HAR’A MAALTU TAANAAN OPDON AFAAN BIRAA DUBBACHUU JALQABDEE?

Muddee 27, 2017 | Garee Mo'u | Kutaa 1ffaa

Jaarmiyaan OPDO umamuma irraa, uummata Oromoo sobuudhaan akeeka ABO gufachiisuuf kufaatii mootummaa Dargii jala Bitootessa 1990tti kan TPLFn tolfamte tahuun ifaa dha. Jaarmiyaan tokko kan siyaasaas tahe kan biroon akeekuma ittiin tolfame san hojjata malee saniin alatti waan biraa irraa eeguun hin dandayamu.  

Akkuma Kanaan OPDOn uummata Oromoo sobdee Wayyaaneef akka bitaman gochuu yaalaa har’a geesse. Uummatni Oromoo garuu humna waraanaan itti duulamuyyu akeeka/galii goototi Oromoo hedduun lubbuu isaanii qaqqaalii itti wareegan, akeeka mataa isaatii kan tahe, “Hiree ofii ofiin murteeffachuu” isa jedhu bakkaan gahachuuf qabsoo isaa itti fufee, wayyaanee fi ergamtoota ishii OPDO waliin kokkee wal qabuun wareegama guddaa kafalaa qabsoo isaa finiinsee, har’a gahee jira. Qabsoon wargeegama guddaan as gahee kunis haga bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti itti fufa.

Seenaa Paarlaamaa Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) xiqqoo hubannoodhumaaf.

Muddee 27, 2017 | Jaal Seenessaa Qeerroo Irraa

Paarlaamaan Wayyaanee Sirna EPRDF/ TPLF (ADWUI) Afaan Qawween ijaarame dheengaddaa dhiibbaa guddaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irraan gahaa jiruufi sosochii Sabboontota Oromoon faca’uun gabafamaa jira. Teessoon Paarlaamaa sobaa kan EPRDF/TPLF afaan qawween ijaarrate waggaa 26 guutuu Sagalee Uummata malee Gaddidduu Dimookiraasii sobaa dhaabbachuun Mirga Uummatni Oromoo gama Dimookiraasiin qabnuufi mirga uumamaa qabnu sarbaa kan ture Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa waggaa afuriif itti fufinsaan gaggeeffamaa jiruun raafama ulfaataa irraa qaari’ee Paarlaamaa Kijibaa Sagalee uummataa malee afaan qawweefi gaadidduu dimokiraasii sobaan walitti qabame raasaa jira. Paarlaamaan kijibaa kun murnoota wayyaanee irraa afaan qawween walitti qabamee ijaarame kun haa diigamu jennee itti fufinsaan gaafacha turuun keenya ni yaadatama.
Ammas Gaaffiin Keenyaa Paarlaamaan Sobaafi afaan qawween Walitti qabamee kun akka amma faca’uu eegaleettii guutummaatti diigamee biyyatti keessatti sirni Dimookiraasii dhugaan ijaaramee Paarlaamaa dhugaan fedhiifi Sagalee uummataan akka ragga’uuf atattamaan Mootummaan Ce’umsaa ABOfi Jaarmiyaalee Siyaasaa biyyatti hunda hirmaachisu haa hundeeffamu!!

Ajjeechaa Calanqoo: Warra tokko keessaa nama shan

Muddee 14, 2017 | BBC Afaan Oromoo

Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa yoo xiqqaate namoota nagaa 16 ajjeesuun hedduu ammo madeessee jira. Kanneen keessaa namootni 5 warra tokko.

Saalii Hasan Ibroo fi Abdii Saalii abbaa fi ilma, obbolaawwan lamaan Mikaa'el Abdii Hasan fi Toofiiq Abdii Hasan akkasumas Abdallaa Iisaa hunduu warra tokko.

ኦህዲድ (OPDO) የመጨረሻ ውሳኔ ለማድረግ የምገደድበት ደረጃ ላይ ደርሷል

December 13, 2017 | ብርሃኑ ሁንዴ

“የኦሮሞ ሕዝብ አንገብጋቢ ችግሮችና የኦህዲድ (OPDO) ትልቅ ፈተና” በሚል ርዕስ ከዚህ በፊት ባቀረብኩት አጭር ፅሁፍ ውስጥ የኦህዲድ አዲሱ አመራር በምናገረው፣  የኦሮሞን ብሔርተኝነት በሚያንፀባርቁ አነጋገሮች በስተ ጀርባ ምን እንዳለና የድርጅቱ እውነተኛ መልዕክትም ሆነ ዓላማ ምን ሊሆን እንደሚችል የተለያዩ ግምቶችን ለመግለፅ ሞክሬ ነበር። ይህ እንደ ግምት የተወሰዱት ዓላማቸውና መልዕክታቸው ምን እንደሆኑ አሁንም ባይታወቅም፣ ነገር ግን እንደኔ አመለካከት ከቃላቶች መጣፈጥ ውጭ በስራ የታየና እውነትም ለሕዝባቸው መጨነቃቸውና የኦሮሞን ሕዝብ ስቃይ ለማብቃት ቆርጠው የተነሱ መሆናቸው አይታይም።

VOA Amharic: "በየቀኑ ሰዎች እየተገደሉ ነው"- የባቢሌ ከተማ ነዋሪ

Seenaan Suukkanneessaa Anoolee Fi Calanaqoo Kaleessa Minilikii fi Goobanaan Oromoo Irratti Gaggeeffame Har’an TPLF fi Suphitoota TPLFn Gaggeefamaa Jira.

Muddee 12, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Finfinnee, Oromiyaa Irraa

Seenaan Suukkanneessaa Anoolee Fi Calanaqoo Kaleessa Minilikii fi Goobanaan Oromoo Irratti Gaggeeffame Har’an TPLF fi Suphitoota TPLFn Gaggeefamaa Jira.

“Maatii Ilmaan Oromoo marraa 2ffaaf Calanqootti dhumanii akkasumas ummata Oromoo gadda kanaan qalbiin cabeef jajjabina hawwina”
Yakka suukkanneessaa guyyaa har’aa Calanqo irratti ta’e guutuu ummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan gaddisiisee fi laalaa Seenaa sukkanneessaa baroota 1880 moota keessa Anoolee fi Calanqoo keessatti Nugustichi yerosii Minilkii fi Goobanaan Oromoota irratti taasisan kan nu yaadachiisu dha.

Amusing heroic stage performance of artist HAACAALUU Hundessaa on Dec 09-12-2017: Finfinnee (Capital of Oromia)

         

QABSOON KAN ISA LOLUU IMMOO KAN ISA OLOLUU TI ?

Muddee 09, 2017 | Damee Boruu Irraa

Jala bultiin cidha hooganoota OPDO fi uummata Oromoo waan raawate fakkaata. Waangonni gogaa hoolaa ufatanni hoolota wajjin yaroo gababaaf daadisaa turan suuta suuta ifa bahaa jiru. Eeyyee warri Habashaa uummatni Oromoo gowwaa dha jedhanii fudhatau. Irra darbanii iyyuu uummata akka horii namni tokko gara barbaadetti oofuu danda’u jedhanii nu arabsu. Nu xiqqeessu yaalu.
Sabni Oromoo uummata nagaa jalatu. Uummata hammeenya tokko illee dhala nama kam irraan iyyuu gahuuf hawwii hin qabne dha. Nagaa jaalachuun, nama biraa miidhuu fedhii dhabuun akka dadhabbii itti ilaalamee tufatamuu hin qabnu. Garuu yaroo qabeenyi keenya saamamu, ilmaan keeny nu jalatti ajjeefaman teenyee boo’uun hikaa hin qabu. Diinnii nu qabate kun imimaan keenyaa fi gadda keenya ilaalee kan garaa nuuf laafu miti. Kan lafa keenya irraa nu haxxaa’ee nu balleessuuf deemu akka tahe bakka jira. Irra deebinee , dedeebinee waliif ibsuun barbaachisaa miti. Har’a isa iji isaa argu miti jaamaan Oromoo iyyuu haqa kana akka hubatu mamii hin qabu. Akeekni TPLF sanyii Ortomoo jedhu lafa irraa balleessu dha. Seena biyyaa lafaa keessatti saboonni eenyummaan isaanii bade hedduu dha.

TAN FACAASAN HAAMMACHUUN, SEERA UMAMAATI !

Muddee 06, 2017 | SEENAA Y.G(2005)

Umamni hundi seera qaba. Seerrii Qabu ka Namaa miti. Kan Waaqaati. Waan Seera Umamaa keessa jiru, Namni waa gochuu hin danda’uu. Yoo yaalellee badiima isaa labsata. Seera Umamaa kanaaf Oromoon bakka ol aanaa qaba. Oromoon kaleessa qilleensumarra Aadaa fi Seenaa kkf qofa jedhee fiigaa turee fi Oromoo Umamasaatti deebi’uuf qabatamaatti sochii taasisaa jiru gidduu garaagarummaa jiru wayita ilaalluu, Seera Umamaa guutuun hangama akka nama  ykn saba tokko tokkummaan jabeessu arguu dandeenya. Seera Umamaa jechuun bu’ura walii galtee waa hundaa jechuudhaa. Nama dhuunfaa kaasee hanga sabaatti ka jiru, waan Seera Umamaa irratti wal hubannaan , wal ijaaruu fi kaayyoo walii galaa kewwachuuf bu’ura ta’uufii danda’aa ykn waan isa danquu hin jiru. Maqaa Tokkummaan Saboota 87 mitii, saba tokkoyyuu walitti fiduun haalaan ulfaataadhaa. Carraan jiraatus yaaluurra ka dabruu miti. Kanaaf Seera Umamaatti warri amanan walitti dhufnaan, Saboonni 1000 iyyuu yaada ka’umsaa tokko qabaachuu waan malaniif, achirratti wal ijaaruun ni salphata. Dhibee guddaan Biyya Itoophiyaa jedhamtuu fi humnoota habashaa kanadha. Dhibee kanatu kan hammatan isaan haamsiisuuf foolachaa jira.Wanni tokkummaa Itooophiyaa isaan baanan gaaffii jala galchuu isa kana.