Itoophyaa: Hidhamtootni siyaasaa reebaman (Human Rights Watch)

Onkoloolessa 16, 2013 | Human Rights Watch
Poolisiin mormitoota fi gaazexessitoota dirqisiiseee jecha isaanii fuudhuuf gochaa reebichaa irratti raawwata
(Naayroobii) – Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa Addis Ababaatti argamu keessatti kanneen hidhaman reebicha fi ergarama adda addaa akka irraaan gayaa jiru gabaasa har’aan kana baaseen Huumaan Raayit Woch ibse. Mootummaan Itoophiyaa hatattamaan tarkaanfii fudhatee gochaawwan seeraan malee Poolisoota Federaalaa Kutaa Qorannaa Yakkaatiin, bakka Maa’ikalaawii jedhamee beekamutti kan raawwataa jiru akka dhaabatu akka godhu, dhimmoota/iyyatoota akkanaa qaama gidduu galeessa ta’een akka qorachiisu, namoota dhimma kanaaf ittigaafatamummaa qabaachuun isaanii mirkanaayes akka seeratti dhiyeessu.

Gabaasni fuula 74, “Akka nuti ragaa of irratti baanu barbaadu’: Reebicha fi ergarama Buufata Poolisii Maa’ikalaawii , Itoophiyaa,” gabaasa dhiibbaa mirga dhala namaa irra ga’u, tooftaa qorannoo seeraan alaa, fi mana hidhaa qulqillina hin qabne Maa’ikalaawii kan bara 2002 irraa eegalee itti fufe. Hidhamtoota mana hidhaa Maa’ikalaawii keessatti hidhaman keessaa baay’een isaanii mormitoota siyaasaa, gaazexessitoota, qindeessitoota hiriira nagaa fi riphee lolaa deeggartan maqaa jedhuun namoota shakkamanidha. Huumaan Raayit Waach hidhamtoota Maa’ikalaawii tti hidhamanii turan fi firoottan isaanii dabalee namoota 35 ta’an dubbisuudhaan odeeffannoo akka argatetti angawootni mootummaa dirqiidhaan odeeffannoo barbaadu
kennisiisuuf akka isaan reeban, waantota dhala namaaf barbaachisoo ta’an akka isaan dhorkataa turan fi mirga ogeessota seeraa fi maatii isaanii waliin wal arguu dhorktamaa akka turan himaniiru.

“Motummaan Itoophiyaa handhuura magaala guddittii Finfinnee keessati odeefannoo guurrachuuf irreetti gargaarama,” jette Leslie Lesfkow, itti aantuu Direkteera Huuman Raayit Woch . “ Rukuchaa, reebichaa, dirqisiisanii jecha gaazexessitoota fi mormitoota siyaasaa irraa fuudhuun waan tasuma ta’uu hin malle dha.”

Akka Huuman Raayit Woch jedhutti, erga bara 1997 keessa filmaatni jeeqamee asitti Itoophiyaan haala ittiin mormitoota qabdu itti hammeessaa dhufte, seera malee nama qabanii hidhuu, sababa ilaalcha siyaasaatiin nama yakkuu, seera badaa farra shororkeessitummaa jedhu jalatti hmachuu dabalatee namootni akka mormitoota siyaasaatti mootummichi shakke Maa’ikalaawii tti hidhamanii jecha isaanii akka kennan taasifama.

Angawootni mai’kelaawii, keessattu ogeessotnio poolisii qorannoo geggeessan, reebicha fi miidhaa hamaa hidhamtoota to’annoo isaanii jala jiran irraan gayu. Namootni kanaan dura mana hidhaa kanatti hidhamanii turan Huumaan Raayit Wochtti akka himanitti yaroo jecha kennan akka kabalamuun, dhaanaman fi meeshaa adda addaatiin rukutaman ulee fi sadafii qawweetiin akka dhayaman addeessu. Akkasumas, hidhamtootni kun qaamni isaanii akka lafa hin geenyetti haala rakkisaa ta’een sa’aa dheeraaf girigiddaatti akka malee qaamni isaanii fannifamee akka dhukkubu akka taasifamu fi yaroo baay’ees akka reebaman ibsu.

Barataan Oromiyaa tokko ji’oota baay’eef harki isaa hidhamee akka nama waliin wal hin argine qophaatti ka’ame dubbate: “ waan harki koo hidha ta’eef yerooon lafaa ka’u mata koo gidaaratti hirkiseen miilla kootti gargaramee ol ka’a. Yeroon nyaata nyaadhullee hidhameetuman nyaadha. Yeroon nyaata nyaadhu harka koo fuulduratti na hidhu, yeroon rawwadhu ammoo harka duubatti deebisanii na hidhu.”

Manneen Hidhaa beekamoo Maa’ikalaawii keessatti argaman afran akka jiranitti haalli isaanii badaa yoo ta’u, hanga ta’e garuu wal irra jiru. Kuta “callamaa Beet” (mana dukkanaa), tti hidhamtonni duraanii akka ibsanitti mana fincanii fi ifa guyyaa achitti argachuu akka hin dandayamne ibsu. Gariin isaanii ammoo mana qophaa keessatti hidhamaa turani. Gariin “Xaawulaa Beet” (mana mukaa) keessatti hidhamaa turan ammoo akka diida bakka ifaa arganitti hin bane taasifaman fi akka injiraniin weeraramanis himatan. Qorattoonni akka mirgaatti hidhamtootni argachuu kan malan sadarkaa itti argatan towachuudhaan waan ofii barbaadan
hidhamtoota irraa argaachuuf yaalu, malli kun mana biraatti isaan jijjiiruu faa of keessatti qabata. Yeroo hiikamuun isaani dhihaatu hidhamtoonni maqaa “Sheraton” hoteela beekamaa addunyatti beekmaaa ta’een waamamutti akka geeddaraman baayi’sanii gaafaatu. Bakka kanatti hidhamtoonni akka garaa isaaniitti deddemuu danda’u.

Hidhamtoonni Callamaa Beet fi Xaawulaa Beet keeessati hidhaman yaroo jalqaba hidhaa seenan, nama seeraa fi maatii isaanii waliin wal hin argisiifamani; hireen mana fincaanii fi ifatti ba’uuf argatanis baay’ee murtaawaadha. Firoonni isaanii yeroo hedduu firoota isaanii gaafachuuf Maa’ikalaawii deemanii akka arguu dadhaban dubbatu, sunis hanqa yeroon qorannoo firoota isaanii kanaa raawatutti kan itti fufudha, garuu yaroon isaa hedduu dheeraadha. Yeroo qorannoon geggeefaamu maatiin isaan dhiyootti waan hin argamneef hidhamtoota irra miidhaan ga’uu daranuu hammeenyi isaa guddaatti akka itti dhagaamu ta’a, miidhaan isaan irra ga’us hin galmeeffamu, sunis hidhamaan boodarra deebi’ee mootummaa akka hin himanneef hiree isa
dhowwata, jedha Huuman Raayit Woch.

“Hidhamtoota abbaa seeraa fi maatii isaanii irraa kutuun, akkuma miidhaa qaamaa hidhamtootaa irratti guddisutti otoo hin barbaadiin akka fedhii qorattoota poolisii guutaanis dhiibbaa irratti godha.” Jette Lefkow. “Warreen Maa’ikalaawii keessa jiran yeroo qorataman gorsa ogeessota seeraa isaan barbaachisa, yeroodhaanis mana murtii dhihaachuutu isaan irra jira.”

Huumaan Raayit Woch akka hubatetti, qorattoonni reebichaa fi doorsiisuudhaan hidhamtoota akka isaan fedhii isaanii malee jecha kennan godhu, yookaan ammoo dirqisiisuudhaan akka isaan barreeffama fi waraqaa ragaa irrati ta’u irratt akka mallateessan isaan godhu. Odeefannoon humnaan fuudhame kun booda irratti doorsisanii akka namootni fedhii isaanii malee mootummaa waliin hojjetan ittiin dirquuf itti gargaaramu ykn ammoo akka ragaatti mana murtii keessati hidhamtoota irratti dhihaata.

Martin Schibbye, gaazexeessaan Suwiidin bara 2003 keessa Maa’ikalaawiitti hidhamee kan ture hidhamtoota dirqiidhaan jecha amantaa kennisiisuuf waan raawwatamu ibseera: “Namoota baay’ee Maa’ikalaawii keessatti argaman callisaniituma gaaffii tokko malee hidhuudhaan abdi kutachiisanii hanga jecha amantaa kennutti eegu, callisaniidhuma otoo waan tokko si hin gaafatiin hanga torban sadii faatti si hidhu, yeroon kun yaroo isaan jecha amantaa akka kennituuf si eeganidha, waanti cufti ragaa of irrati ba’uu kee irratti rarra’a. Polisiin waanti cufti mana murtiitti adda baafama jedha, garuu waanti mana murtiitti adda baafamu tokkollee hin jiru.”

Huumaan Raayit Woch akka jedhutti, hidhamtoonni miidhaa isaan irra ga’ee ilaalchisee iyyachuuf carraan qaban baay’ee xinnaadha. Manni Murtii Itoophiyaa bilisummaan qabu xinnaadha, keessattuu dhimma siyaasa wajjin waan wal qabate irratti. Hidhamtoonni baay’een, dhimma shororkessitummaatiin kan himataman dabalee, ergarama baay’ee akka irra gayu kan himatanillee yoo ta’e manni murtii iyyatni akkanaa akka qoratamu ykn sababa namootni iyyataniif ergaramni biraan akka irra hin geenye gochuuf tarkaanfiin fudhatu murtaawaadha.

Manni murtii iyyannaa miidhaa hidhamtootaaf furmaata kennuuf dursee socho’uutu irra jiraata; haa ta’u malee waanti akkanaa kan jiraatu mootummaan manneen murtii akka bilisa ta’anii hojjetan yoo isaaniif hayyame murtii isaaniis yoo kabajedha,, Huumaan Raayit Woach akka jedhutti.

Itoophiyaan waggoota dhiyoo asitti sochii dhaabota mirga namaa tiksuuf kanneen hojjetan akka malee kan daangessite fi gabaasa akka hin dhiyeessine kan gootu yoo ta’u haala mana hidhaa mooraa Maa’ikalaawiis akka hin ilaalles dhorkitee jirti. Gartuun tiksituu mirga ilma namaa kan mootummaa Itoophyaa erga 2002 asitti mana hidhaa Maa’ikalaawii yeroo sadii daawwatanii waa’ee rakkoo achi keessa jiru fi waa’ee nama dhoksaatti hidhuu ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qaban ifatti ibsanii jiru. Haa ta’u malee hidhamtoonni duraan achi turan akka Huumaan Raayit Wochif ibsanitti, warri Koomishina mootummaa kun waan gartuu Maa’ikalaawiii waliin ta’anii isaan dubbisaa turaniif bilisa ta’anii waan isaan irra gaye itti himachuuf carra akka hin qabne addeessu.

Haala mana hidhaa Maa’ikalaawii daawwachuu, to’achuu fi akka fooyya’u gochuuf seerota mootummaa keessa lama irra deebi’amanii ilaalamuu fi faayyeffamuu qabu, isaanis seera dhaabota miti mootummaa fi Siiviik Soosaayitii akkasumas seera shororkeessitoota ittisu jechuuf bayanidha. Akka Huumaan Raayit Wochitti, seeronni kun dhaabotni mirga namaa tiksuuf socho’an keessaa kanneen bilisa ta’an to’annaa akka hin goone akka malee kan daandgessan, akka namni mana hidhaa keessati hin ergaramne fi akka maleetti hin miidhamneef sirnootni seeraa tumamuun irra ture akka hin jiraatne taasisanii jiru jedhu.

Akka heera Itoophiyaa fi hawaasni addunyaa seera jalatti bulan marti jedhanitti angawootni mootummaa hidhamtootni mana hidhaatti argaman ergaramni akka irra hin geenye mirkaneessuun irraa eegama, mootummaan Itoophiyaas ergarama raawwatamu fi dhiibbaa mirga namaa kanniin dhaabuun irra jiraata, namoota ittigafatamaummaa kallattii kanaan qabanis seeratti dhiyeessuu qaba, jechuun Huumaan Raayit Woch ibseera. Mootummaan Itoophiyaa rakkoon qabinsa mirga namaa jiraachuu isaa amanuu fi qabannaa hidhamtootaa sirreessuuf sagantaa hojii waggaa sadii fooya’insa qabinsa mirga namaa irratti kan baase yoo ta’u, sagantaan kun garuu reebicha hidhamtootaa fi miidhaa qaama isaanii irra geessifamu fooyyeessuuf waan
ta’uu malu gochuu ilaalchise waan tokko of keessaa hin qabu; sanirra ijaarsa humnaa irratti kan xiyyeeffate fi jijiijrama bu’uuraa angawootni siyaasaa ergrama fi dhiibbaa mirgaa hidhamtoota irra ga’u fooyyessuuf tarkaanfii fudhachuu malan ilaalchisee homaa of keessaa hin qabu.

Maallaqa baay’ee baasuu, ogummaa fi dandeetti ogeessota Maa’ikalaawiii keessaa fi kan manneen hidhaa biroo cimsuun qofaa isaatti rakkoo mana hidhaa Itoophiyaa keessa jiruuf furmaata hin ta’u,” jette Lefkow. “ Jijiiramni dhugaa dhufee sirna warreen nama miidhanii osoo hin adabamin jiraatan dhaabuuf, furmaanni isaa warreen gurguddoota mootummaaf hojetan biraa dhufuutu irra jira.”

“Akka nuti ragaa of irrati baanu barbaadu: reebicha fi dararama mana hidhaa buufata Poolisii Maa’ikalaawii” fuula armaan gadiitti argama: http://hrw.org/node/119826

Odeeffannoo dabalataa deemsa hojii mana murtii fi seera farra shororkessituu Itoophiyaa
irratti waan armaan gadii ilaaluu dandeessu:
 http://www.hrw.org/news/2012/06/27/Ethiopia-terrorism-law-used-crush-free-speech
 http://www.hrw.org/news/2012/01/19/Ethiopia-terrorism-verdict-quashes-free-speech
 http://www.hrw.org/news/2011/12/21/Ethiopia-journalists-convicted-under-unfair-law
 http://www.hrw.org/news/2011/09/16/Ethiopia-crackdown-dissent-intensifies
 http://www.hrw.org/en/news/2009/06/30/Ethiopia-amend-draft-terror-law
 http://www.hrw.org/news/2010/11/02/submission-committee-against-torture-Ethiopia

Odeefannoo dabalataaf, warra armaan gadii qunnamaa:
  • Amsterdam, Leslie Lefkow (English): +31-621-597-356 (mobile); or lefkowl@hrw.org. Followon Twitter @LefkowHRW
  • New York tti, Daniel Bekele (English, Amharic): +1-212-216-1223; or +1-917-385-3878(mobile); or bekeled@hrw.org. Follow on Twitter @DanielBekele
  • Nairobi tti, Laetitia Bader (English, French): +254-70-024-1854 (mobile); or baderl@hrw.org.Follow on Twitter @LaetitiaBader
  • Ottawa tti, Felix Horne (English): +1-514-894-8629 (mobile); or hornef@hrw.org

No comments:

Post a Comment