Qarriffaan Bulguu Lafee Ilmaan Oromoo Qulqulluu Qorquu Barate, Tesfahun Camadaas Illee Alanfate

Mana hidhaa Qaalliitti keessatti kan du’e Ing. Tasfahun Camadaa ilaalchisuun ibsa ABO

IBSA KANA AFAAN INGILIZIN DUUBISUUF ADDANA TUQAA

Qarriffaan Bulguu Lafee Ilmaan Oromoo Qulqulluu Qorquu Barate, Tesfahun Camadaas Illee Alanfate

Seenaa Gabaabaa Injinar Tasfaahun Camadaa Gurmeessaa
Injinar Tasfaahuun Camadaa abbaa isaa Obbo Camadaa Gurmeessaa fi harmee isaa Aadde Giddinesh Beenyaa irraa bara 1976 tti godina Wallagga Bahaa, aanaa Guduruu, ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Tasfaahuun, carraa dhiphoo ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa jala jiraatanii barachuuf qaban argatan keessaa nama tokko ture. Umuriin barnootaaf isa gahees barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa mana barumsaa Looyyaa fi Finca’aatti barachuun, kan sadarkaa lammaffaa ammoo magaala Shaambootti itti fufee bara 1996 xumure. Qabxii olaanaa galmeessuunis Yuunvarsiitii Finfinnee seenee gaafa Adoolessa bara 2001 Digrii jalqabaan (BSc) Civil Engineering eebbifame. Erga eebbifameen booda:
  • Fulbaana bara 2004 hanga Amajjii bara 2005 tti supha daandii Arsii- Baalee, projektii Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyaa Oromiyaa fi projektii gamtaa misooma baadiyaa Arsii- Baalee Ityoo Xaaliyaaniin durfamu ‘unit’ manaajerummaan;
  • Projektii daandii Dagalee-Birbirsaa RR50 (regular project in Salle-Nonno District in extreme South-west of Ilu-Abba-Bore Zone);
  • Projektii daandii qubatiinsaaf afur si’a takkaan deemaa turan: Kone-Cawwaaqaa,
    Baddallee-Kolosirri, Gachii-Catee fi Yaanfaa- Ballattii;
  • Akkasumas ijaarsa waajira aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu-Hararitti bu’uureffame
    projekti manaajerii ta’uun yoo dalagu;
  • Onkoloolessa bara 2001 hanga Adoolessa bara 2003 tti ammoo projektii Siree-Nuunnuu-Arjoo RR50 godina Wallaggaa ‘site engineer’ ta’uun, Tasfaahuun Camadaa saba isaa tajaajilaa ture.
Sababaa shakkii fi jibbinsa Wayyaneen ilmaan Oromoo qaroo irratti qabdu irraa Tesfahunsi dararamni itti baayyatuu irraan fi lubbuun barbaadamuu irraa biyya lakkisee jalqaba bara 2005 gara Keeniyaatti baqachuuf dirqame. Keeniyaa magaala Naayiroobiittis dhibdee fi dararaa hojjetee jiraachuuf isa rakkisee, biyyaa bahuuf murtii isa fudhachiise waajjira Mootummoota Gamtoomanitti Koomishinera Ol’aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR)tti himachuun, nama nagaa roorroo dheessee nageenya ofiif dahannaa gaaafatu ta’uun gaafa mirkanaa’u waraqaa jireenyaa fi sochii UNHCR irraa argatee ture. Haa tahu malee sababaa gahaa fi qabatamaa osoo hin qabaatne gaafa 27/ 04/2007 walta’iinsa mootummaa Keeniyaa fi Wayyaneetiin waahila isaa hireen baqattummaa waliin isaan irra geesse, Injinar Masfin Abbabaa Abdiisaa waliin ukkaamfaman.

Dhaaba gaaddidduu mootummaa Ameerikaan hundaa’e biyyoonni akka Ugaandaa fi Keeniyaafaa miseensa itti ta’an, Joint Anti-Terrorism Task Force (JATT) jedhamu keessatti miseensa kan taate Itoophiyaan dahoo maqaa shororkeessitummaa adamsuu jedhuun ilmaan Oromoo baqattummaan biyyoota ollaa ishee jiraatan ukkaamsaa jiraachuun ishee beekamaa dha. Haaluma kanaanis Tasfaahun Camadaa fi Mesfin Abbabaa yakka dharaa maqaa shororkeessummaan faaluun gargaarsa mootummaa Keeniyaatti dhimma baatee ukkaamsuun sababa shororkeessitoota gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoranna jedhuun (JATT East African Main Branch Investigation in Addis Abbaba) akka dabarfamanii isheef laataman gochuu dandeesse. Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injinar Masfin Abbabaas gaafa 12/05/2007 halkan keessaa sa’aatii 2:00 tti harkaa fi ija hidhamanii Moyyaaleerraan Itoophaatti dabarfamanii kennaman.

Biyyatti dabarfamuun duratti ammoo gaafa qabaman 27/04/2007 irraa kaasee hanga gaafa 12/05/2007 tti (National bureau of Investigation-NBI) head office naannoo Tirm Valley jedhamu jiru keessatti qorattoota FBI Amerikaa fi Keeniyaa Anti-Terror Police Unit jedhamaniin qoratamaa turan. Eerga qoramaata isaanii xumuranii booda dursaan qorannoo kanaa namni Fraansis jedhamus dargaggoonni ukkaamfaman kun yakka shororkeessitummaa waliin wal qabatu tokkkollee kan dalagan waan hin qabneef mootummaan Keeniyaa akka dafee gad isaan lakkisuu qabu murtii dabarse. Garuu dubartiin Keeniyaa Lelian jedhamtu tan waajjira CID jedhamu keessatti Officer taate maallaqa harka wayaa jalaan wayyaanotaan afaan kaahamteef bitamtee ilmaan Oromoo qaroo sabaa turan dabarsitee laachuun abjuu isaanii doomsite. Carraa qulqullummaan hidhaa keessaa bahuuf qabanis jalaa galaafatte.

Haala akkas dabaan xaxameen Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injirner Mesfisn Abbabaa gara Maa’ikalaawwii, qilee lafee Oromoo qaqqaalii qorxomsee ammallee guutuu didee kan biraa dabalachuuf afaan banee taa’utti, kan darbataman. Maikalawwii keessatti waggaa tokko fi ji’a sadii guutuu reebicha fi dararama daangaa hin qabne jalatti qoratmaa bahan.

Yakka dharaa miseensummaa ABOtiin himatamee jireenya mana dukkaanaa waggaa fi ji’a sadiin duubatti Adoolessa bara 2008 mana murtiitti kan dhiyaate Tasfaahuun Camadaa, gaafa 31/03/2010 dhaddacha barcuma ilmaan Tigraayiin guutameen murtii hidhaa umurii guutuun akka hidhamu itti murteeffame. Du’a isaa arguun malee murtii kamiinuu quufuu kan hin dandeenye mootummaan wayyaanees, gaafa 04/04/2011 mana hidhaa keessaa milquuf karoorfataa jirtu jedhee sobaan yakkuudhaan Masfin Abbabaa fi Tasfaahuun Camadaa mana hidhaa keessaa ukkaamsee ciraa dhabamsiise. Gartuun Qorattootaa ilmaan Tigraay suduudaan Mallas Zeenaawwiin qajeelfamu bool’a keessatti bool’a biraa qotee, dukkana keessatti dukkana biraa qopheessuun hanga qaamni isaanii bututee sammuun isaanii hadoodutti reebichaan hunkuteesse. Dirmammuu qaamaa, madaa onnee fi godaannisa sammuu irraa fayyuu hin dandahamneen kan eele Tasfaahuun Camadaa dhukkubsatee akka hin yaalamne taassifamuun gaafa 24/08/2013 du’aan Addunyaa kana irraa boqate. Qarriffaan bulguu lafee ilmaan Oromoo qulqulluu qorquu barates dhiiga Injinar Tasfaahuun Camadaa qeensee habbuuqqate.

“Bilisa ta’eee dhaladhee, bilisa ta’ee jiraachuu dhorkamus bilisummaa kiyyaaf qabsaawaa du’uu irraa kan na dhorkuu danda’u humni tokkollee hin jiru, hin jiraatuus!” jechuun kan beekamu Injinar Tasfaahuun Camadaa, adeemsa daddagalfataa fi ulfaataa eegale galmaan gahuuf milkii itti dhabee aarsaa lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamni Oromummaa isaanii qofaaf kanfalaa turanitti baasuun kichuutti cabee hafuuf dirqame.

ABO Injinar Tasfaahuun Camadaa, Inginir Mesfin Abbabaa fi ilmaan Oromoo yeroo yeroon akkaataan itti Kenya irraa mootummaa Wayyaneetti dabarfamanii kennaman Seera Qabaa Baqattoota Idil-Addunyaa kan cabsu waan taheef irra deebiin gadi jabeessee balaaleffata. Gochaan waggootaa 22 darban kana keessa deddeebi’ee raawatamaa ture kana mootummaan Kenya akka irraa dhaabbattu gaafata. Du’a suukanneessaa kanaaf kan gaafatamu mootummaa Wayyaanee qofa osoo hin taane mootummaan Kenyas gaafatama kana jalaa akka hin baane tahuu hubachiisa.

ABO maatii Tesfahun Camadaa gadda isaa ibsata. Inginer Tesfahun Camadaas kayyoo ati ittiin kufte bakkaan gahuuf ilmaan Oromoo kumatamaan kan ol kaafamee jiru waan taheef bakkaan akka gahamu mirkaneessa!

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo!
Hagayya 25, 2013

No comments:

Post a Comment