FDG Yuuniversitii Adaamaa Har’a Ebla 29,2014 Ka’een Sabboontotni Oromoo 10 Hidhaman‏.Gaaffiin Mirgaas Daran Jabaatee Itti Fufe.

April 29, 2014 | Qeerroo.org

                 

Qeerroo Yuuniversiitii Saayinsii fi Teeknolooji Adamaa har’a jechuun Ebla 29/2014barii irraa Eegalee Diddaa isaa dhoose.

Qeerroon Yuuniversiitii Saayiinsii fi Teeknoloojii Adamaa kumaatamatti lakka’aman Qophii isaa kaleessa kan fixe,har’ammo baratoota naannoo mana kitaaba fi mana nyaatatti harca’uuf yaalaan walitti qabachuun “ka’i bahii mirga abbaa biyyummaa kee falmadhu”jechuudhaan haala moora dallicha humaa ol sodaa keessa galcheen Dhadannoo armaan gadii dhaggeessifachaa jira.
1. Finfinneen, handhuura keenya kan nurraa hin cinne, irraatti duuna hin kenninu kunnee2. Heerriifiseerri Oromoof hin hojjenne, Oromoorattis hojjechuuhinqabu.3. Saamichi lafaa fi qabeenya Oromiyaa dhaabbachuu qaba.4. Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee,Finfinneetti dabaluun heera biyyaatti cabsuudha.5. Mootummaan feedaraalaa lafa naannolee irratti aangoo homaatu hin qabu6. Siidaan Miniliik handhuura Oromiyaa finfinneedhaa haa buqqa’u7. Afaan Oromoo, Afaan feedaraalaa Biyyoolessaa haa ta’u.8. Hayyoonni fi Barattootni Oromoo, Oromummaan ya akkamanii mana hidhaa jiran haa gadhiifaman.9. Abbaan biyyummaa Oromoo, Oromiyaan haa mirkanooftu 
10.Mirgi hiree murteeffannaa nuu haa keennamu!

Dhaadhannoo kana mara dhaggeesisaa mooraa hunda edda waliin gahanii booda gara magalatti bahanii dhageessifachuuf turaan iyyuu humni Bittineessa Wayyanee humnaan, karra irratti dhorke Mooratti deebisuun himame.
Kanumatti fufuun Bulchinsi mooraa Yuuniversitichaa Humna Bittinneessa meeshaa guutuun Yuuniversiitichatti Ol naquun hirirri nagaa jajjabeen Yuuniversiitii Saayiinsii fi Teeknoloojii Adamaa gochaa jiraan kana bittineessisisuuf yaalee ture garuu sabbontotni, baratootni Oromoo laphee dhiirummaan fuuldura dhaabbatani mormaa akka jiraan ibsaniiru.
Ijoollonni maqaan isaani armaan gaditii eerraman kunneen akkuma namoota dhuunfaa tokkoo hiriira nagaa dhimma eenyummaa Oromoon yeroo ammaa kanatti bakka maratti gaafachaa jiruuf, akka walii galatti ummanni magaalaa Adaamaa fi barattootni Yuunniveersiitii saayinsii fi Teeknooloojjii Adaamaa bahuuf dhaamsa dabarsaan, Ebla 29/4/2014 sa’aa 1:00 irraa eegala jedhanii beeksisa maxxansan arganii ijoollonni kunnen illeen wamicha eenyummaa Oromummaaf sa’aa jedhameefi bakka jedhameetti argamaniiruu.
Sabboontota ilmaan sabaa eenyummaa isaanii OROMUMMAAF bakka buuten isaani dhabamee keessaa:
1. Eebbisaa Malkaa- Hojetaa fi miseensa Filmii Caayaa Piroodaakshinii magaala Adaamaa.2. Ayyaantuu Jaalataa- sabboontuu fi Miseensa Caaya Piroodaakshinii M/Adaamaa.3. Siddisee Jaarraa->> >> >> >> >>4. Nuhoo Guddataa- hojetaa >> >> >> >> >> >>5. Bilisummaa Lammii= sabboonaa fi jiraataa M/Adaamaa6. Ifabaas Boruushee= hojetaa fi jiraataa M/ Adaamaa7.Tulluu Baabsaa =sabboonaa fi jiraataa gara keellaa M/Adaamaa8. Iftiyoom Ittaanaa = sabboontuu fi jiraattuu m/Adaamaa9. Bultum…………….Barataa dha m/Adaamaa
kanneen hidhaman hedduu yemmuu tahan yeroof maqaan arganne kananqofa.akkasumas Yuuniveersittii irraa ijoolleen ukkaamfan hedduu yemmuu tahan yeroof maqaa isaani argachuu hin dandeenye.
HUB. ijoollonni kuni ganama sa’aa 2 fi 3 gidduutti waardiyyoota Wayyaanen daandii yuuniveersitii fuulduratti kan qaban yemmuu tahuu mana hidhaa kamitti akka hidhaman hanga yonaatti beekuu hin dandeenye.

No comments:

Post a Comment