“Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Oromoonni Dabaan Hidhaman Haa Hiikaman!” Oromoota Ameerikaa.

Amajjii 25, 2013 | VOA
WASHINGTON DC — Waashington DC fi kutaalee naannawa ishee jiran keessa kanneen jiraatan – lammiwwan Oromoo Har’a Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets fuul-duratti hiriira geggeessanii jiran.

Oromoonni dhibbaan lakkaawawan qilleensa baay’ee qorraa keessa dhaadannolee “dhiittaa mirga dhala-namaa Mootummaan Itiyoophiyaa geggeessaa jira” jedhan balaaleffatanii fi kan Obbo Beqqelee Garbaa fi Olbaanaa Leellisaa dabalee – suuraalee hoogganoota mormitootaa fi barattoota mana-hidhaa jiran – jedhan ol qabanii mirmirsaa dhaadannoolee dhageessisaa turan.

KIanneen hiriira kana gamtaadhaan waamanii fi qindeessan – Waldaa Qorannoo Oromoo, Jaarmayaa Hawaasa Oromoo Waashington DC fi Walgaa Wal-gargaarsa Dargaggoota Oromoo ti.

“Hidhaa, ajjeechaa fi roorroon bifa hundaan lammiwwan Oromoo irratti geggeeffamaa dhaabsisuuf akka Mootummaan Ameerikaa dhiibbaa godhu gaafanna” jedhu qindeessitoonni hiriira kanaa.

Gabaasaa guutuu armaa gadiitti dhageeffadhaa.

                 

No comments:

Post a Comment