jechuun uummatni fi dargaggootni Oromoo jechuun sochii warraaqsaa FDG  jabeessuun mootummaa wayyaanee haalan Yaaddessuu maddeen Qeerroo bilisummaa Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Neqemtee irraa gabaasan.

Seife Nebelbal Radio interviews with Qeerroo and Bekele Gerba on the Election

              

Itti fufti qabsoon!!! [Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa Irraa]

Caamsaa 21, 2015 | Abdii Baalee Oromiyaa Irraa
Akkam nagaa jirtan, obbolaan koo martuu,
Ilmaan Oromiyaa, Booranaa fi Baarentuu,
Warri biyya alaa, kan addunyaa guutuu,
Warri biyya keessaa, diinaan wal mormitu,
Warri roorroo diinaa falmatarra jirtu,
Warri gaashiretti Wayyaaneen darartu,
Nagaan Onnee koo, isin naaf haa geettuu,
Daran wal kabajaa tokkummaan haa cimtuu,
Keessaa fi alattis qabsoon itti haa fuftuu!!!!!!

BREAKING NEWS | Video: Oromo University Students Rally Against Vote Rigging in Oromia (Ethiopia)

              

Kan Tiitisarraa Damma Eegee Dhabe, Kan Aaruu Qabu Ofitti Malee Tiitisattii Miti

Caamsaa 19, 2015 | Baarentuu Gadaa Irraa

Mee seenaa Habshootaa keessatti bara kam …? eenyurraa eenyutti Angoon karaa nagahaa darbee beeka …? Seenaa isaanii keessa kan jiru.. kan beekamu … aangoof jecha ilmi abbaa ajjeesa, abbaan ilma ajjeesa, niitiin dhirsa ajjeesti, dhirsi niitii ajjeesa. Kan seenaa isaanii keessatti beekamu aangoof jecha yoo Obboleessi, obboleessa ajjeesu, yoo lammiin lammii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi dararuu dha. Inni aangoo dabarsus, inni aangoo kennus du’aa fi ajjeechaa malee aangoo walii dabarsuu akka salphinaatti ilaala. Mariin, karaa nagahaatin aangoo walii dabarsuun Habshoota biratti du’a, aadaa badaadha, sirna cabsuu dha. Nagahaan wal bulchuu hin barbaadanis hin beekanis. Aadaan isaanii, barmaatileen kunuunsanii wal-dhaalchisaa asiin gahan jaalala, ollaa ofii waliin nagahaan jiraachuu osoo hin ta’in aangoof jecha wal qaluudha, wal fannisuudha, wal hidhuudha. Dhiiga walii dhangalaasanii, summii wal nyaachisanii aangoo walirraa fudhachuudha.

Filannoon Fakkeessaa fi Kijibaa Abbootii Irree Malee Ummatoota Hin Fayyadu

Caamsaa 19, 2015 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Bittaan gita bittoota Tigraay ummatootaa Itophiyaa irratti humna qawween of irroomse Itophiyaa tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa baasuu hin dandeenye. Kadhaa gargaarsa alagaa irraa argamuun jireessuu keessaa baasuu dadhabee har’as taanaan Impaayerittiin hiriira biyyoota gargaarsaan jiraatan keessatti akka hiriirtetti jirti. Saaminsi daangaa dhabe murna aangoo irra jiruun adeemsifamu abbootii aangoo duroomsee lammiilee sadarkaa of jiraachisuu dadhabuu fi abdii dhabuu irraa, kanneen osoo jireenya barbaadanii galaana keessatti dhuman, biyyoota gara garaa keessatti haala suukanneessaa fi gaddisiisaan ajjeefaman lakkoobsi guddaa dha. Bilisa tahanii gurmaa’uun, yaada qaban ibsatuun guutummaatti yakkatti fudhatamee hidhaa, ajjeechaa fi roorroo gosa gara garaa lammiilee irraan gahuun Itophiyaan biyyoota Afriikaa irra dabree sadarkaa addunyaatti iyyuu tarree duraa keessatti argamuun haala qabatamaa biyyattii keessaa ibsa.

TVOMT Gaafiif Deebi’ii Obboo Shugux Mataa Damee Diplomasii ABO Waliin goone

            

As Ethiopia votes, what’s ‘free and fair’ got to do with it?

May 19, 2015 | Washingtonpost.com | By Terrence Lyons
 Ethiopian journalist Simegnish “Lily” Mengesha (R) sits with President Obama during a round table with persecuted journalist for World Press Freedom Day at the White House in Washington, DC, May 1, 2015. JIM WATSON/AFP/Getty Images
Ethiopia, Washington’s security partner and Africa’s second most populous country, is scheduled to hold national elections on May 24. The ruling Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF) and its allied parties won 99.6 percent of the seats in the last round of elections in 2010. There is no doubt that the ruling party will win again.

BEKELE GERBA SPEAKS!

May 16, 2015 | Addis Standard

Born in 1961 in West Wollega region of western Ethiopia, Bekele Gerba went to elementary school in Boji Dirmaji and completed his high school in Gimbi senior secondary school. Bekele was graduated with BA degree in foreign language and literature from the Addis Abeba University (AAU) and taught in Dembi Dolo and Nejo high schools in western Ethiopia, among others. He finished his post graduate studies in 2001 in teaching English as a foreign language at the AAU and went to Adama Teachers’ College, 98kms south of Addis Abeba, where he taught English and Afaan Oromo.

THEOLOGY OF HOPE IN OROMO STRUGGLE FOR FREEDOM

May 16, 2015 | By Wake Jeo Gerbi*
Historicity and creative responsibility
Wake Jeo Gerbi
The concept of theology of hope has its origin in the 1980s when it was formulated by Jurgen Moltmann, who believed that Christian hope is something that we start to experience on the earth, it is not only a hope after death. Jurgen’s book entitled the theology of hope was first written in German. The book was translated in to English and published in 1976. Jurgen was very popular for reinstating the doctrine of Christian hope in academic discussion. The theme of his book was connected to the turmoil of 1960s to introduce Christian hope to the post-war victims. He asserted that Christians hope starts on the earth.

‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii? ‘Yaa Marqa si Afuufuun si Liqimsuufi’:- [Kutaa 2ffaa]

Caamsaa 15, 2015 | Boruu Barraaqaa Irraa*

Kutaa 1ffaa  dabre keessatti afanfaajjii maqaa jedhuun Habashoonni magaalaalee Oromiyaa akka Jimmaa, Dirree Dhawaa fi Harar dhaaluuf geggeessaa jiran laaluuf yaallee jirra. Kutaa 2ffaa har’aa keessatti ammoo magaalaalee akka Adaamaa, Baatee fi Bushooftuu faa gaggabaabsinee laaluu yaalla.

Magaalaan Adaamaa bar tokko baay’ina lakkoofsa ummata Amaaraa irraa kan ka’e, ‘ሁለተኛዋ ጎንደር’ hanga jedhamuu geessee turte. Inumaa akkuma Dirree Dhawaa iratti milkaahanitti Adaamaas Oromiyaa irraa muranii ‘bulchiinsa addaa’ godhachuuf hedduu tattaafatani. Mootummaan Wayyaanee OPDO Shaggar keessaa ari’ee Adaamaatti galchuuf waan karoora qabuuf dubbii tana fudhachuu dide malee silaa har’a Adaamaanis Dirree lammaffaa taatee Oromiyaa irraa citti ture. Booda kana garuu xiiqii mootummaa Wayyaaneef jecha ilmaan Oromoo OPDO keessa jiraan tarkaanfii mataa isaanii fudhatan. Ilmaan Oromoo OPDO keessaa kan sabboonummaan itti dhagahamu duula taasisan kanaan qubsumni ummata magaalaa Adaamaabifa isaa jijjiiraa dhufeera. Oromoon heddumminaan Adaamaa keessa qubachuu fi kanaanis wal qabatee hawwiin Habashoonni magaalaa kana dhunfachuuf qabaachaa turan gufuu mudachuun isaa waan haalamuu miti.

‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii? ‘Yaa Marqa si Afuufuun si Liqimsuufi’:- [Kutaa 1ffaa]

Caamsaa 15, 2015 | Boruu Barraaqaa Irraa*

Namni marqa jaalatu akka kootii tokko barruu kana mammaaksa marqaatiin yoo jalqabu hancuufatu afaan guuta. Eeyee! Marqi nyaata aadaa Oromoo ti. Ho’aatti nyaatama. Xiqqoo qabsoo waliin qabuu gaafata. Qabsoo sin liqimsaa fi nan liqimsituudhaa. Dhuma irratti maraqatu moohama. Hangamuu yoo gube afuufamee qabbaneeffamee liqimfamuun isaa waan hin oolle taha.
Dubbii kaaneefitti haa deebinu. Habashoonni ummata Oromoo kana, gowwaa akka marqaa kan salphaatti afuufamee qabbaneeffamee liqimfamuuf godhanii laalu. Carraaqqii gowwoomsaa Habashootaa keessaa har’aaf ‘የፍቅር ከተማ’ jarri baantu fudhannee laalla. Magaalaaleen Oromiyaa kan Habashoonni ‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii hurrii nutti maruu barbaadan bebbeekamoo dha. Jimma, Dirree Dhawaa, Baatee, Harar, Adaamaa fi Bushooftuun ‘የፍቅር ከተማ’ jedhamuun ‘leellifamu’. Kibba keessaa ammoo Hawaasaatu akkasitti ‘faarfama’. Hiikkaan ‘የፍቅር ከተማ’ kun abbaa dafee galuufii fi dafee hin galleef qaba.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Sulultaatti Keessatti Hojjettooti Dhalootaan Oromoo Ta’an Tikoota Wayyaaneen Dararamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Caamsaa 15, 2015 | Gabaasa Qeerroo Sulultaa

aa
Sulultaa
Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa Sulultaatti hojjattoota mootummaa dhalootaan Oromoo tahanii karaa basaastota isheetiin adda baasuu fi doorsisuutti akka jiran Qeerroon gabaase.
ABO fi  Paartii congiransii federalistii Oromoo waliin tahuun hojjachaa jirtu sababa jedhuun sabboontota hojjattoota mootummaa addatti dhalootaan Oromoo tahan dabballootaa fi kaadiroota Wayyaaneetiin goolamaa jiru. Osoo hojii keenya hojjatanuu maaliif dhaaba biraa duukaa hiriirtu? Dhaabni keenya ni moo’ata booda eessa seentu? Kanaafuu Xaalayaa bakka bu’iinsaa dhaaba mormitootaa irraa fuutan nuuf laadhaatii gara dhaaba keenyatti deebi’aa jechuun doorsisaa kan jiran yoo tahu sabboontonni hojjattoonni kunneen mirga diimookraasii jettanii lallabaa turtaniidha waan taheef nu dhiisaa jechuun mormii dhageessisuun dura dhaabbataniiru.

Warraaqsa Bilisummaa Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Engineering Waggaa 3ffaa Kan Baratu Gammachuu Mangistuu Fi Baratooti Hedduuminaan Poolisoota Wayyaaneen Reebamuun Midhaman.

Caamsaa 15, 2015 | Qeerroo Naqamte

11262363_10202878830052159_8220994329729989471_nBarattootni muummee Afaan Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa baratan Jira barumsa dhaabuudhaan kaleessa Caamsaa 14/2015 fincila kaasuu Qeerroon gabaase.
Yeroo ammaa barattootni Yuuniversitiilee keessa jiran barumsa dhaabuudhaan mootummaa wayyaanee filannoof of qopheessaa hala mijeeffataa jiru dura dhaabbatuun FDG finiinsuu eegalan, barumsi sirnaan kan kennamaa hin jirre Yuuniversitiilee Adaamaa,Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa, Finfinee, Haromayyaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa keessatti barataan yeroo itti bilisumma faarsaa jiru, barumsa dhaabee mooraa keessa dhaadannowwan garagaraa maxxansaa, sagalee dhaadannoo sagalee sirboota qabsoo dhageessisaa jiruudha. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Wallagga irraa nu qaqqabe addeessuun kaleessa galgala irraa kaasanii mooraa keessatti:

Beeksisa SBO Fii MIdiiyaa Madda Walaabuu

               

"Sagaleen wayyabaa ukkaamfame miilli mataa tahee mataan miila tahe jira!":- shira Oromoo Harargee Bahaa irratti dalagame!!!

Caamsaa 13, 2015 | Murti Guuto Irraa

Akka Heera Mootumaa Hararii amma jiruun Oromoon Harargee bahaa kan magaalaa harar keessa jiraatu osoo magaalaan Harar teesso handhuura Oromiyaa harargee bahaa taate jirtu Oromiyaarraa kophaa baasani naanoo ummata Hararii jedhamee yerroo ammaa daangefamee keessa jiraatuu tun sagalee isaatin dhaaba Oromoo filatee naanichii Oromoo dhaan akka bulu goochuu irraa kan isa dhoorkuu ta’uu ni beektuu laata?

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Sadaffaa

Caamsaa 12, 2015 | Taammanaa Bitimaa Irraa

Kutaa Duraa Duubisuuf Addana Tuqaa & Kutaa Lammaffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
KUTAA SADAFFAA

DURADUBBII

Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa sadaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, walabummaa fi bilisummaan Oromiyaa taanyaaf haa dhufu!.
Egaa, erga Asgorii Abeebeetti gortanii Oromiyaa miidhagduu tana keessaa isa reera (naannoo) kanaa waa agartanii amma garuma kaataniif sanatti qajeelaa! Ilaamee kuunnoo, gandi gara fuula kibbaatti argitan sunGololee jedhama. Galmoota naannoo kanaa kanneen beekamoo tahan keessaa inni Gololee kun kan hunda caala beekamu. Naannoo Amboo fi naannoo Bishooftuutti galmoonni Waaqefannaa hin bannee ammallee heddumminaan jiru. Galmi kun “Galma Maaram Jijoo Gabataa” jedhama. Jijoo Gabataa qaalluu naannoo kanaa fi kan naannoo Afran Walisoo kan ture. Ilmi imla isaas kan ayyaanni itti-bu’e Allabbaa Xaafaa, nama bara Hayila-Sillaasee ture. Maqaaleen Oromoo kanneen Allabbaa Xaafaa Jijoo Gabataa hammachiisaa irratti baase kan hedduu raajeffatamu. Inni ennaa baay’ee gaafa namni tokko hammachiisaaf galma isaa dhaqe, nama hammachiisaaf mucaa yookaan mucayyoo san geesse, “maqaan abbaa-saatii” yookaan “maqaan abbaashii-tii eenyu jedhama?” jechuun gaafata. Maqaan ilma/ intala sanii oggaa maqaa abbaa wajjin waamamu akka himtee (“sentence“) guutuu tahu fedha, qaalluun keenya beekaa fi beekamaan sun. Mee maqaalee inni baase keessaa, hamma tokko fakkeenyumaaf waa haa ilaallu!

Development and democracy debate ahead of Ethiopia vote

May 10, 2015 | Aljazeera | Simona Foltyn*

Opposition critics say May 24 elections will not be free and fair, but the government praises the democratic climate.

Addis Ababa, Ethiopia - If Ethiopians ever possessed a strong desire to express their political views through the ballot, that sentiment seems to have dwindled in the run-up to national elections on May 24.
One 28-year-old student, who requested anonymity fearing reprisals, shrugged at the thought of the upcoming vote.
"To say we have elections, there have to be real alternatives," he said. "This election is just so we can tell Western governments we are a democratic country," the finance and accounting master's degree student told Al Jazeera at Addis Ababa University's Siddist Kilo campus.

Difference between Oromoo Organizations

May 04, 2015 | By Ibsaa Guutamaa

Ibsaa_Guutama
There are many organization founded by Oromiyaan nationals. But they have differences in the way they view objectives of Oromo struggle. Except about the actors being Oromoo, no one brought forward those differences for discussion. For this reason whenever people in different camps clash verbally or in writing, questions that seem criticism “Why do you gang up against each other leaving the enemy aside?” had been arising from different directions.

Garagarummaa Dhaabota Oromoo gidduu

May 04, 2015 | Ibsaa Guutamaa Irraa

Ibsaa_GuutamaSabaawota Oromiyaan kan ijaaraman dhaabota hedduutu jira. Garuu akki isaan akeeka qabsoo Oromoo itt ilaalan adda addaa. Oromoo tahu taatotaa malee garagarummaa akeekaa fulduratt fidanii kan irratt mari’achiisan hin jirani. Kanaafii afaaniin haa tahu barruun yeroo namooti mooraan gargar bahanii walitt bu’an, “Diina dhiiftanii maaliif walitt bobbaatu?” gaaffiin qeeqa fakkaatu, kallattii hundaan ka’aa jiraate.

Kaasaa walitt bu’aa kanaaf kan dhimme jira hin fakkaatu. Oromoon mooraa walgaarreffatan adda addaa keessa jiran akka firaatt wal ilaaluu ni dandahu yk akka qabsaawota mooraa adda addaa keessa jiraniitt walii obsuu ni dandahuu? Garaa garummaa kana ifa godhanii furmaata barbaachuu irra, nammi gad qotee akka hin barrre gochuu kan yaalan jiru; kaan kana hubachuu kan hin dandeenye. Dhaabota walaba gidduu rakkinni oo’ifamee himamu hin jiru. Addaddummaa dhaabota maqaa saba tokkoon ijaaraman gidduu akka hinjirrett bira darbuun garaagarummaa sabicha keessa jiru fi saboota godinicha gidduu jiran furuun nama dhiba.