"Rakkoon saba keenyaa fala kan argaatu Gaaffiin bu'uuraa saba Oromoo deebii yoo argaateedha malee kabeebsaa jijjiirraa jedhuun mitii." --- Ittiin galaa fi Qajeelfaama Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 18, 2019 | Ittiin galaa fi Qajeelfaama Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummaanni oromoo gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa qabsoo isaan gaafataa turee keessaatti hanga amma irraa deddeebiin qabsoon isaa hataamaa gufaataa fi daddaaqamaa har'aa gahee. wareegama qaalii abbaa biyyuummaaf oromoon gamtaan kaffaalaa turee cinaatti gataanii dantaa diinoota inniikaa oromoo kan seenaa keessaatti waggaa 900 oliif oromoon ittiin wal waraanaa turee tiksuuf aarsaa oromoon abbaa biyyuummaaf kaffaale gatii dhabsiisuun jabaatee itti fufee jiraa. kanaafuu yeroon keessa jirruu kun yeroo diinoonni Oromoo rogaa maraan shaanfoo qaraataa jiraan waan taheef nuus diina keenya akka gaariitti ofirraa dinniinuuf akkasumaas adaabuuf ol jechuun dirqaama tahee mul'aatee jiraa.

"Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha" --- Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Fulbaana 16, 2019 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Kamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas (kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis) ABO dhaan wal qabsiisanii oduun dabballoota ODP/EPRDF iin tamsa’e ololuma maqa-balleessii baroota aangoo EPRDF guutuu itti hojjetamaa ture dha. EPRDF baroota aangoo isaa hunda lammiilee biyyattii kanneen sirna Abbaa irrummaa isaa mormanii mirga ofiif falmatan dharaan yakkuuf gocha fokkataa akkanaa oggayyuu irra deddeebiidhaan raaw’achaa jiraate. Manneen jireenyaa namootaa, manneen ciisichaa (doormii) barattootaa, manneen nyaataa – dhugaatii fi hoteelota, konkolaattota geejjibaa fi … kkf. keessa dhuka’aa fi meeshaalee lolaa adda addaa kaa’uun, yookaan Alaabaa ABO kaa’uudhaan namoota yakkamoo fakkeessuu barbaadan ittiin tohannoo jala oolchuuf ykn. miidhaa irraan gahuuf fiilmiin sobaa hojjetamaa ture kan himamee dhumu miti.

QOPHII ADDAA FULBAANA 15 /2019 Waggaa 1ffaa Gara Biyyaatti galuu ABO ilaalchisee Gaaffii fi Deebii HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa (ONN fi SBO)

 

Paartiileen Morakattootaa Miseensonnii fi Deggertonni Isaanii Oromiyaa Keessatti Akka Hidhamaa Jiran Himatan

Fuulbana 04, 2019 | VOA Afaan Oromoo


Partiileen morkattootaa maqaa Oromoon socho'aan, Kongireessi Federaalistii Oromoo fi Partiin ABO filannoo bara 2012 geggeessamutti karaa nagaa hirmaachuuf ka qophaawaa jiran tahuu dubbatanii, “garuu, mootummaan miseensotaa fi degartoota keenya hidhaa jira,” jedhu. Mootummaan Oromiyaa gama isaatiin filannoof akka haala miijessaa jiru eeree, “paartiileen morkattootaa yoo ka karaa nagaa socho’an tahe rakkoolee isaan mudatan ni furra,” jedha

Holqa 'Mana Waaqaa': Baaleetti holqi guddaan karra 47 qabu argame

Fulbaana 03, 2019 | BBC Afaan Oromoo Irraa

Holqa kana magaala Bidiree irraa kiiloomeetira 120 fagaatee bakka Haroo Waacaraa jedhamutti arganne jedhu ogeessi godambaa aanichaa obbo Haydar Ibraahim.

Itoophiyaa fi mirga Namoomaa: Dhaabni mirga namoomaaf falmu ‘HRLHA’ biyya keessatti hojii eegale

Fulbaana 02, 2019 | BBC Afaan Oromoo Irraa

Dhaabbannii mirga namoomaaf falmu Liigii Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa /HRLHA/ jedhamu Itoophiyaa keessatti ifatti hojii eegale.

Liigiin kun bara 1996 Finfinnee keessatti maqaa ‘Liigii Mirgoota Namoomaa’ jedhun hundeeffame.