Haqa Hawaasa Muslimaa Doorsisaa fi Shira Aadeffatameen Ukkaamsuuf Wixxifatuun Kasaaraa Siyaasaa Guddaa dha

Ibsa ADDA BILISUMMAA OROMOO

Ibsa Kana Afaan Ingiliizin Duubisuuf Addana Tuqaa

Guraandhala 13, 2013

Mootummaan Wayyaanee gaaffii haqaa hawaasni Muslimaa karaa nagaan waggaa tokkoo oliif dhiheessaa
jirutti qoosuu fi doorsisaan callisiisuu yaaluu itti fufuun isaa beekamaa dha. Dhihoo kana mata duree
‘Jihaadaawii Harekaat’ jedhuun diraamaan kijibaa mootummichaan qindaawee dhihaates qaamuma
doorsisaa fi ukkaamsaa sirnichaa kan yeroo dheeraaf baratamee ti. Mootummaan kun diraamaa vidiyoo
bakka addaa walitti suphuun maqa-balleessii akkasii hawaasa Muslimaa ittiin yakkuuf kan qindeessee dhiheessu kun kan duraa miti. Gaafa aangootti dhufee qabee masgiida guddicha Anwaar, akkasumas,
masgiidota Harar, Jimma fi magaalaalee biroo keessattis shira fakkaataa shiree hordoftoota amantii Islaamaa
yakkee callisiisuuf tattaafachaa ture. Isa ammaa kana wanni adda godhu garuu gaaffii hawaasichaa kan ‘hogganoota keenya ofii keenyaaf haa filannu, mootummaan dhimma amantii keenyaa keessaa harka haa fudhattu’ jedhu dura dhaabbachuuf jecha cubbuu seenaan hin daganne raaw’achaa jiraachuu isaa ti.

Sirni TPLF gaaffii ummataa dura dhaabbachuuf jecha diraamaa sobaa qindeessee dhiheessuun aadaa isaa
ti. Yeroo aangootti dhufee kaasee kanuma shaakalaa yoona gahe. Keessumattuu Adda Bilisummaa Oromoo
sobaan yakkee ‘shororkeessaa’ jechisiisuu fi soba kanas hawaasa addunyaa fudhachiisuuf jireenya isaa guutuu dhama’aa akka jiru hin haalamu. Sabboontota Oromoo kumoota hedduu maqaa kanaan yakkee
hidheera, ajjeeseera, qaama hir’iseera, mana irratti gubeera, gariis biyyaa baasee jira. Kijibaa fi cubbuu
nuffisisaa yeroo dheeraa kanaan garuu eessayyuu hin geenye. Qaama harkaa fudhatus hin arganne.Qabsichas akka hawwetti dhabamsiisuu hin dandeenye. Daranuu ummata Oromoo xiiqessee sirnicha lagachiise malee doorsisaan harka hin kennachiifne.

Kana malees ji’oota muraasa dura gaazexessitoota Sweden Johan Persson fi Martin Schibbiye jedhaman
maquma ‘goolessitoota’ jedhu kanaan yakkee hanga fedhu eega hidhee booda diraamaa isaa sobaa irratti
qindeessee hawaasa addunyaa fudhachiisuuf yaalee salphate. Gaazexessitoonni sun gaafa hidhaa irraa bahanii
biyya isaanii seenan kijiba diraamaa sirna Wayyaanee qullaatti baasanii hawaasa addunyaatti isa
saaxiluun hin dagatamu.

Wanni amma hawaasa Muslimaa irratti raaw’tamaa jirus diraamaa moofaa fi nuffisiisaa akkasii kan yeroo
dheeraaf shaakalamee gatii malee hafeen wal fakkaata. Tarii wanni adda godhu yoo jiraate haleellaa fi
doorsifni sirnichi amma taasisaa jiru kun dhimma siyaasaa osoo hin taane amantii hawaasni bal’aan tokko
hordofu irratti kan xiyyeeffate tahuu isaa ti. Hordoftoota amantichaa kan dhimma amantii isaanii keessa
harki Wayyaanee seenuu balaaleffatan rukutee callisiisuuf jecha haala wal hin fakkaanneen gurmuu
shororkeessitoota idil addunyaatti hidhuuf tattaafatamaa jira. Hawaasa karaa nagaa qofaan mirga isaa
gaafataa jiru dallansiisuu fi aarsuudhaan tarkaanfii biraa keessa galchuuf beekaa irratti hojjetamaa jiraachuun egeree naannoof yaaddessaa dha.

Sirni Wayyaanee ummatoota biyyattii, akkasumas, hawaasota amantii bulchaan jira ofiin jedhu gidduutti
ibiddi qabatee akka hin dhaamne barbaada. Sirni kun lakkuma jibbaan ummataa irratti jabaatuu fi kanaanis aangoo irraa darbamuutti dhihaatuun ibidda hin dhaamne ummatoota, akkasumas, hawaasota amantii gidduutti qabsiisee ofii keessaa baqachuuf ykn ammo gubee gubatuuf waan karoora qabu fakkaata. Hawaasni amantii tokkoo hawaasa amantii kan biraa waliin akka jaalalaan waliin hin jiraanne wal gidduu isaaniitti summii shakkii fi jibbinsaa facaasa. Saboonni biyyattii akka jaalalaa fi wal kabajaan egeree siyaasaa isaanii hin tolfanne walirratti kakaasa. Wayyaaneen makmaaksa beeylada ‘An duunaan margi hin margin’ jettee sanitti kan amanu tahuu dalagaan isaa shiraan guutame hanga har’aa irra deeddeebiin dalagu ragaa gahaa dha. Kun ammoo akka sirnichi mootummaa ummataa kan gaafatamni itti dhagahamu hin tahinii fi fedhii
saamichaa guuttachuuf qofa murna gateettii ummataa yaabbatee jiru tahuu isaa mirkaneessa.

Hawaasonni amantii kamuu fi saboonni hundi shira balleessanii baduu mootummaa Wayyaanee kana dammaqiinsaan hubatanii fashalsuuf waloon irratti hojjechuun fardii taha. Amantoonni amantii kamuu olola sobaa Wayyaaneen hawaasa Muslimaa irratti oofaa jiru kana amananii fudhachuu irraa of qusatanii,kaayyoon sirnichi olola akkasii kana yeroo kanatti oofuuf maali jedhanii wal gaafachuun barbaachisaa taha. Kaayyoon Wayyaanee kunis kaayyoo qoqoodanii bituu baratame waan taheef kaayyoo hammeenyaa kana fashalsuun ammoo dirmannaa waloo barbaachisa.

Addi Bilisummaa Oromoo gochaa hammeenyaan guutame kan Wayyaaneen hawaasa Muslimaa hawaasota amantii biroo biratti jibbamsiisuu fi ija shakkiin laalchisuuf raaw’ataa jiru gad jabeessee balaaleffata. Gochaan akkasii hawaasa amantii kamuu irratti akka raaw’atamus hin eyyamu. Hawaasni amantii kamuu hogganoota isaa ofii isaaf akka filatu, hogganootni hawaasa Muslimaa cubbuudhaan yakkamanii hidhamanis akka hiikaman gaafata. Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba amantiilee hundumaa ija tokkoon laalu waan taheef cubbuu amantii tokko sobaan yakkanii dhiibuuf beekaa hojjetamu akkasii callisee laaluu hin danda’u. Ummatoonni garaagarummaa amantii isaanii wal dandeessifatanii bara dheeraaf wal jaalalaa fi wal kabajaan akka jiraataa turan hunda, egereefis olola summaawaa sirnichaaf osoo gurra hin eergifne aadaa gaarii kana akka gabbifatan fedhii ABO ti. Mootummoonnii fi hawaasni idil addunyaas olola sobaa Wayyaanee nuffisiisaa kana dhagahaa callisuun sirna kana caalaatti goobsaa fi badii dabalataaf qopheessaa akka jiru beekanii sagalee balaaleffannaa isaanii yeroodhaan akka dhageessisan gaafanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 13, 2013

No comments:

Post a Comment