Baga Geeysan Seensa Bara Haaraya Bara 2013 Ilaalchisee Ibsa Dhaaba ULFO Irraa Kenname

Amajjii 1, 2013

UNITED LIBERATION FORCES OF OROMIYAA
TOKKUMMAA HUMNOOTAA BILISUMMAA OROMIYAA

Date: 01/01/2013                                                                     Ref. No.. 030/8/2013

Baga Geeysan 
Seensa Bara Haaraya Bara 2013 Ilaalchisee Ibsa Dhaaba ULFO Irraa Kenname  


Kabajamtoota Saba Oromoo, Kabajamtoota lammiilee Oromiyaa, kabajamtoota gooticha human waraana ULFO akkasuma miseensota dhaaba ULFO/THBO idil addunyaarra jiran maraaf baga Rabbiin bara haaraya 2013 kanaan ittiin nu gehe jechuun dhaabni ULFO/THBO gammachuu qabu ibsaa jira. Barri kun kan ULFOn gara dhaabaa itticehuun sochii qabsoo hidhannoo itti jalqabee fii bara tokkoffaa isaa 20/02/2013 kana waan kabajatuuf bara addaa isa taasisa.

Baroota dabran kana keeysa sababa mooraan Q.B.O laafaa dhufeef hamileen ummata keenyaa akkasuma laafaa ture. Akkuma roorroon habashaa ummata Oromoorratti cimaa dhufeen alaan alaa fii gun gummiin ummataa Oromoo gara falmaatti cehuun tuuta qeeyroo ganamaa biqilchee ture.
Haa tahuu malee qabsoo jalqabame kana wal harkatti bubbutuun galii isaa dheereeysuun beekkamaadha. Kuniis akka ULFOn human waraanaa ijaarratee qabsoo itti fufu karaa bane jira.
Akka kanaan gootichi human waraana ULFO/THBO ji’a 10 ffaa, 11ffaa fii 12ffaa /2012 kana keeysatti human diinaa haleeluu ittifufee jira. Kanaaf humnootni bilisummaa fii walabummaa Oromiyaatti amanan hundi diina keenya haleellee Oromiyaa walaba aatea rguuf wal hubannee waliif tumsuun dirqama seenaa ti. Kanaaf lammiileen Oromiyaa biyya keeysaa fii alaa jiran hundi sochii kutannoo fii bifa haarayaan finiinaa jiru kana hubannoon hordoftanii dirqama gama keeysanii akka bahattan ULFO/THBOn waamicha isaa dabarsa.
Dhaabbileen siyaasaa kanneen sababa garagaraatiin Oromiyaairraa fagaattanii biyya ambaa keeysatti wal jeeqaa turttan hundi fuula keeysan gara Oromiyaa akka deebiftan hogganni dhaaba ULFO waamicha isaa ammaas irra deebi’ee haarayoomsa.
Dhaabbata Dimokraasummaa Ummata Oromoo ja’amee maquma qofaaf kan yaamamu OPDOn kan dabre irraa baratee murna TPLF Oromiyaa saamsisuu dhaabuun gara qabsoo abbaa biyyummaatti yoo deebi’e sababni shakkamuuf tokkolleen akka hin jirre dhaabni keenya ULFOn eenyuufillee hubachiisuu barbaada. Akkasuma jeequmsa mooraa waraanaa keeysaatti ke’ee jiru kana too’achuun waraanni lammiilee Oromiyaa ajaja gartuun murna wayyaanee baaseen hidhannoo isaa osoo hin hiikkanne diinatti akka garagalchan ULFO/THBOn yaamicha isaa dabrsa. Itti dabaluudhaan caasaa maadhee hawaasaa kan gubbaa irraa hanga gandaatti hawaasa walsodaachisuu fii walshakkisiisuu irratti xaxamee jiru gara falmaa abbaa biyyummaa irratti jijjiiruun dirqama dhaaba OPDO tahuu ULFO/THBOn ni hubachiisa.
Akkasuma Ilmaan Oromoo haala garagaraatiin sochii qabsoorraa if baasanii turan hundi hamilee isaanii haarayoomsuun falmaa maayyii godhaa kan jiru human waraana ULFO/THBO kanatti akka makaman dhaamsa keenya dabarsina. Ittidabaluudhaan sabaa fii sablamoonni dda addaa kan Oromiyaa keeysa jirtanii fii ollaalee Oromiyaa taatan hundi miidhaan Murna TPLF fiin nurra gehaa jiru kana harka walqabannee tokkummaadhaan cunqursaa mootummaa Impaayara Itiyoophiyaa akka ifirraa fonqolchinu dhaabni ULFO/THBO isin hubachiisa.
Dhaabbileen siyaasaa walaba taatan kan biyya keeysaa diinaarratti falmaa godhaa jirttan marti mootummaan wayyaanee afaan qawwee malee dimokraasiitti waan hin amanneef sirna kana ifirraa fonqolchinee lammilee Oromiyaa bilisoomsuu fii Oromiyaa walaboomsuu irratti tokkummaan ijaaramnee dhaaba ULFO/THBO tii waliin qabsoo hidhannoo finiiinsinee abbaa biyyummaa Oromiyaa akka mirkaneeyfannu ULFOn waamicha lammummaa isiniif dabarsa.
Sochii gafii mirgaa ummnanni Islaamaa Impaayera Itiyoophiyaa keeysatti godhaa jiru haqa qabeeysa tahuu dhaabni keenya ULFO/THBO ni amana. Haa tahuu malee sirni abbaa irree kan Murna TPLFtiin durfamu gaafii mirgaa ummanni Islaamaa gaafachaa jiru humnaan ukkaamsuuf yaalaa jira. Ummanni Islaamaa gaafii isaa bifuma jalqabeen osoo addaan hin kutin falmaa isaa ittifufaa jira. Hawaasa qulqulluu meeshamaleeyyii hidhuun, ajjeesuu fii biyyaairraa ari’uun falmaa daran cimsa malee ukkaamsuu hin danda’u. kanaaf ummanni Muslimaa sabaa fii sablammootaan osoo walirratti hin eegne/Laalle/ falmaa jalqabe gara qabsoo hidhannootti jijjiiruun mirga isaanii akka gonfatan ULFO/THBOn dhaamsa isaa dabarsa. Hordofttoonni amntillee birootiis gaafiin mirage amantii isaanii fis gaafii miragaa waan ta’eef waliif tumsuudhaan qooda gama keeysanii akka bahattan ULFO/THBOn irra deebi’ee waamicha isaa dabarsa. Kana milkeeysuufiis dhaabni keenya ULFO/THBOn dirqama gama isaa bifa hundaan kan bahatu tahuu irra deddeebi’ee hubachiisaa ture ammaas kanuma mirkaneeysa.
Walumaagalatti yeroo humni waraana diinaa wal afaan deebi’ee wal haleelaa jiru kanatti qabsoo waliif tumsuurratti qindeeyfameen diina keenya haleeluuf yeroon amma.
Eegaa barri 2013 kun kan dabre caalaa bara hafuurri qabsaa’otaa walitti urgaahu tahuu qaba. Bara bilisummaa fii Oromiyaa walaboomte irratti guddina biyya teenyaatiif marihannu akka nuuf tahu hawwiin teenya guddaadha.
Tokkummaan Humna!!
Oromiyaan ni walaboomti!!
KHR ULFO/THBO
01/01/2013

No comments:

Post a Comment