Oduu Sagalee Qeerroo bilisummaa Oromoo: Adolessaa 27/2017

            

Sobdu Lemaa Megersaa Afaan dhamaa, sold or give away Oromo land to future greater Somalia from Balee Oromiyaa Zone

Adolessa 27, 2017 |Biqilaa Biyyaa Facebook page

Sobdu Lema Megersaa Afaan damaa kanan duraa Danga Oromo caabsitee an saba kenyaa fixaa turanin Somalee Liyu polisiifi wayanee irratii tokkolee eso hin'xiiyeefatiin amaa'mo laafa Oromo Somaleef Sararanii jirruu.

Yaa Oromo maali kuni salphina miti namichi afaan damaa Lema Megersaa maale ojjataa Jirraa beektuu laata nuugurguraa jirraa Oromo dammaqii.

Dhugaan jirru garu OPDOn wayy'ee danga Oromo irraa maalif akka baqqatee hin'beekamuu.kuni bayy'ee an nama dhiibuu dha .

Odeessa FXG Godinoota Oromiyaa Gara Garaa.

Adoolessa 16, 2017 | Gabaa Qeerroo Irraa

Uummanni Shaggar lixaa rakkoo guddaa keessa jiraachuu Qeerroon naannoo Sana’a addeessan. Akka gabaasa qeerroo naannoo sanaatti rakkoowwaan jireenyaa ilma namaaf barbaachisan kan akka, tajaajila Daandiin, Ibsaa ,Bishaan fi kkf guutummaatti surni nama nyaataa mootummaa wayyaanee ummatarraa kuteera uummanni rakkoo guddaa keessatti argama.
Kun kanaan osoo jiru uummanni dalagee jiraachuu hin dandeenye, tajaajila uummanni argaachuu qabu kutuun gibira humnaan olii nurratti fedhuun mirgaa fi haamilee keenyaa cabsaa jira jechuun uummanni quba nyaachaa jira. Sirni nama nyaataa mootummaan wayyaanee kun ilaalcha gad aanaa waan qabuuf hanga kana duraa karaa hedduun duguggaa Sanyii nurratti raawwaachaa ture ammammoo karaa gibiraa uummata keenyaa biyya mancaasuuf waan kadheef sabni Oromoo dammaquu qaba. Qaamni sagalee guddaa qabu akka qeerroo kutaa maraa gurra nubuusan nudhaama jechaa jiru qeerroon naannoo sanaa. Sirna nama nyaataa kana ofirraa gaggeessuun furmaata hiree jiraachuu keenyaati quba wal akka qabaannuf waamicha nu dabarsaa jechaa jiru Ummanni naannichaa.

Gibiraa fi Qaraxni Bittoota Irroomsu Mormamuu Qaba

Adoolessa 12, 2017 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Gibiraa fi qaraxa humnaa olii, loogummaa irratti hunda’e bifa duulaan daldaltootaa irratti fe’amaa jiru ni balaaleffata. Addatti ammoo gibirri humnaa olii kun haa tahu jedhamee daldaltoota saboota biroo daldalaa ala gochuu fi saamicha qabeenya isaanii irratti kan akeekkate waan taheef jabeessee morma. Waan taheef, kanneen gibiraa fi qaraxni humnaa olii irratti jigfame hundi, gibirri baasan mootummaa farra ummatootaa kan cimsu, bittaa meeshaa waraanaa mirga ummatootaa ittiin ukkaamsu bitatuu irra kan oolfamu tahuu hubatuun akka dura dhaabbatan ABOn dhaamaaf. Mootummaan kun hanga aangoo irra jiruttis yaaddoon alatti hojjatanii jiraatuun kan hin danda’amne tahuu hubatuun irratti qabsaa’uun of irraa qaarsuun alatti furmaatni biraa kan hin jirre tahuu ABOn irra deebi’ee hubachiisa.

Ummanni Oromoo Karoora Maastar Pilaanii Finfinnee Toftaa Jijjiirratee Hojiirra Oolfamuuf Jiru Gonkumaa Hin Eyyamu!

July 07, 2017 | Ibsa Bilisummaa Oromoo (ABO)

Jidduu kana Mootummaan Wayyaanee karaa “Kaabinee Ministirootaa” baanuun wixinee labsii faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu jedhu baaseera. Akka ibsa gartuu faashistii kanaan baheetti wixineen labsii kanaa raggaafamuudhaaf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaaf dhiyeeffama. Ummanni Oromoo fi dhaabni kallacha qabsoo isaa Addi Bilisummaa Oromoo wixinee labsii kanaa gonkumaa hin fudhatu.
Sirni murna bicuu golgaa dimokraasii fi afaan qawweetin Itoophiyaa bitaa jiru ummata Oromoo bakka bu’uudhaan murtii laachuuf mirga seerawaa waan hin qabneef wixineen raggaafamuuf jedhu fudhatama hin qabaatu. Finfinneen dachee Oromoo jaarraa tokkoon dura diinaan dhuunfatamte. Ummanni Oromootis lafa isaa uumaan haqa itti qabu kana deeffachuudhaaf qabsootti jira.

Irra Fardiin Siidaa Ijaaruu osoo hin taane Rakkoo Ardii Afriikaaf Furmaata Soquu dha

Adoolessa 07, 2017 | Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

ABOn murtti Gamtaa Afriikaa Siidaa Bittootaa dhiiga ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo dhangalaasaa bahan akka Finfinnee Keessatti ijaaramu murteesse jabeessee balaaleffata. Duras dhaabbata. Ummatni Oromoos kanneen ilmaan isaa fixaa turan, lafa isaa irraa buqqaasuun hiyyoomsan, eenyummaa isaa irratti duuluun dhabamsiisuu irratti hojjataa turaniif siidaa dhaabamu jabeessee balaaleffatuu fi dura dhaabbatuu qaba.
Ardiin Afriikaa Ardii boodatti hafummaan beekamtu, beelli, dhukkubnii fi hiyyummaan keessatti dagaage, of danda’uu dadhabuu irraa biyyoota dureeyyii irratti hirkatuun deggersaa fi gargaarsa isaaniin jiraattu dha. Ardii mirgi siyaasaa fi uumaa ummatootni qaban keessatti hin kabajamne, mirga ofiif qabsaawuu fi gaafatuun yakka taasifamee lammileen keessatti ajjeefaman, hidhamanii fi keessaa baqatan, Ardii walabummaa irra kolonummaan itti hawwatamu akka taatetti jirti.

SIRNA BANINSA OROMIA MEDIA NETWORK (ONN)


Qophii Kaayyoo Haala Yerro Irratti Dr Tsegaye Ararsa waliin Kutaa 1ffaa fi 2ffaa [ከዶክተር ፀጋዬ ኣራርሳ ጋር በወቅታዊ ጉዳይ ላይ የተደረገ ዉይይት ክፍል 1 እና 2]

   KUTAA 1FFA                                                                  KUTAA 2FFAA