Baratootnii Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Diddaa Sirna Wayyaanee Cimsan

Bitootessa 11, 2013 | Gabaasa Qeerroo Jimmaa

Kaleessaa Bitootessa 10, 2013 galgala Fiilmii Afaan Oromoo Mata Dureen "HIREE” Jedhuu sababeeffaachuun goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Oromummaa Farfatan, Sabboonummaa Leellifataan sirboota warraaqsaa kan Ebbisaa Addunyaa, Hayiluu Kitaabaa, Adinaal Mohaamed , Kadir Martuu fi kkf Mooroo Yuunivarsiitii Jimmaa Dirree Xiqqichaa (Mini stadium) Mooraa Main Campus keessaatti bakkaa Filmiin Afaan Oromoo kan Dargaggoo Ejersaa Gammachuun barreeffaame mata dureen Isaa HIREE Jedhuu agarsiifama jiruutti wal ga’uun ykn wal gurmeessuun sirbotaa warraaqsaan dhiichiisan.

Kana malees dargaggoonnii baratootni Oromoo wal irraattii dunaa malee wayyaaneedhaan barnotaa irraa ukkaafamuun nurraa dhaabbaachuu qaba jechuun sabboontotni Oromoo dhaamsaa waliif dabarsaa turan, Agarsiisaa Filmii afaan Oromoo kanaaf ilmaan Abashaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Argamaan akka fiilmiin afaan Oromoo fi wantii ilmaan Oromoo bakka tokkotti fiduu akka hin agarsiifamnee shiraa ol anaa karoorfatani illee tokkummaan baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa shiraa ilmaan Abashaa fi sirna TPLF bakka dhorkaachuun ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti akka walitti dhufaan taasiifame jira, goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa bu’aa tokkummaa irraa argachaa jiranitti gammaduun gama tokkummaa isaanii cimsuu fi tokkuummaa uummataa oromoo cimsuu irraattii fulleeffaachuun Tokkummaan Keenyaa Humna Keenyaa!Tokkummaan Keenyaa Bilisummaa Keenyaa!, Tokkummaan Keenyaa Injifannoo Keenyaa!, Tokkummaan Keenyaa Oromummaa Keenyaa!, jechuun tokkumaa isaanii cimsachuun mootummaa abbaa irree wayyaanee fi dabbalotaa fi jala deemtotaa yaaddoo keessaa kan galchanii jiraan ta’uun gabaafame.

Motummaan Wayyaanee sochii baratootaa Oromoo kanattii kan rifatee kaleessaa galgalaa humnotaa Poolisaa fi basastootaa isaa hedduminaan bobbaasuun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa egsiisaa bule.

No comments:

Post a Comment