Kabajaa Bifa Addaa Ummati Oromoo Taasiseefiin Sirni Awwaalicha Gootichi Oromoo Injiner Tasfahun Camadaan Lafa Dhaloota Isaatti Raawwate.

Hagayya 27, 2013 | Gabaasa Qeerroo Finca’aa

Godina Dhihaa Oromiyaa bakkotaa gara garaatti sabboontotni ilmaan Oromoo ajjeechaa suukkaaneessaa mootuummaan Wayyaanee EPRDF hayyuu Oromoo Injinner Tasfahun Camadaa irratti raawwatamettii gadda guddaa itti dhaga’amee, ibsachuun

Anotaa gara garaa keessatti Hagaayyaa 25/2013 irraa egaluun reeffaa gooticha Injiner Tasfahun Camadaa eegaa turan.Keessaattuu Magaalaa Amboo, Gudarii, Geedoo fi Hanga Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa Anaa Guduruutti sabboontotni Oromoo reeffaa gootichaa Oromoo walqindeessuun simmannaaf egaa kan turan ta’uu gabaasi Qeerroo naannicha irraa beeksisa.

Awwaalchaa gooticha Oromoo Injineer Tafahun Camadaan walqabatee mootummaan Wayyaanee humna waaraanaa bobbaasuun uummata sodaachisuuf yaaluun, reeffii isaas guyyaa uummataan simatamuuf waan eegamaa tureef mootummaan Wayyaanee ta’e jedhee halkan akka darbuu fi maatii isaan akka dhaqabu taasise. Haalli kunis bakkaa hundatti sammuu uummataa keessaatti hadhaa kana hin jedhamne fi kulkkulfannaa uumee jira.

Sirni gaggeessaa awwaalcha hayyuu fi goota Oromoo Injiiner Tasfaahuu Camadaa Hagayya 26,2014 godina dhalotaa isaa Onaa Guduruu keessaatti ganda Harbuu iddoo jedhamu itti bakkaa hiriyoonnii isaa , sabboontotni Oromoo,Qeerroowwaan,dargaggoonnii Oromoo, Baratootni Oromoo dhaabbiilee barnotaa garaagaraa irraa boqonnaaf galanii jiran bakkoota garaagaraa irraa walitti dhammaachuun sirna awwaalcha gooticha Oromoo Enjineer Tasfahuun Camadaa irraatti argamuun marartoo fi jaalala goota kanaaf qaban agarsiisuun kabajaan aduunyaa kana irraa gaggefame.

Sirna sana irrattis haala sagalee jabaan fi dhadhannoon hangana hin jedhamneen Ummaannii fi sabboontotni dargaggoonnii Oromoo dhadannoowwaan argaman gadii dhageesisan.

  1. Tasfaahuun hin dunee ummataa Oromoof jedhetu wareegame,
  2. Wareegama hayyuu keenyaan bilisummaan uummataa keenyaa ni mirkana’a!!
  3. Qabsoo hayyuun Oromoo Tasfahuun Camadaa irraatti, wareegamee fiixaan ni baafna.
  4. Wayyaaneen diinaa uummataa keenyaati!!
  5. Gumaan Hayyuu Oromoo Tasfahuun Camadaa irree qeerrootiin ni baafama!!
  6. Diinni goota keenyaa qabsaa’aa kuffisuus qabsoon inni egalee hin kufuu itti fufaa kan jedhuu fi Walaloo fi seenaan Hayyuu Oromoo Injiineer Tasfahuun Camadaa uummataaf dubbifamuun haala aja’inbsiisaa ta’een sirni awwaalchaa isaa rawwate.
Walumaa galattii sirna awwaalchaa enjiiner Tasfahuun Camadaa irraatti kutaalee Oromiyaa gara dhihaa fi magaalota Finfinnee Adaamaa dabalatee Uummaannii Oromoo tilmaamaan 10,000 olitti lakkaa’amani tu irraatti kan argamee fi dargaggoonnii hedduun waraanaa Wayyaaneetiin utuu achii hin ga’iin karaattii kan dhorkamuun deebifaman ta’uu odeessii nu qaqqabee jiruu ifaa godhee jira.

Kana malees, Caasaaleen Qeerroo kan Godinotaa Lixaa Shawaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa , fi Godina kibbaa lixaa Shawaa erga gootichi Oromoo hayyuun ija uummataa ta’ee kun wareegamuu dhaga’anii gaddaa guddaa isaanitti dhaga’ame ibsachaa guyyaa sirni awwaalcha isaa rawwatamee bakkuma jiranitti maadheewwan walitti dhufuun dungoo qabsiifachuun sirna awwalchaa kana hirmaachuun gadda isaanii waliif ibsuun qabsoo gootni Oromoo kun irraatti wareegamee galmaan ga’uuf waadaa isaanii haaromsan.


Sirna Awwalchaa Gooticha Oromoo Injiineer Tasfahuun Camadaa ilaalchisuun gabaasni Qeerroo Oromiyaa gara gara irraa itti fufa.

Qbasa’an Kufus Qabsoon ittii Fufa!.

No comments:

Post a Comment