Sareen lubbuu ufiitiif duttu abbaa looniitiif galata oolti

Caamsa 31, 2017 | Via Dhabasa Wakjira Gemelal

“Jeedala kijiba hokkoltu hoolaan hin cabde jetti” jedha worri keenna. Lammaa Magarsaa sabboonummaa doomsuuf sobu gariin keenna sabboonaa jechuuf deemna. -Daraar_gadaa99@yahoo.com
#QabsooOromoo-“Sareen lubbuu ufiitiif duttu abbaa looniitiif galata oolti” jedha mammaksi Oromoo!!!!

Haadha warraa Gooticha Oromoo Musxafaa Huseen gargaruun dirqama lammumaati

Caamsa 30, 2017
Jaal/Musxafaa Huseen,  godina Arsii Bahaa Aanaa Ziwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo jedhamutti bara 1985 A. L. Htti kan dhalate
Bara 2008, FXG/Fincila xumura gabrummaa, Sabni Oromoo guutuu Oromiyaatti taasisee irraatti kabajaa fi jaalala saba ofiitiif qabu agarsiisuuf jecha osoo ani jiru saba kiyya na duratti Lukkeeleen woyyaanee Agaaziin lubbuu isaanii hin baastu jechuun qawwee isaa diinatti garagalchuun agaazii shanii hanga jahaa walirraatti akaayuun akkasumas kanaa olis fixuun akka danda’amu poolisoota fi humna waraanaa lammummaan Oromoo ta’aniif karaa saaqee fakkeenya ta’uun, lubbuu isaa qaalii/deebii hin qabne kennuun Godina Arsii lixaa magaalaa Ajjeetti Gurraandhala 07/06/2008A. L. Htti Oromoof woreegame! Goota bara baraan seenaan yaadatu! Yeroo gootni kun wareegamu da’imni isaa ( SEENAA MUSXAFAA) garaa hadhaa keessatti baatii 5 lakkoofsiisftee jirti. Haati manaa musxafaa aaddee SIIFAN yeroo sanatti barattuu kolleejjii taatus ifni guyyaa adiin waan itti dhaameef baruumsa ufii gad dhiiftee yaadannoo abbaa manaa isii kana osoo jaalattu dhabde da’ima isaa guddiftee seenaa abba isii barsiisuuf murteeffattee baruumsa gad dhiiftee baadiyyatti galte.

Wallagga against Arsi; Our enemy’s last attempt to weaken the Oromo liberation movement

May 29, 2017 | By Rundassa Asheetee Hundee

Recently, as I scanned through some Facebook pages, I came across the unwise chattering of uneducated bunch, which led me to the writing of this article examining the relationship between tribe, region, race, ethnicity and nationality, and how these phenomena are linked to one another. In order to define the Wallagga domination preached by certain pro tribe advocate groups, I will try to differentiate the Oromo tribe from the artificial region such as “Wallaggaa“, constructed by the Habasha ruling classes, thereby try to see what constitutes the history of the said “dominating” region. To do so, it is important to ask whether or not “Wallagga” as a region involves the hierarchical and socially constructed valuation as opposed to “Arsi”, the Oromo tribe which is directly linked to all Oromo linage groups.

ONN: “Ethiopia and the Bible” – distortions, lies and false claims – by Luba Bantii U Teessoo [Part-1 & Part-2]

PART-1                                                                              PART-2
    

Yaa’ii Hoggansa Oromoo (OLC) fi Gumii Oromiyaa Addunyaa (GGO) Lamaanuu Oromoo dha, lamaanuu Oromoof, lamaanuu Oromoon uumaman: Rakkoon jiru maali?

Caamsa 23, 2017 | Abdii Boruutiin

Akkuma beekamu fi namuu hubachuu danda’u yeroo ammaa mooraa QBO keessatti waan haaraa lamatu mul’atee jira. Isaan kunis Yaa’ii Hoggantoota Oromoo – Oromo Leadership Convension (OLC) kan jedhamu fi Gumii Oromiyaa Addunyaa – Global Gumii Oromia (GGO) jedhamee kan dhiyoo kana ijaaramee dha. Isaan kana lamaanuu cimina sochii uummata Oromoo, keessumaayuu kan barattoota fi dargaggoota keenyaatu dhalche jechuu ni danda’ama. Sochiin uummata keenyaa, kan Oromiyaa keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru diina keenyarratti qofaa otuu hin taane Oromoorrattillee dhiibbaa jabaa godhaa jira. Isa kanatu OLC fi GGOn akka dhalatan taasise jechuun dha. Dhiibbaa sochii kanaatu Sabboontotni Oromoo walittidhufanii akka dhimma saba keenyaatiif waliin mari’atani fi waliin hojjechuuf murteeffatan taasise. Isaan kun lamaanuu Oromoodhaan ijaaraman; Oromoof hojjechuuf uumamna; isaan lamaanuu Sabbontota keenyaan uumaman. Erga dhugaan kana ta’ee ammoo rakkoon jiru maaliree?

Riqicha: Gaaffii fi Deebii Addaa HD ABO, Obbo Daawud Ibsaa – Kutaa 1ffaa

           

ዘረኝነት—የሐይማኖት መሪዎች መለዮ!

ግንቦት 17, 2017 | በዮሴፍ ሙሉጌታ ባባ*

በምድረ ኢትዮጵያ ዘረኝነት የሚሉት ወረርሽኝ ከምንም ጊዜ በላይ ስርጭቱ በከፍተኛ ሁኔታ እየተስፋፋ መምጣቱ የአደባባይ ምስጢር ነው። በተለይ በአሁኑ ጊዜ አንዳንድ ሰዎች ያለ ምንም በቂ ምክንያት አንድን ሕዝብ ወይም ብሔር አብዝተው የሚጠሉበት ሁኔታ በግልጽ እያየንና እየሰማን እንገኛለን። እንድህ ዓይነቱን ኃላ-ቀር እና የወረደ አስተሳሰብ አጥብቀን መዋጋት ይኖርብናል። ምላሱን አዳጠው መሰለኝ የሆነ ቀን አንድ ሰውዬ፡-
‹‹እነኝህ ለማኝ ትግሬዎች ችግር አለባቸው!›› ስል በገዛ ጆሮዬ ሰምቼ ኖሮ፤

Dhimmoota Haala Yerootiin Walqabachuun Marsaa Midiyaalee Hawaasaa Irratti Olola Afaanfaajjii Uumaniifi Ejjannoo Gara Fuulduraatti Ummatni Oromoo Fudhachuu Qabu Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.

Caamsa 01, 2017 | Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo, akeeknifi tarsiimoon Sochii Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) ittijiruufi faallaa sochii kanaa olola afaanfaajjii diinni miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun tokkummaa ummata Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaaffii taasisaa jiu hubachuun, akeekaafi shirri diinaa kun akka fashalaa’uuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo hundaaf ibsa kanaa gadii dabarsee jira.

Faayidaa Addaa Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu laalchisee labsii Wayyaanee

Caamsa 01, 2017 | Abdii Boruutiin

Dhiyoo kana faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu ilaalchisee mootummaan Wayyaanee labsii mata dureen isaa የኦሮሚያክልልበፊንፊኔ/አዲስ አበባ ላይያለውን ሕገመንግስታዊልዩጥቅም ለመወሰን የወጣ አዋጅ jedhu baasuun ni yaadatama. Dhimma kana wajjin walqabsiisee, wixineen የኦሮሚያ ክልል በፊንፊኔ/ አዲስ አበባ ላይ ያለውን ሕገ መንግስታዊ  ልዩ  
ጥቅምን አስመልክቶ የተዘጋጀ የጥናት ሰነድ jedhu tokkos dhiyaatee jira. Labsii gara fuula 14 qabu kana dubbisee hanaga naaf galetti hubadhee jira. Duraan dursee, wanni nama gammachiisu Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi sochiin uummata Oromoo hangam Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhe fi jilbiifachiisaas akka jiruu dha. Kun ammoo wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin waan argameef galannii gootota keenyaa daangaa hin qabu. Asitti aansee wantan wixinee labsii kanarraa hubadhee keessaa qabxiilee tokko tokko kaaseen yaada koo dhiyeessuu yaala.

ተይ አንቺ ውሻ!

ግንቦት 01, 2017 | በዮሴፍ ሙሉጌታ ባባ, Ph.D

ጭብጥን በጭብጥ መመከት የማይፈልጉ አንድ አንድ ሰዎች፣ ብዕርን እንደ ጦር ይፈራሉ። በእርግጥ ሰውዬው እንዳለ ‹‹ብዕር የወጋዉን ቁስለኛ ዶክተር አያድነዉም!›› ከማንኛውም የጦር መሣሪያ በላይ እሳት የሚተፋ ብዕር የሚፈራ ለዝህ ይመስለኛል። በሀገራችን ኢትዮጵያ ‹‹ፍደል ቆጠርኩ›› የሚል ጥሩንባ ነፊ፣ ለተነሳው ሐሳብ/‹‹ክርክር›› ምክንያት ማቅረብ ስያቅተው፣ ተቃራኒውን/ሌላውን ወገን ለማሸማቀቅ፣ የስድብ ውርጅብኝ ማጦዝ ይጀምራል። እንድህ ዓይነቱ ሕፀፅ ‹‹አህያውን ፈርቶ ዳውላውን›› (Argumentum ad Hominem) ይባላል!! በሥነ-አመክንዮ፣ ሐሳብን በሐሳብ መመከት ማለት፣ ‹‹አንድ በቂ ምክንያት ከሃምሳ ሰበቦች የተሻለ ነዉ!›› የሚለውን አባባል በትክክል መረዳት ማለት ነው።

ONN: “Bekkomsi guddaan of beekuudha” – by Dr. Dibaabaa