Dorgommii Kubbaa Miillaa Kibba Afirca Guyyaa Lammataa Irrattis Qeerroon Seenaa Guddaa Galmeessan.

Amajjii 31, 2013 | Qeerroo, Kibba Africa

Dorgommii Kubbaa Miillaa biyyoota Africa Amajjii 2013 keessa kibba Africa keessatti gaggeefamaa jiru irratti gootonni Qeerroon Oromoo alabaa ABO stadiyoomii kubbaa sanii keessatti balaliisuun eenyummaa ummata Oromoo fi biyya Oromiyaa aduunyaatti beeksisuu irratti seenaa guddaa hojjetanii jiru. Guyyaa jalqabaa alaabaan ABO aduunyaa irratti muldhate sanitti biyya Ethiopia keessatti hordoftooti kubbaa miillaa sanii karaa TV Ethiopia warri hordofaa turan alaabaa ABO dirree kubbaa keessatti balali’u ilaalaa turan. Haalli kun Absahootaa fi warra Wayyaanee haalaan yoo rifaasise iyyuu Oromoota Oromiyaa jiran ammo guddoo gammachiisee jira. Qeerroon manneen barnootaa fi magaalota adda addaa jiran akkuma TV irratti arganiin sirboota warraaqsaan magaalaa fi kolleejjota howwisaa bulanii turan.

Haalli kun daran kan riifaasise mootummaan Wayyaanee gaafa guyyaa dorgommii lammataa namni alaabaa ABO qabatee akka dirree kubbaa san akka hin seennee fi akka dhorkamu jechuun mootummaa kibba Africa itti iyyachuun beekamee jira.Haala kanaan namni itti ramadamee Qeerroo Oromoo alaabaa baatanii Stadiyooma san seenan akka dhorkaman qoqqobbii irra kaayan, warri kaameeraan waraabanis akka hin waraabne qajeelfama akka itti darbu ta’e.Gara alaabaan ABO jirutti qabanii akka hin waraabnes itti himame. Kun kana haata’u malee Qeerroon kanaaf hin abboomamne alaabaa Oromoo miidhagduu san ol qabachuun seenan yeroo kana warri itti ramadaman dhufanii dhorkuu yaalan. Garuu Qeerroon “ Nuti seeraan bakka kana dhufne waan ta’eef baqataa seeraati” jechuu dhaan waraqaa isaanii itti agarsiisan.Amma illee namtichi dhorguuf yaalii guddaa goonaan “maaliif dhiibbaan kun nurratti ta’aa? ykn maaliif dhorkamnaa? Yoo nu dhorku ta’e warri tapha kana qopheesse warri CAF yoo dhiibbaa kana nurraa gahee ta’e akka nuu himan barbaadna yeroo san gaazexessitoota yaamnee itti himnee akka isaan dhiibbaa nurratti godhan adduunyaatti himnee sirnaan baana” ittiin jedhan.

Yeroo kana namtichiis “lakkisaa nuti discriminate isin hin goone, CAF illeen akkasuma discriminate hin goonne” jechuudhaan falmaan itti jabaannaan ofirraa lakkise. Warri kaameraas hanga kaasan kaafatan. Qeerroonis Injifatnoon eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa aduunyaatti beeksisaa oolan.

                 

No comments:

Post a Comment