DIDDAA 2Waxabajjii 13/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa eebba eebbifamtoota barattoota Oromoo ilaalchisuun qophii addaa qopheeffachuun qabsoo Bilisummaa Oromoo hangagalii isaaga’utti kutannoo fi muratnoon garboonfataa maksuuf kan hojjetan ta’uu waadaa isaanii haroomsan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa qophii bifa addata’een mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii keessatti qopheeffachuun walaloolee warraaqsaa fi sirboota warraaqsaa garaagaraa dhageesisuun diina uummata  Oromoo kan rifaasisanii fi Oromummaa, Eenyummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaaniif falmachuuf yoomiyyuu duubatti kan hindeebine ta’uu sagantaa kana irratti ifatti beeksifatan. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa human waraanaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen eeggichaan hamaan irratti gaggeeffamaa kan jiruu fi ture yoo ta’uu, Oromoo taanee jiraachuu fi mirgaOromoon qabu sarbamee jiruu fi bilisummaa keenyaaf falmachuuf eenyu iyyuu nu daangessuu hindanda’u jechuun murtii isaanii dabarfatan.