BIRROOLEEN MAAL TAATE?

Amajjii 28, 2013 | Gammachiis Naadoo irraa*

BIRROOLEEN MAAL TAATE?
Birrooleen maal taate maaliif qara ilaalte,
Naasuu tokko malee dallaa keessaa baatee,
Barcuma ulfinaa of jalaa darbattee,
Bakka isheef hin malle qe’ee halagaa galte.

Tarii nagaa miti isheen waa rakkatte,
Gaaf tokko deebiti yaada naanneffatee,
Jennee mari’atnee irratti walii gallee,
Ilmaan abbaa tokkoo wal qooduuf hin malle.

Dhiiginni dhiiga hin dheessu waliin dhalatanii,
Marabbaa fi jaalala yoo dhabuuf baatanii,
Maal maatii ishee dhiiftee maaliif qara ilaaltii,
Masaraa ulfinaa maliif diiguuf yaaltii?

Dachii Taaddee Birruu kan Elemoof Baaroo,
Galma hunda keenyaa fi qe’ee Guuree Faaroo,
Kan gootaan marfamte darbiin nuti dhaalle,
Maaliif nyaapha hafeertii moo seenaa irraa laallee?

Galma abbootii gadaa fii dachii kumatamaa,
Masaraa booranaa fii ardii barantumaa,
Seenaa raga bahaa biyya goota hundumaa,
Tasa hin gurguramuu eenyuun jijjiiramaa?

Akkan hin shakkineef nama hormaa miti,
Qaamaan nuu wajjini fedhiin fagoo jirti,
Bu’aa lubbuun fidnee halagaaf sharafti,
Maalummaa ishee gantee maaliif jijjiiramtii?

Waadaa waliif seennee nu lachuu gaaf tokko,
Nuti foon tokkicha ilmaan abbaa tokkoo,
Maaliif hin furannu waliin teenyee raakkoo,
Maal abaarsa qabnaa waan dur bara rakkoo?

Kan keenya raajii dha hamtuu nu mudatee
Maal yoo nu baraareef Rabbitti hin guddatee?

Yaadaan wal dadhabuun jira marraa tokko,
Gargar baana hin seene fira gaafa rakkoo,
Erga na tuffattee hormaaf taatee fakkoo ,
Bakka feete dhaqi karaan dudda indaqqoo.

Nuti duute seene isheen muuxateettii,
Haala ilaallattee mormiif dhihateettii,
Carraan suma tokkoo duraan milkoofteettii?
Moo ofiisheef raatoftee nu joonjessuu fetii?

Gochaan ishee inni duraa barumsa naaf tahee,
Hallan dabarsine seenaadhaaf ol kaa’ee,
Ani diiguu hin beeku ijaaruun bobba’ee,
Kan hojii koo hin dhabu waan Rabbi naaf kaa’e.

Bra baayyee joorte ittis dadhabdeettii,
Badii isheen dalagdes kan dagatan mitii,
Tarkaanfii fudhachuuf mataa nama hiitii,
Kan nuun nu mudate rakkoo salphaa miti.

Hormi nu gaafata mal taate hin maraattee?
Akkamittiin diigdi masaraa ofii jaarate ,
Jaallewan ishee duriif mala akkamii dhaamte,
hin yaadin baatee galli waa’ee taatee?

Kan ishee seenaaf dhiifnaa baayyee nutti cophxee,
Waa hundaan nu miitee yeroo keenyas gubdee,
Waa sirrachaa hin jirtu kan darbe irraa bartee,
Erga nuuf hin taanee dhiisaa baga dhaqxee.

Mee sana itti dhiifnee waan harraa dubbannaa,
Nama ofii isaa ganautti maalumaaf dhiphannaa,
Akka wal fakkannuun waliin mari’atnaa,
Lammii dhumaa jiruuf ol kaanee dirmannaa.

Kanan wal mufadheen amma wal hubadhee,
Hamataa fii goomataas hunda adda baafadhee,
Kan saba koo dursee dhiifama wal gaafdhee,
Barumsa irra argannaas sirriitti abdadhee.

Imimmaan jaalalaa baayyeen dhangalasee,
Gargar baanee turuun gar malee na aarsee,
Hojii isaa haa argatuu kan gargar nu baasee,
Walitti nu deebisee Rabbi koo naannessee.

Tokkumaan oromoo ammas haa dagaaguu,
Jalalli saba koo yoomuu haa bargaaguu’
Nu riqicha taanee lammii koof haa darbuu,
Sabinni koo gaaf tokko bilisummaa haa arguu.

Natti hin dallaninaa waan taheen dubbadhee,
Kanan yeroo dheeraa baayyee itti dhiphadhe,
Kun nu hin baasu jedhees baayyedhan iyyadhee,
Harra carraa argadheen saba kootti himadhee.

Amma milkahuufii bara baayyeen jooree,
Adeemsa koo keessas fira bayyeen horee,
Ililliin facaafne ija godaeeraa,
Hayataan dhihannee isa wal hafeerraa.

Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen bilsoomti !!
Injifatnnoon uummaa oromoof !!
_____________________________________
*Gammachiis Naadoo abdii.bori@yahoo.com

No comments:

Post a Comment