Kabajaa Ayyaana WBO fi Ibsa Waloo Araaraa fi Tokkoomsuu ABO, Magaalaa Otowwaa

23 Amajjii 2013

Guyyaa ayyaana WBO Amajji 01 kabajuu fi araaraa fi tokkoomuu ABO laalchisee ibsa waloo kennuuf walgahiin guyyaa arraa magaalaa otowwaatti gaggeeffamte injiffannoo xumuramte. Walgahii tana konyaa ABO kutaa Kaanaadaa magaalaa Otowwaatu qopheesse. Miseensoonni, deeggartootaa fi hawaasni Oromoo magaalaa Otowwaa fi naannawa Otowwaa qubatu hedduutu walgahii kana irratti argame.

Sirni Kabajaa ayyaana WBO eebba manguddotiin eegalame. D/T konyaa Otowwaa J/ Geetaachoo Guutamaa fi Qondaala Jaarmayaa Kutaa kaanaadaa J/ Garbii Nuuree wal duraa duubaan haasawa gabaabaa godhaniin walgahii kana sirnaan banan. Sirni baninsaa kun akka xumurameen Hogganni dhaabaa M/G/S ABO Amajjii 1 guyyaa WBO laalchisee ibsa akka kennaniif gara waltajiitti afeeraman. Hogganni afeeramees Amajjiin 1 guyyaan WBO akka itti kabajamuu jalqabe, guyyaa kana WBOn akka itti kabajuu fi rakkoo WBOn keessa dabree as gahe bal’inaan ibse.

Kabajaa ayyaana guyyaa WBO kanatti aanee ibsa waloo kan araaraa fi tokkoomsuu ABO tu Itti fufe. ABO, SHG irraa J/ Yeddi, QC irraa J/ Dammissee, fi GQ irraa J/Waldamika’el araaraa fi tokkoomsuu ABO laalchisee hawaasa oromootiif wal duraa duubaan ibsa bal’aa godhan. Ibsa kenname irratti gaafii ummata biraa ka’eefiis deebiisaa quubsaa kennaniiru. Ummanni bakka kanatti argamees araara uumame kana irraa gammachuu qabu ibsachuu dhaan araarri jalqabame akka fiixa bahu caalaatti hojjachuun fardii ta’uu dhaammatanii jiru.

Xumura walgahii kanaa irratti hawwisoon Shamarran magaalaa Torontoo sirba aadaatiin ummata walgahii kana irratti argaman gammachisutti seenan. Agarsiisa aadaa kanatti hawaasni hedduu gammade. Agarsiisni aadaa akka xumurameen walgahiin guyyaa kanaa eebba manguddootiin goolabamte.

Gadaa.com

No comments:

Post a Comment