Qabsoon Bilisummaa Oromoo garamitti deemaa jirti?

Sadaasa 26, 2014 | Ayyaantuu.com | Abdii Boruutiin

Erga uummatni Oromoo gabrummaa Habashoota jalatti kufee kaasee hanga har’aatti qabsoon bilisummaa saba Oromoo bu’aa bayii meeqa keessa dabree akka har’a gaye seenaatu ragaa ta’a. Bu’aa bayiin kun har’allee bifa adda addaatiin cimee ittfufaa jira malee wanti fooyya’e ni jira jedhee yaaduun na rakkisa. Bu’aa bayii QBOn keessa dabarse kana keessatti ammoo lubbuu ilmaan Oromoo hamma kana jedhamee hin himamnetu galaafatame; har’allee galaafatamaas jira. Wanti kana ta’eef ammoo sababni inni guddaan diinotni keessaa fi alaa qabsoo kanatti jabaachaa fi hammaachaa deemuu dha. Diinota keessaa fi alaa yoon jedhu maal jechuu kooti? Qabiyyeen barreeffama kanaa waayee kana ibsuuf waan ta’eef, isa kana keessatti gaafii cimaa kanaaf deebii kennuun yaala.
Diinota alaa kanan jedhu diinota kaleessa nu bitaa turani fi har’allee otuu carraa argataii, nutti deebi’anii haala hamaa ta’een nu gabroonfachuu warra barbaadan nafxanyoota moofaa dha. Isaan kun gabaabumatti, akka meediyaalee isaanii gara garaarratti ibsaa jiranitti, jiraachuu uummata Oromootuu warra hin barbaadne; warra ifaa ifatti saba keenya baleessuuf hawwii qabanii fi kanarrattiillee halkanii fi guyyaa hojjechaa jiranii dha. Isaan kun, akkuma barreessitootni Oromoo tokko tokko ibsanitti, Minilikoota haaraa dha yoo jedhaman kun dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Diinotni biraa kan alaa ammoo, nafxanyoota haaraa kan bara 1991 jalqabee hanga har’aatti dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasaa; lafee ilmaan keenyaa caccabsaa; lubbuu Sabboontota Oromoo kumaatamaan lakkaawwamu galaafachaa; uummata keenya hidhaa fi dararaa; biyya abbaa isaaniirraa ari’aa; biyya keenya Oromiyaarratti ammoo abbaa biyyaa fi qabeenyaa ta’anii sooramaa warra jiran Wayyaanota dha.

BEEKSISA KOREE HOJII RAAWWACHISTUU OMN IRRAA BAHE

Sadaasa 25, 2014 | Koree Hoji Raawwachiiftuu OMN Irraa

Rakkoolee yeroo ammaa OMN keessatti mumul’ataniif sababni tokko qaamni bulchiinsaa (management) qaamaan iddoo hojiitti argamuun, hoggansa yeroo guutuu kennu dhabamuu akka ta’e, yaada hojjattootaafi ummataa akkasumas marii hoggansa jiddutti godhamerraa hubanneerra. Rakkoo kana furuuf durumaanuu karoora keenya keessatti qabannee jirra. Haaluma kanaan, daayireektara OMN hogganu, dhaabbatummaan (fulltime) mindeessuuf qophiirra jirra. Haa ta’uutii, daayireektariin kun hanga mindeeffamutti, Koree Hojii Raawwachiiftuu keessatti itti-aanaa daayireektara OMN ta’ee tola tajaajilaa kan jiru Obbo Mohammed Abdosh waajjira OMN kan Minnesotaatti qaamaan argamee hoggansa barbaachisu akka kennu ramadameera.

Akka sabaatti ijaaramnee, Oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna: KUTAA 3FFAA (Xumuraa)

Sadaasa 25, 2014 | Gadaa.com | Camadaa Hundee irraa*

Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa  Kutaa 2ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
Kutaa 3ffaa
Mata duree kana jalatti bareefama kutaa lamaan qoodee dhiyeessuu kiyya ni yaadatama. Kutaa lammaffaa jalatti rakkoolee danqaa nutti tahan keessaa sadan tokko kan fuundura natti muldhatan lafa kahuu yaalee jira. Dhugaa dubbachuuf rakkoon jiran sadan sana duwwaa otoo hin taane, kallattii gara garaa fi maddi isaaniis akkasuma dhimma gara garaa wajjin kan wal qabatan tarreessuun ni danda’ama. Jirus. Barreefama gabaabaa kana keessatti garuu, bakkuma sadiitti qoodee barruu kiyya kutaa lammaffaa keessatti akeekuu yaale. Wal yaadachiisuuf jecha:

Oromo Freedom Songs Combined: Bilsummaa! Bilisummaa! Bilisummaa!

       

Obbo Jawar Mohammed Irraa Haala OMN ilaalchisee dubbii deemaa jiru irraati [Face Bookii Irraa kan fudhatame]

Sadaasa 24, 2014 | Face Booki Obbo Jawar Mohammed Irraa

Kaluu tana haala OMN ilaalchisee dubbii deemaa jiru quba qabdan. OMN komiifi muftoo hojii keessatti uumamtu heeraafi seera ittin qoratuufi furatu qaba. Hamma ammaattis rakkoolee mudatan hoggansi sadarkaan jiru; jechuunis kan Boordii ( Board of Trustees), Koreen Hoji Raaww'achiiftuu (Executive Council) fi Editoriyaakl Boordiin mari'achuun furmaata itti laataa asiin nu gahan. Ammas bifuma kanan komiifi hamii dhihoo kana kaate hubachuufi furuuf hogganni boordiifi hoji raaw'achiiftuu carraaqaa ture, ittis jira. Akka milkiidhaan raaw'atus shakkii hin qabu. Kanaaf ammoo tarkaanfima dhiheenya kana fudhatame akka ragaatti dhiheessun ni dandayama. 

IBSA BOORDII OMN IRRAA KENNAME

Sadaasa 23, 2014 | Oromia Media Network (OMN)
Kabajamtoota Hojjattoota, Miseensootaa fi Deeggartoota OMN Hundaaf,
Hogganaa Bordii Oromia Media Network, Dok. Hamzaa Abdurazaaq, dura taa’umaa Boordii OMN, irraa gadidhiisuu isaanii gaddaan isin beeksifna. Hundeeffama OMN irraa eegaluun, Dok. Hamzaan dadhabbii tokko malee dhaabbata kana tajaajilaa turaniiru. Boordiin OMN gaafa Sadaasa 22 bara 2014 walgahii godhateen marii jabaa tokko erga gaggeesseen booda haala gufuuwwan OMNiin mudatan qoratee kan dhiyeessu koree addaa tokko (ad hoc) sagalee guutuudhaan akka dhaabbatu godhee jira. Koreen addaa kun Dok. Hamzaa dabalatee sagalee deeggarsaa miseensoota Boordii guutuu ta’een hundeeffame. Bu’aan qorannoo kanaas gufuuwwan OMNiin mudatan kana gadifageenyaan erga qorateen booda furmaata murteessaa ta’ee fii, dhaabbata kana haalaan gara fulduratti tarkaanfachiisuu danda’u  argamsiisuudhaaf. Amaan kana, koreen addaa kun hojii qorannoo isaa jalqabee jira. Oduun hogganummaa gadhisuu Dok. Hamzaa kan dhagahame, walgahiin boordii kun erga taasifameen sa’a muraasa booda. Bordiin OMN, haalaawwan murtii hogganummaa gadidhiisuuttiin irraan isaan gahe ilaalchisee Dok. Hamzaa wajjin yeroo gabaabaa gidduutti mariyachuuf carraa jiru hundatti ni fayyadama. Ibsa kanaanis waan mirkaneessuu barbaannu, koreen addaa kun dirqama isaa haalaan kan bahu  ta’uusaati. Bu’aa qorannoo isaas torban muraasa keessatti hawaasaaf ifatti akka beeksisamu abdii guddaa qabna. Haala kana keessatti, miseensootaa fi firoottan OMNiif dhaamsi dabarsinu, yeroo rakkoo akkanaa keessatti, akkuma yeroo kaan gootanitti, tasgabbiidhaan meediya kessan kana (OMN) bifa barbaachisaa ta’e hundaan akka gargaartan isin gaafanna.
Galatoomaa.
OMN Board of Trustee

Breaking News! Oromia Media Network's Top Official DR, Hamza Abdurazaq Resigns. [TVOMT]

              

Qeerroon Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffii Mirgaa Duubatti Hin Deebine Kaasuun Gootummaan Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jiru.Huni Agaazii Jedhamu Heddumminaan Mooraa Yuuniversitii Wallaggaas Qubate.

Sadaasa 22, 2014 | Qeerroo.org

Sadaasa 20,2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhiibbaa guddaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuubibarsiitii Wallaaggaa irraan ga’aa jiruun wal qabatee guyyaa har’aa sa’aa 10:00 irraa eegaluun gaaffii mirgaa finiinsuun FDG dhoosuun shira mootummaan wayyaanee EPRDF uummata Oromoo irratti dalagaa jiru dura dhaabbatan.
 
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaaggaa guyyaa har’aa shira moottuummaan Wayyaanee addaatti mooraa yuunibarsiitii Wallaggaa irratti rawwachaa jiruu fi akka waliigalatti uummata Oromoo irratti dalagaa jiruu balaaleffaachuun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa shira har’a ifatti nurraatti dalagamaa jiruuf teenyee guyyaa hin lakkawwatnu jechuun FDG qabsiisuun sagalee guddaan mootummaa abbaa irree balaaleffachuun qabsoo finiinsa jiru. 

ARDUF Urges Ethiopia to Return Afar Territory or Risk Addis Ababa Djibouti Corridor

November 22, 2014 | Information Desk Afar Revolutionary Democratic Unity Front (ARDUF)

The Afar-Issa conflict is no longer an encounter about access to grazing lands and water resources between two related pastoral communities. It is no longer about the raiding and counter-raiding of animals (camels, cows and goats) as war booty. It is not even being inflamed between the two traditional pastoral groups in the Eastern part of Ethiopia known as the Addis Ababa-Djibouti Corridor. However, it is raging far from home.

The intractable and unmanageable, years-old Afar-Issa conflict is being fought out in social media in a feverish war of words between two Diaspora, namely, the Afar and Issa Diaspora in Western countries (USA, Canada and Australia). The conflict is being fought out on Deutchwelle and VOA Amharic Services. Anyone who has been following recent developments with regard to this conflict would recognise this. 

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti kan argamu Mooraan waraana wayyaanee Kutaa 12 jedhamu tarkaanfii humna hin beekamneen irratti fudhatameen barbadeeffame.

Sadaasa 21, 2014 | MADDA ODUU SBO/VOL

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti kan argamu Mooraan waraana wayyaanee Kutaa 12 jedhamu tarkaanfii humna hin beekamneen irratti fudhatameen barbadeeffame.

Mooraan waraana wayyaanee Dhiha biyyattii Kutaa waraanaa 12ffaa magaalaa Jimmaatti bobbaafame tarkaanfii Sadaasa 18 bara 2014 waaree booda humna hin beekmaneen irratti fudhatameen ibiddaan daareffamee jira. Tarkaanfii kanaanis qabeenyi humna diinaa, galmi waraanni wayyaanee keessa boqotu, konkolaattonni waraanaa fi meeshaaleen waraanaa adda addaa walumaagalatti qabeenyi qarshii Miiliyoonatti shallagamu ibiddaan barbadeeffameera. 

Ethiopia admits problems with ZTE contract: European vendors could benefit as Ethiopia falls out with Chinese firm over mobile network deal.

November 21, 2014 | Total telecom | By Mary Lennighan

Ethiopia is at loggerheads with ZTE over an US$800 million mobile network contract and is working on a 'plan B' involving Europe's big two telecoms vendors.

The country's state-owned incumbent Ethio Telecom split a $1.6 billion 3G and LTE deal between ZTE and Huawei last summer. Now ZTE is at risk of losing a portion of the deal for various reasons, including a disagreement over the cost of upgrading legacy kit, the Ethiopian telecoms minister told Reuters this week.

MUST LISTEN NEW SINGLE: Hin Rafu Maafan Rafa, KA’II LAMMIIKOO! : Beenyaa Dirbabaa Irraa

  

Waamicha Walgahii Hawaasa Oromoo Minisootaaf: Sadaasa 23, bara 2014

Sadaasa 22, 2014 | Oromia Media Network (OMN)
  
Oromia Media Network (OMN) hawaasa Oromo magaalaa Minneapolis fii St. Paul jiraatan wajjiin, mariyachuu barbaada. Kanumaafis, Oromoonni magaalaa Lakkuu fi naannoo jiraattan walgahii gaafa Sadaasa 23, bara 2014tti taasifamu kana irratti akka nuuf argamtan kabajaan isin waammanna.

The Endless Violence against Oromo Nationals Must be Halted

  Fear of Torture, HRLHA Press Release

November 18, 2014 | Human Rights League Of The Horn of Africa*

Harassment and intimidation through arbitrary arrests, indefinite detentions without trial, kidnappings and disappearances have continued unabated in Ambo and the surrounding areas against peaceful protestors since the crackdowns of April 2014, in which more than 36 Oromos were killed by members of the federal security force.

According to HRLHA correspondents in Ambo, the major target areas of this most recent government-sponsored violence includes Ambo town and the villages of Mida Qagni district in eastern Shewa zone, approximately 25km south of Ambo town. More than 20 Oromos, students, teachers and farmers from different villages were arrested beginning November 11, 2014, until the time of the compilation of this press release. According to HRLHA reporters, the arrests were made following the protest by the people of the area against the sales of their farmland by the federal Government of Ethiopia to the investors.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Sadaasa 17, 2014

  

OLOLA OMN IRRATTI OOFAMAA JIRU ILAALCHISEE IBSA HOOGGANSA OMN IRRAA KENNAME.

Sadaasa 14, 2014 | Ibsa Hooggansa OMN irraa kenname
Guyyoota muraasa dabre kana ololli hogganootaafi jaarmaya OMN maqaa xureessuu irratti fuulleffate gama adda addaan oofama akka jiru ni beekna. Hamma ammaatti dhimma kanarratti qaamni hoggansa OMN waan tokkollee hin dubbanne. Sababni isaas maddi dubbii kanaa hariiroo hojjataafi jaarmayaa kan seera ilaallatu waan ta’eefi. Hamiifi komiilee deddeemaa jiran hoggansi sadarkaan jiru sirritti erga ilaaleen booda qabxiilee armaan gadii kana ummataaf ifa godhuun barbaachiseera.

Landgrabs in Ethiopia Engineer Ethnic Conflict

November 13, 2014 | By Staff, The Oakland Institute | Press Release

Oakland, CA – Today, the Oakland Institute (OI), in collaboration with the Anywaa Survival Organisation (ASO), released Engineering Ethnic Conflict: The Toll of Ethiopia’s Plantation Development on the Suri People, the latest in its series of comprehensive investigative reports about land grabs and forced evictions in Ethiopia. The report uncovers the truth behind a reported massacre of 30 to 50 Suri people in May 2012 near the 30,000-hectare Malaysian-owned Koka plantation. Based on extensive fieldwork, Engineering Ethnic Conflict reveals the destabilizing effects of foreign investment in Southwestern Ethiopia and examines the role of international aid programs in supporting forced evictions in the country.

TO ALL OROMOS IN THE UK: Commemoration of the Oromo Popular Revolt Against Subjugation, Commonly Known as ‘Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG), 29 November 2014 (Leeds/UK)

November 11, 2014 | From FDG Organising Committee and Yorkshire Oromo Community


The Commemoration of Oromo popular Revolt against Subjugation commonly known as 'Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)' will take place on November 29, 2014 in central Britain, city of Leeds.

UMMATA OROMOO BIYYA UK MARAAF: Ayyaanni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) giddu galeessa UK, magaalaa Leeds keessatti gaafa Sadaasa 29, 2014 kabajama.

Sadaasa 11, 2014 | Koree Qindeessituu FDG fi Hawaasaa Oromoo Yorkshire
 Ayyaanni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) giddu galeessa UK, magaalaa Leeds keessatti gaafa Sadaasa 29, 2014 kabajama. 

Ayyaanni kun waggaa 9ffaa ummatni Oromoo FDG bifa haarawaan eegalee fi sochii barattoota Oromoo; wareegama kafalamee fi gaaga'amina gahe yaadachuuf kabajama. 

Cooperation with Regime Hostile to Peoples Against Principles of International Law: [A Statment by Oromo Liberation Front in Support of Report of Amnesty Intrnational on Human Rights Violation Against the Oromo People]

November 10, 2014 | A Statment by Oromo Liberation Front in Support of Report of Amnesty Intrnational on Human Rights Violation Against the Oromo People

In the history of shocking tortures of dictatorial regimes against the peoples ruled under their iron fist, the Ethiopian government cruelty is unparalleled. Since its ascension to power by force in 1991, the Ethiopian government’s records of human rights violations through extraordinary killings, forced disappearances, massive imprisonments, displacements and other means of suppression against the Oromo people is incalculable. The world has repeatedly witnessed that the incumbent regime of Ethiopia is a government that has adopted a policy of ruling by violence, and commit harsh and cruel actions flagrantly.

Mootummaa Itophiyaa Ummata Diina Godhate Tumsuun Fallaa Seera Addunya ti: [Ibsa ABO Gabaasaa Amnesty International Deggaruun]

Sadaasa 10, 2014 | Ibsa ABO Gabaasaa Amnesty International Deggaruun

Mootummoota darara suukanneessaan ummatoota humnaan bulchan irratti raawwatan keessaa mootummaa Wayyaanee kan dursu hin jiru. Dhufaatii isaa bara 1991 irraa eegalee waggoota aangoo irra ture kanneen keessatti kan ifatti fixee fi dhoksaan dhabamsiise, jireenya irraa mancaasee kadhattummaaf dabarse kenne lakkoobsaan kaa’uun mootummaa abbaa irree kanaafuu hin laaffatu. Mootummaa “Humnaan bitaa jiraatuu” imaammata godhatuun raggaafatee bittaa isaa gara jabinaan itti fufee jiru, gochaa suukanneessaa fi faashistummaa raawwadhus “maaltu ana gaafata?” tuffii jedhuun ifatti raawwatu addunyaan irra deddeebi’ee kan ifatti arge dha.

'Nightmare' for Ethiopian pastoralists as foreign investors buy up land

Thinktank accuses Ethiopian government of stirring ethnic tensions as Suri displaced to make way for large plantations

November 10, 2014 | The Guardian | David Smith, Africa correspondent
MDG: Suri herders with cattle, Ethiopia, Omo Region, Tulgit
Suri boys with water gourds herd cattle along a road in Tulgit, Omo valley, Ethiopia. Photograph: Danita Delimont/Alamy

Ethiopia’s policy of leasing millions of hectares of land to foreign investors is encouraging human rights violations, ruining livelihoods and disturbing a delicate political balance between ethnic groups, a thinktank report has found.

Must Listen OMN: Amharic Interview with Tesfaye Gebreabe Part 2, November 08, 2014

  

Oromiyaa: Under the Occupation of Tigrayan Fascist Regime

November 08, 2014 | By LEENJISO HORO* | Source: Gadaa.com
Note: In discussing the crimes that the Abyssinian regimes committed against the Oromo people, some Oromo individuals focus on just one story, one event, one decade or one era. Others take a broader view and try to cover it all, from the past to the present. Here, I only focus on the Tigrayan aspect of fascism as represented by Ras Mikael Sehul in the 18th century, Emperor Yohannes IV in the 19th century and Meles Zenawi in the 21st century. My aim here is to provide a synoptic sketch of the story of Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF) fascism, its cruelty, savagery, and the genocide that it has been committing against the Oromo people since it seized political power in the Ethiopian empire in 1991.

Akka sabaatti ijaaramnee, Oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna: KUTAA 2FFAA

Sadaasa 07, 2014 | Gadaa.com | Camadaa Hundee irraa*
Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
Kutaa 2ffaa
Barreefama kiyya kutaa tokkoffaa keessatti, dhaabbileen siyaasa Oromoo, dhimmoota irratti garaa garummaa qabanii fi waantota irratti waliin hojachuu danda’an, adda baafatanii mataa isaaniitiin beekuu dadhabuun, rakkoo irratti rakkoo dabalaa akka dhufee fi garaagarummaan siyaasaa mooraa Oromoo gidduu jiru maree fi walitti dhiheenyaan akka salphaatti furachuun akka danda’amu irratti amma tokko yaaduma yeroo hunda deddebi’amee ka’u kaasuuf yaalee jira. Yeroo hunda hawwii fi fedhiin kiyya, mooraan Oromoo akka tokkoomuu fi tokkummaan dhugaa Oromoon barbaadu, akka dhugoomun hawwa. Kanaaf barruuleen barreessaa turee fi ammas amman danda’etti barreessu tokkummaan dhugaa akka milka’u dhama’uu dha. Tokkummaa kanaaf kan watwaatan, nama dhuunfaa ykn garee siyaasaa tokko otoo hin taane, ummata Oromoo akka ummataatti. Maddi rakkoo keenyaas tokkummaa dhabuu keenya akka ta’e beektotiin keenya irra deddebi’anii akeekanii jiru. Dhaguu dadhabuun keenya gatii guddaa akka sabaatti nukaffalchiisee jira. Kanaaf ammasi yaaduma kana irratti xiyyeefadha.

Akka sabaatti ijaaramnee, Oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna: KUTAA 1FFAA

Sadaasa 07, 2014 | Gadaa.com | Camadaa Hundee irraa*
Kutaa 1ffaa
Sadarkaan guddinni qabsoo Oromoo irra gahee jiru, yeroo gandaan, gareen, amantaa fi sammuu alagaan yaadan irra ce’ee jira. Ilmaan Oromoo bahaa-dhiha, kaabaa-kibba dhimmi isaan walitti hidhee jiru oromummaa fi oromiyaa dha. Waanta hunda dursuu kan qabu, dhaabbileen maqaa Oromoon ijaaraman, fayidaa nama dhuunfaa fi garee keessaa bilisa ta’anii waanta akka sagantaatti baafatanii jiran gara hojiitti jijjiruun dirqama yeroo ti. Maqaa qabsoo Oromoon dhaabbilee ijaaramanii jiran yoo ilaalle, bifa barruun sagantaan isaan waraqaa irraa qaban, Oromoo abbaa biyyaa gochuu fi bilisummaa sabaa dhugoomsuuf akka ta’e, barruu irraa ni dubbifama. Hoogganootii fi miseensi dhaabbilee siyaasa garuu, waanta akka sagantaa siyaasaa irratti maxxanfatanii fi baafatan hojiitti hiikamaa akk hin jirre tolchanii beeku. Waanti akka sagantaatti wixinatanii jiranii fi waanti hojiin muldhisaa jiran faallaa sagantaa isaanii ti.

ገዳ ገብረአብ (ተስፋዬ ገብረአብ) ከአሜሪካ መልስ

November 06, 2014 |  ከገዳ ገብረአብ

በታዋቂው የታሪክ ምሁር በፕሮፌሰር መሃመድ ሃሰን (የOSA አመራር አባል) እንዲሁም በመጫና ቱለማ ማህበር ጋባዥነት በአሜሪካ ያደረግሁትን የሶስት ወራት ቆይታ አጠናቅቄ ወደ ኤርትራ ተመልሻለሁ።

ለፕሮፌሰር መሃመድ፣ ለመጫና ቱለማ ማህበር አባላት፣ እንዲሁም በተዘዋወርኩባቸው የአሜሪካ ግዛቶች፣ በዋሽንግተን ዲሲ፣ በኒውዮርክ፣ በላስቬጋስና በሚኒሶታ የደመቀ ወንድማዊ አቀባበል ላደረጉልኝ፣ በክብር ላስተናገዱኝ ኦሮሞ ወገኖች ሁሉ ከፍ ያለ ምስጋናዬን በይፋ ማቅረብ ተገቢ ሆኖ አጊኝቼዋለሁ።

ITOOPHIYAA (Ethiopia) fi Qarooma Uummata Kuush

Sadaasa 06, 2014 | Naggeessaa Oddoo Duubee Irraa
Madda maqaa “Itoophiyaa” jedhuu:
Biyya Itoophiyaa jedhantee waamamtu tana keessatti cunqursaa fi miidhaan cimaan Sabootaa fi sab-lammoota hedduurra gayee jira. Daafee hacuuccaa fi cunqursaa kanaan baay’een keenya maqichalle ni jibbina. Worri gariin ammoo maqaan ETHIOPIA jedhu kun durii kaasee macaaf /kitaaba qulqulluu keessa jira, kanaafuu biyyi ETHIOPIA jedhantu tun durii kaachee bifuma amma jirtu kanaan, boca amma qabdu qabattee woggoota kuma sadii ol jiraattee jirti jedhanii amanan. Iteetuu malee jechi kun hiikni isaa ka durii maal akka ta’e nami beeku nama rukkicha. Jechi Itoophiyaa jedhu dhaloonni isaa jecha afaan Giriikii ti:

Bakka namni hin jirretti nama taatee kan argamte Daraartuu Abdataa seenaan uummata Oromoo yoom iyyuu ni Faarfata!

Sadaasa 06, 2014 | Seenaa Abdissa Oromiyaa Irraa

Daraartuu Abdataa jedhamti. Biyya Garasuu Dukii kan taate Magaalaa Walisoo keessatti dhalattee Guddatte. Aadaa fi Afaan Oromoo Guddiisuuf barnoota sadarkaa gadii irraa jalqabdee kan tattaafachaa turte Daraartuun, Yunversiitii Dire Daawaa erga seentee boodas Piredizaantii Gumii GAAO ta’uu dhaan Dargaggoota Oromoo gurmeessitee Yunversiitii D/Daawaa keessatti akka Aadaa fi Afaan Oromoo dagaaguuf Shamarree carraaqaa turte dha! 

Haa Ta’u malee Maaster Pilaanii Finfinnee uummata keenya buqqaasuuf ka’e mormuu dhaan yeroo Barattoonni Yunversiitii D/Daawaa gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa mana hidhaatti guuramanitti Daraartuu Abdataa shamarran torba faana dargaggoota keenya waliin waajjira poolisii magaalaa D/Daawaa qaxanaa 2 keessatti hidhamte. 

Human rights campaigner says African Union should move headquarters out of Ethiopia because of concerns about freedom of expression there

November 05, 2014 | StarTribune | Article by: CHRISTOPHER TORCHIA, Associated Press

JOHANNESBURG — The African Union should move its headquarters out of Ethiopia because of concerns about freedom of expression there, an Angolan journalist and human rights campaigner said.

Journalist Rafael Marques de Morais, who has been jailed and faces numerous legal challenges for his investigative work in Angola, said in Johannesburg on Tuesday night that the African Union is hypocritical for keeping its base in Addis Ababa, the Ethiopian capital. The union represents 53 countries on the continent and says it is committed to transparency and human rights.

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Murtii Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Dawaa 21 Irratti Dabarse Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Sadaasa 05, 2014 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mootummaan Wayyaanee afaan qawweedhaan erga aangootti olbahee kaasee hidhaa, ajjeechaa, biyya irraa arii’uu fi darara dhala namaaf hin malle barattoota Oromoo irratti gaggeessaa as gahe. Barattootni Oromoo dhiibbaa mirga namummaa fi Dimokiraasii Uummata Oromoo irratti gahaa ture dura dhaabbachuun wareegama qaalii kaffalaa turan. Mootummaa wayyaanee abbaa irreef murtiin dabaa hidhaa fi ajjeechaan QBO duuba kan deebisu itti fakkaachuudhaan itti fufinsaan daba daangaa hin qabne gaggeessaa as gahe.

Ethiopian and Chinese workers clashed in Huawei’s 3G Network Expansion Project

November 04, 2014 | Dire Tube News

As sources said Ethiopian and Chinese workers who are working on Huawei’s 3G network expansion project in Dire Dawa have clashed. The reason behind the clash is the Ethiopian workers demand for a fair wage for the dangerous job they are engaged in.

“We have to climb and work on high wire poles 45 meters long; but what we are being paid is only 50 birr a day ($2.49) which is unfair and exploitation” one of the Ethiopian workers has said.

The Ethiopian workers have been in a meeting before the clash. According to sources, the clash has erupted when a Chinese worker tried to beat an Ethiopian worker whom he thought to be an organizer of the meeting and the riot.

OMN: Qophii Addaa (Amiin Huseen fi Haadha Shumbee), Sadaasa 4, 2014 [Kutaa 2ffaa]

  

Uummata Bara Baraa Malee Mootummaan Bara Baraa Hin Jiru!

Sadaasa 02, 2014 | Hariiroo Jorgoon Irraa
Uuummata barabaraa malee, mootummaan bara baraa hin jiru! Kutaa tokkoffaa keessatti Wayyaaneen akkamitti akka uummattoota walitti buusuun humna tokkummaa dhabsiisuun umrii bittaa fi saaminsaa dheereffachuuf yaaltu, akkasumas balaa saboota wal irratti kakaasuun kun qabu ilaalleerra. Kutaa kana keessatti immoo akkaataa wayyaanonni itti siyaasaafi dinagdee biyyattii monopoliin itti qabataniifi walumaa galatti adeemsi Wayyaanee kun dhumnisaa garamitti akka nugeessaa jiru ilaalla. Duruma jalqabarraa taayitaaf foolachuun chaartericha kan gatachiifte TPLF har’a biyyootiin irra jireessi kan itti fayyadaman sirna daldala bilisaa akkaataa faallessuun dameelee daldalaa hundaa to’annaa TPLF jala galchuun dinagdee biyyattii monopoliin qabattee jireenya qaalessuun uummaticha hiyyummaan gaaditee hiitee hidhamaa garaasaa-waa’ee garaasaa waan nyaatu malee waa’eesheefi waa’ee dhimma kaanii akka hin yaadne gochuun maayikiroo xixiqqaatii kaasee kamma industiriilee gurguddootti, teeleefi humna ibsaa dabalatee akka fedhetti kan irratti hogganu TPLF dha.

Human-rights abuse report angers Ethiopia

November 02, 2014 | The East African | By FRED OLUOCH, TEA Special Correspondent

IN SUMMARY
  • The latest Amnesty International report accuses the government of committing atrocities against the Oromos on suspicion of being supporters of the Oromo Liberation Front (OLF).
  • The report says at least 5,000 ethnic Oromos have been arrested between 2011 and 2014 based on their actual or suspected opposition to the government.
A rights group is once again accusing Ethiopia of human-rights abuse, which Addis Ababa has denied, saying it is fighting subversives and terrorists.
The latest Amnesty International report accuses the government of committing atrocities against the Oromos on suspicion of being supporters of the Oromo Liberation Front (OLF).