Walgahii Tokkummaa ABO – London, UK (Video and Pictures included)

Walgahiin ibsa walhubannoo ABO SG, ABO QC fi GQM ABO gaafa Guraandhala 16, 2013 London keessatti ta’e milkiin xumurame. Walgahii kana irratti miseensotni, deeggartootni fi ummatni Oromoo London jiraatanii fi biyya Ingilizi naannoo adda addaa irraa hedduminaan argamtanii ture. Haalli waliigaltee fi Walhubannoo karaa bakka bu’ootaa Qaamota sadeenii wal duraa duubaan ibsame.

Ibsa booda sagantaan maree fi gaaffii fi deebiin bal’inaan ture. Walgahii kana adda kan taasise Oromoon haala adda addaan walirraa fagaatee ture bakka tokkotti hafuura tokkummaan walitti dhufuu isaa ti. Sagantaa kana irratti ummatni Oromoo yeroo dheeraaf tokkummaa hawwaa ture gammachuu guddaantu itti dhagayame; guyyaan araaraa kunis seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa akka qabuu fi armaan booda wal duukaa hiriiree mirga isaaf falmatuu bu’uura guddaa akka ta’e ibsaa turan. Gammachuu irraan kan ka’e ummatni immimmaan yaada isaa ibsataa ture.

Ummatni Oromoo tokkummaan hiriirree WBO fi QBO bira dhaabbachuuf hamilee guutuun ibsaa ture. Tokkummaan jalqabame kana hujiitti hiiikuu irratti dhaabni keenya akka jabinaan hojjetu; nutis bakka jirutti tokkummaa jabaannee waadaa galaa turan.

Xumura walgahii booda waliin bashannanni ni ture .

Ummata Oromoo biyya UK

Watch Video and Pictures  Below
                                                 
               
                      

1 comment:

  1. Gariidha Garuu...Adeems Disitoon ABO hanga amma addeemsa Habashoota wonta ta'eef, dursitoon hundinuu kayoo ABO akka affanniin jedhamu, akka seera Gadaa kan jedhamu, Baruu irra akka jiru osoo hin taan hundinuu fedhii isaanii kan hawii taa'ita ittiin guutachoo qofa. Kuni ammo woldhabii jidduu hogantootaat yoo uumuu, woldhabiin kon boddee gara gandaaf manaat ce'uu dhan ABO lamsheesaa turee jira. Ammas taanaa, yaada mariif araaraa kan adeemsisaa jirani keesat, woreenuma duraaniit eddot deebi'aa jira. Kana, ammiif dhala Oromoo hubadha: Bulchiinsaa, Filannoofi Muumee Minsteera Xopia wogoota digdaman darbe akkam akka ture! ABOn hoo akkamiinif eenutuu hanga hardhaa hooganaa jira? Akkuma mammakni jedhu " Sa'uma santu, Sa'a san dhalee" tatee dubbiin ganfa Afrikaa keesaa. Mee hubadhaa, yeroo haasawamu: Bulchiins Oromoo dimokraatawa jedhan, eeyee siriidha Gadaan, garuu hanga ammaa hogantoota ABO bira meet? Bu'aa Oromootif yoo dhabaatan, hogansan alat hojjachoon hindanda'amuu, yaadaaf gorsa siyaasatiin cinaa dhabachoon hindanda'amuu. Osoo ABO moyatees, hohanoon akka muumicha Minstera Xopia, du'aan boqotan malee edoo "generation" dhufut kenuun hindanda'amuu? Meeqa kasee meeqa dhiisa.............

    ReplyDelete