Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Alaabaa ABO Dirree Kubbaa Kibba Africa Irratti Arguun Gammachuun Addaan Dhuunfataman.

Amajjii 22, 2013 | Qeerroo

Amajjii 21/2013 Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Dirree Xiqqaa Mooraa main Campus keessaatti argamuu Tapha Kubbaa Miillaa Afrikaa har’a gagalaa Zambia fi Ethiopia gidduutti taphatamaa jiruu irraatti Qeerroon baratootni Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Alaabaan ABO Dirree tapha kubbaa Miilaa Afrikaa Marsuun mirmirfamee fi bolili’uun Alaabaan keenyaa Addunyaatti Mul’achuun Qeerroo Baratootaa Sabboontotaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa dawwaannaa taphichaaf Bobbaa’aan bakka taphni agarsiifamaa jirutti waliitti qabamuun Yeroo Alaabaan ABO agarsiifaamaa jiruu dargaggoonnii gammaachuun of wallaaluun UUUUUUU!!UUUUUUUU!!UU! Jechuun iyyanii Achuumaan Sirbotaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuu Mooraa Yuuniversiitichaa keessaa nannaa’uun sirbaa bulan.

Gartokkeen baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa gammaachuun of wallaaluun Mooraa Yuunivarsiitiin ala bahuun dargaggotaa Magaalaa Jimmaa waliin walitti dabalamuun Maagalaa Keessaa nannaa’uun ”Korma guduruu ABO’n Leencumaa duruu” jechuun magaalaa keessaa nannaa’uun sirban. Halkaan hangaa sa’aa 4:30tti sirbaa bulaan Poolisonnii wayyaanees halkaan waan ta’eef hallii akkasii kunis uumamaa jedhanii waan hin eegneef abbaa qabanii dhiisaan walii wallaaluun ni ga’aa sirbaa dhaabaa jechuu, dargaggootaa kadhachaa turaan. Haala kana Fakkaatuun Ammajjiin 21/2013 galgallii Tapha Kubbaa Miilaa Afrikaa irraatti Alaabaan ABO bololi’ee Addunyaatti mul’achuun Ilmaan Oromoo dheebuu bilisummaa qabaniif gammaachuu isaa guddaa ta’ee jira, Oromoonni hedduunis bilbilaa harkaa of harkaa qabaaniin walitti bilbiluun baga gammaaddee waliin jechaa jiru.

Kana malees barattooti mooraa Yuuniversity Amboo,Haromaaa,Adaamaa,Finfinnee,Bahrdar fi kanneen kaanis gammachuun doormiilee fi dirree irratti bahanii wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa akka turan gabaasi nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment